By | May 29, 2018


Dhugaanis, karaanis, anuma jechaa sirna dimokraasii fiduun hin danda’amu

(Ijoo dubbii Adda Bilisummaa Oromoo – Caamsaa 29, 2018)

Resolutions of the Oromoo Liberation Front National Council(SBO/VOL – Caamsaa 29, 2018) Itti Aanaa Dura taa’aa Dhaabbata Dimokraasummaa Ummata Oromoo fi Pirezidantii mootummmaa naannoo Oromiyaa kan tahan obbo Lammaa Magarsaa Caamsaa 20, guyyaa ADWUIn aangoo politikaa Itiyoophiyaa itti qabate, waggaa 27ffaa, ilaalchisuun haasaa dheeraa taasisanii jiru. Haasaa isaanii keessatti itti baha “injifannoo” Caamsaa digdamaa, waa’ee sirna federalism saboota danuu, waa’ee aadaa politikaa ummatoota biyyatii ‘isa badaa’, sirna dimookraasii ijaaruu kan ilaalu, Itiyoophiyaa balaa irraa hambisuu fi waa’ee dhaabolii dorgomtootaa keessaayyuu waa’ee dhaabolii Oromoo waa baayyee dubbatan.

Obbo Lammaan akka waan dhaabi isaanii, OPDOn, qofti bilisummaa fi sirna dimokraasii argamsiisuuf qabsaa’ee, mirga lammummaa fi mirgoota dhala namaa Oromoo kabajchiisee, sana bira iyyuu dabree Itiyoophiyaa balaa irraa hambiseetti ol fuudhanii faarsan. Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti mitii ree! Seenaa haaraa hojjenne jedhan. Haa tahuu seenaa kan hojjetu ummata bal’aa dha malee nam-tokkee ykn murna tokko miti. Qabsoo Oromiyaa fi Itiyoophiyaa guutuu keessatti barootaaf deemaa turee fi injifannolee hanga ammaa galmaa’aniif OPDO Chaampiyoona taasisan. Humnootii siyaasaa qooda mul’ataa gumaachan qofa utuu hin taane wareegama ummatni bal’aan kumaatamaan itti baase gatii dhabsiisuun dhaaba isaanii OPDO bilisa baasaa waa hundaa taasisanii daadhessan. ‘Kan of jaju hin dogoggoru’ jedha Oromoon.

Gama biraan qaamota biroon injifannoo wal saamuu hin qabnu jedhanii komachaa ofiif immoo injifannoo ummati bal’aan addatti ammoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo wareegama guddaa baasanii galmeessan saamuu barbaadu. Afaanuma kaleessa ‘bakka amma geenye kanaan kan nu gahe wareegama ummati Oromoo waggoota sadan darban baasee dha,…”jechaa turanin har’a jalqabaa fi xumurri (Aalfaa fi omeegaan) qabsoo Oromoo OPDO dha jechuuf hin qaanfanne.

Falmaa ummati Oromoo biyya ambaa karaa miidiyaa hawaasaa fi waan isaaniif danda’ame hundaan taasisaa turanii fi jiran bishaan itti naquun busheessuu kajeelan. Kana malees injifannnoon qabsoo bilisummaa Oromoon hanga ammaa argame akka waan qabsoo waggaa sadan darbanii fi ji’a tokkoo fi lamaa qofaan argame fakkeessanii dubbatan. Kun dhugaa dirree irra jiru haaluu fi haqa dabsuu dha. Lubbuu fi dhiiga ilmaan Oromoo mirga abbaa biyyummaa ofii falmachuu keessatti waggoota dheeraaf badee fi dhangala’e bilaasha taasisuuf yaaluu dha.

Qabsoo sabboontoti Oromoo waggaa dheeraaf adeemsisan ‘achi hin hiiqne, bu’aa qabatamaa fide hin qabu’ jedhanii tuffachuu fi xiqqeessuu yaalaa waamicha walii galtee fi tokkummaa taasissu. Kun akkamitti tahuu danda’a? Ilaalchaa fi karaa ani irra adeeme qofatu sirrii dha (my way is highway) jechaa sirna dimokraasii fi biyya ijaaruun hin danda’amu. Haa tahuu ummati Oromoo fi Addi Bilisummaa Oromoo karaa nagaa fi dimokraatawaa qabsaa’uu jibbanii osoo hin taane kara nagaa kan itti cufe sirna Wayyaanee OPDO/EPRDF tahuu addunyaa guutuutu beeka.

Obbo Lammaan lammiwwan Oromoo 40,000 ol mana hidhaatii baafne; ummata qofa miti mana hidhaa bilisoomsine jedhan. Ummata mirga lammummaa mulqamee biyyaa baqate biyyaa fi qe’ee isaaniitti galchaa jirra jedhan. Haa tahuu ummata dila kan enyutu hidhe? Ofiin mana hidhaatti of darbanii? Maaliif hidhaman? Maaliif kumaatamaan biyyaa baqatan? Biyya ofii waan jibbaniifii? Yeroo kun hundi tahu obbo Lammaa fi OPDOn eessa turan? Ummata mirga ofii falmate kanneen hidhuu fi biyyaa arihuu keessaa ofii qooda hin qabanii? Hidhamtoota siyaasaa Oromoo 40,000 ol hiikne oggaa jedhan dhuguma karooraa fi kaka’umsa ofii isaanii irraa ka’aanii tii? Moo gaaffii fi dhiibbaa ummati Oromoo taasiseen hiikan? Hoogganoota ofii shan- ja’a hiiksisuuf namni shan-ja’aa lubbuu ofii itti hin dhabnee? Deebii gaaffiilee asii olii isaanuma hoogganoota OPDOf dhiifna.

Hoogganni OPDO dhaabolii siyaasaa Oromoo biyya alaa jiran, filmaata biraa dhabanii karaa isaanitti fakkaate qabsaawuu filataniin, karaa tokko kottaa waliin taanee wal gargaarree waan biyya kanaaf tahu hojjennaa….” jechaa karaa biraa immoo isaaniinuu ni bilisoomsine jechuun gahee isaan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qaban xiqqeessu. Waamicha isaan gochaa jiran ‘kottaa waliin hojjennaa’ dha moo ‘kottaa isin bilisoomsaniaa dha’? Jechi akkanaa waan nama dhaaba ykn mootummaa tokko hoogganu irraa eegamu miti.

Qabsaa’otaa fi ummatatti qoosaa waamicha haasaawaa nagaa fi araaraa taasisuun waan waliin deemu miti. Jechooti qaama mootummaa irraa akka kanatti daddarbataman kan gara walii galtee fi tokkummaatti nama geessan osoo hin taane, kan addaan fageessanii dha. Kan rakkoo jiru furan osoo hin taane kan hammeesanii dha. “Akka inni si hin komanneef waami, akka inni hin nyaanneef nyaata irraa dhiibi”jedhama mitii ree. Adeemsa kanaan wal dhabbii siyaasaa biyyattii keessa jiru furuun hin danda’amu. Salphaattis furamuuf hin taahu. Dhugaanis karaanis anuma qofa jechaa waliin wal dhabbii siyaasaa biyyattii furuun hin danda’amu.

Addi Bilisummaa Oromoo abbaan qabsoo ummata Oromoo ti jedhee amana. Dhaabni ABO kan ummata Oromoo fi kan ummanti Oromoo wareegama guddaa itti baase tahuun hin haalamu. Nam-tokkee fi gartuuleen adda addaa qooda haa qabaatan malee seenaa kan hojjetu ummata bal’aa dha jedhee amana. Kan qabsaa’ee of- bilisoomsus ummata malee nam-tokkee ykn qaami tokko anatu si bilisoomsa yookaan bilisummaa sii fide jedhee himachuu hin danda’u. Kun waan seenaa keessatti tahee hin beeknee fi tahuus hin dandeenyee dha. Tahuus hin qabu. Bilisummaa namni namaaf hin kennu.

Kana malees ‘aangoon biyya Itoophiyaa bulchuu Oromoo harka galee jira, kanaaf injifannoo guddaa galmeessinee jirra’ jedhamee labsamaa jirus Addi Bilisummaa Oromoo dhugaa dha jedhee hin fudhatu. Oromoon Itoophiyaa bulchuu mitii mirga ofiin of bulchuu iyyuu jarraa tokkoon ol sarbamee jiru harka isaatti hin deebifamne. Warri OPDOn ummata Oromoon bilisummaa isinitti huwwifne, Itoophiyaa iyyuu bilisoomsine jechaa jiran ofiifuu kan biraa dhiisii Oromiyaa iyyuu bilisummaan bulchaa hin jiran. OPDOn taaytaa malee aangoo politikaa isa dhugaa hin qabu.

Waamicha rakkina siyaasaa Itophiyaa waggoota lakkaawe haasawaa nagaan furuu ilaalchisees Addi Bilisummaa Oromoo ejjennaa qabu deddeebisee beeksisaa ture. Addi Bilisummaa Oromoo bara 1992 Mootummaa Cehumsaa Itoophiyaa keessaa kan bahe dirqamee ti malee dharraa lolaa qabaatee miti. Paartiima har’a aangoo politikaa harkaa qabutu ol aantummaa humna waraanaa qabutti gargaaramee lola ABO irratti labsee dhiibee mootummaa keessaa baase. Kanaaf, Adda Bilisummaa Oromoo akka waan inni nagaa hin barbaadnee fi farra nagaa fakkeessanii deddeebisanii dhiheessuu yaaluun fudhatama tokko illee hin qabu. Hasawaan waltahinsaa tahee nagaa buusuuf gama ABOn yaaliin hin taasifamin hin turre. Har’as ABOn haal-duree tokko malee bakka qaamni sadaffaan gidduu jirutti mootummaa Itoophiyaa wajjin haasawuuf qophii tahuu ejjennaa isaa irra deebi’ee mirkaneessa.

Kanaaf hogganootni mootummaan Itoophiyaa karaa tokko waamicha nagaa taasisaa karaa biraa olola hin taane oofuu dhiisanii qulqullummaan haasaan nagaa (peace talk) seenuuf qophii tahuu isaanii ifa akka godhan hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromof!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.