By | August 5, 2019


Dhaaba Malee Dhaabbii, Bara Baraan Gaabbii

By Daraaraa Maatiii (Kutaa 1ffaa)

Morkii Dhaabota Oromoo fi Yaaddoo Egeree Qabsoo Oromoo

1) Fashaluu yaalii walitti makamuu ADO fi ODP

Jijjiirraan siyaasaa biyya keenya keessatti erga ta’ee, waggaa(ganna) tokkoo fi ji’oota shanan darban kana keessa waa baayyeetu ta’e. Jijjiirraa bu’uuraa baayyeetu mul’ates. waan hin jijjiiramni tokkichi yoo jiraates amala dhaabota siyaasaa Oromoo fi geggeessitoota isaa ti. Silaa Jijjiirraan kun mataan isaa gaaffii Oromoof deebii ta’uu baatellee, cehumsi kun hangam bu’aa bayii qabaatellee daandii gara bilsummaa fi dimokiraasiitti nu ceesisuu dha. isa kana ammoo dhaabonnii fi qasba’onni Oromoo amala ciiggoo, amala wa gaareffannaa, wal takaaluu , gufuu walitti ta’uu fi qabsoo wali irra aanuu dhiisuun jijjiirraa kana dhugoomsuu irrattatti hojjechuu qaban ture. Ammas hin dhiine. Hir’ina karaa Kanaan mul’achaa turee fi jiru irratti barreessuuf hawwaan ture. Amma miseensummaa ykn itti gaafatamummaa dhaaba kamiiyyuu waanin hin qabneef yaada kana irratti barreessuuf safuurra waan na daangessu hin jiru.

Haalli amma biyyi keenya keessa jiru sadarkaa naannoo Oromiyaattis ta’e, walii gala biyyichaatti baayyee yaaddessaa dha. Haalichi jijjiirraa siyaasaa wareega guddaan argamee biyyicha gara bilisummaa fi dimokiraasiitti ceesisuuf daandii saaqame danquu fi boodatti deebisuu irratti kan akeekkatee dha. Garuu jijjiirraan kun milkaa’uu caalaa saba Ethiopia hundaaf ammatti filmaanni biraan hin jiru.

Barreeffamni koo wal-duraa duubaan dhufu kun siyaasa Oromoo irratti xiyyaafata. Siyaasa Oromoo isa wal xaxaa. Wal morkii dhaabota Oromoo gidduu jiruu fi deemsa qabsoo Oromoo irratti haalota yaaddessaa ta’an kakaasuun yaada maree akeekuu irratti xiyyaafata. Sana dura garuu dhabonni Oromoo kunoo eenyu isaan? Akeeka maalif dhaabbatan? Har’a sadrkaa maaliirratti argamu? Isa jedhu dura gaggabaasinee ilaaluun fayidaa qaba.

Har’a Oromiyaa keessa dhaabonni maqaa Oromoon socha’an baayyinaan 14 akka ta’antu gabaafame. Ammaaf dhaabota Oromoo biyya alaa galan tokko-shanan, ODP fi OFC irrattan xiyyaafadha. Dhaabota Oromoo alaa galan kanaanis kanin tokko-shanan jedheef shananuu dhaaba tokko ABO irraa madduu isaanii fi ammatti maqaa malee ilaalcha siyaasaa bu’uraa kan hin qabne ta’uu isaaniin. Isaan kunis ABO obbo Dawud Ibsaan hogganamu, ABO-Tokkoome, ABO-Qaama Cehumsaa, ADO fi PBO B. Gen. Kamaal Galchuun hogganamuu dha. Isaan kana keessaa dhiheenyatti ABO-Tokkoomee fi ABOn Qaama Cehumsaa kora gamtaa taasifachuun walitti makamanii maqaa ABO jedhu qofaan of yaamuuf murteeffatan. ADO fi ODPnis walitti makamuuf wal hubannaa mallatteessanii turanillee wal hubannaan sun osoo hin dhugoomin gatate. Barreeffamni kutaa 1ffaan kunis haala ADO fi ODP irratti akeekkata.

1) ADO 
Dhaloota, mul’ata, imalaa fi du’a tasaa ADO

Mata dureen kun namoota siyaasa Oromoo itti dhiheenyaan hordofaniif aja’ibsiisaa ta’uu baatellee, miseensota, deggertootaa fi namoota garii dhaabicha sadarkaa biraatti eeganiif rifachiisaa ta’u mala. Anis waanin amma barreessuuf deemu kana osoo hin jalqabin ergaa barreeffamni kun dabarsuuf akeekkate irratti baayyee itti yaadeen ture. Hiika inni murnoota adda addaa biratti qabaachuu malus ilaaleera. Garuu Oromoon kana booda dhugaa irratti wal tumsuu, waan lubbuu qabu jiraachisuu, waan abdachiisaa ta’e fuula duratti tarkaanfachiisuu malee waan hin jirre abdachuu fi maqaa qofaan jiraachuun dhaabbachuu qaba ejjennaa jedhuttan ciche. kanumaa ADOn kun eenyu, dhaloonni, mul’atnii fi du’i tasaa isa mudate kunoo?

ADOn ABO keessaa madde. Bu’ureessitootni, miseensonnii fi hoggantootni ADO irra guddaan isaanii miseensota, qondaalota ol-aanaa, akkasumas gariin bu’ureessitootaa fi hoggantoota ol’aanaa ABO duraa keessaa turan. ABOn ammoo qabsoo ummata Oromoo faffaca’aa ture waaltessuun mirga Oromoo humnaan sabame deebisee hiree murteeffannaa Oromoo dhugoomsuuf bara 1976 dhalate. Isa kana dhugoomsuufis barootaaf dhaaba qabsa’aa turee dha.

ADOn ammoo bu’aa qabsoo ABOn argamsise irratti ijaaruun, ABO keessatti jijjiirraa qabsoo argamsiisuu hanqate sana akka dhaabaatti bara 2013 of ijaaree guuttachuuf dhaabbate. Kunis qabsoon Oromoo bifa qabsoo jaarraa 21ffaatti jijjiiramee, biyya ambaa irraa biyya ofiitti deebi’uun qabsoo karaa nagaa ummata ofii waliin geggeessuun gaaffii Oromoof deebii argamsiisuu irratti xiyyaafate. Kanaanis Ethiopian sirna mootummaa Federaal Dimokiraatawaa sabdaneessaa qabaattee akka ijaaramtu taasisuuf qabsa’uu akeekkate. ADOn akka dhaabaattis ta’e hoggantootni isaa biyyatti galanii qaama seeraa ta’uuf dirqiitti mootummaa waliin haasa’uun nagaa buusuunis fardii ture. Sababni isaas akkuma olitti xuqne ADOn ABO keessaa madduu isaa fi hoggantootnii fi bu’ureessitootni dhaaba kanaa bu’ureessitootaa fi hoggantoota ABO duraa ta’uun, ABOn ammoo Mootummaa kana waliin baroota dheeraaf lola irra turuu isaan. Haa ta’u malee fedha dhabiinsa mootummaa sanaan haasaan nagaa ADO fi mootummaa gidduutti yaalamaa ture sun waggoota 6n darbaniif osoo hin milka’in turee, jijjiirraa siyaasaa Ethiopia keessatti mul’ateen jilli ADO biyya seenan.

Jilli ADO dura biyyatti galan silaa haasaa ADO fi mootummaa EPRDF gidduutti Dubai (United Arab Emirates) ti jalqaban sana biyya keessatti xumura itti gochuuf ture. Itti ba’insa haasaa kanaanis ADO biyyatti galchuun qabsoo karaa nagaa eegaluuf karaa qulqulleessuuf ture. Haa ta’uutii simannaa gaarii mootummaan taasiseefiin haa ta’u, sabab biraaf Jilli ADO dirqama hojiif biyyatti ergame, biyya ga’ee maree malee garaa hire. Walgahii jalqabaa waajjira Pirezdantii naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa keessatti ta’e irrattis jilli kun kan biyya dhufeef jijjiirraa siyaasaa biyya keessatti mul’ate kana deeggaruu fi fiixa ba’insa isaafis hojjechuuf akka ta’e addeesse. Itti fufuunis mootummaan keessan mootummaa keenya, Pirezdantiin keessanis keenya jechuun xuwwaa ol qaban. Inni kunis kara OBN ummata hundaafuu labsame. Kun garuu ergama jila ADO biyya seenanii hin turre. Dirqamni isaanii ADOn akkaataa biyyatti deebi’ee qabsoo karaa nagaa taasisu irratti mootummaa waliin haasa’uun haala aanjessuu ture.

Jilli ADO Oromiyaa ga’ee baatii ja’a booda kan wal gahe koreen Hojii Rawwachiiftuu fi KG ADOs gabaasa hojii jilli ADO biyya ture dhiheesse irratti yeroo dheeraa fudhatee haasa’e.  Keessumaa hariiroo ODP fi jilli ADO biyya keessa ture irra ga’es erga hubateen booda jaarmayaan kun lamaan walitti makamanii jijjiirraa siyaasaa amma biyya keessatti deemaa jiru fiixa baasuu irratti akka waliin hojjetan murteesse. Battalumattis wal hubannaan walitti makamuuf jiraachuun dhaabota kana lamaaniis ifatti mallattaawe. Gama dhaabota lamaanuunis qaamni walitti makamuu dhaabota kana lamaanii irratti hojjetu hundeeffame. Qajeelfamnis itti kenname.

Haa ta’u malee hir’inaa fi ofitummaa hoggantoota ADO garii keessatti mul’atee fi haxxummaa geggeessitoota ODP garii keessa jiruun walubannaan walitti makamuu ODF fi ODP sun osoo hin dhugoomin karaatti gatate. Kunis ADOn akka Jaarmayaatti qilleensa irratti akka hafuuf taasise. ODPn dhaaba Oromoo tokko lafaan dhahuun goolii jalqabaa kan lakoobsise fakkaata.

Kanumaa miseensonni KHR fi KG ADO akkamiin ODP waliin walitti makamuuf murteerra ga’an. Maaltu yeruma tokkotti murtoo akkasiif isaan hawwate. ODPn kunoo eenyu? Amma haala akkamii irratti argama? Carraan miseensota ADO qillensa irratti hafaniiwoo? guyyaa muraasa keessatti Kutaa 2ffaa barreeffama kanaa keessatti waliin ilaalla.”

One thought on “Dhaaba Malee Dhaabbii, Bara Baraan Gaabbii: Morkii Dhaabota Oromoo fi Yaaddoo Egeree Qabsoo Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.