By | July 12, 2018


Dhaabbatni Media ESAT Yakka Sanyummaa Irratti Xiyyeeffate Ta’ee Jedhee Yeroo Garaagaraatti Uummata Oromoo Irratti Dalagaa Jiruuf Seeraan Itti Gaafatamuu Qaba.
=======================================
FB – Adoolessa 12, 2018

Median ESAT uummatni Oromoo akka dhiiga waldhangalaasuuf yakka uummata keenyarratti dalagaa ture, akkuma itti fufetti jira. Median kun teessoo isaa Amerikaa Washingiten DC, godhate asiin asiin fulduras uummata Oromoo maqaa balleessuu irratti xiyyeeffachuun
-Aadaa Uummata Oromoo dhabamsiisu (cultural genocide),
-Seenaa uummata Oromoo balleessuu (historical genocide)
-Afaan Oromoo balleessuu (linguistic genocide)
– Ifatti uummata Oromoo arrebsuu (insulting our people)
– Olola siyasaa (propaganda) balbaballoomsuun uummatni Oromoo akeekaafi kaayyoo mirga isaaf qabsaa’eef akka tokkummaan hin dhaabbatneef shira ulfataa uummata keenyarratti dalaga ture ammas itti fufe jira.
Wayita uummatni Oromoo ejjeennoo tokkoon akeeka qabsaa’eef galii isaa gahuu jiruufi jaarmiyaan Siyaasaa jaalatamaafi kabajamaan Oromoo ABOn adeemsa araaraa mootummaa Ethiopia MM Dr Abiy Ahmed waliin dubbachaa jirutti , yakka humnootni badii ergamtootni Wayyaanee ittin ABO maqaa gurraachessuuf yakka ajjeechaa suukkaneessa ilmaan Oromoo irratti raawwatan qulqulleessanii seeraaf dhiyeessuu wakkachuun bulchiinsii mootummaa naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaa haasawaa miiraan guutamee caffee Oromiyaa irratti taasisan akka ijootti fudhachuun #Median_ESAT yakka maqaa balleessiifi olola Gaazexeessa ESAT kan ta’ee #Daraje_H_Waldee olola ta’ee jedhee media ESAT’n ofaa jirun uummata Oromoo fi dhaaba uummata Oromoo ABO maqaa balleessuuf shira diinummaa itti jiran irraa ammallee akka hin dhaabbatneefi uummata keenya dhiiga wal dhangalaasisuuf halkanii guyyaa yakka sanyummaa irratti xiyyeeffate rawwacha jiraachuun Mirkanaa’eera .
Walumaa galatti Median ESAT yakka sanyummaa irratti xiyyeeffatee kan halkanii guyyaa uummata Oromoo irratti dalagaa jiruuf seeraan itti gaafatamuu qaba. Yakkoota ulfaata median ESAT uummata Oromoo irratti yeroo garaagaratti dalagu argamaan olitti kaafneefi kanneen hafan hundaaf ragaan qabatamaan waan jiruuf akka sabatti himata seeraa irratti dhiyeeffannee dhimmi dhaabtani Media ESAT kun itti hin gaafatamneef hin jiru.
Dhaabbatni Media ESAT gaafatama seeraaf dhiyaachuu qaba.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.