By | December 15, 2017


Biyyi tokko kan walaboomtus ta’ee, sabni tokko kan bilisoomu wacaa fi shaffee guddaan waan lallabaniifii miti!

Caalaa Hayiluu Abaataa irraa

Seenaa saboota gabrummaa jala turaiifii biyyoota bittaa alagaa irraa walabooman hedduu isaanii oggaa gaggaragalchinee ilaallu kan ittiin diina irra aananii of bilisoomsan akka keenya kanattii miti; akka kanatti dhumuufi wareegama addaa baasaa deemuu malee manii keenya hin geenyu.

Sabni tokko yoo ijaaramee, ijaarsa_jaarmiyaa jabaa dantaa waloo (common interest) tiksuu fi hunda galeessa qabaate qofa qaaxee sarare sana cahee galma kaayyoo isaa gaha.

Oromoon ijaaramaa dhaa? Oromoon jaarmiyaa Jabaa qabaa?

Sabni keenya erga mi’aa bilisummaa irraa fagaatee dhaloota sadi caalera. Sabni mi’aa bilisummaa hin beekne immoo waanuma didiqqootu isa gammachiisa, hoo’isa,qabbaneessas. Dhaloonni mi’aa bilisummaa beekan amma hin jiran;kan jiru warra sana dhamdhamuu fedhuufi tiyooriidhaan beekudha. Ammoo waggaa tokkos taatuu Oromiyaa keessaa naannoon tokko tokko xiqqaattus Bilisummaan maal akka taate argeera;garri suni ammayyuu qabbanaa’aa miti; hoo’aas miti waan godhu godhaatuma jira. Gariin kaanimmoo mi’aa bilisummaa wallaaluyyuu hadhaa gabrummaa sirriitti argeera;ammas hadhaan suni daangaa darbeet isa bobeessaa jira. Boba’eet akka mukkeen goggoguun ichimni qabsiisee gubataa fi wal gubaa jiraata. Sabni akka keenyaa waggoota hedduu gabrummaa jala ture akkanuma taha jechaa dha.

Oromoon ammayyuu ijaaramaa miti; sababni hin ijaaramneef kan isa keessaa baradhe jedhee ija banate danuun isaa tajaajiltuu ormaati;ormaaf hojjachuutu isa gammachiisa. Waan guddaas akka argateetti fudhata malee sabicha tajaajilee ijaaree, waliin gadi bu’ee dheebotee beela’ee kan kaayyoo sabichaatii jiraatu hagoodha. Jarri akaksii immoo hin muldhatan. ”warri hojjatu sagelee hin qabu;kan iyyummoo lafa hojii hin beekus;hin hojjatus. Kuni walfaana guutamu malee egereen keenyaa salphaa miti. Kana dhugoomfachuuf mee tokko tokkoon kee qe’ee dhaloota keetii hanga lafa amma jirtuutti taajjabiitii deebisaa argadhu.

meeqasaatu sabichaa pf kennee of wareegaa jira?Wareegama lubbuu hin jenne waanuma xiqqoo sabichaaf dursa kennaa jira moo ofiisaaf garaasaafii aantee isaaf waa guutaa jiraa? Sabicha saamet sooramuu fedhamoo sabichaaf jiraateet ofii dhabaa ta’uu fedha?

Sabni akka keenyaa silaa malirratti ijaarama turee?

Kuni Gaaffii irratti wal atakaroo qabnuu miti;waayeen jiraachuufi dhabamuu wal nama hin gaafachiisu.Jiraachuuf ijaaramuun keenya waan hunda tahuu namuu waliif galuutu bayeessa tura.

Gaffilee dhaabbileen siyaasaa Oromoo lafa kaahan ammatti gooroo gurguddayyoo lama qofa qabdi. Kuni fageenyatti miidha guddaa qabaatullee wal ijaaruun silaa hinuma danda’ama. Gaaffilee Gooroon isaan qabatanii ka’an; BILISUMMAA OROMOO FI WALABUMMAA OROMIYAA (ABO), FI warra BILISUMMAA (MIRGA UUMMATA) OROMOO ( OFC) kabchiifna kan jedhanidha. Murnoonni maqaan hin kaane hunduu gooroo dubbii(akeeka) kanaan ala waan hin baanef isaanuma lamaan fudhe. Kaan isaanii akeekaafi kaayyoo osoo hin taanee muufii fi xiiqqii walirraa qabaniin murnaan of ijaaranii saanduqa matayyaa uummachuun mataa keessa wal qu’aa jiraachuu filatan. Waliif injifatamuurraa wal injifachuufi wal takaaluu filatan waan taheef ammaaf kaayyoon barruu tanaa waayee isaanii miti kallattiin ishee. kanaaf itti hin qabaminaatii bira darbaa.

Dhaabni saba kanaaf ija banee isa iyyus tahee isa wacu,isa lallabus tahee isa lallabsiisu, isa qabsoof hidhames tahee isa qabsoof dhagaa boraafatee jiraatu, isa weeddisus ta’ee isa dhiichisuu, isa dubbisus tahee isa barreessu, ”ani saba Oromooti.” jedhee akka namuu mataa olqabatee deemu kan nu taasise ABO dha. ABO’n kaayyoo xaliila sana qabatee waggoota 40 dura bu’urameefi hangafoota qabsoo tanaaf guca qabsiisan kumaatama itti dhabe suni waan hedduutu gufuu itti ta’aa ture,hardhas itti jira. Kanaaf bakka garaasaa hin geenye. Siyaasan olntummaa argatee haa muldhatu malee waan muummee lafa kaahe sanarraa ammayyuu hiixuu jira.

Maal taanan ABO’n bakka ka’eefirraa ammayyuu hiixuu jiraatee?

ABO’n diinaa 2 qaba, bifa walii galaatin. Kunis yoo diddignee laalle;diina innikaa (kan alaa) fi diina keessoo (foon tortoree_ fira alagoome) dha.

Diinni keenya alaayyuu heddu. Inni kaan nu bituuf ABO’ baduu dinnaan laamshahuu qofatu umrii isaa dheeressa. Kuni kallattiin #ABUT_TPLF ilaallata. warri kuni karaa kamiinuu ABO’n hin badullee taanan, laaffatee humna dhabuu qaba; gaafas akka barbaadanifi haala barbaadaniin oromoo saamuu, ajjeesuu, hidhuu,biyyaa baasuufi dhabamsiisuun isaanif milkooma. Kana gochuuf diinota keenya alaa hedduu nuuf horan. keessaa keenyahis abba garoo hedduu horsiisanii nutti bobbaasan. kaan sodaachisaaniit nuuf diinomsan, ololaafi dharaan.Kuni gama dippiloomaasii fi biyyoota ollaa sanaa hunda humnaafi siyaasan dhuunfattee ABO dudduubee dhoowwite, afaan faajjii uumtet akka ”shororkeessaa dha.” jedhamu waan qabduu fi hin qabne hunda itti dhangalaastet, ABO okkolchiiste;ta’us akak yaaddee karaa hundaan hin milkoofne.

Wari kaan warra #KAAYYOO ABO irraa sodaafi jibba guddaa qaban warra yeroof aangoo muldhataa dhabaniyyuu sichis ni dhufnaan munyuuqaniidha. Isaan haala kamiinuu karaa danda’ameef tarsimoo hordofuu qaban hundaan dhaaba kana dacheerraa duguuganii balleessu qofa osoo hin taane, ayyaana isaallee waan sodaataniif hirriba hin qaban. Isa kuni diina keenya innikaa san faana waan guddoo walii galan dhabaniyyuu kanarratti walumaaf galu.

kana qofaa miti; Diina keenya kan keessoo foon tortore sanis kaansaa Kumaatama sabboonsiteet (fakkeessiifi hojii qaruuxummaaf) dhaaba keenyatti ergite ykn galchite, hedduun isaa akka ergamasaanii milkaahuu bataniyyuu dhaaba keenya nu jalaa bancancarsuu yaalaniiru. Yoo xiqqaatee olola ittiin dhaaba keenya gowwaan keenyaafi laalataan keenyallee quba itti qabu shunqurii hedduu uuman.

Oromoon Abba garoos ta’ee laalatan karaa hin malleen ABO irratti karaa hedduuu akka dadhabuuf hojjate.

Oromoon garaasaa jaalatu takkaa ABO irraa hin ciisne; dhaloota dhaabichaa irraa eegalee. Inni ofiittoofi ana malee jedhus qaatayyuu itti duulaa fi cafaqaa ture kaaraa hundaan. Hanqina dhaaba kanaa balballoomsee diqqeessuuf gowwaa fi abba garo keenya danuudha kan itti duulu.Takkaa warri akkasii ulaafi shunqurii isaa duuchineet damboobsina hin jenne. Ittuu fagneet ulaasaa baldhisnee dhaaba kana xiqqeessina ykn dhabamsiisna jedhan malee.

Gama biraan #murnoonni kaanimmoo hanguma ABO tuu hin jiran. Warri silaa biyya keessatti WAANUMA JEDHANUU FUDHAATANII, SEERAAFI HEERA #ABUT fayyadamuun qabsoo gochaa turan ,warri #OFC jajjaboon isaanii hunduu mana hidhaa buufaman. kunis saba keenya ijaarsa dhabsiisuufi ijaara-maöeeyyii godhanii isa wacuufi iyyu qofatti hambisuufi. Irra caalan warra wacuufi iyyuummoo jaarmiyaan hooganamuufi hooganuun isaanif hirmiidha. Maalif wareegama hin fedhanka. Wareegama qaamaa gaafatuu baatuyuu wareegama dabarsitee of kennuu, wareegama qalbii , wareegama warra jaarmiyaan hirmii tahuuf sanneeni s dhabuufaaniswaan jiruuf sadoo akaksii dhabuurraa bara baraan faarfamaafi fakkeessaa jiraachuun filannoo isaan godhatanii sabicha burjaajjessanii dha. Kutaa itti aanu keessatti waan hedduun jedha. Ammaaf waan tokkoonin dubbii tana guduunfa.

Walumaa galatti sabni jaarmiyaa jabaa fi kan dantaa waloo tiksu qabu waan dhaabateefi waan gaafatu qaba;akka bishaan gannaa galgala guutee ganama hin hirdhatu. Caamu taliilee roobummoo hin boora’u. Waan qabatuufi gadhiisu wallaalee hin jaammisu lafa ejjatuufi waan irra ejjatu qaba waan ta’eef.

Hogayyuu manii yaade sana gahuufi tarsimoo ittiin masakamuufi akkeekkata lafa kahate sanaaf dhahata dhahataan waan hunda ija ilaameefi qalbiin laalaa adeema. Kaayyoo sanaaf jiraata;isatus isa hooggana. Amma kana diinonni keenya alaafi keessaa nu jalaa dhabamsiisuyyuu baatan nu jalaa dadhabsiisaniiru; inni kaan yaala guddoo fedha, kaan immoo tinnisaa fi wareegama qaama qalbii fedha.

HANGAM KEENYATU KANAAF QOPHIIDHAREE?

Xummureen jira.

Ayyaanni warra saba kanaaf kufeefi kufaa jiru nu waliin haa tahu!

Caalaa Hayiluu Abaataa ti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.