By | December 17, 2017

Afaan Oromoo fi Oromoo afaanii

D. D. Dotii Irraa

Guddinnii fi babal’inni afaan oromoo yeroo gabaabduu keessatti agarsiise haalaan kan nama gammachiisu. Afaan kun kan yeroo gabaabduu keessatti akkas wayyaa’ee dagaage, osoo gabrummaan irra hin turre fi hin jiru tahee eessa akka gahu tilmaamuun nama hin dhibu. Guddinnii fi qulqullinni heddumina saba Oromoo waliin yeroo wal-bira qabnee laallu wal-gituu haa-dhiisu malee bakka turree fi bakka amma jirru yeroo wal-bira qabnee laalluu haalaan waan nama boonsu.  Hogumman (creativity)  adda addaa afaan kana guddisuuf mul’achaa jiru waan raajamuu qabu.  Haata’u malee dhiibbaan afaanota biraa guddina afaan oromoo kana keessatti ammallee ni calaqisa. Afaan biraatiin yaadanii afaan oromoon dubbachuu ykn barreessuun ammallee ifaanii mul’atu. Haalli kun yeroo eeggatee wayyaa’uu danda’a, haatahu malee ammaan toora qabachiisuuf carraaquun murteessaa dha.

Dhaloonni  amma jirru, kanneen baratan (waggaa dhibbaa fi soddomaa gadi) hedduminaan afaan oromoo malee afaanota biraas waan dubbataniif ykn waan dhagahaa guddataniif, akkasumas waan ittiin yaadaniif yeroo adda addaatti afaan biraarraa kallattiin hiikanii yeroo dhimma itti bahan mul’ata.

Bara 1991 dura afaan oromoo tti afaanota biraa makanii dubbachuu haalaan hammatee yaaddoo guddoo yeroo inni turetu ture. Bara 1991 booda garuu, afaan oromoo tti afaan biraa makuun hedduu xiqqaatee jira.  Amma rakkooleen jiran walitti makanii haasa’uu caalaa afaan biraan yaadanii isuma yaadan san suduudan afaan oromootti hiikanii dubbachuu ykn barreessuu dha.

Mi’i sab-qunnamtii (miidiaan) afaan saba tokkoo guddisuuf qooda ol-aanaa qaba. Guddina afaanii laalchisee waan mana barnootaa deemanii baran caalaa waan mi’a sab-qunnamtii (miidi’aa) irraa dhagahntu dhiibba namarratti qaba.  Mi’i sab-qunnamtii akkuma gudinaaf qooda guddaa qabu bal’eessuufillee qooda qaba, kanaaf, waan karaa miidaa adda addaa uummatatti dabru eeggachuu, gudinaa fi qulqullina afaanii madaaluun barbaachisaa dha. Waan irra deddeebi’amee karaa mi’a sab-qunnamtii gurra namaa seene yoo jal’ate, achumaan jal’atee hafuuf carraa guddaatu jira. Deebisanii qajeelchuuf yeroo dheeraa waan fudhatuuf durumaan itti yaaduun barbaachisaa dha.

Yoo rakkoon afaan tokko keessa jiraate afaan biraa irraa akka jiruttis fudhachuu tahe hiikanii dhimma itti bahuun rakkoo hin qabu. Afaan biraa ergifatanii afaan ofiitti madaqsuun afaanota hundaa keessatti waan mul’ataniif hamaa hin qabu. Osoo qabanii garuu afaan biraa akka jirutti fudhachuun ykn hiikanii fudhachuun afaan san quucarsaa deema. Fakkeenyaaf:

Yeroo osoo jechuu dandeenyuu waktii jechuu. (kun afaan Arabaa fi afaan Amaaraa irraa suduudaan fudhatame) Haasawa namoota lama gidduutti tahaa jiru keessatti yoo tahe hagas dhiibbaa uumee rakkoo afaanicharratti hin fidu. Mi’a sab-qunnamtiirratti yoo tahe garuu sirreeffachaa deemuun barbaachisaa dha.

Mi’a osoo jechuu dandeessuu meeshaa jechuun badii dha (kunis osoo hin hiikin akkuma jirutti afaan Arabaa irraa fudhachuu dha) Yeroo dheeraa itti dhimma bahamuurra kan ka’e akkuma afaan oromoo tti fudhatamee jira

“Makiinaa” isa hundeen isaa afaan Xaaliyaanii tahe oromeesinee osoo dhimma itti bahuu dandeenyuu “Konkolaataa” jennee suduudaan afaan Amaaraa irraa hiikuun rakkoo fida, maaliif? Wanni konkolaatu makiinaa duwwaa miti.  Jirmmi ni konkolaata, dhagaan ni konkolaata kkf… Wanneen konkolaatan Makiinaa duwwaatti hidhanii maqaa godhanii kaa’uun himoota adda addaa tolcuurratti rakkoo fida. Akkuma ‘airplane’ jechuuf ‘Roophilaanii’ jennu, akkuma ‘siyaara’ jechuuf ‘Xayyaara’ jennu ‘Macchina’ Makiinaa yoo jenne rakkoo hin fidu. “Konkolaachisaan” akkasuma. Makiinaan ni oofama malee hin konkolaachifamu. Makiinaa konkolaachisuun ifirra gad-galagalee akka caccabu gochuu jechuu dha.   (Makiinaa = Macchina).  Keeniyaa (Kenya) keessatti warri Kukuyyus tahe warri Luyaa Makiinaa “motokkaa” jedhan. “Motor car” isa jedhu Kikuyyeessanii ykn Luyyesanii itti dhimma bahu jechuu dha. Kanaaf nutis Macchina isa jedhu oromeesinee Makiinaa yoo jenne hamaa hin qabu.

Jechoota ykn hima adda addaa akka malee afaan oromoo hiikamanii sab-qunnamtii Oromoo jiran irratti dhimma itti bahamaa jiran keessaa kanneen itti aanan wayyaa’uu qabu jedheen yaada:

“Oduu qabannee dhihaannee jirra.”  Afaan oromoo keessatti oduu qabatanii dhiheessuun hin danda’amu. Waanni akka oduutti namatti himamuuf deemu akka waan qaamaan fidanii namtti garsiisanii fakkeessuun nama afaan oromoo duwwaa beekuuf rakkisaa dha. Namoonni afaan Amaaraa beekan maal jechuu barbaadanii akka tahe hubachuu danda’u.  Kun kan hiikame afaan Amaaraa irraa ti. “Zeenaa yizeen qerbeenaal” jechuurraa hiikamee ti. Hiikamuun isaa hammeenya qabaatee osoo hin taane afaan oromoo tiin akka hedduutti jechuun waan danda’amuuf afaan biraarraa hiikuun ykn ergifachuun barbaachisaa miti.    Haati (harmeen) koo afaan Oromoo malee afaan kan biraa hin beektu yoon ishii bira dhaqee oduu qabdhee dhihaadheen jira jedhe, “meerre sii-waliinoo namnuu hinjiruu” jetti malee oduu itti himuuf akkan deemu galuufii hin danda’u.

Tajaajilli TV ykn Radiyoo tokko yeroo afaan tokkoon uummata afaan san dubbatu tajaajiluuf murteessu uummanni sun afaan san malee afaan biraa hin beekan jedhee yaaduu danda’uu qaba. Yoo afaan oromoon dabarsa tahe namoonni itti dubbatamu afaan oromoo qofa beeku kan jedhu tilmaamni lafa kaa’amuu qaba.

“Oduu kana waliin ani abaluu abaluu ti.”   Akka oromoo tti, oduun nama himurraa baha malee akka qaama biraatti laalamee isa ykn ishii waliin hin dhufu. Inni kunis afaan Amaaraa irraa suduudaan waan hiikame natti fakkaata “ke zeenaw gar ikalee nenyi”. Afaan Amaaraaf iyyuu tarii sirrii miti taha haata’u malee, yeroo dheerina keessa itti madaqanii jiru. Ammas afaan oromoon karaa hedduu waan jechuu dandeenyuuf suduudaan hiikuun gaarii natti hin fakkaatu.

“Abalu eenyu?” Gaaffii fi deebi namoonni afeeramanii erga ‘studio’ dhufanii booda “abalu eenyu?” Jedhamee gaafachuun haalaan babal’atee jira. Akka Oromoo tti nama waliin dubbachaa jirtu akka qaama sadaffaa tti abalu eenyu jechuun beekamaa miti. Kunis suduudaan afaan biraa irraa hiikame. Afaan Inglizii tiin “Who is T…?” jedhanii wal-gaafchuun ni jira. Inni kunis gudina industrii fiilmii waliin waan dhufe natti fakkaata. Taatonni filmii keessatti nama biraa if fakkeessanii waan hojjetaniif eenyu inni jedhanii wal-gaafachuun waan fakkaatu, maaliif?, namni sun haala nama isaa ala tahe fakkeesse waan if mul’isaa tureef eenyu abalu yoo jedhame rakkoo hin qabu. Ammas haati koo afaan oromoo malee afaan biraa waan hin beekneef studio tti ishii fidee eenyu Raggaatuun? (Raggaatuu dha maqaan ishii) jedhee yoo ani gaafadhee “ana ka” jetti malee waa’ee kee natti himi jechuu akka tahe hubachuu hin dandeessu, maaliif? seera afaan ishiin dubbattuu keessatti nama waliin dubbachaa jirtu tokkoon akka qaama sadaffaa tti eenyu ishiin waan jedhu waan hin jirreef.

Keessummeessaan keessan ana abalu.  Akka oromootti nama diidaa dhufe tokko keesummummaa baafta (akka inni ykn ishiin keesumma hin taane) goota malee edaatee hin keesummeesitu. Oromoon keessumma hin tahina dubbadhaa, taphdhaa jedhu malee keesummaa tahaa hin jedhan. Kun afaan Amaaraa irraa suduudaan hiikame innis “ingidaa mastenaaged” isa jedhurraa hiikame natti fakkaata. Akka aadaa Amaaraa tti ‘maastenaaged’ sirrii dha taha akka aadaa oromootti garuu tasumaa nama sitti dhufe akka keessummummaan itti dhagahamene taasisu malee keessummummaa hin jajjabeessan.

Mana qopheessaa (municipality).  kunis akkuma jirutti afaan Amaaraa irraa suduudaan hiikame. ‘Mazegaajaa bet’. Gudina afaanii tokko keessatti kan laalmu yoo afaanichi ammaan dura maqaan itti bahuun barbaachise hin jiru tahe tajaajilli ykn hojiin waan barbaadame sanii maal jedhanii gaafachuu barbaachisa. Akkuma argamu ‘municioality’ ykn ‘mazagajaa bet’ kan hojjetu bulchiinsa magalaa ykn magaalaa tajaajiluu dha, kanaaf bulchiinsa magaalaa osoo lafa jiruu maaliif suduudaan afaan biraarraa hiikama?

Dhaaba miti malee mootummaa (non- governmental organization) kun oromoo afaan inglizii hin beekne tokkoof tasumaa galuu hin danda’u. Oromoon afaan oromoo malee afaan biraa hin beekne tokko kana akkasitti hiikkata. “Kun dhaaba miti mootummaa dha malee”

Dhiheenya kana ammo “kallaquu” kan jedhu hedduun dhagaha. Abalu waan akkasii kallaqe (invent). Abalu waan akkasii uume ykn tolche jechuurraa maaliif akka dheessinu ifaa miti. Tarii uummuu ykn tolchuu ilmoon namaa waa-hin uuman waaqa malee kan jedhu amantaa waliin waan wal-qabate tahinnaa?  Kkf… hedduun ni jiran.

Tarkaanfii fi guddina afaanni oromoo yeroo gabaabduu keessatti garsiisee hedduu akka na-gammachiisaa jiru akka hubatamun fedha, haa-ta’u ammoo, kana caalaatti foyyessuudhaaf qoodni hunda keenyaa barbaachisaa waan taheefin waan armaan olii kana tuttuqe

Yaadni ani gumaachu akka kanaa gadii ti:

Namoota leexaa qulqulina afaanii akka eeggan taasisuun rakkisaa dha, haata’u malee, dhaabotiin sab-qunnamtii kanneen uummata tajaajiluuf dhaabbatan akka dhaabaattis tahe akka nam-tokkeetti ogeeyyii afaanii nam-tokko ykn lama akka gorsaa qulqullina afaaniitti ramaduun waan tolu natti fakkaata. Namni kun ykn koreen kun tajaajila dhaaba sab-qunnamtii san yeroo dhaa yerootti xiinxaluudhaan waan foyya’uu qabu akka fooyyahu deemu gochuun waan salphaatti tahuu danda’u jedheen yaada.

Nagaa tti

D.D.Dotii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *