By | March 7, 2018


Qixxeessaa Lammii | Bitootessa 06, 2018
Bu’uurri barruu dhimma maal irratti irkatamee akka barraahe dhokataa akka hin taane ifaadha. Addunyaa tana irratti dhugaa fi dharti wal dorgommii addaa irra akka jiran abbootiin amantaa gosa hundaatuu hordoftoota amanaalee cufaatuu hennaa gorsan ykn barsiisan dhagahamu.  Kan isaan irratti waliif galan dhara irraa fagaachuu fi dhugatti dhihaachuu yaada jedhu irratti. Hawaasni amantaa qabanii fi hin qabnellee dhimma kana irratti hedduu wal hin morman. Gadi bararii ol bararii allaattii kaati lafa, buuti lafa, duuti lafa akkuma jedhamu, dhorgommiin dharaa fi dhuguu gidditti ta’u moohinsa dhugaatiin akka guduunfamu beekkamaadha.
Wal dorgommii dhala namaa giddutti addunyaa tana irratti tahan keessatti dhugaa fi dharaan gargar goranii wal danquun waanuma beekkame. Dhala namaa keessaa dhalli Oromoo tokko. Hawaasa addunyaa biyya lafaa tana irratti argaman keessaa ummata guddaa biyya Oromiyaa jedhamtu qabuudha.  Erga dhiibbaa alaa keessaan irratti raawwatameen biyya dhabee har’a waggaa 150 ol gahee jira. Lola qor-qalbii alagaan bara dheeraaf itti duulameen dhugaa dhara garaa garummaa isaan qaban adda wallaalee diina jalatti erga gadi of qabee bulutti seenee asii asii miti.
Gabroomfataa irraa haalaa fi amalli horates dhugaa irra dhara aanfatuu akka ta’e sirna gabrummaa jalatti bara dheeraaf buluun isaa ragaa guddaadha. Oromummaa isaa haalee Amaarummaa fi Arabummaa sadarkaa maxxanfachuun irra dhalli Oromoo gahe lakkofsa xiqqaa miti. Dhugaa walaalanii dhara beekuun ykn dhugaa waakkatanii dhara amanuun badii namaa fi fuula Rabbii durattis nama qaanessu raawwachuu akka ta’e beekuu barbaachisa.
QBO Walabummaa fi bilisummaaf bara dheeraaf godhamaa ture danqee hanga har’aa kan tursiises kanuma. Dhalli namaa ardii tana irratti akka uumameen waan hallanyaa fi waloon qabu akka qabu beekkamaadha. Haqa kana waliif beekuu diduudhaan karaa dharaan humnaan roorroon haqa walii balleessuun dhara babal’isuun addunyaa tana irratti waan ta’aa turee fi ta’aas jiru. Yaada kana cufa sababa bareesseef gadi fageenyaan ibsuuf yeroo fi bakkas itti hin qabu waan ta’eef gara dubbii ijootti seena.
Ummatni Oromoo ummata gabrummaa hamaa hiriyyaa hin qabne jala jiru akka ta’e dhalli Oromoo hin beekne ni jira jechuun yeroo ammaa nama rakkisa. Warra beekaa wallaalanii fi beekuu hin barbaadne ammoo warra dhugaa haalanii dhara amanan akka ta’an beekuun nama hin dhibu. Kan qabsoo saba furu godhuu fi qabsicha gufachiisuuf diina waliin dhaabbate gidduu garaa garummaan hamaan akka jiru beekkamaadha. Diina akka diinaatti, fira akka firaatti beekuun baay’ee gaariidha. Wanti badaan garuu qaamotuma ummata isaaniif quuqamanii qabsoo gosa gosaa geeggeessina jedhanii waan qabanii fi beekaniin hidhatanii bahanii ala jiranii fi gaaddisa diinaa jalatti jijjirama ummatni keenya barbaadu fiduu dandeenya jedhanii dhama’an jidduu jiru irraa waa jechuu barbaade.
Qabsoon Oromoo sona godhachuun bu’uureffamuu ABO waliin akka wal qabatu Oromoon haalu waan jiru hin seehu. Rakkoolee dhuunfaa karaa nagayaa haasawaan dhumachuu danda’an fixaxachuu dhabuudhaan dhala Oromoo qaama qabsoof bahe jiddutti garaagarummaan deemaa ture har’alee furmaata argachuu dadhabuun maal irraa akka ta’e beekuu dhabuun Oromotti bowwoodha. Keessumaa addatti dhaabileen ABO irraa yeroo gara garaa keessa foffotoqanii bahan dhuguma dhaaba jibbanii osoo hin taane hoogganoota dhaaba hoogganan jibbanii akka ta’e ifaadha. Dubbiin guddaan jiru garuu jijjirama furaa ummata isaaniif argamsiisuuf kan fottoqan yoo ta’e qaama irraa fottoqan sana caalanii argamuu malan. Kan ta’ee argame garuu faallaa sanaati. Diinatti duulamuun ummata dhaabbataniif gadadoo jala jiru jalaa baasuun dhiifamee dhaabuma ofii tuffatanii biraa yaa’an akka diina kaayyootti deebi’anii itti duuluu irratti yeroo isaanii yeroo guban mul’atu.
Qaamotni kun jalqaba irraa hanga dhihoo kanaatti hojiin qabsoo irra turanii fi irra jiran kan quuqama sabichaa irrati hundaawe akka hin ta’in beekkamaadha. Dantaa dhuunfaa irratti hundaa’qanii tokkummaa sabichaa humna dhoorguuf har’alee gosaan, naannoon if amantaan qaamota socho’aa jiranitu jiru. Gariin guddina yeroon fiddeen akka carraatti gurra ummata biratti horate waan guddaa ajaa’ibaa taasifamtee qabsaawota umrii isaanii guutuu qabsoo kana irratti balleessan gatii dhoorguuf hennaa ololan dhagahamu. Ummatni bal’aan dhugaa kana kallattiin beekuu dhabuu irraa namuma hiree miidiyaa irratti bahee waa odeessuu argate akka qabsaawaa dhugaatti duukaa dhangala’ee faarsuun tahiinsa gadaa kana keessa bal’inaan mul’ate akka ta’e beekkamaadha.
Dhugaan jiru garuu ABOn dhaaba haqaa kan ummata isaaf bara dheeraaf qabsoo hadhooftuu irra turee fi ammas irra jiru akka ta’e beekkamaa ta’ee osoo jiruu dhuugaa kana isaan diduuf qaamotni dhara dhugeessanii alaa keessaan ummata afanfaajeessuuf olola diiggaa fi gochaa hamaa Oromoo addaan diigu irratti bobba’an ni jiru. Dhugaa haalaa dhugaa argachuuf hawwuun akka hin danda’amne osoo beekan akka dhaabaatti, murnaa fin am-tokkeettis Oromootni yeroo ammaa dhama’an dhuguma ummata isaaniif quuqama yoo qabaatan ta’e dura dursanii ABOf dhugaa galchuu qabu.
Qaamotni yeroo gara garaa dhaaba kana irraa harca’anii deebi’anii akka dhaabaatti of qamashan cuftuu dhaaba kana irraa yeroo bahan humna namaa, qabeenyaa, beekkemsaa fi gurraa hedduu guddaa ta’e qabatanii waan hundaanuu dhaaba kana deegsanii bahan. Maqaa qofa bakkatti dhiisanii biraa yaa’an malee waan itti hanbisan hin qaban. Eega irraa yaa’aniilee bakka cufaan marsanii bakkaa dhabamsiisuuf duula diinattuu hin duulee isatti duulaa bahan. Duulli kun duula dharaa osoo ta’uu baatee duula dhugaa ta’ee ABOn qaata dhabama ture. Dhugaan ni qal’atti malee hin cittu akkuma jedhamu dhaabni kun balaa gama hundaan itti aggaamatame sana hunda cabsee irra aanee hanga har’aa jiraachuun dhugaa qabaachuu isaatiin. Borus dhugaa kana hamma akeeka isaa bira gahee ummata isaa gadadoo hiriyyaa hin qabne kana keessaa baasuu gadi dhiisuuf hin jiraatu. Kan isatti bu’u hundi deebi’ee ofitti bu’ee akka of balleessu diigamiinsi qaamota isa irraa bahan irra gahe ragaa qabatamaa haalamuu hin danda’amne akka ta’e beekkamaadha.
Dhaabbileen maqaa saba kanaan dhaabbatan kan alaa fi kan keessaas ummata isaanii gabrummaa muummee hin qabne kana keessaa baasuuf dhugaa waliif deebisuun wal faana hiriiruun barbaachisaadha. Dhugaa walii irra ijjachaa dhugaa barbaaduun cubbuu hamaa akka ta’e beekkamuu qaba. Warri biyya keessaa mootummaa ummata keenya bara 27f kaabaa dimokiraasii itti uwwisuudhaan ummata keenyaa fi hawaasa addunyaas akka dogongoru godhaa turan amma dogongora sana irraa baratanii fuula dhugaan ifa itti baatutti deebi’uu feesisa. Dhaabileen fi murnootni ala kana dhaabbatanii qabsoo biyya keessatti qeerroo bilisummaatiin diina sardite kanatti abboomuuf halkanii guyyaa miidiyaa irratti baroodanillee hamma dhugaa ganamaa sanac abbaa dhugaa dhaaba Oromoo isa ganamaa ABOf hin deebisinitti abbaa dhugaa ta’uu akka hin daneenye beekuu qabu. Ummatni fayyaalessi osoo homaa hin hubatinii fi qulqulleeffatee hin beekin mi’aa haasawa namaa qofa dhogeeffatee waliin shambaa jedhus dhugaa jirtu osoo hin beekin irra ijjachaa akka jiru quba qabaachuu isa barbaachisa.
Oromoon tokkicha, Oromiyaan takkitti, hawwiin sabaa walabummaa fi bilisummaa waloo dhugoomfachuudha. Gabrumaa waliin jibbian of irraa kaasuun kaabbaa walabummaa fi bilisummaa waloon uffachuudha. Kana bira gahuuf amna itti seename kana keessatti dhugaa walii beekuu fi dhara irraa fagaachuun wal abdii, amantii fi jaalalaan waliin qabsoo hadhooftuu lubbuu namaa baasuu gaafattu tanatti gamtaan hirmaatuudha. Qajeelfama adeemsa qabsoo akka isiin sirnaan bakka barbaadamu geettu kan kennu ABO ta’uu qalbii guutuun fudhachuu barbaachisa. Armaa achi qaamni Oromoo kan saba Oromoof dhimmu kamuu karaa adda addaa burraaquu dhiisee daandii takkittii daddaffiin galii barbaadamu biraan nu geettu irratti deebi’uu barbaachisa.
Karaa gosaa, amantaa, naannoo fi faaydaa dhuunfaa qabatanii ummata bal’aa qabsoo isaa irraa afanfaajjessuun sirna gabrummaa jalatti habisuuf fiiguun yeroon isaa dabree akka jirus jala muranii beekuun gaariidha. Ummata uumaan tokko ta’ee tokkummaa isaa cimsatee Oromiyaa fiinxaa hamma fiinxaatti kallattii arfaniinuu diina of irraa kokkoo hudhee qabe kana bira dhaabbachuudhaan hawwii isaa akka guutamu gochuun yeroo ammaatti dhala Oromoo dhiiraa, dhalaa, guddaa xiqqaa, beekaa wallaa, laafaa jabaa hunda irraa dirqama seenaa oowwaatu irra jira.
Gabaabatti dhugaa argachuu fi dhugaa dubbachuu fi hojjachuu qofa akka ta’e hubatamee dhara irraa fagaachuudhaan daandii dhugaa irratti diibi’uun gulufuun dirqama yeroo ammaa dhala Oromoo irraa eeggamu akka ta’e beekuun hojitti hiikuun barbaachisaadha. Humni, beekkomsi, qabeenyii fi jabeenyi armaan dura faffaca’e amma walitti bakka takkatti deebi’ee qajeelfama dhaaba tokkicha ABOn alaa keessaan yoo sosso’ame dhabamni wayyaanee fi bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa harka keenya keessa jiru.
Walii galan alaa galan akkuma jedhamu ummatni bal’aan Oromoo walii galee waliin dhaabbatee qabsoo isaa finiinsa jira waan ta’eef qaamni asii achi tokkummaa jabaate kana deebisee laaffisuuf dhama’u yoo jiraate warra dharaan cuuphaman borulee qulqullaahuu hin dandenye akka ta’an gamanumaan of beekuun gochaa hammeenyaa akkasii irraa akka of qosatan maqaa sabaa fi dhugaa qabsaawota saba isaaniif wareegamaniin waamichaa fi akeekkachiisa Oromummaa dhiheessaaf.
Sabaaf dhimmanii galata saba irraa dhabuun fafa fafa caale.
Of qajeelchuu fi wal qajeelchuun qajeelumina.
Ni Moona.
Qixxeessaa Lammii irraa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.