By | May 28, 2018


DHIBEE DHOKSUUN DHUKKUBA HIN FAYYISU

Milkeessaa Hayiluu, Caamsaa 28, 2018

DHIBEE DHOKSUUN DHUKKUBA HIN FAYYISU

Namni yoo dhukkuba wayiin yoo qabame mana yaalaa deemeetu dhukkuba isaa dhibee isa muudate dhoksaa tokko malee dooktoratti himata. Dhukkubni kun akkamitti akka isa jalqabe, akkamitti akka dhukkubu, bakka kam akka isa dhukkubu, yoom akka isa jalqabe, maal irraa akka isa jalqabe, yeroo kam akka itti hammaatu hunda utuu hin dhokfatiin mara dooktoratti himachuudhaan booda, dooktorris himannaa isaa kana irratti hundaawuudhaan furmaata qoricha dhibee kanaaf malu ni fayyisa jedhee itti amanu ajajaafii yookaan kennaafi.

Garuu kana ta’uu baatee namtichi dhukkuba hamaa ulfaataan qabamee  utuu dhibamaa jiruu, dhukkubi kun daran itti hammaachuu irraan sababa dhibee kanaan guyyaa du’a isaa utuu eeggataa jiruu dhukkuba isaa dooktoratti ifatti himatee qoricha argachuu irra dhoksuu yoo filate dhumi isaa kan isaafii hin oolle “dhoksaan” kan isa hin oolchine dhumi isaa du’a qofa ta’a.
Waa’ee dhukkuba ofiif wallaansa barbaaduu kana waa maleef hin kaasne. Yeroo ammaa kanatti bifa walfakkaatuun Oromiyaa keessatti dhibee siyaasaa turaa (chronic) kan  ta’etu akkasumas dhukkuba siyaasaa ifa dirreetti mul’atu uummti hundi beeku garuu ammoo ifatti himanii wal mariidhaan furmaata maayii qoricha itti barbaadu irra dhibee siyaasaa turaa kana (dhoksaan yookaan dhoksuun  ) akka furmaata tarsiimootti fudhatamee jira.

Haata’uuti bara dheeraa irraa jalqabee guyyaa gaafa sabni Oromoo afaan qawweedhaan biyya isaa fi mirga isaa sarbamee kaasee sabni Oromoo akka sabaatti biyya isaa fi mirga isaa deebifachuuf qabsootti jira. Garuu moototni sirna habashaa dhufaa darbaa aangoo biyyittii Itoophiyaa jedhamtuu qabatan hundi qabsoo uummata Oromoo fi gaaffii haqaa uummata Oromoof beekamtii kennaniifii furmaata maayii barbaaduu irra qabsoo saba kanaa dhukkaamsanii dhoksuu filatan.

ABOn bara dheeraaf sirna mootummaa Dargii lola hamaa lolaa ture sana keessatti, mootummaan Dargii gaaf tokkoof illee loloota kanaaf beekumtii kennee ABOn yookaan WBOn nu lolaa jira jedhee maqaa dhahee dubbatee hin beeku ture. Saba Oromoo irraa ni dhoksaa ture. Sababaan isaa Maqaa waamee ABOtu nu lolaa jira yoo jedhe uummata  Oromootu itti dammaquu waan maluuf jecha sodaatanii, yeroo hundaa haga dhumaatti qabsoo uummatichi godhe gara-dabarsuu,dhukkaamsuu fi dhoksuu yaalaa turan. Garuu qabsoo sabaa dhoksuu fi dhukkaamsuun dhabamuu fi kufaatii irraa isaan hin oolchine. Dhuma irratti qabsoon sabaa mo’ee ol bahuudhaan mootummaa dargii nama nyaataa sana of irraa darbate.

Kufaatii Dargii boodas akka carraa ta’eetu Sabni Oromoo bilisummaa isaaf hin milkoofne. Sirni nama nyaataa mootommaa Ihaadig wayyaanee bakka qabatte. Hacuuccaan bifa hundaa, saaminsi dinagdee,  buqqifamuun, tuffatamuun, gadaantummaan siyaasaa, ajjeefamuun, arihatamuun fi hidhamuun daran isa kan Dargii baayyee caaluun uummata Oromoo irratti fufe.
Kanaaf jecha ABOnis akkuma ganama irraa kaasee saba kanaaf waadaa seenee jirutti qabsoo hadhooftuu bifa haaraan sirna wayyaanee Ihaadig nama nyaattuu kana irratti qabsoo eegale. Haga ammaattis itti jira. Injifanoolee hin tuffatamnees argamsiiseera argamsiisaas jira.
Yeroo ammaa kanatti ammoo Qeerroo bilisummaa Oromoo ijaaree qabsoo sabichaa dhaalchisuudhaan Qeerroonis ammoo qabsoo bifa ammayyaaheen tooftaa qabsoo bifa garaagaraatiin sirna wayyaanee Ihaadigiin raasee ishee dhumaaf kokkee diinaa hudhee qabee jira. Akkasumas WBOnis kallattiisaatiin sirna wayyaanee Ihaadig ilmaan namaa nyaataa jirtu kanaan  Oromiyaa guutuu lafa bal’oo keessatti Awwaaressee barbadeessee diina saba isaa irraa lolaa jira. Kanaafis ragaan yoon isa fagoo dhiisellee innumti kaleessaa fi dheengadda lolli Begii, Gidaamii fi Dambidoollootti ta’e qofti ragaa gahaa dha.

Haata’uutii akkuman oliitti xuqqe sirni wayyaanee Ihaadig kun akkuma sirna abbootiishee duraanii Qabsoo uummata Oromoo ABOn hooggaanamu guutummaa  Oromiyaa keessaa akka abidda saafaa belbelee kokkee hudhee ishee qabee jiruun, iddoo beekumtii laatteefii mariidhaan furmaata barbaaduu irra qabsoo uummatichaa  akkuma abbootiishee dhukkaamsuu, gara-dabarsuu fi dhoksuu filattee jirti.

Qbsoo hadhooftuu uummti Oromoo ABOn hoogganamee gaggeessaa tureen dhoksuu fi dhukkaamsuun mootummaa Dargii iyyuu kufaatii irraa hin oolchine. Garuu sirni mootummaa wayyaanees isa darbe irraa barachuu hin barbaanne. Qabsoo uummata Oromoo karaa sirnaa fi nagaan deebii kennuu irra,utuu beektuu fi argituu qabsoo uummatichaa komaandi poostiidhaan dhukkaamsuu fi haleellaa laalessaa WBOn fudhataa jiruu fi lola barbadeessaa WBOn lolaa jiruun dhoksuu fi akka uummati hin dhageenye gochuuf yaaluu akka tarsiimootti fudhattee socho’aa jirti.

Kun ammoo tasuma kan ishee dhabamsiisu yoo ta’e male furmaata fiduu hin danda’u. Rakkoo jiru dhoksuu fi dhukkaamsuun tasuma gonkumaa furmaata ta’uu hin danda,u.

Yeroo ammaa kana Oromiyaan bifa garaagaraan kallattii hundaan waraana(lola) hamaa keessa jirti. Kallattii hundaan fuula maraan ilmaan Oromoo guyyuu ajjeefamaa oola. Kallattii hundaan Harmeen Oromoo deesse boohaa jirti. Garuu kun hundi ta’eetu amma illee gartuu wayyaanee Ihaadig biratti “dhoksaa fi dhukkaamsaan ” akka tarsiimootti filatamee jira. Garuu haqi dhugaan jiru, rakkoo jiruu fi dhukkba dhoksuun furmaata ta’uu gonkumaa hin dandahu.

Furmati jiru rakkoo fi dhukkuba siyaasaa kroonik ta’ee bara dheeraaf saba Oromoo rakkisaa jiru beekumtii laatameefii ifatti  himuudhaan, hoogganaa fi kaallacha qabsoo uummata Oromoo isa ta’e ABO hirmaachisuudhaan ABO waliin mariidhaan furmaata buqqaasaa dawwaa madaaluufii barbaaduu dha male qabsoo sabaa dhukkaamsuun fi dhoksuun gonkumaa furmaata hin fidu.
Dhuma irratti, rakkoo siyaasaa kroonik ta’e biyyittii Itoophiyaa jedhamtu kana keessa bara dheeraaf turee fi jiruuf  furmaati isaa  furmaati buqqaasaan jaalannes jibbinees ol- utaalles gad-utaalles hagamuu barri isaa dheeratus harka ABO jira. Siyaasaan Itoophiyaa ABOn keessaa qooda hin fudhanne akka baarmela duwwaa iyyuu ti. Of gowwoomsuudha. Biyyittii Itoophiyaa jedhamtu kana keessattis ta’e gaanfa afrikaa irratti nagaa waaraa fiduuf jaalannes jibbines ABOn murteessaa dha. ABO jechuun fedhii fi kaayyoo saba Oromoo jechuu dha. Dhugaan jirtu kana.

Horaa bulaa!

Oromiyaan ni bilisoomti!
Injifannoon Ummata Oromoof!
ABOn kallacha uummata Oromoo ti.
ABOn bara baraan haa jiraatu!!
Milkeessaa Hayiluu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.