By | January 20, 2019


Dhimma: Xalayaa saffisaa fi banaa waraana dhaabuu fi gidiiraa ummata keenya naannoo Oromiyaa

Amajjii 14, 2019

Kabajamoo Dr. Abiy Ahmed Ali
Muummee Ministeeraa
Ripaablika Dimookraatawaa Itoophiyaa
Finfinnee, Itoophiyaa

Kabajamoo Dr. Lammaa Magarsaa
Prezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee, Itoophiyaa

Dhimma: Xalayaa saffisaa fi banaa waraana dhaabuu fi gidiiraa ummata keenya naannoo Oromiyaa addaddaa keessatti deemaa jiru keessaayyuu Wollaggaa, Boorana, Gujii, Shawaa Dhihaa fi Harargee itti akka dhaabbatu gaafachuu.

Kabajamoo Dr. Abiy Ahmed fi Prezidaant Lammaa Magarsaa:

Nuti Waldayoonni ummata Oromoo, xalayaa banaa fi saffisaa kanaan waraanaa fi gidiraa guyyuu ummata Oromoo irra gahaa jiru hanga humni keessan isinii eehameen akka dhaabsistan kabajaan isin gaafanna. Akka hundi keenya yaadanutti, dhuma ji’a Fulbaana 2018 kaasee ummati kuma dhibba lamaa ol ta’u Naannoo Banishangul-Gumuz keessaa humnaan buqqifamaniiru. Jarreen qee’ee ofii keessaa buqqifaman kunniin rakkina beelaa, dawoo-dhabuu, hiyyummaa cimaa fi dhukkubaan dararamaa jiraataniyyuu gargaarsa gahaa mootummaa naannoo irraayis ta’ee kan federaalaa irraa waan argatan hinqabu. Wollagga keessatti manni barnootaa hedduun waan cufameef barnooti barattoota kumaatamaan lakkaahaman jelaa gargar cite.

Dabalataan, lolli Wollagga keessatti baballatee lubbuu nama nagaa hedduu galaafatee maatii tokko keessaa namni sadii ajjeefamuun hedduu nu naaniseera. Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) dubartoota, ijoollee fi manguddoo Gullisoo, Najjoo, Aayiraa fi Horro Guduuruutti qawwee gurguddaan ajjeessan. Qawwee gurguddaa hawaasa hin hidhatiinitti dhukaasuun ummata Oromoo rifachiisuuf kan yaalame fakkaata. Dargaggoo fi dargaggeettii, Qeerroo fi Qarree jedhamuun beekaman, hedduu Wollagga keessaa hidhaatti guuramaniif ragaan qabatamaan gabaasaan jira. Fakkeenyaaf, gabaasaa Human Rights Leegue for the Horn Africa Amajjii 11, 2019 baase (hidhata ilaali) yoo fudhanne Amajjii  9, 2019 tti Oromoota dhibbootaan lakkaahaman keessaa Abbaa Gadaa Getaachoo Tafarii Begii keessaa dabalees hidhamtoota siyaasaa kanaan dura hidhamanii gadlakkifaman Caaltuu Takkelee Abeetuu, Sanyii Takkalee Abeetuu, Margaa Wirtuu (barsiisaa) fi Dastaa Lataa (daldalaa) Shaambuu keessaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa tiin hidhamanii jiru. Gabaasaan biraa immoo miseensoti RIB ijoollee durbaa fi dubartoota Gaara Abba Seenaa, Najjoo, Horroo Guduuruu itti gudeeduu isaanii ni ibsa. Wanti wal nama hinmormisisne reebichi, hidhaa fi ajjeechaan magaalooti xixiqqaa kan akka Gullisoo, Calliyaa, Begii, Kobor, Qashmandoo, Giddaa Ayyaanaa, Naqamtee Boojjii, Babo Gambel, Gimbii, Shambuu fi Najjootti akka itti fufe ta’uusaa ti. Bifa walfakkaataa dhaan kibbi Oromiyaa Gujiin, gidduu galeessa Oromiyaa Jalduun akkasumas Buunoo Beddellee Iluu’abbaabor loltuu RIB tiin weeraramanii jiru. Wolumaa galatti eegii lolli Oromiyaa irratti labsame torban lama keessatti Oromoon 200 ajjeefaman 300 ol immoo hidhaatti guuramaniiru. Murtiin hamaan ummata nagaa irratti aggaamatamee fudhatamaa jiru kun RIB isuma sirni Woyyaanee woggoota 27 darbe ummata keenya miidhaa ture san deebisaa jiraachuu isaa nama yaadachiisa.

Dabalataan, Wollaggaa keessatti sochiin daldalaa hedduu hir’ate, hojiin mootummaa fi barnooti ijoollee danqameera. Dirqamni mootummaa kamiiyyuu nageenyaa fi qabeenyaa ummataa tiif tiika kennuu ture. Yeroo kanatti naannoo Gujii, Boranaa, Wolloo, Baalee fi Harargee tiif iyyannaa godhamuuf caalaa, iyyannaan saffisaa fi gaariin hinjiraatu. Ummata naannolee kana keessatti dhumaa jiru fi qabeenyaa manca’aa jiru baraaruu (dhaabuu) caalaa, hojjaan ulfaataan biraa mootummaa Oromiyaa fi kan federaalaa irraa eegamus hin jiru.

Nuti waldayoonni ummata Oromoo waldhibdee mootummaa naannoo Oromiyaa akkasumas mootummaa federaalaa fi ABO gidduutti, keessattuu Wollagga keessatti hedduu babballachaa jiru irratti bareechinee rifanne. Waldhibdeen durumaa ofumaan baballata. Burqaan waldhibdee jarreen kanaa akka nutti fakkaatutti seenaa wal’amanuu dhabuu qaban irraa kan madde. Dhibdee wal’amantaa woggoota 28 lakkoofsise kana furuuf garee lameen gidduutti obsaa fi marii dhaan nagaa iddootti deebisuu feesisa. Mootummaa fi ABO gidduutti waltumsa fi walhubannaa xaliilaatti daandii geessu saaquun salphaa ta’uu baatuyyuu lola dhaabuu, ajjeechaa ummata nagaa hanqisuu fi qabeenya barbadaahu xiqqeessuuf of’eeggannoo cimaa dhaan itti adeemamuu qaba. Kanumarraa ka’uun mootummaan Oromiyaa fi mootummaan federaalaa sochii lolaa naannoo Wollaggaa, Gujii, Baalee, Boranaa fi naannoo birootti adeemsisaa jiran akka dhaaban gaafanna. Akkasumas ABOn garaagarummaa xiphisanii nagaan waliigaltee irra gahuuf hamma isaanii danda’ame sochii loltuu isaanii Wollaggaa fi naannoo biroo keessaa akka toohatan isaanis akkanuma gaafanna.

Muddee 2018 itti kanneen armaan olitti kakaasne Wollaggaa keessatti utuu hin dhoohiin dura ummati keenya naannoo Boranaa, keessattuu magaalaa Mooyyaalee keessatti loltuu Itoophiyaa tiin miidhaman. Fakkeenyaaf, Bitootessa 2018itti Komaand Postiin loltuun abboomamu kan labsii yeroo muddamaa hoogganu namoota hedduu ajjeese. Kanumaan namooti 60,000 ta’an naannoo Moyyaalee ti baqatanii biyya Kenniyaatti kooluu galan. Ajajaan loltuu dhumaatii naannoo Moyaaleetti ta’ee fi namni 60,000 Keeniyaatti baqateef sababaa ta’e ammas ajajaa Komaand Posti ta’ee hojjataa jira. Arfaasa 2018 itti milishiyaa Somaalee lola torban tokko fudhate naannoo Moyaaleetti adeemsifameen Oromoo 75,000 qee’ee buqqaasee, ijjoollee, dhiiraa fi shamarran hedduu fixee, manneen dhibbootaan lakkaahamu gubee akkasumas barumsa naannoo Moyyaaleetti iggite. Lolli milishiyaa Somaalee Arfaasaa 2018 itti eegalee hanga ammaatti hin dhaabanne. Torbee jalqabaa Amajjii 2019 itti milishiyaan Somaalee meeshaa gurguddaa hidhatan Gujii, Borana, fi naannoo Baalee Kibba Oromiyaa weeraranii Oromoota hedduu qee’ee akaakilee isaanii keessaa godaansiisan.

Bara 2016 – 2017 gidduutti Liyyu Polisiin Somaalee meeshaa gurguddaa hidhate ittiyaadee fi saganteeffatee Oromoota miliyoonaan lakkaahaman daangaa Somaalee fi Oromoo irraa qee’ee isaaaniirraa buuqqise. Ball’inni diigamaa fi buqqiiffamuu ummata Oromoo naannawa 14 Oromiyaa Harargee dhihaa keessatti Qumbii, Cinaaksan, Miidhaga Lolaa, Gursum, Mayu Muluqe fi Baabillee, Harargee Dhihaa keessatti Bordoddee, fi Baalee keessatti Dawe Saraar, Saweena, Madda Walaabuu, fi Raayituu Gujii keessatti Eldeloo fi Liiban akkasumas Borana keessaa Moyyaalee keessatti taasifamee jira. Hojjaa gaddisiisaan kun Fuulbaanaa fi Onkololeessa 2017 keessatti naannoo Somaalee keessaa qofa dubartooti, ijoollee fi dhiirri Oromoon kuma dhibbaa fi kuma shantamaa ol ta’an qee’ee abbaa isaanii keessaa buqqifamuun itti dabalame. Hammeenyi kun kan raawwatame qabeenyaan isaanii dhaabbataa fi socho’aan eegii saamamee booda.

Jalqaba bara 2018 kaasee Oromiyaa Bahaa keessatti Liyyuu Polisiin Somaalee Cinaaksan, Gursum, fi Baabilee Harargee Dhihaatti, Bordoddee Harargee Bahaatti utuu Oromoo irratti hin rorrisiin torban tokkollee kan darbe hinjiru. Caamsaa 15, 2018 meeshaa gurguddaa kan hidhatan humni Liyyu Polisii Soomaalee magaalaa Roggee Harargee Bahaa keessatti qofa ijoollee, dubartii fi dhiira 42 ajjeesanii kumaatamaan kan lakkaahaman immoo qe’ee buqqisan. Liyyu Polisiin Somaalee kilomeetra 200 daangaa Oromiyaa cabsanii qabachuun kan daawoo isaanii ijaarratan kanumaafii. Sun gahuu didnaan Onkololeessa 27, 2018 naannoo Harargee dhihaa Cinaksanitti ijoollee, dubartootaa fi dhiira digdama ajjeesan. Muddee 2018 kaasee Liyyu Polisiin Somaalee naannoo Cinaaksan, Gursum, fi Babillee Harargee Dhihaatti akkasumas Bordoddee Harargee Bahaatti lolli ammas itti fufee jira. Kan hibboo nutti ta’e, buqqifamuun Oromoo dhihaa fi kibbaa Oromiyaa bara 2016 jalqabe hanga bara 2019 itti fufe ammas maaliif akka hindhaabbatin; dabalees dhaabbachuuf deemuu dhabuu isaati. Mootummaan federaalaa fi mootummaan Oromiyaa ummata Oromoo maaliif eeguu akka dadhaban nuuf hin galu.

Ajjeechaa fi buqqaafamni armaan olitti tarraahan hundi kan agarsiisan ekeeraan lolaa Wollagga, Moyaalee, Gujii, Baalee, Boorana, Harargee fi naannoo birootti bifa dhaabbaataan adeemaa jiru akkuma Oromoota hunda yaaddeessuu qabu nus yaaddeessaa jira.  Waan armaan olitti gabaabinaan tarraahe kan rakkina ummata keenyaa akka “haroo keessaa baaldiin bishaan woraabuu ti” ilaalamu qalbiitti qabachuun nuti waldayoonni  ummata Oromoo lolli Oromiyaa keessatti dhaabbataan adeemaa jiru hatattamaan akka dhaabatu yaada furmaataa armaan gadii mootummaa federaalaa fi mootummaa Oromiyaatiif dhiyeessina; akka hujii irra oolchanis kabajaan gaaffanna.

Jalqaba, mootummaa Oromiyaa akkasumas mootummaa federaalaa fi hoggantooti ABO hatattamaan akka lola dhaabdan isin watwaatna.

Lammaffaa, deeggarsa ummata keenya hundaa kan argate lola Wallaggaa fi naannoo biraatti adeemaa jiru dhaabuuf yaada Abbaa Gadaa, jaarsolii biyyaa fi abbootii amantii tiin kenname hojii irra akka oolchitan isin watwaatna.

Sadaffaa, Dr Abiy Ahmed fi Prezidaant Lammaa Magarsaa waan isinii danda’ame hunda raawwattanii lola humni Liyyu Poliisiin Booranaa fi keessattuu naannoo Moyaalee, Gujii, Baalee fi bakkoota hedduu Harargee keessatti adeemsisaa jiru hatattamaan akka dhaabsiftan isin lameen gaaffanna.

Afraffaa, hoogganooti ODP fi ABO bona dabre haasaa Asmaraatti fi Finfinneetti eegalan dubbii miira xuquu fi walfalmisiisaa hunda utuu hin siyaaseessiin iccitiidhaan akka irratti dubbattan cimsinee isin watwaatna. Jaarrooleen Oromoo dubbii miira xuqan hunda waan xiqqaa fi guddaa utuu hin siyaaseessin iccitiidhaan qabanii akka bakkaan gahan ni amanna. Haasawa walitti fufaan ODP fi ABO gidduutti adeemu wal’amantaa miseensota isaanii gidduutti uuma. Haasaa miseensoti jaarmiyoota lamaan gidduutti adeemsiisuun muuxannoo ba’eessa dhaaboota lamaanii kennuu caalaa dubbii rakkisoo ciccimoof furmaata kennuun jaarmiyaan lameen waliigaltee bu’a-qabeessatti geessisa.

Shannaffaa, qabsoo ummata keenyaa yeroo murteessaa ta’e kana keessatti hoogganooti ODP fi ABO carraaqqii isaanii dacha dachaan guddisanii waldhibdee jiru walumaan hiikuu malee lola wal irratti banuun hinbaasu. Bu’aan yeroo gabaabaa fi dheeraa lola Oromoo gidduutti adeemu badiisa eegeree ummata Oromoo ti. Gareen lamaan akka humna waltumsuutti lola adeemaa jiru dhaabuuf carraaqqii isaanii danda’ame hunda akka godhan watwaatna. Yoo ammatti humna waliitumsuu ta’uu baatan illee gama sanitti waan isaan geessu irratti hojjachuu isaan feesisa. Akka makmaaksi Chaayna jedhu “adeemsa karaa dheeraa tarkaanfii jalqabaatiin eegalan.” Gartuun lamaan tarkaanfii jalqabaa fudhachuun lola Wollaggaa fi naannoo biraatti deemaa jiru hatattamaan akka dhaabsistan isin watwaatna.

Jahaffaa, duulli ololaa hedduminaan ABO irratti oofamaa jiru fi lolli Wollaggaa keessatti deemaa jiru dhaabicha dhabamsiisuuf yaalii godhamaa jiru nutti fakkaata. Kun immoo ummata keenyaa fi hoogganoota isaatiif badiisa cimaa dha.  Diigaan karoorfamee adeemaa jiru kun bulchiinsa hooggana dargaggoo lamaan Prezidaant Lammaa Magarsaa fi Mummicha Ministeeraa Dr Abiy Ahmed jarreen riqicha waliigaltee dhaaboolee ijaaranii, walitti dhufeenya waliinii cimsanii akkasumas waliin hojjachuun kanneen irraa eegamuun ta’uunsaa waan dacha-dachaa nu gaddisiise. Ammallee, wal yakkuu fi olola walirratti oofuu dhiisanii, qulqullummaan waliin haasa’uu fi waliin hojjachuudhaan maddeen waldhibdee hubatanii, lola keessaa of baasuuf akka carraaqan garee lamaanuu gaafanna.

Torbaffaa, dogogoruun keenya ni mala. Garuu ABO dhabamsiisuuf tattaaffiin godhamaa jiru jibbaa Daawud Ibsaa irraa kan madde nutti fakkaata. Daawud Ibsaa akkuma hooggantoota Oromoo kan biroo, hogganoota Oromoo jiran keessaa isa tokko. Dhaabni inni hoogganaa jirus bilisummaa ummata keenyaatiif dhaabbate. Dhaaba sana dhabamsiisuun sammuu, qalbii fi qaama ummata keenyaa miliyoonoota gaddisiisee hadhaa woggotaaf hin qulqulloofne uuma jennee yaadna. Hoogganooti Oromoo hundi kan hubachuu qaban, jibbaan obboleessaa fi obbooleettii giddutti uumamu, walitti dhufeenya hawaasaa summeessee, ummata walitti diinomsuuf sababaa ta’uu akka danda’u ummata addunyaa hedduu keessatti raawwachuu isaati. Hoogganooti Oromoo hundi wal jibbaarraa ol-guddatanii afuura nageenyaa fi jaalala ummata jiddutti akka uuman; ololaa fi lola gidiiraa ummatarraa dhabanii tokkummaa ummata Oromoo akka cimsan ni abdanna, ni kadhannas.

Sadeettaffaa, marii haqaa fi dhugaarratti hundaahe, kan araaraa fi walii-dhiisuu of keessaa qabu fiduuf hoogganooti fi miseensoti ODP fi ABO fala barbaaduun aadaa fokkataa habashaa moohumsa badii kaanii irratti hundaahe san akka hanbisan ni abdanna. Araaraa fi walii-dhiisuudhaan hoogganooti ODP fi ABO carraa addaa kan hundinuu keessatti moohee fedhiin ummata Oromoo keessatti eegsifamu, nagaa, tasgabbii fi badhaadhinni itti argamu uumuu danda’u.

Saglaffaa, itti-aanaa ajajaa RIB ummata dhiha Gondar keessatti kanneen loltuu mootummaatiin guyyaa sadii dura ajjeefaman ilaalchisee haasaan inni godhe dhageenyee gammadneerra. Itti-aanaa ajajaaa RIB ummata dhiha Gondariif akka dhiifama gaafatan fi kanneen loltuu dhaan dararamaniif gumaa akka baasan waadaa seeneera. Nageenya ummata ofiif mootummaa quuqamu irraa waanuma eegamuu fi waan deeggaramuu qabu. Dhiifama gaafachuu fi gumaa baasuu ummata dhiha Gondarii loltuu Itoophiyaa tiif waadaa seenee dinqiisifachaa itti-aanaa ajajaa RIB tiif gaaffii lama qabnaaf.  Lubbuun Oromoo lubbuu ummata dhiha Gondarii gadii? Lubbuun Oromoo fi lubbuun ummata dhihaa Gondar walqixa yoo ta’e itti-aanaan ajajaa RIB ummata Wallaggaa, Gujii, Booranaa fi Harargee naannoo Oromiyaa biroo keessatti loltuu Itoophiyaa tiin gidiirfameef dhiifama gaafatee gumaa baasuuf adeemaa?

Kurnaffaa, ummata nannoolee Oromoo Wallaggaa fi naannoo birootti ajjeefaman kan qoratu komishinii bilisa ta’ee akka dhaabbatu akeekna. Sababni kana jennuuf yeroo mootummaan Itoophiyaa ABO tu ajjeesee jedhee yoo yakku ummati naannoolee Wallaggaa immoo loltuu RIB tu ajjeechaa raawwwate yakka. Kaayyoon komishinii bilisaa, eenyu ajjeechaa akka raawwate qoratee dhugaa baasuun kanneen gaaga’amaniif gumaa akkaataan itti bahu akeekuu dha.

Dhumarratti Muummicha Ministeera Dr Abiy Ahmed, Prezidaant Lamma Magarsaa fi Obboo Daawud Ibsaa lola Wallagga keessati adeemaa jiru dhaabsiisuuf wan isaanii danda’ame hunda akka godhan jabeessinee watwaatna.  Dabalataanis Muummichi Ministeera Dr Abiy Ahmed fi Prezidaant Lammaa Magarsaa ummata keenya naannoo Baalee, Booranaa, Gujii fi bakkeewwan hedduu naannoo Harargee weerara Liyyu Polisi irraa baraaruu akkasumas dawoo kennuuufiif dirqama addaa qabu jennee amanarra. Dirqama kanas akka bahatan kabajaan gaafanna.

Mallateessitonni:

  1. Oromo Studies Association
  2. Oromia Support Group
  3. Human Rights League for the Horn of Africa
  4. International Qeerroo Support Group
  5. International Oromo Lawyers Association
  6. International Oromo Women’s Organization
  7. Global Gumii Oromia
  8. Oromo Communities Association in North America (OCA-NA)

Copied to:

UN Humna Rights Council:
OHCHR address:
Office of the United Nations High Commissioner for Human Rights (OHCHR)
Palais Wilson
52 rue des Pâquis
CH-1201 Geneva, Switzerland.

African Commission on Human and Peoples’ Rights
31 Bijilo Annex Layout, Kombo North District
Western Region, P.O. Box 673 Banjul
The Gambia
Tel: (220) 441 05, 05, 441 05 06

Africa Union (AU)
African Union Headquarters
P.O. Box 3243 Roosevelt Street (Old Airport Area) | W21K19
Addis Ababa, Ethiopia
Tel: (251) 11 551 77 00 | Fax: (251) 11 551 78 44
Webmaster: webmaster@africa-union.org

The US Department of State
WASHINGTON, D.C. HEADQUARTERS
(202) 895-3500
OFMInfo@state.gov
Office of Foreign Missions
2201 C Street NW
Room 2236
Washington, D.C. 20520
Customer Service Center
3507 International Place NW
Washington, D.C. 20522-3303

UK Secretary of State for Foreign and Commonwealth Affairs
Parliamentary
House of Commons, London, SW1A 0AA
Tel: 020 7219 4055 F
Fax: 020 7219 5851
Email: hammondp@parliament.uk

Minister of Foreign Affairs (Norway)
His Excellency BørgeBrende Ministry of Foreign Affairs
E-mail: post@mfa.no
Phone: + 47 23 95 00 00
Address: 7. juniplassen 1, N-0032 Oslo

Minister for Foreign Affairs (Sweden)
Her Excellency Margot Wallström
Switchboard: +46 8 405 10 00
Street address: Rosenbad 4 Postal address: SE 103 33 Stockholm

Minister of Foreign Affairs (Canada)
Write to:
Enquiries Service (BCI) Global Affairs Canada
125 Sussex Drive
Ottawa,
ON K1A 0G2
Email: Enquiry Service – On line form
Canada

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.