By | January 6, 2018


Qixxeessaa Lammii | Amajjii 06, 2018

Uumamaan gara laafina qabaachuu ummata Oromoo akka doofummaa qabaachuutti ilaaluun dogongora guddaadha. Ummata abbaa firaa ta’e, akkuma ofii kabajaa barbaadu kabajaa ummata biraafis falamatu maqaa dhiphimmaa dhiphootni moggaasaniifiin miidhaan hiriyyaa hin qabne irra gahaa turee irra gahaa jiru cubbuu akka ta’e ifaadha. Biyya isaa irratti alagaa taasifamee qabeenya dachee isaa irraa argamu irraa agabfamee ummata hiyyummaa alagaan irra kaaheen gidirfamaa turee fi gidirfamaa jiru akka ta’e beekkamaadha. Ummata bara dheeraaf faaydaa bubuutuu gara garaan sossobamaa turame har’allee jarraa 21ffaa keessatti ona gabrummaa jalatti qabuuf murnootni cecceehan danuudha.

Warri yaada kana qaban Oromoo ta’anii warra bullukkoo gabrummaa jala lixanii bara dheeraaf oowwifatanii mulqachuun du’a irra isaanitti ulfaateedha. Gabrummaa ofii isaaniif qaama godhatan ummata Oromoof qaama godhuu hin danda’an. Ummata nageellicha nagaya waan hunda irra jaalatu lola hin barbaachifnetti ofuuf tattaaffiin diina isaan godhamaa ture salphaa miti.Ummata nama hin quuqne kan ofii beelayee orma beelaa fi dheebuu baasu akka ummata homaatuu hin beeknee tokkotti itti taphachuuf carraaquun asii achi akka hin danda’amne firaa fi diinnis beekuun barbaachisaadha.

Gochaa hammeenyaa hiriyyaa hin qabne irratti raawwatanii dhaadatnoo siyaasaa Diinni fi firri dhaabbataan hin jiru jedhuun itti gadi ba’uuf faalachaa jiraachuu ilmaan buddeenaa wayyaanee itti jiran dursanii beekuun barbaachisaadha. Ummata ilmaan isaa dabaan irraa dhuman gumaa dhabsiisuuf karoora supheen TPLF ittiin gadi bahuuf deemtu ummatni Oromoo fudhachuu hin danda’u. Firri farra walitti ta’a malee diina kaayyoo akka walitti hin taane , diinni garuu yoomiyyuu diinuma malee fira dhiigaa akka ta’uu hin dandeenye beekkamaadha. Nagayaa fi kabajaan wali wajjiin jiraachuun dantaa gama lachuuf barbaachisu akka ta’e ifaadha. Haalli kun dhala namaa kamuu jidduu jiraachuu kan qabu waan ta’eef akkaan barbaachisaa ta’uu ummatni Oromoo akka gaaritti itti amana. Olloota isaa waliin bara dheeraaf bifa kanaan jiraachaa ture waan ta’eef haala jiruu fi jireenya dhala namaa kamiifuu barbaachisu akka ta’e ummata tolchee beeku.

Biyya isaa irratti abboomuu fi of bulchuuf qabsoo karaa cufumaa gochuun isaa qabsoo sabni cuqurfame godhee of bilisoomse irraa qabsoo kan wanti adda taasise hin jiru. Mirga isaaf falmachuun mirga saba biraa dhiibuu hin ta’u. Bilisomuu fi walaboomuun isaa bilisoomuu fi walaboomuu saboota fi sab-lammoota cunquramoo biraafis maddisisaa malee gabrummaa fi gidiraan ummattoota biraa irratti fidu akka hin jirre beekkamuu qaba. Akeekaa fi kaayyoo qabsoon ummata kanaa qabatee ka’e hiikkaa biraa itti kennuun ummattota olla fi fagoos kanaan sodaachisuun asii achi bakka hin argatu. Mootummootni Habashaa dhufaa lufan cufti sababaan ummata kana irratti roorrisaniif inni guddaan bayya badhaatuu inni qabu kanatti hinaafaniiti malee ummatni kun badii wayii qabaatee miti. Badiin inni biyya/ummata biraa irraan gahee isa jibbaniif tokkollee akka hin jirre seenaan ragaa baha. Akka ummata Tigreetti ummata homaa hin qabne osoo ta’ee mootummaan isatti hajamu tokkos hin jiru ture. Qabeenya haramee ykn haadhamee hin dhumne kana qabaachuu isaattu diina adada hin qabne isatti ta’e. Biyya badhaatuu qabaachuun diina isatti heddummeesse malee fira isa hin horachiifne.

Qabeenya isaa irratti kan badhaadhe eenyu akka ta’e ifa jira. Dhugaa dhoksuuf warri bobba’an hedduun garuu saba kana akka saba miidhameetti osoo hin taane akka saba ummattoota biraa miidhaa turee fi miidhaa jiruu tokkotti kanneen odeessan ni jiru. Dhugaa dabsuun cubbuu dhiifama hin qabne keessa of galchuu akka ta’e wallaaluu irraa osoo hin taane bu’aa yeroof jecha warra dheebotantu duula dharaa kana irratti bobba’ee gaama dharaa asii fi achi goolaa jira.

Diinni diina. Diina irraa badii malee tolli eegamu hin jiru. Firri farroome supheen Tigrootaas har’a afaan warraaqsaa gaarii gurratti nama mi’aawu dubbachaa turte gara jechoota farra warraaqsaa fi boodatti deebisaatti jijjiirtee ummata keenyatti gadiin bahuuf qophaawaa akka jirtu hubatamuu qaba. Arrabuma dhihoo kana mootiin keenya ummata keenya ittiin jedhaniin mootiin ummata keenyaa nuhi ummata keenyaan jechuuf akka jiraatan gamanumaan beekuun barbaachisaadha. Qabsoo hadhaawaa bara dheeraaf wareega qaalii daangaa hin qabne saba kana kafalchiise gatii dhoorguudhaaf Wayyaanee waliin walii galuu isii ummatni keenya dursee beekuu qaba.

Goota keenya, nutu isin dura dhabama malee isin nu dura hin dhabamtanii nu hoogganaa qabsoo teenya galmaan nu gahaa jedhee ummata irbuu isaaniif seene gananii eenyuun bulchuuf barcuma muummee ministeraa irra taa’uuf taa’aa hooqachuu akka jalqaban namaaf hin galu. Qabsoon sabaa kan geeggeffamaa turee fi geeggeeffamaa jiruuf nama tokkee barcuma Itophiyaa irratti baafachuuf akka hin ta’in fira dhiisii diinni keenyaas midhaagsee beeka. Gaaffii sabaa gaaffii nam-tokkeen deebisuuf yaaluun boba’aa irra ibidda buusuudha. Qawween onnee fi humna ummata dura dhaabbattu ta’uu hin dandeettu.

Isiniif shoomame, gadaa keenya kana keessatti waan barbaadan hunda suuta suutaan isiniif guutnaan waggaa 27 ol ummataan soban asii achi hin hojjatu. Qophiin TPLF OPDOn garuu har’allee abbaa buddeena isiif galata guddaa ooluuf ykn kufaatii irraa abbaa buddeenaa isii eewaluuf mala gara biraan ummatatti gadi bahuuf foolachaa jiraachuu beekuun barbaachisaadha. Ummata keenya waraana Abdi illeef TPLF leenjifteefiin biyya isaa irraa buqqifamee baqattummaadhaan biyya isaa keessa qubsiifamee harka mootummaa eeggatu hoxxee xixxiqqoo magaalaalee Oromomiyaa keessatti ijaarsifteefii mooraa dhoortee keessa qubsiistee kajeeltota bara baraa gochuuf akka deemtu beekkamuu qaba. Hodaroo hiyyummaa keessa ummatni gale deebi’ee nama ta’uu akka hin dandeenye beekkamaadha. Ummata irkataa mootummaa ta’e irratti waan fedhan hojjachuuf karaa qulqulleeffachaa jiraachuun OPDO ummata Oromoof ifa bahuu qaba. Mala ummata keenya qabsoo isaa irraa afanfaajjessuuf ykn gaadi’uuf abbaa buddeenaa isii waliin mari’attee itti bobbaatee jirtu akka ta’e beekuun feesisaadha.

Tooftaan biraa Somaalota hidhachisan hidhatnoo akka jabeeffatan godhanii irraa hiiknee isinis hikkadhaa jechuudhaan ummata keenya irraa hidhatnoo xiqqaa ofiin ittisu hiikkachiiftee eega irraa baate booda deebitee Somaalota itti duulchiftee salphisuuf sagantaa baafattee itti bobba’uuf qophii addaa xumurattee akka jirtu ummatni keenya beekee hidhatnoo isaa jabeeffatuchuu akka qabu hubachiisuun barbaachisaadha. Hidhatnoo hiikkachuun asii achi gabrummaa waaraa dhuma hin qabneef of gumaachuu akka ta’e dhalli Oromoo cufti beekuu qaba. Fayyaalummaa armaa achi ummatni keenya sobamuu hin qabu. Midhaa dacha dachaa bara baraan mootummoota abbaa irree Habashootaan xiribbamaniin irra geeffamu obsee danda’ee jiraachuun ummata sodaataa, wallaalaa, dadhabaa fi tuffatamaa isa fakkeessus obsa sirna gabroomfataa ittiin baatu fixachuu qaba.

Gabrummaan gosa cufaatuu naaf gahe jedhee tokkummaa isaan handhuura biyyattii irraa hamma daangaalee roga arfaniittuu bakka tokko hoo jedhee ka’uu isaa irraa murnootni akka malee rifatanii fi yaadawan halkanii guyyaa hirriba dhabanii boqannaa malee sochii kana dhaamsuuf alii gadi badutti jiru. Keessumaa addatti Tigrootni qabeenya isaan dureeyyota badhii ta’an samii fi dacheen isaanitti dhiphattee ijibbaata du’aa of gahuuf jecha yeroo dhumaaf waan isaaniif danda’ame hunda gochuuf dhama’aa jiru. Dalluun coomaan oowwaan qurxachuun deeqqifataa turan, nadhiin dammaa, itittuun ananii dhudha’anii deefachaa turan har’a irraa hir’achuun yaaddoo addaa keessa isaan galchee jira. Mootummaa ummata maaxaru warraaqsa ummataan fonqulchuun akka danda’amu ummatni bal’aan Oromoo qajeellotti isaanii fi hawaasa addunyaattis hojiin lafa irratti waan itti mul’eseef waan qabatanii fi gadi dhiisan isaan wallaalchisee jira. Warraaqsa kufaatii Wayyaanee xumura irraan gahe kana oolchuuf kashalbdootni garaa isaanii qofaaf bulan har’as abjochuu akka hin lakkisin beekuun ammo barbaachisaadha.

Dhimma dhuunfaa mata mataaf jecha dhimma ummata bal’aa danquun ykn dhiibuun yeroof kan milkaawu fakkaatus gara dhumaa fafa keessaa hin bahamne keessa of galchuu akka ta’e xuuxillootni TPLFis beekuu qabu. Ummata nagaya malee lola hin feene, jaalala malee jibbinsa hin jaalatne, guddina malee xiqqeenya hin feene dhiibanii ibidda gadoo hin dhaamne keessa buusuun nagaya naannichaa booressuuf haala aanjessuu akka ta’e taatota armaan dura
ta’an irraa silaa baratamuu male.

Oromoon fixamaa, buqqifamaa, saamamaa, ar’atamaa osoo jiru akka ummata hamaa tokkotti xurii dharaan qaqqabachuu fi xayyuuraa fi konkolaataan suuraan mootummaan kaasee hawaasa addunyaa daaaw’achiisuuf deemu maaliif akka ta’e beekkamaadha. Ummata dachee, mana, ooyruu fi malkaa isaa irratti dirre bahatti roorrifamaa jiru abbaa badii gochuuf huuraa fi huubni har’a TPLFn irratti guuramaa jiramu maaliif akka ta’e dhalli Oromoo bareechee beekuu qaba. Fixiinsa suukaaneessaa ofiif geggeesite vidiyoon waraabdee akka argaa fi dhageettii hin tolletti mijjeessitee Oromotu hammeenya kana ummata Somaalee irratti raawwate jechuudhaan hawaasa addunyaa daawachiisuuf qophii xumurachuu isii beekkamuu qaba.

Fayyaalummaan doofummaa ykn gowwummaa akka hin taane ummatni keenya beekee hammeenya dharaan mootummaan Tigree itti maxxansuuf deemtu kana gamtaan dura dhaabbatee harkatti fashalsuu qaba. Ummatni Somaalees dhugaa kana hubatee dhara mootummaan shoorarkeessaa ummata lamaan giddutti dhalchuuf deemu kana kallattiin dura dhaabbatee balaaleffachuu qaba. Mootummaan yakka ofii dalageen ummata yakka irratti dalage deebi’ee yakka ofii dalage sanaan itti gaafatu TPLF malee seenaa mootummoota addunyaa dabranii fi jiran keessattis hin argamne/hin mul’atne. Hawaasni addunyaa, mootummootni dhihoo fi fagoo kanneen mootummaa nama nyaataa kana bira gargaarsa gara garaan dhaabbatan hundi badii mootummaa kanaa osoo argan, dhagahanii fi beekan cal’isanii ilaaluun mirga dhalli namaa uumaadhaan qabu irra ijjachuu akka ta’e hubatuu qabu.

Ni moona! Hin shakkinu!

Qixxeessaa Lammii.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.