By | June 24, 2018


Qaanqur Amboo | Waxabajii 24, 2018

Oromoon jaarraa tokko oliif harqoota gabrummaa habashaa jalatti kufee kan jiru dandeettii, hogummaa, beekumsa, baayyina ykn gootummaa habashaan caalamee osoo hin taane, sababaa teessuma taa’umsa lafaa biyya Habashaa/Abyssinia qarqaraa galaanaatti dhiyeenya qabuun bahaa fi gala lammilee Awuroopaaf quunnamtii mijataa argachuun gama saniin meeshaa waraanaa ammayyaa jaarraa sanaa argachuu danda’uudhaan ture. Mootichi habashaa bara sanaa, Minilik,  meeshaa waraanaa biyoota Awuropa irraa kara imaltoota ykn mishinarota Awuropaatin haala mijeeffameen bittaa fi gargaarsan argateen Oromoo fi sabaaf sablammoota kibba Itoophiyaatti argaman humna waraanaatin cabsee qabachuudhaan uummattoota bilisummaa fi biyyootaa walabummaan jiraachaa turan sirna kolonii jalatti galchuu danda’eera.

Oromoonis bara harka bittaa alagaa jalatti kufee kaasee bilisummaa humna qawweetiin caalamee mulqame deeffachuuf qabsoo bilisummaa wal-irraa hin citne bifa adda addaa tiin taasisaa turus hanga ammaatti hin milkoofne.

Keessattuu, walakeessa bara 1970ta keessa qabsoo fi falmaa Oromoon baroota dheeraaf haala faffaca’aatiin taasisaa turee fi gaaffii haqaa qabatee diina gabroomfataa waliin dirreewwan adda addaatti morma wal-hudhee geggeessaa ture wiirtuu dhaaba siyaasaa tokko jalatti galchuudhaan qabsoon Oromoo giduu galeessummaa fi haala ammayyaatiin jaarmiyaatiin akka geggeeffamuu/ hoogganamuuf jecha dhaabi Adda Biisummaa Oromoo (ABOn) dhaabbatee qabsoo gaaffii haqaa Oromoo – ka Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa gara sadarkaa olaanaatti guddisuu fi seenaa qabsoo Oromoo keessattis boqonnaa haarawa banuu dandaheera.

ABOnis gaaffii bu’uuraa Oromoon jaarraa tokko oliif bakkoota adda addaatti haala tatamaheen geeggeessaa ture agobara tokko jalatti fiduun isaa Oromoo ummata guddaa fi Oromiyaa bal’oo walitti fiduu irra dabree gaaffiin Oromoo akka sadarkaa addunyaatti dhageettii argattuu fi seera qabeessa taasiseera.

Gaaffiin Oromoos gaaffii ABBAA BIYYUUMMAA fi BILISUMMAA ta’uu isaa sagantaa siyaasaa calqaboota bara 1970ta keessa baaseen gadi dhaabuudhaan, gaaffiin uummata kanaa gaaffii haqaa fi kan uumamaa humnoota koloneeffattootaatiin bortaan sarbame karaa danda’amee fi mijate hundaan falmii taasisee uummati Oromoo deebisee abbaa mirga fi abbaa biyya isaatii akka ta’u dhugoomsuu kaayyoo godhatuu mirkaneesse.

Gaaffii Abbaa Biyyummaa Oromoo

Akeekaa fi kaayyoo ABOn irratti hundaa’ee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessaa ture ummata gabrummaa habshaa jalatti jaarraa tokko oliif kufee fi lafa Oromoo humna habashaan humnaan qabamee qabeenya samamaa ture deebisee harka Oromootti galchuudha.

Gaaffii abbaa biyyummaa yeroo jedhamu keessattuu yeroo ammaan tana sadarkaa guddina qabsoo Bilisummaa Oromoo fi sochii fincilaa dinqisiisaa Qeerroon Biisummaa Oromoo waggoota dhiyeenya kanaa walitti aansuudhaan geggeesseen humnooti adda addaa fayyadama gaaffii bu’uuraa uummati Oromoo baroota dheeraaf dhiyeessaa turee kana gar-malee itti fayyadamudhaan afaan faajjii uuma akka jiran ni hubatama.

Keessattuu murni siyaasaa akka dhaabaatti diina jalatti diinaan gurmaahe, OPDOn gaaffi abbaa biyyummaa Oromoo akka qaama gaaffii qabsoo dhaaba sanaat itti fayyadamuu eegaluun hangam akka dhimma ijoo qabsoo Oromoo irratti qaamotuma diina waliin tahanii gaaffii Oromoo kana dhabamsiisuuf dalagaa turaniin afaan faajjiin adeemsifamuuf akka yaalamaa jiruu fi afaan dammaa dibatanii afaan qabsaa’ota haqaa dubbachuudhaa qabsoo haqaa Oromoon itti jiru gara dabarsuuf yaalii akka godhaa jiran agarsiisa.

Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Oromoo gabaabumatti ummata Oromoo biyya isaa irratti abbaa biyyaa taasisuun Oromoon Oromiyaa irratti abbaa aangoo siyaasaa, dinagdee fi haasummaa akka ta’u taasisuudha. Oromoon aboo dhimma isaa kamuu irrattii fi biyyaa isaa irratti murteessuu argachuu kan danda’u bu’uura seera adunyaa irra jiruun kan biyyooti harqoota gabrummaa jalatti kufanii turan ittiin deebisanii mirgoota kana harkatti galfachaa/deeffachaa turan adeemsa demokraatawaa ‘mirga hiree ofii ofii murteeeffachuu’ ykn ‘exercising the right to self determination’ bilisaan geggeffachuutiin ta’a.

Kana keessatti murni diina jalatti gurmaahee mirga Oromoo sarbaa fi dhiichisaa ture, qabeenya Oromoo saamtotaa fi TPLF wajjin saamee saamsisaa ture, ka Oromoo hiisisaa fi ajjeesisaa ture, hamlee ittiin dhimma gaaffii Abbaa Biyyummaa Oromoo gaafatu qabu. Sababi isaa waggota 27 darbaniif dhaabi OPDO jedhamu kun Oromoon bilisa ta’uu olalaa fi gaaffiin Oromoo gaaffii dimookrasii qofa ta’uu labsaa ture. Kanaaf, sagantaa siyaasaa hin qabnee fi hin qabsoofne wa’ee gaaffii abbaa biyyummaa kaasuun afaan faajjii uumuu qofaaf yoo tahe malee gaaffii haqaa qabsaa’oti kumaatami, qeerroon Bilisummaa Oromoo fi uummati Oromoo walii galatti haarsaa qaalii itti kaffalaa sadarkaa dhumaan gahan karaatti  butatuuf yaaluun akkasumas adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo galma isaa irraa gufachiisuuf yaaluun bor seenaa fi seeraan itti nama gaafachiisa!

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.