By | February 6, 2018


Gaaffiin Oromoo jijjiiramuu hinqabu, akkaataa hojjennutu jijjirama barbaada

Mekbib Gebeyehu Biqila tin, Gurraandhala 5, 2018

Sabni Oromoo Jijjirama gudda akka fiduu dandahu hunduu beeka. Jijjirama barbaachisu kana fiduuf garuu akkatan itti hojjetamaa jiruu jijjiramuu qaba. Kuni hintahu taanaan lubbuun wareegamaa jirus tahe humnifii qabeenyi bahaa jiru qophaasaa waan barbadamu bira nama hingeessu. Warri nubitani akekkaa sanii jijjiraniru. Waan jechuu barbaadani otoo hintahiin waan nuti jechuu barbaadnnu jedhanii yeroo mohacaa jiru.

Yeroonsaa yoomiyyuu caalaa hamaadha. Firaafii diinaa gargar baasuuniyyuu gaaffii cima taheera, kunumtuu humna Oromoo gargarbaasaa laata hanjedhuu yaddoon jira. Kana moonee keessaa hinbaanu taanaan balaan dhufu guddaa taha.

Yeroonsaa baa’ee gafata.  xinxxaallee, waan darberraa barannee ishee hafte fixaan baasuurratti hojjechuun murtessaadha. Hojiinsaa  laayyoo miti, garuu dandeenya. Hundikeenya  akka kana gochuu dandeenyu amanu qabna. Humnifii qabeenyi amma bahaa jiru caala otoo hinbaahiin, namootni hara du’aa jirani caalaa otoo hindu’iin, hin hidhamiin waan Oromoo barbaadu bira gessisuun dandahama.

Yeroonsaa yeroo afaanin dubbatani otoo hintahiin yero beekumsa, qabeenyaafi humna ofi qindeessaani  hojjettanidha. Yeroo ani moha jedhamu otoo hintahiin yeroo nuti moona jedhamudha. Yeroonsaa haala qobsson Oromoo uumee kanattii dhimma bahanii roorroo ofirraa darbatanidha. Haallisaa kanaaf mijaahaadha, sabni ka’eera.

Dur dur yeroo “ijoolle turre” when objective and subjective conditions fulfil” jechaa turre. Kana jechaan yoo inni bitu bituu dadhabu, yoommoo inni bitamu bitamuu didu jechaadha. Obbo Bqalaa garbaa “hin bitamnuufii” kan jedhan kana ture.  Kunoo hara yerro akkasii keessa jirra, wayyaaneen akka duritti Oromoo bituu hindandeenye; Oromonis bitamuu dideera. Warra haala kana fidee, kanarratti lubbuunsaani dabarsani, qerroo, hoggantootaaf qabsawoota Oromoo galatni haa gahu.

Haalli haaraaan kuni rakkoo haaraas uumeera. Firaafii diina offii baruun rakkisaa taheera.  Fakkenyaaf OPDOn hara maal keenya kan jedhu gaaffin ka’aa jira. Kana deebissuf namoonnii tokko tokko akkaataa OPDOn itti dhabbatte eessattii/eenyu dhaabe, maalif kan jedhurra kaasu. Kanuma wajjin walqabate akkataa OPDOn ijollee Oromoo maqaa ABO tiin waggoolii 26 darbban kana ajjeesaa, hidhaa turtte ibssu. Warrii kanimmoo waan hara OPDOn dubbatturaa kau.  Kuni duwwann firaafi diina gargar baasuuf gahaa miti. OPDOn waan darebe gaabbitee hara gara Oromootii deebihuu dandeessi, Lammaanfaa kan dubbatanis Onneesanirraa burqa kan jedhans baa’achaa jiru.

OPDOn dur gaaffin Oromoo deebii argateera jechaa turte. Hara  garuu akka deebii hin argganne, abban biyyumma mirkanahuu akka qaba nutti himaa jiru. Kanuma otoo jedhanii roorroon Oromoorra gahu ittuma cimaa jira. Oromoon qeheesarraa kan buqqa’ee yoomiyy’uu caala hara, ammallee qeheesattii hideebine. Gaafii Oromoon waggoolii dheeraa itti du’e, hidhame biyyaa bahe dhiisanii waa’ee suusii saani.  Qeerroo keessa lixani diigaa jiru. Alaaba ABO qabatani jedhani qeerroo mormme mana hidhaatii darbatu.

Gootonni Oromoo kan akka Baqala Garbaafaa dhukufsatanii ogeessalle yoo arguu dhowatamani callisanii ilaalu. Gootonii Oromoo harkki sani akka hattuu hidhamee akka sangaa gabaaf dhiyaatee  yoo naannessani homaa hingodhani. Kuni akka hamleen gootoha Oromoo cabuuf akka tahe eenyyfuu ifaadha. Dubbin baa’eedha!!

Kuni akkas otoo tahuu OPDOn mirga Oromoof lolti jechuun nama rakkisa. Mirggi saba Oromoo mirga Oromoo tokkorra jalqaba. Namni hara gootota mana hidhaatii dua jiraniif hindhaabbanne, kan warra isaan hidheef hojjetu saba Oromof dhabata jechuun dubbii walaluu ykn nama  gowwomsuu yaaluu fakkaata.

kana jijjiiruu qabna. Kunis yoo ijaarsa (adda ijaarsolii) cimaa qabaannee lolledha. kara nagaas, karaa waraanaas. Akka amma deemnutti, netti/media dhaan bokkisaa Oromoon akka waan barbaadu bira gahu gochuun abjuudha (mediatti dhimma hinbaanu jechuu koo miti). Haala biyya sana keessa jirutti kuni akka hintaane afaan koo guuteen dubbadha (I know nothing is precluded in politics). Ijaarsi muteessadha.

Yeroo amma Oromia walaba taate/oromia Ethiopia wajjin jiraattu jedhaanii mataa of dhukkufsuun bu’aa hinqabu. Yaadni akkasii han gargar nama baasu malee han walitti nama fidu miti. Murtee akkasii saba jaalanna jennu, saba saba Oromoof haa dhifnu. Yoo achi geenyu haala yeroonsaa kennu keessatti marihanna. Mee dura re’een foon haa taatu jedhu miti. Kuni Oromoon mirgasaa arggachuusaa wajjin walqabata.

Yeroonsaa yeroo waldandddeetti fii waliigaltee uumnee ijaarsa/adda ijaarsoli cimaa jallatti of qindeesinudha. Kunis ijarasa tokko tahuu hinqabu, tokkummaa ijarsolii adda addaa tahuu dandaha.

Ijaarsi /adda ijarsolii akkasii:

  • Yaada Oromoo baa’een irratti walii galeeratti han hojjetuu, sagantaa baasee  qindeessa.
    beekumsa, muxannoo fii qabeenyya jiruu walitti fidee qabsoo kana kan gara funduraatii oofuf hala mijaahaa uuma
  • Oromoon motummaasaa  haa dhaabatu/Ethiopia keessa haa jiraatu/Ethiopia haa bitu han jedhu dhiisee Oromoon mirgasaa ofiisaa haa murteffatu, nutimmoo akka Oromoon mirga kana argatuuf ogargaarra jechuu taha
  • Kara nagaa/waraanaa kan jedhurratti yeroosaa balleessuun akka gatii hinqabne baree kara hundaanuu wara loluuf kabaja laachuu, qixxummaadhaan ilaalu qaba. “haa dhuf malee bishaan gingishaattu” jedha Oromoon. Han namni barbaaduu bilisumma malee akkamitti dhufe? eenyu fide?  Kan jedhu miti.
  • Anatu humna qaba, qabsawota/beektota baa’ee najalatti of ijaramanii jiru han jedhu of keessaa basuu qaba. Ijaarsi kophaasaa mohuu dandahu hara hinj
  • Hammi jiru xinnaanis tahe guddaanis bua’aa fida kan jedhutti amanee hunduu akka humnasaatt keessatti qooda akka fodhatuuf carraa kennuu qaba

Yeroonsaa yeroo isa drbbe ilallee irra barrudha.  “History repeats itself” jedhameera, Eeyye seenaan deddeebiti.

  • Bara 1977 Meison ijarsa cimaa akka tahe of agarissuuf waan qabu hunda hiriira baasee ture. Irreesaa agarsisee Dargii sodachisuuf yaaleeti. Keessisaa garuu hoffa ture, ijaarsa cimaatu hanqate. Otoo oole hinbuliin dargiin hunda sani fixxe.
  • Seenaan akkasi 1991 tii deebihee tahee ture, yeroo Oromoon gullalleetti lafa dhipisee sana, yero ”yoo itti fincoofne lolaan ishe fodhatee deema jedhame sana. Waan tahe waalitti himuun yeroo ballessuudha. Keessa keenyatuu hoffa ture. Waan barbaachisurraa waan hibarbaachisnerratti yerootu bade of ijaarurraa wal eebisuu baa’ifne. Yeroo gullalletti lafa dhipisaa turre, otoo of ijaaruurratti humnafi beekumsa qabnu hojirra ooshinee jiranne yoona bu’aa gudda fida ture.
  • Haras waan nu yaadachiisutu jira. OPDO baa’ee amanu hinbarbaachisu. Keessumayyuu qeerroon of saaxilurra of eeggachuu qaba. Hiriira bahuun baheessa, garuu hiriiras akkaa bahamee of ijaaruu irranfachuun rorroo Oromoo dheeresuudha.

Nagaan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *