By | February 8, 2020


NPR: Ethiopia Reflects On Its Founding Father’s Triumphant, Bloody Legacy

(NPR) — Menelik II fought off Italians bent on taking his empire, but also oppressed and enslaved ethnic and religious minorities. The victims’ descendants are wary of attempts to make him a unifying figure.


Ethiopian Multinational Federalists Convention, February 8 – 9, 2020, Atlanta, GA


Oduu SBO

(SBO/VOL- Gurraandhala 8,2020) — Hidhaa fi Ukkaamsaan Daran Jabaatee Itti Fufeera!

Akka kanaan, Dargaggoon Oromoo
Fira’ol Dereje Berki kibxata 26/5/2012 galgala 1:30tti manaa ba’ee osoo hin deebi’in achi buuteen isaa dhabamuu maddeen garaagaraa gabaasaa jiru.

Qeerroon Firaa’ol qaamni butameen hanga ammaatti ifa ta’uus baatu, akka maddeen karaa garaagaraatiin gabaasaa jiranitti qaamni dargaggoo kana bute Tika mootummaati jechaa jiru.

Maatiin dargaggoo kanaa qaamni odeessa isaa argattan karaa lakkoofsa bilbilaa 0923821980 kanaan akka nu qunnaman jechuun hubachiisaniiru!

Waraanni Mootummaa maqaa Command postiin lixa Oromiyaa keessatti bobbaafame ummata nagaa ajjeesuu fi hidhuun dararaa jira.

(SQ- Guraandhala 8/2020)

Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Amuruutti namootni nagaan miseensota ABO tahan waraana maqaa Command postiin achi qubatee jiruun qabamanii hidhamuun akka dararamaa jiran maatiin hidhamtootaa ni dubbatu.

Hanga ammaatti namootni hedduun qabamanii hidhamanis maatiin isaanii dhaqee dubbisuu akka hin dandeenye yaada isaanii SQf himaniin nuuf mirkaneessaniiru.
maqaa namoota hidhamanii jiranii keessaa muraasa kan sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaqqabe

1, BarsiisaaTasfaa Toleera
2, Asafaa waqjiiraa Q/Bulaa
3, Malaasa Indalee Q/Bulaa
4, Jarsoo Alamuu Konkolaachisaa motoraa
5, Barataa Fiqaaduu Hulluuqaa
6. Dasoo Toleeraa
7. Biqilaa Abdisaa Manajeera Gandaa
8, Barsiisaa Ayyalee Gammachuu 9, Habtoo Abdisaa konkochisaa Ambulance
10, Likkiisaa Gannatii
11, Kaffalee Abdisaa
12, Takkala Nagasaa Q/Bulaa
13. Babbee Dhinsaa

Namootni kunneenii fi kan biroon Waraanni mootummaa maqaa Command postiin achitti isaan qabee jiru reebicha hamaa irraan gahuun dararaa jira

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.