By | October 11, 2019


Ajajaa WBO Konyaa Gujii Lixaa Jaal RABBIRRAA waliin Marii Taasifne | RSWO

RSWO – Onkoloolessa 10, 2019: Marii Hoogganaa WBO Konyaa Gujii Lixaa Jaal RABBIRRAA waliin, dhimma yeroo’rratti taasifne | Caccabsamuu Siidaa Irreecha Hora Finfinnee keessaa Mootummaan Koloneeffataan Impaayera Xoophiyaa kan harka qabu ta’uu.

Oromoma keessa madaa baate kan dhukkubni isaa itti hin dhagahamneetu bay’ate
Dubbii dhugaati hasooyni isaani akkamitti mi’aaha !


#Injifannoo WBO Zoonii Giddu Galaa (Onkoloolessa 10, 2019).

Irree fi gaachanni Ummata Oromoo WBOn Zoonii Gi/galaa keessa sosso’u waraana Goolessituu Koloneel Abiy Ayimadiin hoogganamtu kan Sakatta’insa WBOf bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen Du’aa fi Madoon Adabeera.

#Haaluma kanaan guyyaa har’aa (Fulbaana 29/01/2012 ALHtti) Godina lixa Shaggar Ona Kaachisii Ganda Cirracha jedhamutti Waraana shiftaa fi Goolessituu Sirna EPRDF sakatta’insa WBOf bobbaate irratti tarkaanfii fudhateen #Afur battalumatti du’aan yoo adabu #Jaha ammoo madoo taasiseera.

#Akkuma amala ishee tarkaanfichatti kan aarte waraanni goolessituu kun yeroo ammaa Ummata nagaan naannoo sana jiraatu Shororkeessuu fi gooluu irratti argamti.

#Ajajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixa Shaggar Jaal #Sanyii Nagaasaa dhibdeen Ummata Oromoo fi Sirna Impaayera kanaa furmaata Waaraa karaa nagaa akka argatuuf yaalii ABOn Yeroo dheeraaf taasisaa ture mataa jabina fi yaada gabaabina Mootummaa akkasumas Murnoota impaayericha tiksan irraa maddeen danqamuun galii QBO lafarra dheeressuun wareegama #Qabsoon #Bilisummaa #Sabaa gaafattu kenninee falmaa finiinsuuf nu dirqe jedheera.

#Hanga Bilisummaa Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaawutti lolli bilsummaas daran finiinee itti fufa.

#Gadaan Gadaa Bilisummaati.

IUOf.


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.