By | May 22, 2019


Barruun Asoosaa irraa nu gahe shiroota ABO irratti dalagaman saaxile.

Ashaadil

From file: Ashadli Hassen (r) swore (June 2016) as Chief Administrator of the Benishangul-Gumuz State

Pirezidaantii Mootummaa Nannoo B/Gumuuz Obbo Ashaadil Haseniifi atakaroo Dura taa’aa Afayaa’ii duraanii

Yeroo darbe mata duree kana jalatti, Garee Ashaadili fi Garee Mul’ataa Wamber gidduutti sababa waldhibdee siyaasaatiin namoota nagaa/qulqulluu ta’an 22 malaamaltummaadhaan yakkanii ajaja mana murtii irraa baasuun adamsaa akka jiran ibseen ture. Haluma Kanaan, har’a lakkofsi “Shakkamtootaa’ guddachuudhan namoota 43 gaheera. Dhimmi isaa bal’achuudhaan yeroo Mul’ataa kana keessaa namoonni 23 hidhamanii “Mana murtii” dhiyaatanii diraamaa qindaa’e dhagahuu eegalaniiru. Waanti nama ajaa’dhibu, Abbaa Halangaa irraa kaasee hanga Poolisiidhaa “Manni Murtiitti” kan ijaaraman sabummaadhaan kan Ashaadili waan ta’anniif murtoo kennamu tilmaamuun ni salphaadha.

Garee Ashdaali Hasan fi Mul’ata Wambar gidduutti sababaafi ka’umsi waldhibdee siyaasaa maal akka ta’e kanatti aansee tokko tokkoon ibseera. Adeemsa Kan keessattis raga baay’ee nama ajaa’dhibu, haala biyyittiin hiyyummaa ijaarsa bulchiinsaa qabdu keessatti wal sakkaallaafi dadhabbii murtoo siyaasaa biyyittiin qabdu hubattu.

  1. Waxabajjii bara 2010 (May 27, 2018) magaala Asoosaatti jeequmsa tureefi namoota 9 rasaasaan ajjeefameefi dhimma jalqabaa: Guyyaa jeequmsi kun calqabe guyya 2 dursee konkolaataan “Minibaasii Hayiruuf” jedhamee beekamu Finfinnee irraa namoota 12 fedhatee gara Asoosaatti deemaa otoo jiruu magaala Mandii otoo hingahiin naannoo magaala “Qilxuu Kaarraa” jedhamtu halkan keessaa naannoo sa’aa 2:00 hidhattoonni uffata raayyaa ittisa biyyaa uffatan konkolaataa dhaabuudhaan namoota 12 konkolaachisaa fi gargaara isaa dabalatee namoota 14 fudhatanii bosona keessa seenu. Namoota kana keessaa 2 dhalattoota saba Bartaa (Benishaangul) dargaggoota dhiiraa turan. Hidhattoonni kun namoota kana miilaan bosonaa bosonatti daandii fagoo erga deemsisanii booda dhalattoota Bartaa kana lamaan adda baasanii akka malee reebuu.Qawwee irra dhaabuudhaan akka ajjeesanitti qabaniiru. Kana hunda yeroo raawwatan namoota 12 hafan afaaniin doorsisuun ala homaa hin goone. Daandii fagoo erga fuudhanni booda dhalattoota saba Bartaa hambisuudhaan warra kaan akka deebi’anii deeman taasifamu.Hidhattoonni kunneenis Qeerroo akka ta’aniifi odeeffaannoo kamiyuu qaama kamittuu akka hin himne akkeekachiisuudhaan isaan gadhiisu. Namoonni gadhiifaman kunneenis gara konkolaataa isaanii deemanii Magaala Asoosaa galanii bulu. Namoonni gadhiifaman kunis bulanii waajjira poolisii deemuudhaan dargaggoon Bartaa 2 akka fudhataman ni gabaasu.

    Haalli isaa calqaba itti karoorfamee qophii gahaan taasifamee waan tureef magaala kana keessa kan jiran dhalattoota Bartaa kan ta’an odeefannoon akka isaan gahuu taasifama.

    Uummanni miidhamtoota kana irraa ittisuuf jecha humni ittisa addaa ijaaramee jiru namoota diddiimoo (Benishaangul keessatti namoonni warra diimaafi Gurraacha jedhamee waamama) 9 rasaasaan rukutanii ajjeesu. Kuni yeroo ta’ee warra Bartaaf meeshaa waraanaa kennuudhaan, dargaggoota ijaaruufi maallaqa kennuun sooressoota Wayyaaneen taasifame ol aanaadha. Gocha kana keessatti aangaa’ota harka keessaa qabu jedhaman keessa kan Bartaa ta’an muraasni qabamanii mana hidhaa kan jiran yoo ta’u, olaantummaan dargaggoonni kun booji’amuuti calqabe dhimma kana hooganaa kan turan garuu garee Ashadilidha. Dargaggoonni boji’aman jedhaman lamaan isaaniyyuu ergama isaanii xumuranii dhumaati namootaa booda gadhiifamanii maatii isaanitti dabalamaniru.

  2. Fulbaana bara 2011 (Sep. 28, 2018) Aangaa’ota Godina Kamaashii Afran (4n) “ABO’dhaan ajjeefaman” jedhuun walqabatee godina kana keessatti dhumaatiifi buqqa’insa dhalattoota saba Oromoofi kanneen biro irraan gahe.Dubbii kana dhagahaanii dheekmsaan Sabni Gumuuz godina Kamaashii keessa jiraatan, obboolota isaanii kan waggaa dheeraa waliin jiraatan Oromoo irratti booree bahu. Haaluma Kanaan dhalattoota Oromoofi Amaara 500 ajjeesuudhaan, 200,000 ol buqqisuudhaan rakkoofi gidiraa hamaa keessa akka galan taasifamaniiru. Obbo Ashaadil yeroo miidiyaatti baahee “Gaggeesitoonni Gumuuz ABO’dhaan ajjeefaman” jedhee yeroo dubbatu, eenyuyyuu ragaa ajjeesuu ABO maaliifi akkamitti akka ture, namni gaafate hin jiru. Ammas kan beekuu, isaafi isaan kana erge qofaatu beeka.
  3. Geree Wedii Seeroo (G/Igziaber) kan jedhamu qaxaraamaa Wayyaanee kan tureNamni kun bara 2003 harka duuwwaa isaa dhufee yeroo gabaabaa keessatti miliyeenera fi Ashaadilii Hasan dursee itti gaafatamaa Ashaadilii kan turee Ahimed Naasir (nama amma du’eeru) waaliin ta’uun lafa Investimentii fi Albuudaa, akkasumas lafa ‘Ibineberediif’ oolu nama gurguraa turedha. Hidha laga Abbay waliin walqabatee kiraayii konkolaatotaa dhuunfaadhaan nama dhiyeesudha. Namtichi kun ji’a Sadaasaa bara 2011 (Nov. 24, 2018) waraqaa eenyummaa foorjidii hojjechuudhaan Yuniversiitii Asoosaa keessatti gooltota seensisuudhaan barattoota Oromoofi Amaara gidduutti waldhabdee otoo si’eessaa jiruu harkaa harkatti qabamee yeroo ammaa mana hidhaa jira. Jeequmsa ture kanarrattis barattoonni 3 ol du’uun isaanii ni yaadatama. Waanti nama ajaa’dhibu Ashaadiliin namni kun wabiidhaan akka hidhaarraa gadhiifamuuf dhiibbaa gochaa turuun uummata gidduutti dheekkamsii waan sochoo’eef halkan sana Asoosaa irraa baduuf otoo socho’aa jiruu yeroo lammataaf akka qabamuu taasifameera.
    “Egaa Ashaadiliifi gareen isaa Magaala Maqalee irraa ajaja fudhachaa hooggantoota keessa waarra turaniifi namoota jijjirama kanaaf fedhii qaban yakkoota garaagaraa oomishuudhaan mana hidhaatti guuruudhaan, ida’amneerra jechaa goowummaa gowwoomsaa uummata rakkisaa itti fufaniiru.

Waanti nama ajaa’dhibu Dr. Abiyyifaa kana hunda otoo beekanii Qeerroofi ABOtti sababeeffachuun yeroo uummata sochoosaniifi buqqisani akka hinbeekne ta’anii kaadiree isaanii warren duudoo kana dabarsanii ABO irratti duuluufi himimmaan Naachaa bohaa ilaaluu isaaniiti.

Sanas ta’e kana, dhimmi Ashaadiliifi gareen isaa malaamaltummaa osoo hintaane, yakka isaanii warra beekan hidhanii, yakkaa gaafataa akka ta’e kan barbaadan gaggesitoota saba Shinaashaafi Gumuuz muraasa balleessuu, yoo danda’ame mana hidhaa keessatti ajjeesuuf jecha dhimma isaanii keessa kan hinjirree namoota nagaa 43 mana hidhaa keessatti darbatanii mankaraarsuun furmaata hinta’u.

Yakkamaan abbaa seeraa ta’ee namoota nagaa malaamaltummaan farrajuun jijjiirama miti.
Uummanni nagaan Benishaangul dhukkaamsame bilisa otoo hin bahiin jijjiiramni hinjiru.
Olaantummaan seeraa Gorsitootaafi kontarkteroota hojjettoota waajjira Qonnaa keessaa hojjetaniif!

12/09/2011 Asoosaa

One thought on “Barruun Asoosaa irraa nu gahe shiroota ABO irratti dalagaman saaxile

  1. Jogir Abasena

    Yaadakeetiif galatoomi.
    Yadnii kun anaaf,ifa miti.
    Yeroo maraa,ABOratti,shirri hinuma dalagama.Gocha kana,gad fagenyaan maaltu akka hojatamee ifa baasuun haqnidhi ABO akka muldhatu,ragaan qabsiisuun agarsiisuun barbaachiisaadha. Yoo Sana hintaane,kuni duwwaan waan agarsiisu hinqabu.
    Kana jechunko,gadifagenyaan Shira hojatame saxiluun barbaachiisaadha.
    Kun,qaawa xiqo agarsiise male,hundasaa ifa hingone.
    Maaliif motummaan kun garee Isa fakaataniin,walta’e dhiga qulqulootaa dhangalaasiisa?walttihidhamnsa kanarra ummani kenya maalhubachu qaba?Halli walfakaatu,qixa hundumaan demaa kanjiru haaluma walfakkaatuni.Kuniis,ABOn gaafa,finfiinne sene calqabe hanga harraatti,mogaatii,basuuf wantoonni hindalgamiin hinjirani.kanaaf Shiro Ota akkasii,umman hubate,ejjenno ifii akkafudhatu,damaqsuun barbaachiisaadha.
    Wanta kana hujuukeetiif galata guddo qabda.Mataa nutti agarsiifteeta,milaas,muldhiisi hipho,du’a qondaaloota,BGumuz,Sana ummatatti muldhisi.
    Waaqni umrri,sidhereesina!

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.