By | January 1, 2018

“Akka isa duraas mitii, akka isa boodaas mitii, akkuma isa gidduutti na nyaadhu jette baaqilaan”

Camadaa Hundee irraa

Namicha karaa deemutu akka malee beela’ee otoo jiruu, baaqilaa asheetetti dhufe. Akkuma asheeta baaqilaa argateen otuma qola isaa keessaa hin baasiin wajjinuma gaggabee nyaate. Takka jedhee yeroo beelli itti qabbanooftu qola isaa keessaa baasee nyaachuu jalqabe. Gara dhumaa yeroo quufaa dhufu, asheetuma baqelaa ishee firii tokkoo baqaqsee ishee shirooshii ykn keessoo ishee nyaachuu jalqabe. Yeroo kana asheeti baaqilaa namicha taajjabdee, yaa namichoo “Akka isa duraas mitii, akka isa boodaas mitii, akkuma isa gidduutti na nyaadhu jetteen”.

Dubbii kana waa malee hin kaafne, nuti warri biyya alaa teenyee siyaasa Oromoo mataa fi miilla itti baasaa oollu kun dhimma OPDO irratti deemaa jirutu jecha kana na yaadachiise.

  1. OPDOn jaarmiyaa siyaasaati? Eeyyee sanaayyuu kan TPLF wajjin tumsaa fi hariiroo sagantaa siyaasaa qabuu ti.
  2. OPDOn yeroo haaromsa labsu sagantaa harawaa fi kan EPRDFn ala ta’e baafadhee dhufeera jedheeraa? Lakki tasa hin jenne.
  3. OPDOn yeroo jijjirama jedhu ardha kaasee tumsa jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo kan akka KFO, ABO fi KWO…… wajjin hariiroo huumee jira jedheeraa? Lakki tasa hin jenne.
  4. OPDOn kana booda akka jaarmiyaatti diigamnee akka dhuunfaatti falmanna jedheeraa? Lakki hin jenne.

Egaa OPDOn  kana hunda eega hin goonee, kan deeggarrus kan morminus ykn yaada kan gummaachifnuufis qabxii kana irra dhaabbannee ta’uu qaba ture. yeroo tokko tokko siyaasi Diyaasforaa  ho’isuu fi wal ho’isuu kan giddu galeessa taasifatee dha. siyaasi ho’isuu fi wal ho’isuu ammoo gaafa abiddi  xiqqoo qoraan ykn muka boba’u dhabe qabana’a. kanaaf dubbii siyaasa OPDO fi Diyaasfora bifa kanaan ilaaluun gaarii dha.

Kana irraa kaanee yoo dubbii ilaalle, qabsoo hadhooftuu fi haarsaa roga hundaa gaafatti. Sochii ilmaan oromiyaa biyya keessatti taasisaa turaniin jijjiramni siyaasaa mooraa diinaa keessattis ta’ee, jaarmiyaa siyaasaa Oromoo keessatti dhufee jira. jijjirama kana qaamni ykn gareen dhaabu hin jiru. jaarmiyaaleen baqattummaan diyaaforaa keessa maandheffatanis ta’ee kan biyya keessa jiran qabsoo Oromoo fayidaa tarsimoon ilaalutu gaarii dha.

Injifannoo haarsaa ilmaan Oromoo biyya keessatti kaffalaniin argamee jiru babaldhisuu qabna. Qaawwa baname baldhifnee akka hunda seensisu gochuuf tarsimoon masakamuun murteessaa dha. siyaasa arrabsoo fi jibbiinsaa keessaa baanee, tasgabbiin waanta hunda ilaaluu dha. dhimma OPDO kanas mala siyaasaa fi ija siyaasaan ilaaluun gaarii dha. waanta isaan godhan waan badaas waan gaariis adda baafnee beekuun qabsoof nugargaara. Kana irratti qeerroo biyya keessaa diina fuundura dhaabbataniin qabsa’an bilchina isaanii, eddun dinqisiifadha. Akkaataa isaan OPDO sadarkaa kanaan ga’an bilchina siyaasaa isaanii muldhisa. otoo akkuma keenya waanta hundatti wacu taatee OPDOn ardha irraa dubbannuu fi ittiin wal ho’isaa jirru hin uumamu ture.

Jaarmiyaa siyaasaa biraa keessa teenyee OPDOn akka ijjannoo jaarmiyaa ykn siyaasa keenyaa nuuf ibsitu ykn ittiin masakamtu barbaanna. Kun gowwummaa diyaasfooraa ti. Qaawwa argametti fayyadamaa, kan hanqate ammoo kan itti guutatu jaarmiyaa siyaasaa falmaati jiruu ti. Waanti beekamuu qabu OPDOn bifa kamiinuu siyaasa biyya sanaa keessatti yoo olaantummaa isaaniin (akka isaan jedhanitti jechuu kiyya) xumuran,  masaraa mootummaa haxaawanii jaarmiyaa siyaasaa diyaasfooraa maandhefatee jiru affeeruun kootaa fudhaa jedhu jedhee hin yaadu. yeroo tokko tokko akkanatti yaanneetu OPDOti nyakkifna natti fakkaata. Kun bifa kamiinuu ta’uu hin danda’u. OPDOn otuma jabaatteeyyuu jaarmiyaalee siyaasaa isaan biyya keessaa kokkeetti isaan qabaa jiruu fi qeerroo danbalii sochii kanaa ta’e wajjin dursa waliif kennu jedheen yaada.

Kanaaf falli jiru bu’aa fi carraa argame qabsoof oolfachaa kan hanqate itti guuttachuuf qabsa’uudha. Qabsoo siyaasaa jechuu kiyyaa dha. OPDO akka malee faarsuu fi itti mufachuun nama dhuufaaf yoo ta’a malee qaamota siyaasaa biratti ija tarsiimoon ilaalamuu qaba. yeroo OPDO akka malee faarsinuu fi arrabsinu nut akka jaarmiyaa siyaasaa ykn deeggaraa jaarmiyaa keenyaatti maal irra akka jirru ilaaluun gaarii dha. yoo kana ilaalle hanqina jiru itti guuttanna. Kanaan ala eeggataa siyaasaa qaama biraa taana.

Dhuma irratti warra activists (rogeeyyotaa) fi fakkaatota rogeennyotaa  waantan jedhu qaba. innis qabsoon siyaasa Oromoo akkuma Live FB irratti baanee warabnu ykn ibsinu kana salphaa mit. Qabsoon biyya keessaa baayyee jajjabduu fi gootummaa gaafata. Live daqiiqaa 15 keessatti waraana ijaarree, ajaja dabarsinee, jaarmiyaa jaalannu faarsinee, kan jibbinu xureessinee, daqiiqaa 15 keessatti waanta iyyinee dubbanneef bishaan ykn aannan itti abbuuqannee (kun faashina ta’ee jia), biyya bilisoomsinee, gara siree keenyaa deemna. Kun qabsoo ta’ee jira. dubbiin qabsoo bilisummaa Oromoo lafarratti deemaa jiru garuu kanaan wal hin argu duwwaa otoo hin taane, foolii isaayyuu hin qabu. kanaaf mee warri rogeeyyotaa fi fakkaatota rogeeyyotaa taatan dhimma qabsoo Oromoo laaffisu irraa of qusachuu yaala. Yoo humnaa fi dandeetti itti qabaanne waanta dandeenyuun siyaasa nuuf malu haa deeggaru. Dhimma tokkummaa qabsoo laafisan irraa garuu of qusachuun beekumsa.

Kanaaf qobsoo bilisummaa Oromoo akkuma isaaf malutti jabeessuu qabna. Dheebuu bilisummaa qabnuuf jecha, jarjarree deeggaruu ykn abaruu irra bilchinaan waa xiinxaluun bu’aa guddaa qaba. nama irraa waa eegu irra ofii keenyaaf hojannee bu’aa argachuu aadaa godhachuu qabna. Waggaa sadan darban kana keessatti jaarmiyaa siyaasas ta’ee, namoota dhuunfaa siyaasaa beekna jedhaniif qormaata guddaan ta’ee jira. kan siyaasatti makamee fi kan siyaasa beeku eenyu akka ta’e Oromoof adda bahee jira. jaarmiyaa siyaasaa Oromoo kamtu maal hoajachaa jiraa fi maal hojatee jira kan jedhu Oromoof ifa ta’ee jira. Oromoon amma kan barbaadu afaan otoo hin taane lafa irratti waa hojachuu dha. dabbalummaan ykn kaadireen siyaasummaan  bara jalqaba 60moota keessa ture Qubee generationf dhageettii hin qabu.

Fayyaa taha!

 

 

 

 

One thought on ““Akka isa duraas mitii, akka isa boodaas mitii, akkuma isa gidduutti na nyaadhu jette baaqilaan”

  1. Pingback: The Need for Realpolitik in Oromo Politics

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *