By | May 12, 2018


Dullacha Dullachaan Bakka Buusuun Akeeka Ummataa Miti!

Baarentuu Gadaa Irraa, Caamsaa 12, 2018

25 September 2015: Lt General Seare Mekonnen speaking about army & TPLF Orchestra @mekelle #Tigray; @Day of Artists, 15 Meskerem

Dhiitee bariitu ulee ittiin ummata mirga isaaf falmatu reeban gateettii irra buufatuun, diinaaf ijaa fi gurra tahuun kan sosso’an hedduu tahuu seenaa QBO irraa hubachuutu danda’ama. Kanneen ejjannoo diinummaa fi jibbiinsaan masakamanii beekaas tahe wallaalchaan, dantaan bitamuuiis tahe sodaa irraa diina waliin hiriiruu, diinaaf hojjatuu fi odeessa dabarsuufii filatan baay’atuun haa jiraatu malee ummata mirga isaaf falmaatuuf murteeffatee ka’e jilbeenfachiisuu hin dandeenye.

Qabsoo bilisummaa keessatti jaarmayaa baayifatuu irra tokko jabeeffatuun wareegama hin barbaachifne hambisa. Ilmaan saba tokkoo wal dura hin dhaabu. Akeekaan ykn tooftaan adda bahanii wal fendeguu xiqqeessa. Irree fi humna qoodee diinaaf hiree hin kennu. Kun waan beekamuuf kanneen dantaa matayyaan hin sobamne, dantaa ummataa hunda irra caalsifatan, qaawwaa akkanaa hanqisuuf hedduu hojjatan. Kan anaaf jedhuu filatuuf kun hin fudhatamuuf.

Ummatni Oromoo gabroomuu hubatanii walabummaa isaa akka gonfatuuf jecha jireenya ofii lagatanii diina dura dhaabbatuun kan lolan hedduu tahuun hin falmamu. Kana keessatti garuu ummataaf jecha bahuu fi ofiif jecha bahuun Waaqaa fi lafa tahuu ilaallatuu feesisa. Akeeka alagaa bakkaan gahuuf hiriiruun ammoo

Deputy Secretary of Defense Ashton B. Carter meets with Gen. Samora Yunis at the Ethiopian National Defense Force Headquarters in Addis Ababa, Ethiopia, on July 24, 2013. 

hundaan olitti ummata gabroome biratti jibbamaa dha. Hawaasa kamuu biratti kan ummata dura dhaabbatu abarama dha. Kan dabre irraa baratuu hanqatanii dogoggora kaleessaa irra deddeebi’uun tarree namaa keessaa baasee beeyladaatti herregsiisa.

Wallaalummaan itti jabaattee ykn beekaa ummata ofiin olitti alagaaf dursa kennuun maayii irratti gatamuu akka dhalchu guyya guyyaan mul’ata.

Addunyaa kana irra bubbuluu qofaan waan hedduu dha kan baratamu.

Abbootiin keenya qarummaa kan horatan, sirna bulchiinsaa fi waliin jireenyaa fakkii tahu kan tolfatan mana barumsa dhaquun hin turre.

Gaaddisa taa’uun kan tahuu fi hin taane irratti mari’atuun sirna dimokraatawaa boonsaa ummatan. Kana kan dagatan hedduun namootaa, digrii kijibaa tarrisuun beekaa of taasisuu kajeelan. Duris ittiin nama sobuu fi beekaa of fakkeessuuf walitti qabatan malee daree seenanii barnoota fudhatuun kan argatan akka hin tahiin gochaan isaaniituu ragaa irratti baha. Barnootni hin barbaachisu jechuu miti.

Kan baratamu garuu beekumsaaf tahuu dhabee maqaa fi fakkeessiif qofa tahuu isaatu taajjaba uuma.
Hawaasa kamuu keessatti kan ofitti farroomu jira. Kan gabroomfataaf jilbeenfatu, ofirraa diina caalsifatu, kan har’aa qofa malee bor hin ilaalee, kan ummataa hafee maatii isaafuu hin yaadne kan durii irra bara Wayyaanee heddummaate. Raata’aa fi kan gad-aantummaan itti bule, dhugaa itti fakkaatee ololaa fi seenaa kijibaa gabroomfataan of dagate, of tahee mul’atuu irra gabroomfataa fakkaatee argamuu akka filatus ifatti mul’ata. Kanneen akka dhala namaatti yaadan, walabummaa fi bilisummaan jiraachuun mirga tahuu beekan, mirga irraa hir’ifame qabsoon guuttatuuf wayta sosso’an, kanneen gooftaa isaanii fakkaatanii jiraatuu filatan, gabrummaa fudhatuu irraa, tuffii fi salphina jalaa of baasuuf warraaquu lagatu. Kun seenaa kolonii hedduu keessatti mul’ateera. Kanneen akkanaa wayta gabroomfatan mo’ametti dachiitu ittiin gara gala. Hiree argameen kanneen gooftolee isaanii waliin baqatuu danda’an, hanga har’aatti seenaa xuraawaa hojjataniin abaaraman. Ilmaan isaanii seenaa xuraawaa abbootii isaanii dhaalanis har’allee mataa ol qabatanii jiraachuu hin dandeenye. Biyya itti baqatanittis lammii 2ffaatti ilaalamuu jalaa hin baane. Abbootiin isaanii ofiif xiqqaatanii ilmaan isaanii xiqqeenya dhaalsisan. Tuffii har’a irra gahaa jiruuf abbootiin sababa tahan. Seenaa gantoota ummataa hundaatu akkana.

Seenaan sirna gabroomfataa irraa dubbifamu kun har’allee Oromoo keessa jira. Wayyaanee lolla jedhanii dhaadataa manaa bahanii hanga dhaadatan gahuu dadhabuu irraa booji’amanii Wayyaaneef loluu fudhatuu dhaan ummata isaanii irratti duuluu murteeffatantu diina irra qabsoo bilisummaa Oromoo irraan miidhaa hin tuffatamne geessisan. Ilmaan guddifachaa Wayyaanee harma hodhuun guddatanis miidhaan geessisanii fi geessisaa jiran laayyootti hin ilaalamu. Kanneentu qe’ee abbaa isaanii fi ummata isaaniitti diina qajeelcha. Diinda dura bu’anii karaa agarsiisuun akeeka isaanii kan milkeessan kanneen akkanaa ti.

Ergamtootni ajjeesuu ajjeesisuu, hidhuu fi hiisisuu keessatti qooda ol aanaa kennanis hanga dirqama itti kenname guutanitti aangoo bubuutuu fi garaa isaanii guuttatuun akka jiraatantu haayyamameef. Kanaaf fakkeenya duraa kan tahu OPDO dha.

Oromoon sodaataa, doofaa fi jilbeenfataa akka isaanii itti fakkaatee kanneen diinaan olitti Oromoo irratti bookkisanii fi dhaadatan guyyaa dirqama isaanii akka barbaachisaa tahetti bahatuu dadhabanitti kan gataman tahuu OPDO irra kan gahaa turee fi jiru irraa arguutu danda’ama. Kan yeroon shira Wayyaanee hubatuun irraa fagaatan, akkasumaa shira diinaa irratti dammaqanii ummataaf falman keessa jiraatuun kan hin haalamne tahus waggoota kurnootaan lakkaa’amu keessatti illee shirri diinaa galuufii didee kan ummata isaanii irratti labsii du’aa fi dhumaatii dabarsuuf harka ol kaasan mul’atuun ummata Oromoo qofa osoo hin taane alagaa fi gooftolii isaan biratti osoo hin hafiin isaan taajjabsiise. Nyaara haaddattee, safuu fi hooda hin beeknee waan tahaniif garuu itti hin dhaga’amu. Hangamuu jireenyaa fi aangoof bololuun jiraatullee, xiqqoo cancala itti gochuu dhabuun dhuguma taajjabsiisa. Kanneen akkanaa ummata biratti kan namoomaa bahan, lubbuun keessa jirtiif munyuuqan, kan jiraatti du’an, reeffa sosso’oo tahuutti hubatamu. Ilmaan isaanii jalatti ajjeefaman illee homaatuu kan hin dubbanne, “tarkaanfii sirrii fudhatan” jechuun eebbisu herrega namaa keessa seensisuun akkamiin danda’ama?

Ofiif wallaalanii ummatas akka wallaalaatti ilaaluun of xiqqeessuu taha. Keessumaa dhaloota har’aa ija duriin ilaaluun salphinaaf of afeeruu dha. Ummatni Oromoo waggoota dheeraaf bilisummaa isaaf qabsaawe. Walabummaa biyya isaatiif dhiiga isaa dhangalaase. Wareegama baaseen qabsoo isaa sadarkaa har’a irra jiruun gahe. Kun boodatti deebi’a jedhee kan yaadu ykn boodatti deebisuuf kan ifaaju, kan garaaf buluu fi dantaan isaa jalaa cittu qofa.

Walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa ummata Oromoo hanqisuun gonkumaa hin danda’amu. Galatni kan ilmaan Oromoo fi qabsaawota bilisummaa haa tahu! Kanneen eenyummaa isaanii beekan, bilisummaa fi walabummaan maal akka tahe hubatan miliyoonotaan diinaan kokkee wal qabaa jiran.

Kanneen hin barihu sehuun gateettii ummataatti ol bahanii jireenya isaanii guuttataa turan aduun itti dhiteetti. Bakka Wayyaanee of buusuun ummata Oromoo gabrummsuu fi cunqursuuf yaaduunis ilaalcha dullacha sirreeffamuu qabu dha.


3 January 2015: General Samora Muhammad Yunis, chief of staff of Ethiopian national defense forces, strongly criticized Ethiopian opposition groups for disregarding values of Ethiopian national interests.


Major General Seara Mekonnen talks about defense force and Eritrea, August 5, 2014

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.