By | January 23, 2020


Ejjennoo Marii Oromoota Munshini fi Naannoo

Ilmaan Oromoo biyya Jarmanii, magaalaa Munshin fi naannoo jirruu guyyaa 18.01.2020 Munshinitti walgeenyee, haala Hawaasni Oromoo biyya amba keessa dabre fi amma keessa jiru xiinxallee, gara fulduraatti hiree nu eeggatu fi karaa tokkummaa fi hawwaasummaa keenya jabeeffannee itti fufnu irratti marihanneerra.

Oromootii biyya alagaa jirruu baroota dheeraaf sadarkaa adda addaatti gurmoofnee qabsoo bilisummaa Ummata Oromoo bira dhaabachuun, jeequmsa, cunqursaa fi lola mootummooti Itoophiya ummata irratti deemsisaa turan dura dhaabachuu fi sagalee ummataa addunyaa irratti dhageessisuu keessatti hanga humna keenyaa gumaachaa turre. Mootummaan Itoophiyaa, keessaahuu mootummaan TPLF/EPRDF, hacuuccaa fi gidiraa ummatoota irraan gahuu bira dabree, lukeelee isaa bobbaasuuni fi karaa diplomaasii, biyya alaattillee sagaleen ummataa akka dhageettii hin arganne gochuuf carraaqaa tureera. Mootummaan amma biyyicha bulchaa jirus, hidhata yeros ijaarame caalaayyuu jabeeffachuun jaarmayoota fi hawwaasa Oromoo bilisa tahan diiguuf carraaqqii isaa itti jabeessee akka deemaa jiru hubatneerra. Nutis aggaamii kana doomsinee, tokkummaa Oromoo tiksuu fi shiraa qabsoo Oromoo qara hedduun marsanii laamshessuuf tattaafatamu kana fashalsinee, hanga ummatni keenya hiree ofiin murteeffannaa mirkaneeffatutti qabsoo isaa bira dhabachuuf waadaa galleerra. Oromoota biyyoota ambaa jiran kaanifis, harka wal qabannee saba keenya bira akka dhaabannu waamicha goona.

Marii keenya keessattis, haala sochii ummata Oromoo, eegumsa mirga dhala namaa, haala jaarmayoota fi humnoota siyaasaa Itoophiyaa keessatti sosso’anii xiinxaluun marii baldhaa erga godhnee booda ejjennoo armaan gadii dabarsineerra.

  1. Mirga nam-tokkee fi mirga waloo ilaalchisse:

Siyaasni biyya Itoophiyaa keessatti deemaa jiru gara falammi garsuu lamaatti calaalaa akka jiru agarra. Innis falammii humnoota federalizimii sab-daneessaa mirkaneessina jedhanii fi garee siyaasa sabummaa Itoophiyaa tokkicha ykn „yeziegnet poletika“ gaggeessan gidduutti tahaa jiru dha. Akka hubannoo keenyaatti, „yeziegnet poletika“ jechuun dhalli namaa tokko mirga akka nam-tokkeetti malee mirga waloo hin qabu jechuu dha. Kun ammoo ilaalcha „Neo-Liberalism“, jechuun akka haala qabatamaan beekamutti, ilaacha koloneeffattoota haaraa (neo-colonialists) ta’uu isaa ti. Ilaalchi siyaasa „neo-liberalism“, ummatni afaan, aadaa, qor-qalbii fi biyya ofii qabaatee akka sabaatti of ilaalu, kan akka Oromoo, Sidaamaa, Wolayta, Somalee, kkf. „biyyi kun kan keenya, biyyicha fi qabeenya isaa irratti nutu ajaja“ wanna jedhanuuf, isaan akkasii akka sabatti dhabamsiisuun barbaachisaa dha kan jedhu dha. Xiyyaaffannoon isaanii inni duraa mirga waloo akka hin gaafanne gochuu, biyyi kan hundaa ti jechuun abbaa-biyyummaa isaa mulquu, dhuma irrattis mallattoo eenyumaa isaa dhabamsiisuun, biyya-dhablee fi aadaa-dhable godhanii, gita bittootaa waliin biyyicha dhuunfachuun, ummatni ammoo biyyaa abbaa isaa irratti hiyyoomee humna isaa qofa gurguratee (gabroomee) akka bulu taasisu.

Gabaabaatti, siyaasni „yeziegnet poletika“ jedhu kun mirgoota sabooti fi sab-lammiileen biyya isaanii irratti qaban mulquuf kan xiyyeeffate waan taheef, jabeessinee mormina. Sabni Oromoo fi Ummati Cunqurfamoon hunduu humnoota siyaasa akkasii gaggeessan kana akka kutannoon dura dhaabatanu hubachiisna.

  1. Sirna Federalizimii ilaalchisee:

Ummatni Oromoo sirna koloneeffataa gita bittaa Habashaa jalaa bahuuf baroota dheeraaf waldhaansoo hadhooftuu gaggeessee, ilmaan isaa qaqqaalii kumaataman wareegee, abdii bilisummaa ammaa kana argamsiisuu dandaheera. Ummatni Oromoo qabsoo hadhooftuu godhuun isaa Hiree Isaa ofiin murteeffachuufi malee mootummaa Impaayera Itoophiyaa keessatti Oromooti aangoo akka qooddatan gochuuf miti. Itti galmi qabsoo isaa, friin Hiree ofii murteeffachuu isaa ammoo yoo xiqqaatee, Itoophiyaa federalizimii sab-daneessaa fi demokraasii dhugaan ijaaramte keessatti, Oromiyaa daangaan ishee seeraan sararamee beekamte keessatti, ummati Oromoo guutummaatti walaba tahuun hogganoota ofiif filatee angomsuun of bulchuun isaa mirkanaawuu dha.

Humnooti sirna federalizimii sab-daneessaa guututti diiguuf deeman garuu, injifannoo Ummati keenya hanga hardhaa argate iyyuu harkaa butuun gabrummaatti isa deebisuuf kan carraaqan tahuun hubatamee, ummatni Oromoo, sabooti cunqurfamoo fi namootni dimokratawaa tahan hundi ammumaan cichanii akka dura dhaabatan gaafanna.

  1. Saaminsa Lafaa

„Lafti keenya, lafee keenya!“ jechuun waggoota dabran keessa hundaa dura qeerroo fi qarreen, dabalatees Oromooti marti kumaatamaan kan wareegaman, lafti Oromiyaa hundee jireenya fi eenyumma Oromoo tahuu hubatanii ti. Ilmaan Oromoo qaqqaaliin kun hundi kan wareegamaniif, qeyee dhalootaan irratti wal hore irraa humnaan arihanii, gandoota fi hawaasa Oromoo dhabamsiisuun haa dhaabatu! jedhanii ti. Haa ta’u malee, mootummaan amma biyyan bulcha jedhu fi hojjeettooti isaa, caalattu seeraan ala haala wal dorgommii fakkaatuun lafa Oromoo ormatti gurguruu fi deggersa siyaasaa bitachuuf lafa matta’aa kennuun jabaatee deemaa akka jiru hubatnee jirra. Kana bira dabrees, keessumaa karaa Bahaa fi Kaabaa, alagaan daangaa cehee humnaan onaalee Oromiyaa weeraree lafa qabachuun daangaa yeroo babaldhifatu, mootummaan angoo irra jiru kana dhaabsisuun isaa hafee, humnooti inni maqaa nagaa egsisuun bobbaasu iyyuu weerartootaaf garsuu ta’anii argamaa jiru.

Kun akkasitti itti fufuun, balaa ummatoota gidduutti lola kaasuuf deemu waan taheef cimsinee balaaleffachaa, mootummaan Dr. Abiyy, saamtota fi weerartoota kana irratti tarkaanfii atattamaa fi murteessaa akka fudhatu sagalee tokkoon gaafanna. Adeemsi lafa saamuu fi weeraruu kun, Ummata Oromoo abbaa-biyyuummaa dhabsiisuuf duuula deemsifamuu ta’uun hubatamee, Ummatni fi humnooti siyaasa Oromoo hundi dammaqinaan akka dura dhaabatan gaafanna.

  1. Komand Poostii fi Lola Qawwee Ummata Oromoo irratti baname

Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf murteeffatee, miseensoti WBO nagaan akka sabatti dabalaman mootummaa Itoophiyaa waliin walii galuun ni yaadatama. Haa ta’u malee, humna kana akka seeraa fi muuxxannoo addunyaa irratti beekamuun hidhannoo hiikachiisuu irra, mootummaan MM Dr. Abiyy isaan booji’uuf wanna carraaqeef WBOn gartokko daggalatti hafeera. Mootummaan Dr. Abiyy haala ofiif uume kana sababeeffachuun, heera fi seera biyyichaa cabsuu fi aangoo parlaamaa isaa iyyuu irra ejjechuun, Godinota Wallagga, Guji fi Booranaa mara irratti Komandi Postii hin labsamne itti jigsuun waggaa tokkoo oliif ummata ajjeesaa fi hiraarsaa turee, dhihootti ammoo Wallagga guutuu fi Iluu-Abbaa-Boor gartokko irratti lola guutuu labsee loltoota kumaatama heedduu itti bobbaasuun Oromoota meeshaa-maleeyyii dararuu fi ajjeesuun yakka lolaa (War Crimes) dalagaa jira. Yakka dhala namaa irratti Humni Lolaa Itoophiyaa raawwatu sagalee cimaan balaaleffanna. Ummatni fi Partileen Siyaasa Oromoo, akkasumas humnooti mirga dhala namaaf dhimman hundi sagalee tokkoon akka balaleffatani fi duula duguuggaa sanyii kana akka dhaabu Mootummaa Dr. Abiyy Ahmad irratti dhiibbaa akka godhan gaafanna.

  1. Ajjeechaa fi Arihatamuu Barattoota Oromoo

Ilmaan Oromoo carraa barumsa akka hin argatne fi kan argatanis nagaan akka hin baratne mootummooti Itoophiyaa dabran marti dhanqaa gara garaa kaayaa akka turan beekamaa dha. Keessaahuu erga TPLF/EPRDF aangoo dhuunfatee as ilmaan Oromoo barumsa gaha akka hin argatne, shirri ifaa fi dhoksaa xaxamaa tureera. Kana keessaas, barattoota qaroo, sababa uumuun barumsa irra ugguruu, hidhu, ajjeesuu fi biyyaa arihuun baldhinaan itti hojjetamaa ture.

Yeroo ammaa kanas, gareen ummata Oromoo diineffatan shira sana caalu taliiguun, universitoota adda adda, addatti ammoo universitoota biyya Amaara keessaatti, barattoota Oromoo xiyyeeffatanii ajjeesuun yakka baldhinaan dalagaa jiru. Yeroo ajjeechaan barattota Oromoo qindoominaan raawwatamaa jirutti, Mootummaan Naannoo Amaaraas tahe Mootummaan Federaalaa, akkasumas mediyaan isaanii callisaniiru. Namoota yakka kana dalaganii fi humnoota isaan duuba jiran seeraan tohachuun isaanii hafee, caalaayyu akkuma bara Mallas, barattoota Oromoo ajjeefamuu obboloota isaanii morman addaan baasanii kanneen dhibbootaan lakkaawaman barumsa irraa arihaa jiru. Kanaafis humnooti mootummaa, ajjeechaa qindoominaan dalagamaa jiru kana keessaa harka akka qaban shakkina. Ammas yakka qara hedduu barattoota Oromoo irratti raawwatamu fi isa miidhame deebisanii yakkuu kana sagalee tokkoon balaaleffachaa, hatattamaan akka dhaabatu, fi mootummaan Naannoo Amaaraa, dabrees Mootummaan Federaalaa, ofiifuu seeraan bulu yoo tahe, namoota fi humnoota yakka kana keessaa qooda qaban mara seeratti akka dhiheessan cimsinee gaafanna. Itti dabalees, barattoota Oromoo shiraan barumsa irraa arihaman atattamaan barumsa isaanitti akka deebi’an, gara fuulduraattis ilmaan Oromoo universitoota biyya Amaaraatti barachuu hin feene iddoo birootti akka ramadaman cimsinee gaafanna.

  1. Balaa Beelaa

Biyya Itoophiyaa keessatti namooti miliyoonaan lakkaawaman balaa beelaaf saaxilamuun bara baraan waan hin oolle ta’ee argama. Sababni himatamu caalaatti  balaa hongee ta’us garuu, maddi rakko guddaan jeequmsa fi lola dhuma hin qabne mootumichi ummata nan bulcha jedhu irratti bara baraan gaggeessu fi akeeka dinagdee isaa sirrii hin taane akka ta’e ifaa dha. Yeroo ammaa kanas, akkuma olitti tuqame, mootummaan Dr. Abiyy kutaalee Oromiyaa hedduu irratti komand postii dhaabee fi lola banee, ummatni keenya akka hin hoomshanne qeeyee fi maasii isaa mancaasuun hiyyummaa fi beelaaf saaxilaa jira. Haalli kun godinaalee asiin dura rakkoon beelaa hin mudatiinitti iyyuu gidiraa beelaa fidaa akka jiru hubatamee, qaamoti dhimmi kun ilaalu marti akka itti qophaawan jabeessinee dhaamna. Asumaanis, Bulchinsi EPRDF/PP kun aadaa ummata beelessuu fi humnaan gad qabanii bulchuu mootummoota dabran irraa dhaale kana irraa akka of qusatuuf dhiibba akka godhan gaafanna.

  1. Paartiilee Siyaasa Oromoo

Jaamiyaaleen gaaffii ummata Oromoo tarkaanfachiisna jedhan walitti dhufanii gaaddisa tokko ummachuun isaanii, tokkoomuu dhaabota kanaaf hawwi ummatni Oromoo qabu dhugoomsuuf karaa irra jiru jedhnee amanna. Haa ta’u malee, yeroo dhaabni OPDO, kan waggoota 27 dabraniif ulee alagaa tahee Oromoo gidirsaa ture diigamee, dhaabni isa dhaales, ifa tahuu illee baatu, humnoota siyaasa „neo-liberalism“ ykn „yeziega poletika“ gaggeessanitti dabalame kanatti, dhaaboti dhugaatti gaaffii abbaa-biyyummaa ummata Oromoo fiixaan baasna jedhan, eejjennoo isaanii qulqulleeffatuun garsuu gaaffii fi mirga Oromoon faallaa dhaabatan irraa of faggeessanii argamuu dhabuun isaanii laafina sirreessuu qabani dha jedhna.

Caalaatti ammoo, yeroo gamisni Oromiyaa seera malee bulchiinsa yeroo hatattamaa jala galee, lolli qawwee ifaa fi dhoksaan irratti gaggeeffamaa jirutti, yeroo barattotni Oromoo adamsamanii ajjeefamanii fi shiraan barumsa irraa arihataman, yeroo humnooti tikaa mootummaa Dr. Abiyy ummata baldhaa iddoo hundatti shororkeessaa jiran, walumaa galatti yeroo garsuun angoo mootummaa of harkaan qaba jedhu heera fi seera biyyattii dhiigee akka humna alagaa biyya qabateetti jeequmsa uumaa jiru kana, adda tokkoo fi sagalee tokkoon bulchiinsa shororkeessaa kana dura dhaabachaa hin jiran. Gochi mootummaa Dr. Abiyy kun yeroon yoo hin sirroofne, filannoo nagaa fi bilisa tahe gaggeessinee fedha ummataa dhugoomsina inni jedhu abjuu tahuuf akka deemuu hubachuu qaban.

Akka hubatamaa jirutti, duulli ifaa fi shororkaan humnoota gara garaatiin ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru, humnooti duraan ol-antummaa baran ammayyuu gaaffi ummata Oromoo bara dhibbaa baate ukkaamsuu irraa dabranii mirgoota inni hanga hardhaa gonfate iyyu irraa fudhachuuf abjootuu akka hin dhiisne nu agarrsiisa.

Kanaaf, qabsoo hadhooftuu ummati keenya bilisummaa fi abbaa-biyyuumaa isaaf itti wareegamaa as gahe injifannoon akka xumuratu, dhaaboti dhugumaan mirga ummata Oromoof dhaabbatan hundi tokkummaa fi murannoodhaan akka wal faana tarkaanfatan gaafachaa, nutis wanna dandeenyuun akka bira dhaabannu waadaa galla.

Dhuma irratti, yeroo humnooti Habashaa of gurmeessanii, Oromoo tahuu qofaaf lola qawwee fi lola qalbii Oromummaa fi Oromoo irratti banan kana, Ilmaan Oromoo iddoo jirruu maraa gurmuu keenya jabbeffannee, ummatni Oromoo duulaa qara hedduu kana injifannoon akka irra aanu fi qabsoo farra gabrummaa jaarraa tokkoof gaggeesse bilisummaan akka xumuratu, wal taanee, qabeenya, beekumsa fi humna qabnuun akka isaan bira dhaabannu waamicha obbolummaa dhiheessina.

Tokkummaan keenya haa jabaatu!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!

Oromoota Magaalaa Munshini fi Naannoo
Amajjii 18, Bara 2020.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.