By | October 31, 2018


Daandiin Bilisummaa Hidhachuu Qofa!

Damee Boruu: 7/27/2018

Abishee Garbaa waraana Amhara wajjin yaroo baayyee lola godhee injifatee biyyaa baasaa akka ture hima. Guyyaa harka Habashaatti kufu garuu yaroo duraaf waraanni Amharaa qawwee hidhatee dhufe jedhama. Utuu waraana dhaabuuf wal marihachaa jiranii Abishee gananii  akka qabaniin waraanni jalqabe. Waraanni Oromoo yaroo duraaf meeshaa hin mul’anne kan fagootti fardaa fi nama waliin ajjeeftu arge. Haalli argee hin beekne kun rifaatuu sammuu guddaa itti hore. Namni mila fanaa keessa hin baafneef fardaa irraa luugama hin baafne baqatee jalaa bahe. Warri farda caffeetti naqee afuura fudhachuu ture hunduu achitti dhume jedhama. Waraanni Oromoo meeshaa lolaa bara durii farad, eeboo fi gaachana qofaa qaba. Sana booda waraana Teklehaayimanot humni dhaabu dhibee Biloo Boshee keessa bahee amma Arjoo deemuu dandeera jedhama.

Miniliki immoo Italiyaatti Eritrea gurguratee meeshaa waraana baraa heddumnaan walitti qabachuu caalaa Afrikaa wara Awuropaa wajjin qirchuuf bara 1884 magaalaa Berlin (Germany) itti humnoota Impayeerrlistii wajjin walii galtee godhee jira. Miniliki meeshaa waraanan badhaadhuun Mootummaa Amharaa Tekilehaymaanotiin gaggeefamu salphaatti akka injifatu isa gargaareera.  Miniliki Uummata Oromoo fi warra naannoo Oromiyyaa jiran hundaa humnaan cabsee Impaayeera Itoophiyaa ijaarachuuf milkii kan argatee meeshaa waraanaa baraa waan qabuuf.

Bara uummatni keenya garbummaa jalatti kufee kaasee amma guyyaa har’a mootonni Habashaa meeshaa baraa kan uummatnikeenya  hin qabanne tuullachuu fi ittiin nu doorsisuu tooftaa godhatanii jiru. Yaroo adda addatti uummatni keenya fincille yaroo isan mudduu gargaarsa Xiyyaara biyya Ingiliziin gargaaramuun dirqii itti tahaa ture. Kana malee biyya sana keessatti Uummatni Oromo akka hin hidhanne seeraan dhorkaa yaroo tahu uummatni Habashaa garuu hidhachuuf mirga qaba.

Bara Dargiin kufu waraanni Dargii meeshaa waraana bakk deemu maratti harcaasee yaroo badu uummatni keenya meeshaa saammateen of hidhachiisuu danda’ee ture. Garuu akka amala isaanii Mootummaa Malasaa Zenaawiif hojiin isaa duraa Uummata Oromoo hidhannaa hiikachiisu ture. Namni walitti mufate iyyuu qawwee qaba jedhee mootummaatti sobaan wal kasasaa akka ture, hidhaa fi reebitii jalaa bahu jecha warri qawwee bitanii mootummaaf galshaan akka turan ni himama.

Wal galtaan ABO wajjin tahee amma biyyi tasgabaahuuf eeguuf malee Oromoo hidhatee jiru wajjin mootummaan Habashaa of ammanne jiraachuu  akka hin dandeenye beekamaa dha.  Kanaafuu utuu olee hin bullee Mootummaan Malasaa WBO akka kaampi galu godhee utuu qawwee fudhatee hin bahiin waraana Wayyaaneen marsamee akka dhumu kan godhame. Har’as tahe boru daandiin bilisummaa hidhachuu malee hiikachuu miti. Mootummaan har’a jiru kun ABO wajjin taa’ee mariihachuu dhiisuun anaaf yaaddoo miti. Uuummatni Oromoo dammaqinsaan gurmaa’ee qabsoo bilisummaaf wardiyaa dhaabbachaa jira. Warra ayyaan ilaallatoota qabsoo bilisummaa Uummatni Oromoo asiin gaha kan dhuunfaa mataa isaaii godhatanii warra Habashaa biratti faarsamaa jiruuf laatnee dhaabbannee ilaaluu hin qabnu. Qabsoo Fincila Xumura Garbummaa itti mudduu qabna. Aarsaa amma kana baafne Dhiiga gootowwan kumaatamaan itti  dhangalaafne  garbummaa dhala keenyaaf dhaala hin dabrsinu. Garbummaan nu irratti akka raawwatu maqaa gootota keenya wareegamaniin waadaa seenuu qabna.

Yaaddoon koo guddaan maqaa araaran mootummaan Impaayeera Itoophiyaa akka haaraa itti  ijaaruuf akeeka qabu WBO fi uummata Oromo akka  hidhanna hin hiikachiifne dha. Akkumaan jedhe mootonni Habasha Oromoo hidhate wajjin jiraachuuf soda guddaa waan qabaniif  araarri Oromoo hidhannaa hin hiikachifne isaaniif araara tahuu hin danda’u. Nuyis karaa keenya haala kana hubannee jirruuf kan waraanaa fi uummata keenya hidhannaa hiikachiisu haala garbummaa jalatti bara baraan nu jilbeefachisee jiru waan taheef itti seenuu hin qabnu.

WBO humna Oromoo tahe kan biraa wajjin walitti baqee humna nagaa Oromiyaa eegu tahuu kan isa dorku hin jiru. Aararri dhugaa fi walii galteen haqaa yoo kan argamu tahe nagaan kaayyoo fi akeekaa kaaneef bakkaan gahuu kan caalu hin jiru. WBOn qulqulluu humna Oromoo kan dhiiga gootota Oromo irra biqile dha.OPDOn garuu dheertuu(muka muka nyaatu) dha.  Uummatni Oromoos akkuma Uummata warra Habashaa hidhannaa isaa hiikuu hin qabu. Haala amma jiru kana keessatti namni Oromoo OPDO haa tahu, Mootummaa Federaala Itoophiyaa, ABO ykn ijaarsaa biraa keessa namni Oromoo tahee hidhatee  jiru hidhannaa isaa hiikachuun harkaan of hudhanii of ajjeessuu dha. Haalli biyya sana keessatti dhalchuuf deemu waan hin beekamneef karaa dandeenye maraan ofii fi uummmata keenya hidhachiisuu qabna.

Afshaalummaa fi haxxammaan Habashaa nu gaha. Isaan ammanuun salphinaa fi dhumaatii amma kana hin jedhamne nu irraan gahee jira. Kufaatiin deddeebi’e maqaa araaraan nu irra gahaa jiru bakka tokko gahee dhaabbachuu qaba. Barri kun bara utuu hidhanna keenya hin hiikatiin nama nu wajjin nagaan hojjechuu barbaadu wajjin wal qixxummaan walii galluu akka dandeenyu ifa gochuu qabna dha. Waan har’ a of harkaa qabnu laannee waggaa afurtma of duuba deebinee barbaacha dhaquun hin qabnu. Qabsoon Keenya amma injifannootti!

Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!

5 thoughts on “Daandiin Bilisummaa Hidhachuu Qofa!

  1. B

    Damee Boruu ergaan ati dabarsite kan hafuu hin qabne , raawwii isaaf ofkenniinsa keessa deebii hin qabnedha.Dirqama du’aaf jireenyaati kanaaf ergaan kee qulqulluu dirqama hunda keenyaati fudhanneerra atis galatoomi.

    Reply
  2. ABDII BORUU

    du.du.akkamnagahafayadha.hunddumaanu.oduuqaba…durdurii.korommishantugaaradheedha.hoggaadhedu.walindheddi.hoggaaraftudugdawaligaltterafti.koromitun.1.adii.2.diimaa.3.guraacha.4.burree.5.dalacha.kanawaarabeysiarge.sodaate.goda.dachae.walmariatte.kanakorommintunheddudhanyachudandenyu.addafacafnaja.an.kanakorommidhufan.isinhisaabarawarihaalalatimulaujira.tokko.tokko.ofkkessabaasa.jedhe.kessaafu.adiikanabasajedhe.gowwomani.basan.ninyaate.ittidebi.e.halaalttimulataa.burresbaasajedhe.nyate.ammasnidebi.e.dimmanishalalati.mulataaofkkesabaasajedhe..ammasnibaase.nyate.kanajaralamaanittidhufe.isinqonqqowalduraafittani.gargarbahaajedhe.garagarabase.gamanadalachanyate.guraachaskopattinyate.gafawalinjiran.sodaa.torabahan..kafuuwanniduraniakkadebine.warabeysi.korommishansodaatorabahu.yakorommiwalhammadha.waljaladhaa.safuuwalikabajaa…horaabulaa

    Reply
  3. Dosho Boshi

    Hidhachuu qofa yeroo jennu eenyuun ajjeesuuf hidhannaa? Badhaasaan Tolasaa ajjeesuuf hidhataa? Nama ofii brbaadnu ykn garee ofii barbaannu taayitaatti baasuuf hidhannaa. Hidhannaa waggota shantamaa kaasee hidhaataa turre. Hidhannoon ifa argine hin qabnu. Qerroo fi uummati Oromoo (tokkummaan) hidhannoo malee (garuu beekumsa hidhatanii) diina dura dhaabbatanii ifa amma argaa jirru nu agarsiisan. Wayitaa sana tokkummaan waan kaaneef milkoofne. Tokkumma akka sana ni arganna kan jedhu yoo jiraate gowwummaadha. Bakka tokkummaan hin jirretti immoo wal afaan galagaluu qofa. Kanaafuu, kanneen hidhannoon bilisummaa argamsiisuu barbaadan yoo jiraatan haa yaalan. Akka kiyyatti garuu, hidhannoo samuuti barbaachisa.

    Reply
    1. Miciir

      Yaa Dosho Boshi,

      ‘Du’a sodaatanii iriiba malee hin bulan’ jedhani. Gareen Oromoo tarii ati dhuunfaatti ykn gareedhaan sodaattu akka aangoo hin qabanne qofaadhaaf Oromoon hidhachuu ha dhiisuu? Dhuguma hidhannaa sammuu qofaatu kolony habashaa jalaa nu baasaa? Dhuguma qabsoo fi fincila hidhannaan hin deggeramnetu Qeerroodhaan geggeeffamaa turee TPLF akka cabu ta’ee? Dhugaa fudhachuurra ati ykn gareen kee waan kallattiin fincila geggeeffamaa turetti qooda hin fudhanneef akka fincilli wayyaanee irratti geggeeffaamaa ture akka waan hooggansa siyaasaa hin qabneetti fakkeessitanii of amansiistanii nama biraas amansiisuuf dhaamtu. Oromoon akka ‘Mob’ tti sosso’aa ture akka amantaa keessaniitti.

      Baddaa teessanii gammoojjiitti yaadaan daldaluurra, waan ta’uu hin dandeenye akka sirni impaayeraa harka qullaa diigamuu danda’uutti dhalaandhaluurra, akkasumas yaada ‘yoon du’e coqorsi hin biqilin’ isa baalaydi manaa jette jedhan sana fakkaatu dhiyeessuu dhiiftanii maaf egeree ummata Oromoo, kan Oromiyaa fi qabsaa’ota Oromoo kan tokko godhu irratti hin hojjenne? Maaf waan hin tanee fi hin fakkaanne ‘xiinxaltu’?

      Reply
  4. Balaanbal

    Galatoomi!

    Haarsaa guddaa fi fincila jabaa beekumsaa fi dandeettiin deggerame ummati Oromoo qabsaa’ota Oromoon hogganamanii geggeessuun mootummaa gaanfa Afriikaa goolaa ture, kan baayyee sodaatamaa ture burkuteessee diina guddaa dhiiga isaatiin erga kuffisee booda kana hunda kan dhalche hanqina gama Oromoon jirudha:

    1. Activistoota Oromoo humna biyya keessa hin turree akka waan jiruutti ‘Team-Lammaa’ jedhanii murnuma sirna sana keessa ture maqaa itti tolchanii ololuudhaan akka qabsoon haqaa hatamu yaalii walirraa hin citne isaan taasisan; kun jibbiinsa ykn sodaa dhaaba Bilisummaa Oromoof falmuu irraa qabaniin kan kahedha;
    2. Hoggantooti ‘Team-Lammaa’ keessaa as bahanii isa tokko itti dhiige, itti du’aa ture, itti reebamaa fi walumaa galatti qabsoo isaanuu TPLF wajjin bal’eessuuf baroota dheeraaf (ganna 27f) hojjetaa turan dagatanii ykn ‘ija isaanii ashaboon dhiqatanii’ aangoo qabachuudhaan waan itti haarsaa hin kaffalle waan taheef battaluma angoo qabataniin hasawa taasisaaniin hoggantoota habashaa duraanii kanneen akka Miniliki fi Haila Sillaasee akka gootaatti faarsuudhaan murna habashaa fincila Wayyaanee keessatti gumaacha mul’ataa tokkuyyuu hin qabne akka bayyaannatanii (afaan qofa qabatanii haxxummaadhaan) gara waltajjiitti dhufan, akkasumas silumaayyuu akka waan injifannoo TPLF irratti galaahe keessatti shoora guddaa qabaniitti akka of tuulummaa isaanii durii qabatanii as deebi’an haala aanjessaniif; kanuma keessa darbanii kan Oromoon itti wareegamee fi isaan kaleessa ‘hirirri ykn fincilli ummataa mootummaa galagalche hin jiruu’ jechaa turan yeroodhuma gabaabaa keessaatti mootummaa qabsoon Oromoo jigsee isaan garsiisetti dhufanii siidaa ‘Xaayituu’ dhaabbachuuf maggalani, isarrayyuu babranii Oromoon Finfinnee keessaa akka ba’u hiriiraan gaafatchuutti ce’ani.

    3. Kan sadaffaa fi rakkoo kanaaf kan guddaatti gumaache fincila Oromoo haala qinda’aa fi ammayya’aa taheen bara dheeraaf kan geggeessaa ture dhaabi qabsoo bilisummaa Oromoo qabsoo itti dhama’e, haarsaa hammana hin jedhamne itti kafalee fi dhaloota haarawa Qeerroo kan leenjisee itti bobbaase xumura qabsoo sirna abbaa irree biyyootti dabale kana jala bu’ee dhiyeenyatti humna barbaachisaa siqsuusdhaan aangoon hattootaa fi cululleetiin akka hin butamne dammaqiinsaan hordofuu hanqachuudhaan balbala banaatti argataniin warrumti qabsoo Oromootin kuffifaman maqaa Oromoo waan qabaniif qofa balbala duubaan (boroon) bahanii karaa balbala guddaa akka ol seenan haala mijateef. Namooti sirna sana waliin kufuu qabanii fi yakka sirni sun Oromoo fi ummattoota empaayera sanaa irratti waggaa 27f raawwachaa tureef dhuunfaattis ta’e akka gareetti yoo badii qabaatan itti gaafatamuu malan, as deebi’anii akka abbaa qabsoo, falmattoota haqaa fi kanaafis akka waan haarsaa kaffalaa tureetti yakka dalagaa turaniif bakka miidhamtoota qabsaa’ota Oromoo bu’anii dhiifama ofiif (sirna sanaaf) gochuu, seeras himuutti ka’uu irra dabranii namooti sirna sana keessatti ifaan yakka ummattoota irratti dalaganii mana murtii addunyaattu dhiyaachuu qaban turan akka maqaan isaanii ol hin fuudhamne, itti gaafatamni yeroof akka hin jiraanne golga akka tahaniif isaan dandeessise. Kunis ka agarsiisu yakka Geetaachoo Asaffaa deggersa Lammaa ykn Abiy ykn miseensota OPDO ka biroo malee (sadarkaan qooda fudhannaa isaanii wal-caalus) qofaatti ykn addatti raawwachuu danda’u waan hin turreef, Geetaachoo Asaffaa qabuu fi seeratti dhiyeessuun iccita isaaniis baasuuf waan adeemuuf dhimma akkasii ukkaamsanii waa’ee aangoo isaanii irratti fuulleffachuun filatamaa fi dirqama jireenyaa isaanii taheera. Geetachoo osoo bakka inni jiru beekanii soabaan akka inni mana murtiitti dhiyaachuuf barbaadamuutti ololanii, isa waliin wal-dhabdee qabaachuuf akka fakkatutti dhaaba kallacha bilisummaa Oromoos akka waan Getaachoo fi Sibaat Naggaa wajjin quunnamtii qabuutti olola faallaa qabsoo eegalani. Kun hundi yakka isaanii fi ka TPLF aguuganii dabruuf yaalii taasifamaa tuee fi jirudha.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.