Jaal Marroof – Caffee Raamis irraa; Bilxiginnaan Salphatte
Artistoota Oromoo Nuuf Jiraadhaa
Bilxiginnaa Salphatte!!!
Guyyaa har’aa Lixa Oromiyaa Magaalaa Naqamteetti Waltajjii Command post gaggeeffamaa turte Mormiin xumurame!!
“Ajajoonni Command post Wallagga, Gujii Boorana irraa Magaalaa Naqamteetti marii gaggeessuuf dhufan akkuma mariin eegalameen Ijoolleen Oromoo Raayyaa ittisa Biyyaa keessa jirru gaaffii kana gaafanne;
- Yeroo Koronaa Vaayrasii hammaate Addunyaa yaachisa jiru kanatti maaliif mariif nu waamtu?
- ummata Oromoo irraa maaliif Ajjeechaan jumlaa dhaabachuu dida?
~ Nuti Raayyaa ittisa Biyyaa Ummaatni akka diinaatti nu ilaalaa jira hanga yoomiitti diina ummata fakkaanne jiraanna? - Command post Seenaan alaa Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa maaliif kaafamu dide?
- Qawwee ummata Oromoo ajjeessuu malee ummata Oromoo hin fayyanne ba’achuu dadhabne?
Waraana Bilisummaa Oromoo waliin Mootummaa maaliif karaa Nagaan dubbii xumuru dida?
…….gaaffiilee armaan olii erga gaafanne ajajan Command post Finfinnee irraa ergame waan deebii nu kennu dideef waltajiicha dhiifne baane amma Konkolaataa keenya gara mooraa keenya deebine jirra Shukuradin Odeeffannoo kana akka ummata Oromoo Bal’aa biraa nu geessu abdii guutuu sirra qabna! Hadaraa qileensa irra nu oolchi”
Sagalee ijoollee Oromoo Raayyaa ittisa Biyyaa keessa jiran irraa!! Qabsoon as geenyaan dubbiin taate Waliif qoodaa!!