By | July 15, 2018


Qixxeessaa Lammii | Adoolessa 15, 2018
Bara dheeraaf dhaaba kan kan jaalatu ummata isaa inni qabsaawuuf qofa malee diinotaa fi farreen qabsichaa yeroon dhaaba kana diiguuf itti hin duulin hin jiru. waan hin jaalatneef jecha waan isaan hin jedhinii fi waan isa irratti hirn raawwatin hin qaban. Akka silaa hawwii fi fedhii isaaniitii qaata bada ture.
Dhiphaa, shorarkeessaa, fottoqsaa, wanbadee, diigaa, bulguu mee wanti isaan hin jedhamin maaltu jira? Dhugaan ni qal’atti malee hin citu, ni tiratti malee hin jarjartu waan ta’eef dhugaa irratti cichuu isaaf har’a kunoo bu’aa bahii ololaa fi lolaa hunda keessa qaxxaamuree asiin bahe. Ammalee taanaan akkuma kalee ololli jibbitoota isaan irratti deemsifamu daran itti hammaate malee irraa waan lash jedhe hin qabu. Keessumaa arrabsoon Oromoo fakkaatotaan irratti adeemsifamaa turee fi jiru daran cime. Dubbataa
salphisuun jalumaa cal’isuudha jedhee dhaaba dirree arrabsoo keessa seenuu irraa of qusate akka ta’e warri beeku ni beeka.
Duula farreenii fi diinotaan kallattii maraan itti baname a’atee as gahuu isaa jabina irraa kan ka’e malee osoo dhaaba dhara irratti hundaa’e ta’ee maqaan isaatuu kaafumaa silaa qaata dhiifama ture. Dhara karaa midiyaatiin many’ee baasee qabsoo bara dheeraaf inni irra ture gatii dhoorguuf itti roobsamu hunda obsee suuta tirachuun isaa dhugaa eenyullee haaluu hin dandeenye qabaachuu isaatti amantaa guutuu waan qabuufiidha.
Diihiin dhaaba kanaa fi hooggana isaa irratti yeroo ammaa qaamota gara garaan biyya keessaa fi alatti hojjatamaa jiru guddaadha. Fakeenyaaf miseensotaa fi hoogganoota dhaaba kanaa warreen turan, kan bara dheeraaf qabsoo kana keessaa ala of baasanii hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’anii biyyoota faranjiitti bashannanaa turan, of bariisaa fi maatii isaanii barsiisaa turan, qabeenya kuufatanii jireenya isaanii akka dhuunfaatti gadi dhaabbatan har’a dhaaba daqiiqaa tokkoofillee qabsoo saba isaa irraa boqatee hin beekne xiqqeessuuf fiiganii biyyatti lixaniin maqaa isaatiin gabayaa siyaasaa rakasaa ummata keessa ceehanii hennaa oowwisan argamu. Hedduun isaanii warra lammii biyya biraa qabanii fi yoo tarii boru haalli hamaan biyyattii keessatti kan dhalatu ta’e akkuma xayyaaraan dhufan xayyaaraan keessaa godaanan akka ta’e beekkamaadha.
Akka isaaniitti qabsaawota erga qabsoof gadi bahiin qabsoo irraa boqatanii hin beekne of seehan. Jeneraal Kamaal Galchuu yoo ta’e malee bakka bu’oota dhaabbilee ata’anii gara biyyaatti namootni dhangala’an kun mee eenyu fa’atu Oromiyaa mitii biyyoota Afrikaa keessaa biyyatti gale? dhugaa kana ummatni keenya gadi fageenyaan beekuu qaba. Qaama ani ABO jedheen hunda ABO jedhee keessummeessuu irraa of qusachuu isa barbaachisa. Murnootni maqaa qabsoo dhahatanii biyyatti dacha’an cuftuu yeroo gabaabaa keessatti akka biyyoota irraa dhufanitti dacha’an dagachuu hin batbaachisu.
Waan hunda irraa kan ma ajaa’ibsiisu warri biyyatti galanii fi qacceen isaanii biyyoota faranjiitti hafanilee sab-himaalee adda addaa irratti yaa’anii qaanii tokko malee dhaaba akka mootummaatti waan hunda guuttatee jiru hennaa qeeqan dhagahamuu isaaniiti. Morka Arbaa uttaalaaf hilleettii miilaa fattaate akka ta’an of hin beekan. Mootummaan mala of tasgabbeessuu baafatee huubaa fi huura ala keessaa itti waccu walitti guuree mooyyee tokkotti naqee tumuuuf akka isaan waame hanga ammaattuu hin galleef. Itti
dhufanii hojiidhaan hanga arganii xiyyeeffatnaan isaanii dhaaba keessaa gananii bahan irratti akka ta’e haasawoota isaan gochaa jiran irraa hubachuun ni danda’ama. Hinaaffaan qaamota kanaa ABO ni cimsa malee hin dadhabsiisu.
Akka isaaniitti biyyatti yoo deebi’ellee kabajaan inni ummata isaa fi diina birattis argachuuf deemu kan saba isaan boonsu malee kan xiqqeessu akka hin taane taatewwan achii as ta’aa jiran irraayuu mul’achaa jira. 0PDOn kalee ilmaan Oromoo dhiiga dhangalaasaa baate har’a afaan guuttattee ABOn gaafa ummatni keenya dhumu ummata keenyaaf hin dirmatin har’a eessaa as bahe jettee teessuma isii irratti hennaa dubbattu nama ajaa’ibiisisa. Kan ummata keenya fixee fi ficchisiise eenyu ta’ee dhiiga sana irraa akka nama qululluuti har’a gaaffii akkasii kaasti?
Abbootiin ummata keenya irratti badii dhiifama hin qabne raawwachaa bahan mataa wal jala qabataniif murtii seeraa jalaa miliquu hin danda’an. Murnoota ABO diiguu irratti bobba’anii karaa qaxxaamuraan biyyatti dacha’an dabalatee gaafa dhugaan baate akka amma bakka dhugaan hin jirre keessa dhaabbatanii lallaban kana akka hin taane beekuun barbaachisaadha. Nama waan yaate beekan waan inni udaanu hin gaafatan. Diigduu fi dhiibduun akka banjii lafaa yaatee qabsaawaa dhugaa of gootee ummata keessa keessa yommuu cecceetu hammuma abbaan dhugaa itti dhufuuf saammachuudhaaf akka ta’e hubatamaadha. Dhara gabbatte dhugaa seehee ummatni keenya waliin girrisuunis yeromaaf malee waan umrii qabu osoo hin taane fixeensa barraaqa tokkooti.
Ilma abbaa hin qabnetti haaddii baratan akkuma jedhamu bakka abbaan qabsoo irree fi gaachenni Oromoo WBO fi dhaabni kallacha ummata Oromoo ABOn hin jirretti ABO ofiin jechuun hoomacha ta’ee afuuf akka jiratu beekuu barbaachisa. ABO biyyaan dhugaa durumaa biyya keessa jira. Bosonaa fi magaalaa keessa jira waan ta’eef biyyatti galuuf xayyaaraa fi konkolaataa isa hin barbaachisu. Waajjira banachuu fi ifatti ummata isaatti bahee waltajii dirreelee magaalota Oromiyaa keessatti geggeessuu qofatu isa hanqate malee dhaaba baqataa miti. Fira, farraa fi diinnis tolchanii beeku. Dhugaa mul’ate deebisanii awwaaluuf asii achi baduun armaa achi bu’aa hin qabu.
ABOn kaayyoo fi akeeka isaa akka qabatetti yoo gales gala malee walii galtee beekkamaa tokko irra osoo hin gahin diina firmoofatee galuuf qophii miti. Dhalli Oromoo waggoota 28 kana keessatti maqaa siaan mootummaa kanaan galaafatame bakka argachuu qaba. Kan lubbuun jiru mu’achuu, kan hin jirre beekkamuu, kan hidhame kiisamuu, kan diigame hadhaahiyyamuu, kan buqqifame gadi dhaabsifamuu, kan saamame hirpamuu, miseensotaa fi deeggartootni isaa bakka isaaniin malu argachuu, ummatni Oromoo mirga hiree murteeffatnaa argachuu qaba dhaabbii jedhu qaba.
Tokkummaa madamarrii booda mammanxarii saba isaatti taatu yoomiyyuu keessummeessuuf qophii miti. Qaamotni hurrubisanii biyyatti galan walumaa galatti warra addistuwaa Itophiyaa jalatti ummata isaanii ittisuuf harramatan akka ta’an ummatni keenya dursee beekee jira. Warri duraan hin hubatin jiranis amma suutasuutaan hubachaa jiru. Sababaan uleen ololaa ABO irratti cimee deemaa jiruufis amana isaanii akka gufachiisu waan beekaniifiidha. Ummata Oromoo sobuuf haasawa mi’aawuun Leencoo Lataa irratti guduunfame. Warri har’a miidiyaa dhuunfaa horatan irraa wocanis mi’aan haasawa isaanii suuta suutaan bushaawaa deemuun isaa waan hafa hin qabneedha.
Gabaabatti karaa ololaa fi ololaanis ABOtti yeroo ammaa duuluun ABO daran cimsa malee hin laaffisu waan ta’eef farreenii fi diinnan hojii ololaa hamilee ummata keenyaa cabsuuf itti jiran kana irraa daddaaffiidhaan soo of qusatanii itti gaafatama seeraa fi seenaa boru itti dhihaachuuf jiraatan irraa hafuuf isaan gargaaruu dand’a yaada jedhu qaba.
Barruun kun yaada akka dhuunfaatti natti dhagahame callaqqisa malee yaada dhaaba kamuu ilaallatuu miti. Tokkummaa dhugaa gaabbisuuf dhara hushaalatanii fiiguun yeroo ammaa dhala Oromoo kamiifuu hin barbaachisu.
IUOf!
Qixxeessaa Lammii

One thought on “BALAALEFFATNAA HINAAFFAAF IRRATTI GEGGEEFFAMUUN ABOn NI CIMA MALEE HIN LAAFFATU.

  1. ABDII BORUU

    du.du.akkamnagahadhaa.namsaxiqqaatokonqaba.namnniitokkoqamoleemiraagutuqabaa.kanakeysa.hundi.dalagaa.adda.addaqaba.kanakeysa.tokkoyomidhame.rakkodha.osomidhamne.garadoktaradhiyesani.yaluudha.kanakesa.sammuusadihijira.1.sarablemidha.2.sereblemidha.3.meeduulaoblangatadha.isaansaden.kunqaamolemiraakanakesatti.argama.qamolenmirakana.huda.nibonaan.tokkoyomidhame.forminucaba.nigaagaababsemalehikkaaheduqaba.dadafne.garadoktaradheyesine.yala.argachisuqabna.horaabulaa

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.