By | June 18, 2018


DAANDII EEGALLE IRRAA, HIN MAQINUU !!

SEENAA  Y.G (2005), Waxabajjii 18, 2018

Wayyaaneen harka isaatiin mormaa gadi of awwaaleera. Dhiheenya kana ibsi ejjannoo baafatan, eenyummaa isaanii gama hundaan jiru saaxileera. Siyaasi dantaa ofiif qofa nama fiigsuu, dhumni isaa kanuma. ofii mormaa gadi of awwaalanii, warra isaan dura dhaabbatee ittii dhiigaa jiraateef ragaa ta’aniiru. Hiwaatoonni balaa Ulfaataa keessa jiru. Hiwaatoonni akka waan tokko ta’anitti wal ga’aa jiran, yoomillee taatuu waliin dhaabbachuu hin danda’an. Waan Baadimmee irratti tokko ta’uuf haa yaalan malee, kun dhibee isaanii waggaa 40 ol waliin jiraateef furmaata hin taatuu. rakkoon isaanii bakka  Afuri jira.

  1. Tigiroota Tigiraayi keessaa Hiwaatii fi Hiwaatiin ala ka jiru,
  2. Hiwaatiin ala dhaabbilee Ihaadeeg keessa jiran,
  3. Lammiilee Tigiraayi,
  4. Ummatoota Itoophiyaa,

Hiwaatoonni kaleessa waan Ummata isaanii gawwamsanii, Ummatoota biraan walitti buusuu jiraatan, amma saaxilamuu eegalee jira. Baadimmee kaleessa sababa gara garaaf hin laannu jechaa turanii fi, Ummatoota Biyyattiitti rakkoo uumaa jiraatan, naanna’ee naanna’ee rakkoon isaa Tigiraayi fi Hiwaatiif ta’eera. Kanarra dabree, akka Ihaadegitti waan wal dura isaan dhaabuuf  jiruutu itti aanee dhufa. Hiwaatoonni fi beektoonni isaanii wal ga’ii gaggeeffachuutti raajoomuu hin qabnu. wal ga’ii fi marii kumootaan gaggeessuun mirga isaaniitii. Namni sangaan qotu tokko, hanga qanbarri ittin qotuu san, lafatti gadi jabeessee qabeetti, Sangaan olii fi gadi jedhu, qotuun isaaf hin haftuu. Sangaan kan baafatu gaafa Hordaa qanbarrii sana gadhiisee qofaadhaa. Kanaaf waan itti jirru irraa maquu hin qabnuu. Hiwaatis ta’ee Ihaadeeg nuuf hojii manaa miti. Waa hundaa harkaa fuuneerra. Amma nuutu gara barbaannutti isaan oofaa jira. Kanaaf waan itti jirru, itti fufu fi hojii manaa haahhaaraa qopheessuufii qabnaa. Ibsii wayyaanootaa gidduu kanaa waa hedduuf nu fayyaduu danda’aa. Maal faa’aa ? Jechuu dandeessu itti deebina. Isa dura,

  1. Tigiroonni amma bakka baayyee jiru. Har’aa rakkoo ija baaseen hanga addunyaan taajjabutti haa ga’an malee Umurii isaanii guutuu wal nyaachaa jiraatan. Isa amma adda ka godhu dhuma isaanii ta’uu isaati. Waan walitti jiran fakkaachu danda’uu. Garuu sobadha. Wal galaafachaa jiraatan. Ammallee hin hafu. Ilaalchaa fi akka dhaaba siyaasaatti rakkoo guddaatu isaan gidduu jira. Hiwaatii fi Hiwaatiin ala kanneen jiran gidduu dubbii guddaatuu jira. Baruma qabsoo eegalee ka jiru. Dhimma Ertiraa fi Asabitu adda isaan baasee. Ummata Har’allee hiyyoomeetu jira. Beektootaa fi Qabsaa’ootatu jira. Ummatootaan ka wal simuu fi hin simneetu jira. Ummatoota cabsinee jiraannaa fi hin ta’uu ka jedhu jira. Rakkoo hedduutu isaan gidduu jira. Kun hundi gadi ba’uuf jira. Qabeenyaa baraarrachuu ka barbaadutus jira. Kanaaf wayyaaneen haala hedduu yaaddeessaa keessa jirti nuuti haa jabaannu. Waan kana caalaatti haa hammeessinu. Keessattu qabeenyaa isaanii yaaddoo jala haa galchinu.
  2. Hiwaahaati Ihaadeeg keessa jira. Waan isaan amma kaasan dhaabbilee akka OPDO onnee haa dhaban malee, karaa hedduu saaqaafii jiru. Hiwaatoonni labsiin baasan, dhaabbilee isaan waliin jiran rifachiisuu fi hangam akka isaan tuffatan argisiisa. Kanaaf yoo bitamtummaan isaan hin mo’iin Ihaadeegi ka Hiwaatii qofaa akka hin taane itti himanii of danda’uullee danda’uu. Gaafa isaan Angoorra jiran Dimokiraasii, gaafa isaanii amma tokko gadhiisan Ashabaarii taanuu itti ka’uu danda’an.
  3. Lammilee Tigiraayi rakkoo hamaa keessa jiru. gama hundaan waa hedduun isaanitti bada. garuu dantaa Hiwaati raawwachiisuuf akka jiraatan hubachaa jiru. Adeemsa jaraas baranii jiran. Kan amma wacaa jiru jarumaan ka oofamaniidhaa. Kanaaf yeroo guutummaan itti galagalan fagoo hin taatu.
  4. Ummatoonni Itoophiyaa shiraa fi gocha wayyaanee kanaan tokkummaa isaanii jabeeffachuuf isaan gargaaruu danda’aa. Kanaaf dhimma itti haa baanuu. Akkamiin ?

A. OPDOn carraa Dhumaarra geessee jirtii :- Ibsi Hiwaatootaa OPDO fi kanneen biroo dachetti ka makeedhaa. Waan Ummati isaaniin jedhaa jiraatee kan itti mirkanaa’eedhaa. Ummati of danda’aa dhaabbadhaa jechaa ture. Yeroos ka sodaatan Tigiroota humnaan jiru ture. Ofiin lafaa ka’aniis Ihaadeeg keessaa baanee jechuu dadhabanii ykn sodaatanii ta’aa. Garuu Hiwaati Ibsa gidduu kana baaseen karaa isaaniif baneeraa itti fayyadamuu danda’uu. Sababaa hedduu amansiisaa isaaniif kennanii jiru. Yoo Xiqqaatee Miseensi keenya MM taanaan isinitti toluu didee taanaan, nuuti Ihaadeeg keessaa baana jechuu danda’uu.

B. Hiriira Deeggarsaa MM Abiyyi ka jedhamu :- Dhimmii kun bu’aa tokkollee hin qabuu. Inumaa Tigiroota jajjabeessa. Abiyyiin dura qabnee gabroomsinaa sana dhugeessaaf. Namichi kun dantaa irraa qabaannus, hidhamtoota hiikuus, dhiiga keenyaan ta’uu hubannee, hojii isa dhumarraa gara fulduraatti fiduun barbaachisaa miti. warri ajandaa Itoophiyummaa qaban waa hedduu itti hojjachuu danda’an. Nuutillee hiriiruun Ilaalcha isaan amma qabatan deeggarullee ta’uu hubachuu barbaachisa. Yoo isaaf looguu barbaannee karaa hedduutu jiraa itti hin jarjariinaa. Sagantaa amma gaggeeffamaa jiru hundaa Ihaadeegtu fidee ykn mootummaatu fide malee, MM qofaa miti. Waan amma gaggeessaa jiru haqarraa ta’uus danda’aa ykn hin danda’uu. Hiwaatonnii Ibsa tokkon Abiyyii akka jaallatamuu taasisuu danda’uu. Borimmoo galagalanii waan hojjatan hin beeknuu. Kanaaf hiriirri hojii inni gara fuula duraatti hojjatu gufachiisa malee, hin shaffisiisuu. Ajandaa irratti umsisuu ta’aa. Ani akka nama tokkotti MM hanga ammaatti waan hojjateen harka hin baasuuf. Hojii guddaan kan miilla lama namarraa muree maal akka godhan ilaalla. waan labsiin hojjachaa jiraniif harka baasuun boodii isaa rakkoodhaa. waan eegalan haa xumuraniitii harka waliif baafnaa. keessattu yeroo dhihootti ameerikaa dhaqee maal akka gaafatu eeguun barbaachisaadhaa. namoota hiiknee, warra baqatees deebifnee, HR 128 nu kaasaa yoo jedhee maal jenna ? gabrummaa jala osoo jirruu, dhugaa jette jedhanii yoo kaasanoo ? waa bitaa fi mirgaan ilaaluun dansaadhaa Lammii kiyya. Dubaayi maaliif Dolaara B.3 kenniteef? Ummatoonni miliyoon 90 gidiraa osoo argaa jiranii ? Hin beekamu. Kanaaf ilaallachaa sirbaa.

C. Labsii Hiwaati :- wayyaaneen waan labsitee Ummatoota dallansiisee jira. Kun nuuf carraa gaariidhaa. Eenyummaan wayyaanee ifatti ka itti nu dhugoomeedhaa. Waan wayyaaneen hojjatte kanaaf hiriira deeggarsaa qophessurraa, Ummatoota qabatanii Qabeenyaa wayyaanee guutuu Biyyaa irratti qoqqobbii gochuuf Ummatoota haa dammaqifannu. Qabeenyaa wayyaanee hundaa lagachuu irratti haa qophoofnuu kanatu dacheetti isaan makaa. Soboota hundaa kanatti haa amansiisnu. Kanatu gadi isaan teesisa.

D. Qeerroo fi Qarree:- Hojiin nu hafu hedduudha. Gochoonni wayyaanee Qeerroo burjaajessuuf hojjatamuu heddummaataa dhufeera. Abiyyiin deeggaruu fi dhiisuun furmaata hin qabu. Qeerroon gama hundaan bilisa ta’ee sagantaa ofii raawwachuu malee, waan Ummatoota mirqaansaniin qabamuu hin qabu. Abiyyi jaallatamnaan OPDOn jaallatamee jiraa, ABO fi kanneen biroo alatti moggeessuun filannoo wayyaanee ta’uu waan maluuf, sochiin keenya, Daandirraa akka hin maqinee of tikisaa. Oromiyaa keessatti qofa osoo hin taanee, walqixxee fi Hawaasaa keessatti waan umamee callisanii ilaalurra, waan sana dantaa keenyaaf jennee isaan ijaaruu fi meeshaa wayyaanee akka hin taanee gorsuun barbaachisaadhaa.. Artistoonni keenya Saboota Biyyattii booji’uuf hojii dachaa hojjachuu qabu. Aantummaa Oromoo Sirbaa fi Artiin mul’isuun yeroo isaatii. Addattii Qabsoon jabaatee ykn Qeerroon jabaattee jennee of mul’isuu irraa of qusachuu barbaachisa. Ammatti waan nu abdachiisuu jiraatuus, ega Biyya dhunfannee boodallee waan dhokisaan hojjatamu hedduudhaa itti yaadaa. Polisa Oromiyaa fi kkf hangamuu ummata waliin  dhaabbatan sochii isaanii fagottii qabuun dansaadhaa. Qeerroo fi Qarreen safuu Ummata keenyaa cabaa jiruu fi aadaa isaa irratti waan jiru hojii dabalataa godhanii, dhaloota baraaruu qaban. Dargaggoota keenya maallaqaan akka barbaadan gochuuf, mana caatii fi manneen siree ykn Hoteela naannoo manneen barnootaatti babal’isuun shirri hojjatamee hedduu waan ta’eef, kanallaa dabalataan irratti hojjatanii Dargaggoota baraaruu irratti hojjachuus dagachuu hin qabnuu. Qaawwaa jiru hundaa cufuun murteessaadhaa. Ka dhaloota itti aanulleen. Boruu galla yoo ta’ee, deemsa har’aa eegaluu qabnaa.

E. DAANDIIN IRRA JIRRU, HOJII LAMA NU AKEEKA :-

Sadarkaan Qabsoo keenya irra jiru, sadarkaa gaaffii ofii fudhachiisuurraa ykn raawwachiisuu irra jira. QEERROO ABO , kana diina liqimsiisee falmaatti jira. Ummati irra jireessii sochii kana keessatti gumaacha gama hundaa taasisaa, gariin ammoo ogummaa isaan wal ijaaree, waan hegaree keenyaaf bu’ura keewwachuu itti fufu qaba. Oromoon hojii qabsoo kanaan of ilaaluu namummaa hin qabu. Qabsoon keenya sochii gama hundaa barbaada. Yeroon isaas kanarraan nu ga’eera. Ogummaa keenyaan qabsoo keenyaa haa qajeelchinuu. humna itti haa horruu. Abbootiin Gadaa fi Beektoonni Oromoo, akkasumas Maanguddoonni Oromoo hojii Qeerroo caalaa hammaatu isinitti dhufaa jirtii itti seenaa. Hojii Dhaabbilee siyaasaa Tokkomsuu fi ijaaruu Abbootii gadaa fi kanneen biroof dhiisaatii sochii gaama hundaa itti fufaa. Diina kasaaraa guddaa nurraan ga’uuf carraaquu hajaja malee Dirqama lammummaan bakka jiranitti dammaqaa eegaa. Sochii diina magaalaalee keessatti argitan hundaa irratti wal tumsaa. Daandiin itti jirru Daandii qajeelaa fi Injifannoon goolabuu dandeenyudhaa irraa hin maqiinaa. Wareegama waan itti baafnee itti of kabachifneetti kadhaas hin dhaqinuu. Seeraa fi seeraan waa hundaa raawwannaa. Sochiin nuuti har’aa goonuu, waggoota 50 dhufaniif furmaata ka argamsiisuu ta’uu qaba. Kanaaf obsaan waa hundaa dandeenyee irra teenyee ammallee obsumaan itti haa fufunuu. Jabaabaadhaa.

HORAA BULAA !!!!!!!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.