By | June 4, 2019


Dhimma Itoophiyaa fi Keeniyaa irratti Ibsa Ajajaa Olaanaa WBO/ABO irraa bahe

Via Dábessá Gemelal, June 3, 2019

Mootummaan keeniyaa fi bulchiinsi Marsabeet rakkoo mootummaan Itoophiyaa uummaata oromoo irraan gahaa jiruu fi turee akkamitin ilaalaa.

ABOn ykn WBOn erga Oromiyaa Kibbaa qarqaara daangaa kaabaa keeniyaa irraatti of ijaaruun mootummaa Itoophiyaa haleeluu jalqabee waggoottan 25n ol tahee jiraa. Waggoottan darbaan kana keessaatti WBO fi uummaanni Oromoo kaaba keeniyaa; gabra, ajuurana, diigoodii, saakuyyee, masaayee fi randillaa,dabaalatee walumaan jiraataa turaan. Rakkoo uummaata naannoo daangaa keeniyaa jiruu hunda WBOn jaarsa araaraa tahuun araarsaa ture. shiftaa, saamtuu fi hattuu haxaa’ee balleessee tasgabbii kaaba keeniyaa fi kibbaa oromiyaatti goonfate. Nageenyi keeniya bakka WBOn itti dhiyaatuu fi WBOn jiruutti qofa. Yaa tahuu malee garuu mootummaan keeniyaa fi Itoophiyaa WBO barbadeessuuf yeroo hedduu karoora fi sagaantaa waliin baasaa turaan ammaas itti jiru.

Mootummaan kun yeroo amma 03/06/2019 wal gahii qaamni waraanaa jajjabaan gam-lamaaniin waliitti dhufuun dhimma WBO sakaatta’uu fi balleessuu irraatti jeneraalootni mootummaa lamaanii magaala Moyyaalee hoteela Kookeet jedhuutti marii gochaa jiruu.

Yeroo uummaata Oromoo mootummaa Itoophiyaan miidhaan lubbuu, qabeenyaf biyya irraa buqqa’uun waraanni Itoophiyaa waraanni Itoophiyaa uummaata Boraanaa fixuun baqattummaan biyya isaa akka turaan osoo beekuu rakkoo saba oromoo ilaaluu dhabuun qabsoo oromoo jaamsuuf yaaluun irraa mul’aacha jira. Adeemsi kun ammoo ABO, WBO fi uummaata oromoo biraatti fudhaatama hin qabuu. Mootummaan keeniyaa osoo WBO fi ABO irraatti tarkaanfii mootummmaa Itoophiyaa gargaaruu osoo itti hin fufiin irra deebiin ilaalu fi rakkoo mootummaa EPDRF oromoo keeniyaa ittin miidhaa jiruu walaaba tahee qoraachuu qaba. fkn lammiilee keeniyaa kanneen akka
1. chief Taro sora
2. sajin Edin begajo
3. Nuru mallich
4. Galgalo Burji
5. Tachi Areroo
6. Boru Jilo kosaye
7. Tunu Boru kan jedhaaman walaabummaa daangaa keeniyaa sarbaanii seenuun namoota waraanni Itoophiyaa Ajjeesedha.

Bulchiinsi naannoo marsabeetillee of booda deebi’uun qorannoo gochuun miidhaa mootummaan Itoophiyaa Booranaa fi gosoota biraa irraan gahaa jiruu ilaaluu qaba.

Walumaa galaatti mootummaan keeniyaa Tarkaanfii kana osoo hin fudhaatiin dursee rakkoo oromoo fi ipaayera itiyoophiyaa idduu gana 150 turee, ganna 45 oliif wareegama ulfaataa ummati oromoo itti baasee kana gara xumuraa tti akka deemuu gochuurraa bara dabraa dhufa loogii mootummoota ipaayiritti dabaree aangoo tti dhufan cufaaf harka dhaanuun mootummaa keeniyaa falaa akka hin taane hubachuu qaba. Naannoo kanaaf furmaati rakkoo jiruuf qajeellootti furmaata itti kennuu malee, fallaa deemuun dhibdee gaanfa Afirkaatti dhalatee ibda ramacaa ta’ee naannichaa hammacaa jiru, barnoota gaarii ,irraa deebii’anii yaadatuu qaban jenna. Kanaaf karaa qajeelaa filaachuun dirqaama isaati. Maqaa WBO barbaaduu jedhuun Keeniyaa Kaabaa fi Oromiyaa Kibbaa jeequu irraa akka keeniyan qooda hin fudhaanne kabajaan isiin hubaachiisna.

I U Of! !
Ajaja olaanaa waraanaa ABO/WBO


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.