By | November 26, 2018


Aaddee Biiftuu Guutamaa Hawaas nageyaan gara Oromiyaatti deebitee jirti

Sadaasa 25, 2018

November 25, 2018: The humble soul, the decent daughter of the hero, with high reputations similar to her dad, daughter of martyr of Oromo freedom fighter– Guutamaa Hawaas aka Jamaal Roobalee, Biftu G. Hawas, headed to Oromia, welcomed warmly by her people!! Baga biyyoo biyya abbaa keetti nagayaan galte Biiftuu!!

Sagantaa Simannaa Adde Biiftuu Guutamaa Hawaas (Jamaal Roobalee) fi yaadannoo seenaa gooticha kana irratti taasifame kana irratti hiriyaan isaanii manguddoo hundeessaa Waldaa Maccaafii Tuulamaa duraanii Obbo Jayiluu Abubakar Damboobaa,hooggantoota QBO baroota dheeraa kan ta’an Obbo Leencoo Baatii fi Dr.Hasan Huseen bifa hedduu nama hawwatuun dhiyeessaniiru.Kana malees dhaamsa gootichi kun gaafa lubbuun addunyaa kanarra jiru dhaamsa dhaammataa ture uummataaf bifa miira namaa xuquun dhiyeessaniiru.


Kutaa 1ffaa (starts at minute 18)

Kutaa 2ffaa


Guutamaa Hawaas Eenyuu?

Guutamaa Hawaas (1945-1994) qabsaawaa mirga Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo ture. Guutamaan waraana qabsoo bilisummaaf ABO fi ADWUI gidduutti geggeeffamerratti waan diinan marfameef, ofumaan of ajjeese.

Seenaa Duubaa
Guutamaa Hawaas magaan dhalootasaa Jamaal Roobaleeti. Guutamaan bara 1945 keessa abbaasaa Roobalee Daadhii fi haadhasaa Gaashoo Tofoorraa Oromiyaa kibba-bahaa Arsii keessatti, aanaa Gololchaa, ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka ga’eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1ffaa hanga 4ffaa kan barate yoo ta’u, kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa jedhamutti baratee xumure. Akka barnootasaa xumureenis waajjira Boordii Bunaa jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas damee Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessatti yeroo muraasaaf ramadamee hojjate. Waajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975-1977tti naannoo Arba Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa ta’ee hojjateera. Itti aansee bara 1978-1979tti konyaa Arba Guuguutti itti gaafatamaa dhimma ummataa ta’ee hojjate. Haa ta’uyyuu malee, mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhata qaba jechuun ba’uu fi galuusaa waan hordofuu jalqabeef, waajjira kana gad lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi’ee hojjechuu jalgabe.

Qabsoosaa
Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hojii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABO waan tureef, achuma keessa hojii ABO lafa jalaan hojjataa ture. Kunis, maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hojjataa ture. Hojii qabsoo inni lafa jalaan hojjachaa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxilameef, Guutamaan gara bosonaa seenuu fi guutummaan hojii qabsoorratti hirmaachuun dirqama itti ta’e. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arba-guuguu, Gololcha kanatti bosona seene. Qabsoon hidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanatti eegalamee waan jiruuf, Guutamaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan naannoo sanatti ramadamee jirutti makame.

Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti itti gaafatama dhaabaa kan gara garaarra ture. Kunis bara 1979-1984tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanatti Godina Kibba-Bahaa kan jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammoo aanaa Daaroo-Labuu kan of keessaa qabu ture. Yeroo kana koree keessatti itti gaafatamni isaa dhimma hojii hawaasummaa ture. Bara 1983 jila miseensota ABO Godinoota Bahaarraa yaamamee fi hogganoota ABO kan wareegaman bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis, bakka Raaree Aadam Boruu jedhamutti taa’erratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa jidduu ABO ta’ee filame.

Bara 1984 keessa walga’ii koree gidduu-galeessaa 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa Daaroo Labuu, bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti taa’erratti gaafa waajjirri siyaasaa ABO jalgabaaf ijaaramutti miseensa Waajiira Siyaasaa ta’ee filame. Achumaan hoogganaa Damee Hawaasummaa ABO ta’uun ramadame. Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga Gobelleetti godhamuuf qophiirra jirutti, miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO ta’ee qindeessaa Itti-aanaa fi diinagdee koree kanaa fudhachuun ramadamee hojjate. Korarratti ammoo, yeroo lammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa ta’ee filame. Achumaan mataa Damee Diinagdee ABO ta’uun ramadame. Bara 1991, yeroo mootummaa ce’umsaa keessa ABOn seene, hirmaata hojii kan hoogganni dhaabaa yeroo san hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuuf godhaterratti miseensa mana marii fi itti-gaafatamaa Zoonii Kibbaa ta’ee ramadame. Bara 1992 yeroo mootummaa Ce’umsaa keessaa ABOn ba’etti itti gaafatamummaa kanaan dirree qabsoo Zoonii Kibba Bahaa, kutaa Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti deebi’ee maroo lammaffaaf gaara seene.

Yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa humna isaani walitti qindeeffachuun waraana Aadda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf lolaa guddaa yeroo isaan itti banan ture. Ebla 12 bara 1994ttis kutaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaa jedhamurratti Waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa kun lola guddaa WBOrratti bananiin, lola hadhawaa guyyaa sad’iif geggeeffamerratti akka gootaatti lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebla 14 naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola geggeeffameerratti diinaan marfamee harka diinatti hinkennu jechuun boombii ofitti dhoosanii jaallewwansaa afur yeroo sana isa waliin turan waliin wareegame.

Guutamaa Hawaas qabsoof bosona kan seene naannodhuma itti dhalate waan ta’eef bara 1979-85tti sababaa fi maqaa isaatin maatii inni irraa dhalate dabalate ummanni Oromoo kan naannoo sanii fi hiriyyoonnisaa osoo hinhafin Dargiin ajjeefamanii lafarraa duguugamaa turan. Obboleessasaa Muhaammad Roobalee bara 1980 keessa magalaa Abboomsa keessatti ajjeefame, akkasuma Obbolecttiisaa Lukku Roobalee Bara 1982 ji’a Ramadaanaa keessa bakka Dande jedhamutti bakka looniin godaantetti ganama manaa qabanii kaampi waraanaa Haroo Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi qalbi dararaa erga oolanii booda naannoo manaatti deebisuun rasaasaan tumanii biraa deeman. Namoonni ga’eeyyiin, maanguddoonni dhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan ajjeefamaan, mana keessatti ibiddaan gubamanii fi bakkoota gara garaatti ajjeefaman awwaalallee dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaate naannoo nama 500 oliiti.

Guutamaa Hawaas intala Biiftuu jedhamtu kan qabu yoo ta’u yeroo ammaa Biiftun biyya Awustireeliyaa jiraatti.


Biiftuu in Australia in Advocacy for Oromo rights

In Australia: Biiftuu in Oromo activities

 

One thought on “Aaddee Biiftuu Guutamaa Hawaas nageyaan gara Oromiyaatti deebitee jirti

  1. bariisoo

    Due respects and recognition for those who genuinely sacrificed themselves for OROMO CAUSE. She is merited to be honored and welcome.but no to opportunists who try to use her for their propaganda.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.