By | April 21, 2019


Diqaallonni Habashaa Barcuma Wal Jijjiruun Jeequmsa Malee Cee’umsaa Hin Fidu!

Damee Boruutiin, Ebla 20, 2019

Bara 27 guutuu Uummatni Oromoo ergamtuu TPLF kan taate OPDO jalatti dhiitamaa, saamamaa, hidhamaa fi ajjeefamaa jireenya salphinaa fi gagadoo jiraachaa akka ture eenyu jalaa iyyuu dhokataa miti. Wagaa shanan darbe qabsoo hadhooftu adda durumaa goototaa fi qananii Ilmaan Oromoo Qarree fi Qeerroo godhameen dhiiga isaa dhangalaasee lafee isaanii caccabsee aangoo Wayyaanee of irra buqqisee darbee jira. Wareegama qaalii uummatni keenya baase tora tokkoon tareesamee kan bira darbuun danda’amu.

Isa darbe laalachuu dhiifnee isa keessa jiruu fi isa gara fuula duraa yoo jabeesinee ilaallee(focus) dhumatii fi badii caalu irraa Uummatni keenya akka baraaramu gochuu dandeenya. Waggaa darbe kana OPDOn jijjirama dhiiga ilmaan Oromoon dhufe kana akka hooggantu ayyaana argattee jirti. Waggaa darban 27 cubbuu Uummata Oromoo irra gahaa ture Wayyaanetti qabachuudhaan OPDOn itti gaaftamuu jalaa of baasuuf barbaadi. Waggaa tokko darbe kana biyyan bulche jettee yaroo ayyaanefattu argaa jirra.

Garuu bara OPDOn bakka TPLF buute biyyan bulcha jechaa jirtu kana Uummatni Oromoo hireen isaa seeraa fi heeraan eegameef? Hidhaa fi ajjeechaan irraa dhaabbatee? Qee’ee isaa irraa kumaatamaan buqa’ee Oromiyaa duchaa keessatti kan nyaatu, kan ufatu, bishaan dhuguu dhabee jireenya gadadoo jireenya jaldeessaa gadii jiraachaa hin jiruu? Jijjirama Qabsoo dhiiga ilmaan Oromoon argameen kan har’aa irree jabeefatee Uummata Oromoo lafa irraa dugugee balleessuuf deemu warra kaleessa taa’ee nutti kolfaa ture akka tahan argaa hin jirru? Obbolaan keenya qananii fi qaroon kan itti wareegaman akka Oftultonni Habashaa uummata keenya itti roorisanii fi doorsisaniif?

Rakkinni Uummata Oromoo ni duraa ijaarsa OPDO akka tahe Uummatni Oromoo shakkii tokko malee fudhachuu qaba. OPDO diinatu Uummata Oromoo bara baraan burjaajeessuuf shiraan ijaare. OPDOn dachaa shira hedduun xaxamtee waan jirtuuf akkuma xeerii qulqulaa’uu hin dandeessu. Kanaafuu tokkichi hiikaa OPDO akkuma Wayyaane sana of irraa buqqisuu duwwaa dha. Namni sammuu qabu ijaarsa OPDO fi nama miseensa OPDO tahe hundaa ija tokkoon hin ilaalu. Miseensa OPDO tahanii adda duraan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti warri hidhaman, biyyaa bahan fi ajjeefaman lakkobsa hin qaban. Har’as OPDO keessa taa’anii na caalaa warri uummata isaaniif qabsoo godhan akka jiran mamii hin qabu. Ijaarsa OPDOtu akka diina utubuu fi Uummata Oromoo hubuuti ijaarame jechaan jira.

Mee dhugaa haa dubbannu. Caffeen Oromoo biyyaa Oromiyaa jedhumtu irratti caasaa olaantummaa qabu tokkicha sagalee uummata Oromoon filamee tahee gaaffi tokko nageenyaa uummata Oromoo boraa jiruu fi qabeenya Uummata Oromoo mancaa jiru dhaabbii fudhatee hin beeku. Shiraa aangotni OPDO xaxxanii itti fidan hundaa afaan qabatee ragaaasisaaf garaa guutachuuf qofa jiraata. Caffeen Oromoo Uummatni Oromoo hiree isaa akka ofiin murteefatu gaaffachuu aangoo olaanaa qaba. Garuu OPDO jala taa’ee gaaffii kana ni kaasa jennee eeguun gowwummaa dha. Sammuun miseensota Caffee Oromoo sodaa fi dhimman wal xaxee jira. Kanaafu Caffee harroon marga dheedaa ooltu irraa adda tahuu dadhabe

Shirri guddaan tokko OPDO keessatti diqaalota Habashaatu bakka furaa tahe qabachuu dha. OPDO kan takaalee qabee jiru isaanii. Waan dhaaba keessatti lafa jala of ijaaramanii jiranii yaroo barbaadanitti warra isaan mormu irraa gaaga’ama geessisuu waan danda’aniif baayyee sodatamu. Kan lubbuu dheeracha jiranii sababni guddan tokko kana. Har’a warri jireenya isaanii guutuu haqa uummata isaanii falamaa turan farra bilisummaa mogaafamnii warri dhiiga Uummata Oromo dhangalaasaa fi dhangalaasisaa turan bilisa baaftota yaroo of mogaasan arguun hiiphoo hiikaa hin qabne. OPDOn seenaa galagaltoo ofaa jirti. Uummatni Oromoo waan deemaa jiru bareechee akka hubachaa jiru mamii hin qabu. Waan OPDOn jettu dhugeefatee ishee hordofaa hin jiru. Har’a OPDO biratti namni haqaa fi mirga Uummata Oromoof dhaabbatu hundu ABO dha. Akka miseensa ABO tahe tokkotti tuhanaa jala jira. Warra Amhaaraaf immoo namni Afaan Oromoo dubbatu hunduu ABO dha jedhu. Karaa hantuunni baafte irra arbi seena. Keessatti naannoo akka Waloo fi Shawwaa Kaaba keesatti Afaan Oromoo dubbachuun cubbuu guddaa tahaa jira.

Uummatni keenya mootummaa haqaa fi mirga isaa tiksuuf miti kan bakka isaa bu’ee dubbatuuf illee hin qabu. Bakka hundatti qofaa dhumaa jira. OPDOn Oromiyaa riqaa cee’umsaa gootee namni hunduu irratti finca’aa, irratti albaa’aa, irratti sirbaa waan argate hundaa saamachaa akka Impaayeerri Itoophiyaa haaraan owwaala Oromiyaa irratti ijaaramtu ofaa jirti. Hundura Oromiyaa Finfinnee irraa kaasee kan deemaa jiru qalbiin yoo ilaalatan waanan jechaa jiru kana ni hubatu jedheen abda.

Bakka Dr. Alemuu Simee Addisuu Aragaa nama dhangagooftu mataa duudaa buusuu jechuun OPDOf salphina guddaa dha. OPDOn ykn nama hojii sobaa kana hojjetuuf hin qabdu ykn warri garee (clicque) lafa jala of ijaaran aangoo waan qabaniif tahuu danda’u.  Anaaf OPDOn kana booda hin jirtu. Obbo Lammaa Magrsaa aangoo irraa sababa fedheen bu’u illee gara federaalaa deemuun suusii Itoophiyyaa qabuuf isa gargaara jeheen yaada. Akka Impaayeerri Itoophiyyaa hin caccabne taa’ee wardiyaa eegaa haa bulu. Caccabuu Impaayeerichaa oolchuuf illee waan danda’u natti hin fakkaatu.

Obbo Shimalis Abdiisa nama qabna’aa fakkaata. Hojii isa waan hin beekneef yaada irratti kenuun salphaa miti. Uummata Oromoo ofitti qabee gara fuula duraa tarkaanfachuuf kan isa gargaa yoo murannoo kan qabu tahe:

  • Afaaniin Uummataaf abdii sobaa keenuu xiqqeessuu qaba.
  • ABO wajjin karaa nagaan hojjecuuf walii galtee dhugaa gochuu qaba. Haalli kun Impaayeera OPDO tiksuu barbaadu kufaatii jalaa olchuufuu murteessaa dha.
  • Ololli ABO irratti karaa OPDO godhamu dhaabbachuu qaba.
  • Ilmaan Oroomoo Adamsuun, hidhuun fi ajjeessuun hatattamaan dhaabee eenyummaa isaa Uumata Oromoo agrsiisu qaba.
  • Itti gaafatamni isa nageenya Oromoo fi daangaa Oromiyaa tiksuu malee Itoophiyy keessa galee borcuu hin qabu.
  • Dhiiba warri Habashaa isa irratti gadhaniif jilbeefachuu dhiisee waan Uummatni Oromoo barbaadu yoo hordofe humna akka sibilaa jabaatu qabaata.
  • Komandi Postiin Oromiyaa keessa buqaa’ee RIB gara kaampi isaa dacha’uu qaba.
  • Polisii fi humni darbataa Oromiyaa WBO wajjin wal ammatanii akka nageenya Oromiyaaf dhaabbatan gochuu.
  • Oromoota maqaa ABO hidhamanii jiran gadhiisuun Uummaticha eenyuu akka dhaabbate agrsiisu qaba.
  • Warra akka Taayyee Danda’aa fi Addisuu Araggaa Oromiyaa keessatti jeequmsa uumuuf tattaafatan of irraa fageessuu qaba. Jeequmsi Oromiyaa keessatti yoo deebi’e dufe kan dura badu OPDO akka tahe dagachuu hin qabu.
  • Qarree fi Qeerroo fi Abbootii Gadaa adda baasuun dhaabbatee akka uummata tokkotti gurma’anii akka fedhii uummata Oromoo tiksan gochuu fi waan kana fakkaatan haala qabatamaa lafa jiru irratti hundeefamee yoo hojjete uummata isaa bu’aa garii fiduu ni dand’a jedheen hubadha.

Injifannoo Uummata Oromoof!
Gadan Gadaa Bilisummaa Ti!

One thought on “Diqaallonni Habashaa Barcuma Wal Jijjiruun Jeequmsa Malee Cee’umsaa Hin Fidu!

  1. Olansa

    OPDOn waca habashotaf deebii kennuf jecha Lammaa Magarsaa Angoo irraa maqsite. Presidantii MNA duranis kan Aangoo irraa kaasee, isa Ammaa kana Angotti baase waca habashotati. Gadduun dantaa keenya ormaaf dabarsee kennaa, Ambachew nuuf wayyaa jedhanii falmaa turan. ESAT illee kanuma hafarsa turte. Abashoni ofiif Nama fedhan Angotti baasuu, Oromoof immo kan Oromoon ‘fedhu’ Angoo irraa kaasuu dandauu jechuu dha; biyya OPDOn Oromoon biyya Bulchaa jira jettee sobdu kessatti. Akka ilaalcaha kiyyaatti, ‘political capital’ Lamman Habashota irraa horatee ture bishaan nyaatee jira kan jedhu dha ammantaan OPDO, erga dubbiin Finfinee kun debiee ka’e. Kanafuu, bakka sagaleen isaa hindhagahamneti ramaduu feete. Ministra Ittisa jedhamee kan ture, yeroo Wayyaneen sardama kessa turte sana, Mootummaa Maqaasaa mal-hojjatee Oromoof?. Amma hoo essaa jiraa?
    Alamuu Simee kan karaa irra maqsites, ‘liability’ OPDO ti wanta ta’efi, Oromoota biratti.

    Kanas ta’e sana, Lammaa fi Abiy QBOtu dhalche; that is to say it is QBO that defined them. Jarreen kun QBO akka inni lafarra harkifamu ykn laamshau sababa ta’an. Har’as ta’e Boru QBO qormaata isanif laachaa jirti, akkuma tokko-tokkon ilmaan Oromiaf qormaata lachaa jirtu sana.

    Presidantii MNO haaraa Obbo Shimalis Abdisaf garuu ergaa xiqqoo dhaamufiin fedha:
    Yaa Obbolessa kiyya Tokkummaa hummata Oromiyaa tiksi. Dhaabbilee Siyaasaa fi miti-siyaasaa Oromia kessa warraaqan hundaaf waamicha dhihessi. Koottaa wajjin biyya bulchinaa, biyya ijaaraa jedhii gaafadhu. Oromia fi Hummata Oromoof hojjachuun siyasni nu-daangessuu hinqabuuti. Oromiaf yoo hojjattee, Oromoon gufuu sitti ta’u hinjiruu kana beeki.

    Fakkenya gaarii tokkon siif kaasaa. Beektonni BBO (Biroo Barmota Oromiaa) kessa hojataa turan akkataa isan itti hojii bu’a qabessa Oromiaf hojjatan. Waggaa 23 ykn 24 dura warreen “curriculum expert” ta’an, kitaabota ilmaan Oromoo itti baratan kitaabota Barataa fi Barsisa Qophessu fi Gulaalun hojii bu’uraa ture. Wanti hogantoni tuta (Team leaders) hojjatan wanta bay’ee dinqisifamu ture. Oromoota akaakuu ykn gosa barnota isanittin expert ta’an (subject matter experts) bakka jiranii fi biyya jiranitti iyyafatanii akka isan kitaabolee sana barressuu fi gulaaluun qoda iratti fudhatan godhan. Hubadha namoni kun hundi, ilaalcha siyasaa garararaa qabachuu malu: gariin motummaf hojjataa ture, gariin miti-motummaa, gariin immoo hoji-dhabeyyii ture. Garuu, jaalala saba isanitif jecha, birmannaa lamumma godhan. Ani gama kiyyaan namota waamichi dhihatef kessaa tokkon ture. kana kessaati akka ‘subject matter expert’ tokkotti qooda fudheen ture. Jireenya kiyya kessatti hujii sana caalaa nagammachisu hin jiru. Kitabota BBO maxxansee baasu kan gitu biyyattii sana kessa hinturee yero sana. Maaliif jennaan, onnee keenya guutuun, fedhii dhan irratti hojjannee. Obbo Shimalis Abdisa kitaaba nuti yero sana qophessinen baratte guddachuu malta. Kana irraa barmota fudhadhu!

    Oromoo walitti waami. Gola jiran hundaa walitti waamii, kottaa biyya ijaaraa! Oromia wajjin bulchinaa naqarqaaraa jedhin. Siyaasa gartuu fi Aangoo dura Oromian haadursuti. Kan Bara-Baraan jiraatu Biyyaa, Oromia. Nuti boru darbina, aangoonis boru dabarti. Seenaan garuu biyyaa wajjin baraa baraan jiraatti.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.