By | September 11, 2019


”Atis dhiisi atis dhiistiin tokkummaan uumaamu tokkummaa hin fidu. Warraa hindhageenyetti quba gorsuun barbaachisaa taha”.

Mekbib Gebeyehu (PhD), Fulbaana 10, 2019

Ofta’i Oromoo! Maxantuu ta’u dhiisi. Diinaf meeshaa ta’u dhiisi. Sometimes you have to eat your words, chew your ego, swallow your pride and accept that you are wrong. Its not giving up. Its called growing up.

Rakkoon ABO fi ijaarsolii ABO irraa ciccitanii kuni ammayyuu nufaana deemaa jira. Rakkoon hiikamuu qabu hin hiikamne. Oromoon tokko tahaa jedha malee eenyutu balleesse, eenyutu gorsamuu qaba kan jedhurratti hin hojjetu. Aadaa keenya tahee otuma wal gangashinuu yeroon darba. Kuni jijjiramuu qaba. Atis dhiisi atis dhiisi jedhanii rakkoo hiikuun hidandahamu. Isa toclhu tolchite, isa balleessus balleesite jedhani yoo hojjetan bu’aan dhufa.

ABO irraa citanii bahuun inni guddaan kan eegale yeroo gareen tokko ABO irraa citee qaama cehumsaa (QC) dhaabe dha.  Namoonnii baa’een akka rakkoo J/Daawudii fi J/Galaasaa gidduutti dhalatetti ilaalu. Akkas tahuu mala, ani garuu akkasitti hin ilaalu. J/Galaasaan booddee itti dabalame jechuu dandahama. Kana keessa lixee haa’sauun har’aaf haa bulu. Yoo barbaachisee garuu tokko tokkoon tarreessuu dandahama.

Rakkoo dhalate hiikuu ilaalchisee tattaaffii baa’eetu karaa baa’ee taheera. Jaarsolii gurguddoon itti filatamanii rakkoo dhalate hiikuuf carraaqaniruu. Inni guddaan kan professor Hamdeessaa Tuussootiin hoogganame jaarsolii ciccimoon keessatti qooda fudhatani dha. Rapportii guddaas (with scientfic approach) dhiyeessaniiru. Isa malees yeroo adda addaatti namoonnii adda addaa rakkoo kana hiikuuf tattaaffii godhaniiru. Kuni akka gareettis akka namtokkoottis kan tahedha.

Anis hamma humnakootti tattaafadheera. Waan arammn gaditti tuqu gara milkkitti nageessu kan jedhu abdiin qaba ture.

  • J/ Daawud wajjinis tahe J/Galaasaa wajjin durii qabeen wal beeka. Yeroo hundaa lamaan isaaniyyuu wajjin qunnamtti qabaachaa turera.
  • Miseensa lachuu miti. Miseensa ABO ture, garuu murtee Leencoo Baatiifatiinfaa duuba jiraniin (yoo rakkon dhalate sana) konyaan Sweden akkuma jirutti arihamne.
  • Miseensa qaama cehumsaas tahee hinbeeku. Konyaan Sweden rakkoo dhalate hiikuuf tattaffi godhe keessatti “aktivist”n ture. Waa’ee kanarraati QC deeggareen marii baa’ee keessatti qooda fudheera, baa’ees katabeera, fkn Onet irratti (kan Dr Solomon Ungaasheen gaggeefamaa ture). Kan milkaahes kan hin milkoofnes jira.

Waanan gubbaatti kaase kanatu akka yaada araaraa kana jalqabu nadirqisiise. Namoonni biraa akka na waliin turanis hubadhaa.

Tattaaffii duraa: yooman jalqabe?

Waggoolii dheera dura jara lachuuttuu kaase. Lamaansaaniyyuu akka yaada gaarii tahe fudhatani. Hamma tahe itti fufeen ture, garuu yeroo sanatti rakkoolleen adda addaa waan dhalataniif itti fufuu hin dandahamne. Isaa as isaanuu araaramani (QC fi ABO). Araaricha keessattii qooda J/Galassaan qabu hin beeku. Yaroo sana J/ Galaasaani dura taa’aa QC akka hinturre, walgahii araaraa Barliinitti tahe keessttis qooda akka hin fudhanne beeka. Maliif hafte jedhees gaafadheen deebii argadheera

Dubbiinsaa atis dhisi atis dhiisi waan taheef fagoo hin deemnne

Tattaaffii Lammafaa:

Tattaaffiin lammaffaa kan jalqabe 2018 tti. Yeroo kana keessaattii waan baa’eetu taheera. QC fi ABO ”araaramani” deebihaniimmoo wallolaniru. Durataa’aan QC J/Dhugaasaa Bakakkoo fii warri kaanis ”warra duri ZOONII KIBBAA jedhamuun bekamani akkuma ararichaatti ABO tti dabalamaniiru. Warri kaanimmoo keessa bahanii kan J/Galaasaan dura taa’aa tahe ijarsa haaraa dhabbataniruu. Yeroonsaa yeroo haallii biyya keessaa guyyaarraa guyyaatti jijjiiramaa dhufe ture. Oromoon tokko tahuunsaa murtteessaa akka tahe hundu  haasa’aa ture. Yaroo akkasii keessatti kanan tattaaffii lammaffaa jalqabe.

Tattaaffichi E-maili ani J/Daudiif erge kanaan jalqaba

” Haala hamaattii akka deemamaa jiru nan hubadha. Balaa dhufu xiqqeessuu karaa hundaa qophaa’a tahuun akka barbaachisu waanan ani sitti himu miti. Waanuma sammuu koo keessa jiru si marihachuufi male.

Kunoo hammii jiru wal calalaa jira. Warraa hafe (baa’ees miti) wajjin marii jalqabuun barbaachisa natti fakkaata. Barbaachisnisaa hundaa caalaa warra biyya jiruuf.

Waan sammuu koo keessa naannahaa jiru akkamitti siifi Galaasaa walitti fiduu dandahama han jedhudha. Warrin ani Amerikaatti amma argee dhufes tahe warri ani biyyaa wajjin qunaamtii qabu kana barbaadu. Kana malees Walitti dhufinni keessaan rakkoo tokkoo tokkoo hiikuu dandaha. Diinas naasisa. Mee waan kanarratti maal jetta?

Waan kana Galaasaa wajjin hin haasofne, yoo yadaasaa fodhatte Galaasa marihadheen nama isin barbaadan wajjiin jalqabuu dandaha. Gaafa isin wal cinaa tessani walii gallee wajjiin hojjenna, wan darbbe darbeera jettan nama baaeetu gammada, Kuni baa’ee barbaachisaa natti fakkaata” han jedhu ture.

Mailii kana kessaa han bahe mailii J/Daudiifi mailikko duwwaadha. han itti dabalame homtuu hinjiru.

J/ Daud ani qophaahaadha jedhee yommusuma naaf deebise. Yeroodhuma sana  J/Galaasaa wajjin telefoonaan haa’sae. (J/Galaasaa wajjin qunnamtiin goone hunduu telefoonaan ture). J/Galaasan akka  koreetti dhiyeesse guyyaa 10 keessatti natti deebihu waada naaf gale. Akeekkaan keenya jara lamaan qulqullumman walitti akka haasa’ani dandeessisuuf ture. Kuni ni taha kan jedhu  abdii of keessatti uummannee turre..

Guyyaan 10 darbe, homtuu hin jiru. Booda bilbileen J/Galaasaarraa ”lakki koreen kuffise” kan jedhu deebii argadhe. Sa’aatii dheera haasofne. ”Politikaa keessa keesumaayyuu haala har’a Oromoon keessa jirutt hintahu han jedhu jiraachuun irra hinjiru attamitt hintahu jetta jedheen watwaannaanis hintaane. Mee itti yaadaa gaaffiin gaaffii Oromooti, oromoon rakkoon kuni akka hiika argatu barbaada jedheen wajjin haa’sae. Ammas deebihee koree wajjin haasa’a  jechuun xummuurre.  Akka J/Galaasaan koreetti dhiyyeessee ture, akka yaadnii addda addaa ture karaa biraa  mirkaneeffadheera.

Yeroonsaa yeroo ABOn biyyattii galuuf of qopheesaa turedha. J/Daawud akkuma tahetti walqabatani saba Orommo biratti dhiyaachuun dhimma tokkoffa akka tahee deddeebise nati himaa ture Dhumarrattiis Xalayaa tokko karaakoo J/Galaasaaf katabe.

“Nagaan haa dursu Dr. Mekibib

We want to go further mile yoo nu dhaggeeffataniif

Kanaaf xalayaa Attached tahe kana J/Galaasaa Dilboof nuuf gahii

Current E-mail isaanii waan hinbeekneef (Attachmentii iaalaa)”

Anis Xalayaa kana kara miseensa isaanii tokko ergeefi, erga isa gahees wajjin haasa’e. Kanas “Koreetu deebii dhowwate” yoo naan jedhu gadda guddaatu natti dhagahame.

Isa booda J /Daawudiin yoo xalayaa sanaaf deebii argattee jiraatte jedheen gaafadheee ture. “Lakki, isa boodayuu namonnii baa’eeeen yaalanii turani hin mikoofne malee” naan jedhe

Maalif har’a kana katabda kan jedhu akka jiru beeka. Debiinkoo J/Galaasaanfaa karaa Oromoof bu’aa hinfidnnera deemaa akka jirani agarsiisuufi. Tokkumaa farsaa waamicha tokkumaaf dhiyaateef deebii dhowaachuu wal faana hin deemu. Mediarratti gadi bahanii tokkummaaf  yoo iyyani dhugaa fakkaata. Yoo itti siqani hubatani garuu keessisaa hoffaadha.

Dhugaa jiru hangan beeku Uummatni Oromoss haa beeku jedheeni, sana booda murtoon kan uummataati. Haala amma ukkamsanii hunduu akka waan tokkummaa Oromoof of kennaani fakkeessuun gaarii miti. Finfinnee keessaa naannaahanii tokkummaa faaruu otoo hintahiin qulqulluu tahanii dhiyaachuutu tokkummaa fida. Dhugaan Ilma rabbiiti, kanaaf dhugaa haa dubbannu dhugaas haa hubannu.

Waan dhokachuu qabu hinjiru. Waan J/Galaasaan umuriisaa guutuu qabsoo Oromoof kenne han irraa fodhatus hinjiru, kabaja guddaa qabnaafi. Haa tahu malee itti amanees tahe waan warri kaan barbaadaniif inni har’a hojjechaa jiru akka karaarraa jallateeru himuu dhiisuun gaarii hintahu. Waggoolii 20 ol qabsoorraa fagaatani (J/Galaasaan han qabsoorra fagaate fayya dhabuu wajjin wal qabata) hara ijaarsi kuni han kootii, anatuu hoggana jechuun maalif han jedhu gaafii kaasa. Maqaa jirurratta maqaa moggaasani sabaaf rakkoo uumuun tajjabbii gudda qaba.

NB!

Namooni/gareen jara kana walitti fiduuf tattaaffi godhan hunduu muxannoo saanii otoo ibsani barumsa irra arggachuu dandahama jedheen amana. Inni har’aa maqaarraatti maqaa baasanii tokkummaa faarsan waan fidu hinqabu, umurii OPDO dheressuuf yoo tahe malee. Sanammoo ifatti akkuma warra kaanii walitti makachuu maaltu dhawwe. Sana diigdan malee asitti hin makamtan waan jedhaman maa of-fakkeessu? Isaanumaafuu gaarii miti.

Galatoomaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.