By | July 1, 2018


Dhalootatti Maluun,, Ofiin Dhabamuudha !!!

SEENAA  Y.G (2005), Adoolessa 1, 2018

Qeerroon Horro Guduruu guyyaa har’aa akka kanaan irbuu waliif seenuuf jaarsolii biyyaa dabalatee waadaa isaanii bakka – Adoolessa 1, 2018

Baroota dheeraaf shirri diinaa nu cabseera. Ofumaan of cabsinee diinni akka nurra sirbuu taasifneerra.  Shira diinaa kana cabsuuf, waggoota dheeraa nurraa fudhateera. Haata’uuti har’aa geeddarameerra. Kan qabsoo namoota biraa ilaallee osoo akkas taanee jechaa hin jirru. Har’aa shira diinaan gaadi’amuu keessaa baanee, nuutu diinaaf boolla qotaa jirra. Kana booda Shirri diinaa Oromoo cabsuu hin jiru.Qabsoon Oromoo of irra dabree, saboota hedduuf furmaata ta’aa jira. Shirri diinaa akka kaleessaa nu cabsuu osoo hin taanee, shiruma diinaatti dhimma itti baanee akka sibiilaa jabaachaa jirra. Addatti dhaloonni Oromoo amma jiran, beekumsaa fi dandeettii diinoota keenyaan ol ta’anii, diinaaf yaaddoo ta’aniiru. Kana ijaan arguuf ga’uun nama gammachiisa.

Baatii sadii asitti haalli Itoophiyaa keessaa geeddaramaa jira. Shirri diinaa tortoraan sun dabree, shirri fedhii keenyaan wal fakkaatu nu tolfamuu ega eegalee, baatii sadii dabruuf jira. Akka yaada kiyyaatti, Ihaadeeg keessatti, Fonqolchi Mootummaa ka gaggeeffamuutu natti dhaga’ama.. Sochiin amma jiru baatiima lama keessatti Dr. Abiyyi ka uumee Osoo hin taanee, qophii waggaa 15 olii kan ittifudhatee dhaa. Jarri har’aa walakkaa Hiwaatiif boolla qotaa jiru fakkaatu kun, humna alaan leenjifamee fi deeggaramee, adeemsa har’aaf ka dhaqabeedhaa. Gareen Abiyyi maqaama Ihaadeegiin,a mma guutuu Biyyaa dhunfataa jiru kun, sagantaa yeroo dheeraa keessa waan hojjataa jiraateetu jira. Seenaa gadi fageenyaa yeroo itti dubbannutu jira. Garuu Qabsoo Oromoo irratti shira hojjachuuf waggoota hedduu yaalamaa jiraate. Gareen har’aa kottaa galaa jechaa jiran kun, kaleessa ABO diiganii, ykn humnaan dhuunfatanii isa har’aa kana ABO Ihaadeegiif mijatu fuudhanii galuuf turan. Kanneen dhaaba kana keessatti dhaqanii nammanis yeroo dheeraa keessa kaayyoon isaanii kana ture. Kana dhugeessuf, miseensoota Ihaadeeg kaleessa momanii ba’an yeroo deebi’an arguun ga’aadhaa. Dhimma kana irratti yeroo isaatti ittan deebi’aa. Diraamaa hojjatamaa turee jechuu kiyya.

Dr. Abiyyi Ijoollummaa kaasee Ihaadeeg keessa jiraachuu fi waggoota dheeraaf waan har’aa gaggeessaa fi raawwataa jiruuf leenjifamaa jiraate. Yeroo ammaa beekumsaa fi dandeettiin qabu hundisaa Ummatuma kana akka booji’uu fi Ummata hawwatee dubbii akka tasgabbeessuu qopheessanii jiran. Dr. Abiyyi Kaayyoon isaa inni guddaan Itophiyaa Ameerikaan barbaadduu baraarudhaa. Kanaan dura akkuman katabee, dalagaan Abiyyi inni ijoon Dinagdee Biyyaa ol kaasuu fi jireenya Ummataa fooyyeessuuf ka dhufee miti. Haaluma siyaasaa amma itti jiru akka uumuuf dhufe. Qabxiilee kanneen ka nu mirkaneessuu hedduu kaasuu dandeenya.

Humni kun qaama hedduu jabaa ta’een ijaaramee fi sagantaa jabaa yeroo gabaabaa fi dheeraan ka masakamuudhaa. Ajandaan qaban maalii ?

  1. Itoophiyaa bittinaa’uuf jirtuu baraaruudhaa
  2. Ummata rakkoon itti hammaattee sadarkaa dhumaarra osoo hin geenyee tasgabbeessuu,
  3. Gaaffii Ummataa sadarkaa barbaadamutti deebii itti kennuudhaa.

Egaa adeemsa kana keessa waan hubachaa tarkaanfatantu jira. Rakkoo amma Biyyatti keessatti jabaachaa ture irraa ka’uun deebii kennuuf sochii walkeessaa ykn qorannoo walkeessaa gaggeessaa jiran. Waan hegaree Biyyattiif maluu jechuudhaa. Mata dureen sochii kanaaa MADDAMARII ka jedhan. Ajandaan isaanii jalqabaa waa lama.

  1. Biyya Itoophiyaa jedhamtuu sirna Ahaadaawwitti deebisuu,
  2. Sirna Fedaraalizimii itti fufsiisuu.

Hiikkaan Maddamarii qabxiilee kana lamaaniin ibsamuu danda’a. Kanaafiidhaa, hiikkaa maddamarii Kaabaa fi Kibba Biyyattiitti garaagarummaa ka qabaatee.

Akka xiinxala jara kanaatti, biyyattii diigumsatti ka geessuu haala amma jiruudhaa warri jedhan humnoota kana amansiisuu yaalurraa ka dhufeedhaa. Haa ta’uutii adeemsi kun Ihaadeeg burkutaa’aa jiruuf isa dhumaa ta’uu waan hubataniif, Qabxii lammaffaa irra isa jiru hanga Labsii Ashabbaarii kaasutti yaalaa turan. Qabxii 2ffaa SirnaFedaraalizimii jalatti akka lamatti keewwatanii turan.

  1. Sirna Fedaraalizimii dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa keessa jiraachuu dandeenya jedhan qofaan hundeessuu,,,
  2. Sirna Fedaraalizimii Dhaabbilee Siyaasaa Qabsoo hidhannoo gaggeessan hirmaachisuun ijaaruu,

Yaaliin jalqabaa, Dhaabbilee Siyaasaa Itoophiyaa keessa jiraachuu dandeenya jedhan walitti fidanii, isa kaanis Biyya alaa akka galuu taasisanii, yaada Ummatootaa ilaaluu yaalaniiru. Ummatoonni gurra isaaniif qaban hordofaniiru. Adeemsa kanarraas gammachuu hin qaban. Inumaa Ummatoonni addatti Ummati Oromoo ABO malee waan ta’uu danda’uu gonkumaa hin jiru jechuun, warra waan kana oofaa jiran yaada jijjiirsiisee. Keessattu dhaabbileen siyaasaa Biyya alaatti hojjatamanii seenan harka maratanii taa’uu fi fedhii Ummatin jara kanaaf qabu gadi aanaa ta’uu irraa, akkasumas, lammiilee mana hidhaa keessatti hammeenyi gara garaa irratti hojjatamaa ture, hidhaa ba’ee ABO malee jechuun dirqamaan shira isaanii gatachisiisee jira. Yeroo kanatti ABO waamuuf qarqararra ka ga’niif kanumarraati.

Shirri waggaa 27 ykn wayyaanoonni waan waggaa 27f namatti malaa jiraatan itti galagaluu argaa jirra. OPDOn Ummata Oromoo irratti maltuus maal akka ishee mudatu, yeroo gabaabaa keessatti arguuf jirra. Warri ABO irratti malaa jiraatanis, maal ta’aa akka jiran argaa jirra. Warri Ummata isaaniif wabii tokkollee Mootummaa biraa hin gaafatiin, ykn waliigaltee hin godhiin galan, Ummata isaanii karaatti ajjeefamuu fagootti dhaga’aa jiraatan, ijaan arguutti geeddaratanii jiru. Ummataaf dhaabbannee jechaa, wabii dhuufaa isaanii qofaa mirkaneeffatanii Biyyatti galan. Ummata irraa polisillee qabuu hin dandeenye. Dhaloota kanatti, dhaloota seenaa hojjataa jiru irratti maluun, dhabamuu ofii ofirratti labsuudhaa.

Dhalooti jiru haqa isaa qabatee, diina harka micciiree waan barbaadu raawwachiifataa jira. Ummata akkas dammaqee mootummaa dirqisiisaa jiru dabsachuuf yaaluun of salphisuudhaa.

Maaltu nurraa eegama:-

  1. Ajandaa bubuutuu waliin atakaaroo seenurraa of qusachuu,
  2. Halgaan Dr. Abiyyiin waan abaaruuf ykn waan dinqisifatuuf qaba. Nuutiwoo? Kana adda baafachuu, carraa jirutti dursanii argamuu,
  3. Qabsoon wareegama ulfaataa nu gaafatuu dhihaachaa jiraachuu beekuu,
  4. Naamuusaa fi Icitti ofii tikifachuu hanga mirgi Oromoo deebi’uutti murannoon itti fufu,
  5. Dhaadannoo fi dhaadachuu Baahirdaaritti arginuun keessa ofii ibsuurraa of qusachuu. Yeroo isaa waan hin taaneef.
  6. Oromiyaa keessatti Ummata keenya kana caalaa jiruu, wal bira akka dhaabbatu taasisuu
  7. Dhaabbilee Siyaasaa Oromoo dhugaaf jirani fi dhiisan Ummataan adda baasanii beeksisuuf qophaa’uu
  8. Ogummaa garagaraan wal ijaaruu haalaan jabeessanii itti fufuu,
  9. Dhalli Oromoo eessallee jiru Biyyaisaa fi Ummata isaaf waardiyyaa ta’uun, sadarkaa irra jirru tikisuu, diina hordofuu fi saaxiluu, walbeeksiisuu,
  10. Sochii godhamtuu hundaa tu’achuudhaa. Hegaree araara boodaafillee haalaan of gadi dhaabuu.
  11. Lafa Oromoo kamuu ammatti keenya jedhanii dubbatanis, yaada hirree sochii itti jirru gufachiisuun barbaachisaa miti. Ajandaan isaa har’aa miti. Waraabeessoonni Amaara fakkaatanii waa hedduu barreessaa jiruu irraa of tikisaa.

Jabaadhaa Biyya kana keessatti waan hojjatamuu maluu fi furmaata ta’uu harka Oromoo keessa jiraa dhimma itti haa baanuu.

HORAA BULAA !!!!!!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.