By | August 27, 2019


Addi Bilisummaa Oromoo shira diinotaan diigamuu hin danda’u

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Hagayya 26/2019

Tibba kana qaamni tokko kan waggaa dheeraa dura mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo diiguuf yaalanii abdii uummata Oromoo kutuuf abbalaa kan turan, warreen shira ulfaataa xaxanii Qabsoo Oromoo gara dabarsuuf abbalaa turan “nuti ABOdha; nu malees ABOn hin jiru” jechuun sochii eegalanii jiru. Gareen kun jijjiirama biyya keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Waraanni Bilisummaa Oromoo, uummanni Oromoo bal’aafi qabsaa’onni kaan mootummaa ADWUI dirqisiisanii fidan sababa godhachuun gara biyyaatti deebi’an. Isaan kun gariin bara 2000/2001 Adda Bilisummaa Oromoorraa adda of baasanii “bifa kanaan qabsoo geggeessuu hin dandeenyu waan ta’eef karaa biraa falanna” jechuun ABO-QC (ABO Qaama Ce’umsaa) jedhanii of moggaasanii adda ba’an. Yeroo sana mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo hongeessanii dhaabicha yeroof humna dhabsiisuu yaalan. Namoonni garee kana waliin ABOrraa adda ba’an yeroo muraasa booda gara dhaaba isaaniitti deebi’an. Gariin akkuma ba’anitti achiin hafanii garuummoo humnas godhachuu waan hin dandeenyeef biyyoota alaa keessa faca’anii jireenya dhuunfaa isaanii eegalan. Erga gaafa sanaatiis walitti dhufanii dhimma Qabsoo uummata Oromoo mari’atanii hin beekan. Haala biyya keessa jirullee miidiyaa irraa hordofuun alatti quba hin qaban.

Kana malees, gareen biraa bara 2008 keessa mooraa qabsoo itite, Waraana Bilisummaa Oromoo of ijaare, yeroo abdiin uummata Oromoo dhugoomuuf jedhutti “qaama Jijjiiramaa” ofiin jechuun ABOrraa adda of baasan. Isaan kun adda of baasuu qofa utuu hin taane, mooraa qabsoo keessatti garaagarummaa uumanii miidhaa ulfaataa uummata Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraan ga’an. Humna ABO erga laaffisanii booda namoota dhuunfaa warra qabsoo ifatee adda ba’ee fi warra bu’aa ba’ii qabsoo dandamachuu dadhabanii adda of baasan walitti qabuudhaan “ABO-T (ABO Tokkoome)” jedhanii dhaaba hundeessan. Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo sanaa addatti WBO Zoonii Kibbaa fi mooraa giddu galeessaa diiganii gariin mootummaa Itoophiyaatti dabarsanii gariin addaan facaasan. Gareen maqaa jijjiiramaan of waamu kunis erga waan yaadan godhaniis ABOn akka isaan yaadanitti baduu hin dandeenye. Biyyoota alaa keessa faca’anii “ABOn hin jiru; akka ijaaramuu hin dandeenyetti diigame” jechuun gabaasa kennanii qorannoo adda addaa kan dhugaarraa fagaate hojjechiisan. Holola ulfaataa oomishanii gadhiisuuu itti fufan. Addi Bilisummaa Oromoo garuu, kaayyoo ifaafi qulqulluu waan qabuuf mooraa qabsoo diigame deebisee ijaaree Qabsoo itti fufe. Kan duraa caalaatti tooftaa qasboo jijjiiraa deemuun biyya keessatti ijaarsas cimsee Qeerroo Bilisummaa Oromoo daran baballisee ijaaruun gara jaarmiyaatti guddisee qabsoo finiinse. Qeerroon biyya keessaa adamsi diinaa itti ulfaate gara dirree deemuun leenjii loltummaa fudhatanii qabsoo hidhannoo itti fufan. Haala kanaan ABOn dagaagee mootummaa Itoophiyaatti yaaddoo ta’e. Mootummaanis humna ABO argaa waan dhufeef tooftaa araaraa uumee akka hogganni dhaabichaa biyya galu gochuun gara biyyaatti deebi’e.

Gareen shiraa kun gaafa ABO-QC jedhanii of moggeessan yaada “Qabsoo Oromoo ABOn ceesisuu waan hin dandeenyeef nuti ni ceesifna” kan jedhuun waadaa guutuu hin dandeenye seenanii ofiifuu akka hin jirre ta’an. Warri qaama Jijjiiramaa ofiin jedhes “ABOn jijjiirama fiduu hin danda’u waan ta’eef nutu jijjiirama fida” jedhanii adda ba’an. Jijjiirama isaan fidan garuu Qabsoo Oromoo tarkaanfii tokko duubatti deebisuudha.

Gareen kun lachuu erga isan adda of baasanii akka yaada isaaniitti “ABOn diigameera; humna dhabeera” jeshanii yaadu. Warri maqaa Jijjiiramaan dhaabarraa adda ba’an haga humna isaanii WBO diiganiiru waan ta’eef, jiraachuu WBO hin amanan. Mooraan Qabsoo bifa ajaa’ibaa kanaan ijaarameera jedhanii hin yaadan. WBO har’a jiru kanaafi warra Ertiraarraa dhufanillee hin amanan. Gaafa cimina ABO akkasitti argan jireenya isaaniitu jeeqame. Ammas dhaabicha ukkaamsuuf yaaluun hojii idilee isaanii ta’eera. Mootummaa waliin wal ta’aniis dhaaba kabajamaa kana ABO irratti duuluu eegalan. Inumaayyu, “nu malee ABOn hin jiru” jedhanii waan hin jirreen of dhaadhessan. Gareewaan shiraa kun bakka deeman hundatti, bakka walga’ii isaaniifi walga’ii mootummaan qopheesse hundarratti argamuun mootummaa nama ajjeesuun aadaa isaaf ta’e kana, mootummaa nama hidhuun amalasaa ta’e kana tumsuudhaan adda dureedha. Maqaa ABO maxxanfatanii miidhamuu Oromoof dubbachuun hafee, mootummaa Oromoo miidhu kana akka uummanni tumsu dhiibbaa godhu. Maqaa ABO maxxanfatanii WBO qabsoo sabaaf bosona jiru abaaraa oolu. Biyyoota alaa keessaa gariin wal waamanii gariin tokko tokkeen galanii “nuti ABO ganamaati” ofiin jedhu. Kana uummanni Oromoo itti dammaquutu irra jira.

Addi Bilisummaa Oromoo gootummaafi murannoodhaan dhaabbatee akeeka diinaa fashaleessee uummata Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo baraaree asiin ga’e. Erga gareen shiraa kun ABOrraa adda ba’ee as wantoota qabatamaa dhaabni kun uummata Oromoof dalage dhaloota hundatu beeka. Haalamuu hin danda’u. Lakkaa’amees hin dhumu. Eenyuun olitti Qeerroon waa’ee Adda Bilisummaa Oromoo ofii beekuu bira darbee warra hin beekne ni barsiisa jennee amanna. ABO jalatti hiriiree kaayyoo ABO galmaan ga’uuf kan qabsaa’aa tureefi Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummatasaa keessa jira waan ta’eef waa’ee ABO wanti dhokataan hin jiru.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa Hagayya 8/2018 baaseen akka namoonni ABO irraa adda ba’an dhaaba isaanii duraatti deebi’an waamicha taasiseera. Ammas gareen kun yoo fedha qabaatan gara ABOtti deebi’anii miseensa dhaabichaa ta’uuf carraa ni qabu jechuudha.

Waan ta’eef, uummanni Oromoo shira maqaa ABO dha’atee Qabsoo Bilisummaa Oromoo quucarsuuf deemu kana hubannoofi bilchinaan akka dhura dhaabbatu dhaamna. Addatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummata hubachiisuufi ofiis irratti qabsaa’uu irratti dirqama dachaa qaba.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hagayya 26/2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.