By | March 13, 2018


Dhumatii Oromoo Moyaaleetti Tahe

Damee Boruutin, Bitootessa 13, 2018

Uummata of eegannaa tokko malee nagaan jiruu fi jireenya isaatti boba’ee jiru utuu waan tokko hin xuqqamiin humni Agaazii haala baayyee suukaneessaa taheen uummta Oromoo fixxuunn amma fudhannee wajjin jiraannu bira darbaa jira.  Kanaan booda uummatni Oromoo karaa nagaa qabsoo goona jennee odeessuun injifatamuu Keenya harka keenyaan adda keenya irratti maxxanfachuu irraa gargar hin jiru. Biyyi lafaa nuuf biramachaa  hin jiru. Biyyi lafaa Agaazii nu irraa dhowwuu fi nu irraa baasuuf hin deemu. Waan qabnuun of irraa dhoofnee cabsuu malee filmaata biraa hin qabnnu. Lolli amma deemaa jiru kan sammuu uummataa keenyaa jeeqee fi (psychological war)  sodaachisee jilbeefatuuf xiyyeefatame dha.

Guyyaa Labsiin Yaroo Muddaa maqaa mana marree paralaaman sobaan namicha Abbaa Duulaa Gammadaa jedhamuun darbee jira jedhamee kaasee dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’aa jiruuf itti gaafatama duraa kan qabu isa malee Agaazii duudaa rasasa nama irratti roobsaa ooltu miti. Abbaan Duulaa dhiiga ilmaan Oromoo kolbaan waraabatee nama habbuuqachaa jiru uummatni calisee ilaalu hin qabn dha. Bakka argametti lubbuu isaa keessaa baasuu fi qabeenya isaa kan tahe hundaa barbadeessuuf Uummatni Oromoo haqa qaba.

Guyyaan, torbaniin, baatii fi wagaan ilmaan Oromoo harka  Mootummaa TPLF iin dhumaa jiru lakkaawwamee kan dhumu miti. Garuu jumlaan yaroo tokkotti namni lafaa ka’ee akkas dhumuun kana booda nu gahaa akka jennu nu godha. Dhuguma Uummatni Oromoo humna Agaazii kana of irraa kaasuuf: onnee, humna, danadeettii, ogumaa fi beekumsa gahaa hin qabu?  Uummatni Oromoo humna Agaazii kana miti humna biyya Afrikaa cabsu ni qaba.  Sababa tokkicha deddeebifnee himannu diinni keenya  meeshaa waraanaa akka qabu dha. Nuyi immoo kan diinni keenya bara baraan qabaachuu hin dandeenye gamtaa fi gurmuu qabna. Kan nu hafee jiru humna qabnu kana hubannee qindoominaan guyyaa tokko diina keenya irratti bobba’uu dhabuu qofa. Leenci mootiin bineesaa yoo hooma girsa keessa tokko qabatu, yoo hunduu itti galagalee itti marsu isa qabate lafa buusee baqata.

Karaa koo dandeettii, ogummaa, beekumsaa fi hooggana Qeerroo Bilisummaa Ormoof baayyeen ulfinaa ammanttii irratti qaba. Akka uummata keenya bilisummaaf gahanis mamii hin qabu. Dhalli  Oromoo biyyaa keessaa fi alaa waan qabnu maran isaan wajjin dhaabbachuun  dirqama sabummaa fi namummaa tokko tokkoo keenyaa  irraa eegamu dha. Ummata keenya dhumaatii fi yakka ulfaataa fokkisaa kana fakkaatu jalaa olshuuf waan qabnuun waliif gummaachuun yaroon isaa amma.

Midiyaan ykn warri oduu facaasan dhiiga Uummata Oromoo guyyaa  guyyaan dhangala’uu  fi  kan jumaalaan dhumee reenfi hedduun dhiigaan dhiqamee  wal  cinaa ciisu facaasu.Haala deemaa jiru kana daa’iman Oromoos argaa jiru. Yaroo tokko tokko dubbiin kun haalan isaanii dhibee namni kun hunduu ajjeessamuun dhugaadhaa? jedhanii nu gaafatu. Isaan sobuun waan hin gargaarreef eyyee dhugaa dha yaroo jennu Uummatni Oromoo erga baayyee tahee maaliif warra xiqqoo kana lolee of irraa hin ari’uu ? gaaffii jedhutu dhufa.  Dhumaatii duwwaa miti Agaaziin nama ilbisa taate tokko yaroo Oromoo qaama gurgudaa qabu hedduu walitti qabdee akka horii uleen  tumumtu ilaalanii maaliif itti galagalee fuula keessa hi kabalee? jedhu.

Gaafa guddatanii waan hunda baran meesshaa waraanaa qabaachuun ammam akka onnee namaatti horuu fi harka qullaa tahuun ammam akka humna nama laafisu isaanii gala. Garuu bara guddina isaanii kana waan argaa guddachaa jiran sammuu iaanii irratti yaaddoo hamaa akka qabaatu waan ifa jiru.  Warri ijoollee xixxiqqaa qabnu haala suukkanneessaa uummata keenya irra gahaa jiru kana amma danda’ame  ija daa’iman keenya irraa akka daatu gochuun waan barbaachisu natti fakkaata.

Waraana Wayaanee dadhabsiisuuf dinagdee ishee laamshessuuf karaa gabaa lagannaa fi karaa cufuu bakka danda’amuu fi akka danda’ametti akka itti fufu gochuun garii dha. Tooftaan kun mataa dhukkubbii itti taha malee dinagdee ishee kan bakka jirutti dhaabu miti. Kana malee yaadni beenzilli Oromiyaa keessaa akka sochoonne gochuu haalaan fudhtama qaba. Yoo beenziiliin hin jiraane waraana ishee yaroo barbaadu gara feetutti sochoosuuf ni rakkatti. Kana malees beenzila  waan doolaran bittuuf dinagdee ishee irratti miidhaa guddaa fida. Akka dinagdeen ishee bakka jirutti dhaabbatu gochuuf karaan baaburaa Jibuutii fi Finfinnee jidduu jiru warri waraana qaban akka OLF fi ONLFiin  damaamtiin cabuu qaba. Akkuma kana nooraan wal quunnamtii isheef barbaachisaa tahanis cixuu qabu.

Gara yaada koo isan duraan kaaseen deebuu barbaada. Uummatni Oromoo komandi postii na irraa kaasi jedhee TPLF kadhachuu fi gaafachuu hin qabu. Koamdi postii kan of irraa kaasuu qabu uummata Oromoo malee namni biraa  akka hin jirre hubachuu qabna. Dammaqinsi Uummata Oromoo har’a sadarkaa amansiisaa irra gahee jira. Sodaas bara 2014 kaasee moo’atee jira. Amma warra qabsoo bilisummaa kana bakkaan gahuuf dirqama seenaa ulfaataa of harka qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa qajeelfama tarkaanfii isa dhumaa eegachaa jira.

Ilmaan Oromoo hidhatanii waraana TPLF keessa, poolisii fi humna bitinneessaa OPDO keessaa, milishaa  fi WBOn bakka jiranitti meeshaa waraanaa  qaban  wajjin uummata isaanii dhiigni dhangalaa’aa jiru cinaa dhaabbachuuf dirqama sabummaa fi namumaa qabu. Oromoon guyyaan, torbaniin, baatiin fi wagaan bara baraan  dhumaa jiru heergini isaa guddaa dha. Komand postiin manadara, gandaa fi magaala Oromiyaa hundaa keessa qubatee jiru  lakkobsaan baayyee tahuu hin danda’u. Bakka  baayyee sodattu tokko tokko baayyinan qubsiisuun ishee ni mala taha. Haala kana qaamni  QBO adda baafachuu danda’a. Bakki humna qabnuu ol taha jennee hubatnu yoo jiraate mala biraa itti barbaaduu qabna.  Bakka humna guddaa nama rifachiisu hin qabne garuu halkan tokkotti of irraa buqifnee buluu qabna.Warri qawwee qabu dura darbee uummataa irra yaroo ittisu uummatni immoo  meeshaa qabuun  eeboo, haaduu, mancaa, qottoo  fi shimalaan itti marsinee Agaazii of irraa buqqisuuf wareegama bara baraan baafnu ol nuu hin gaafatu.  Mandari, gandaa fi magaalli Oromoo bakka jirutti of bilisoomsee buluuf mirgaa fi dirqama fudhachuu qaba. Murtiin kuun Oromiyaa guutuutti akka gabaa lagannaa guyyaa tokkotti yoo tahe  waraanni ishee waan gargar cituuf  gaaga’ama guddaa hin fiduu.  Amma danda’ame karaan bareechee cufamuu qaba. Baadiyaa fi magaalliis waliif dirmachuun irraa eegama.

Yaroo itti tarkaanfiin akkasii fudhatamu ganama barii ykn galgala tahuun ni barbaachisa. Guyyaa yoo tahe uummata yaadeessuuf jettee xiyaara kaasuu ni dandeessi.  Xiyaarrii meeshaa gugguddaa balleessuu fi mana jigisuuf malee uummata irratti balaa fidu caalaa sodaa uumuu danda’a. Yoom iyyuu yaroo xiyaarri lolaa dhufuu uummatni hattattamaan gargar faca’uun barbaachisa. Tuta uummataa yoo argatte nama baayyee miidhuu dandeessi. Waan TPLF gochuuf deemtu waan beeknu hin qabnu. Kanaafuu bifa hundaan qophaa’uu nu barbaachisa.

Humnaan cabsitee nu bulshuu ykn nu balleessitee baduuf akka akeeka qabdu ifatti argaa jirra. Badii jalaa of olshuuf murtii fi tarkanfiin fudhatamu harka Uummata Oromoo jira. Yaada kana abba qabsichaa kan tahe Qeerroo Bilisummaa Oromoof dhiisuun fedha. Hoogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo  haalla qabatamaa jiru hundaa xinxalee akaataa itti humna Uummata Oromoo yaroo gabaaba keessatti karaa qindoomina  qabuun diina irratti bobbaasee  Fincila Xumura Garbummaa akka galmaan gahuu godhu kadhannaa koo ti.

Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.