By | May 30, 2018


Qixxeessaa Lammii | Caamsaa 29, 2018

Guddinni dhala namaa bara baraan duratti hiiqa malee duubatti hin hiiqu. Guyyaa dhalate irraa kaasee umrii, qaamaa fi sammuun dabalaa deema. Ijaan haadha, abbaa, obboleeyyanii fira adda baafachaa deeme. Gaafa guddatee sadarkaa of beeku bira dabree sadarkaa waan biraa beeku irra gahe waan mataa isaa qofaa yaaduu bira dabree waan warra, ganda, aanaa, lammii fi saba isaaf dhimmutti tarkaanfataa deema. Bayyanachaa deemuun isaa bayyanachaa deemuu saba isaafis qooda ol aanaa qabaata. Haalli guddina isaa garuu waan jedhame kana milkeessuu fi gufachiisuu irratti irree cimaa qabaata. Maatii, hiriyyootaa fi naannoo gaarii keessatti yoo dhalate ilaalchi isaas akkasuma ta’a. Dhimma dhalachuu fi guddachuu dhala namaa kana sababa irraa ka’eef qaba.

Dhalli saba gabroome irraa dhalate hammeenya gabrummaa sana qaamni itti himuu fi itti mul’isu yoo hin jiraatne, jiruma keessatti dhalate sana bilisa seeha. Hamma baratee dammaqee hubatututti sirna gabrummaa keessatti dhalate sana jibbuu hin danda’u. sababaan mi’aa bilisummaa fi hadhaa gabrummaa garaa garummaa isaan qaban waan hin beekneef, sirnuma keessatti dhalate sanatu isatti jabaadha. Oromoon osoo hin gabroomin dura sirna bilisaan jiraata waan ta’eef mi’aa bilisummaa akka gaaritti beeka. Gaafa Habashaan cabsee qabachuuf itti dhufe sababaan of ittisuu irratti miiliyyoonni jahaa ol itti hobba’eef sababa mi’aa bilisummaan qabdu dhandhamanii beekaniif.

Hadhaa gabrummaa sana osoo itti hadhaawu tumsa warra alaatiin humna ibiddaatiin eega booji’amee asilee yeroon inni sirna sana gammachuun simatee keessummeesse hin jiru. osoo of irraa darbee jalaa bahuuf mormatu yoona gahe. Wanti hin haalamne garuu dhukkubni bule fira ta’a akkuma jedhame dhawaata bubbuluun qaamaan dhawachaa deeme. Suuta suutaan qaama godhatee itti obsee keessummeessuu eegale. Sadarkaa eenyummaa isaa gadi dhiisuu irra yeroo inni gahutti ABOn dhalatee hiikkaa gabrummaa fi bilisummaa barsiisuu eegale. Bara mootummaa ceehumsaa ABOn ummata isaa Oromummaa barsiisee biraa bahe irraa kaasee dhalataan Oromoo dhalcha ABO ta’ee dhalatee maqa kanaan guddate.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo har’a Oromiyya bira dabree warraqqasa isaan hawaasa addunyaas daaqse dhalcha eenyuu akka ta’e isa hin gaafatan. OPDO yoo ta’e malee dhalchi Oromoo kan akkuma hadoodetti hafe hin jiru. Namni tokko bilisoome jechuun quufee nyaatuu osoo hin taane sammuun bilisoomuudha. Dhalchi ABUT har’allee garaan malee mataan hin bilisoomne. Gabrummaan ummatni Oromoo bara dheeraaf baachaa turee ammallee baachaa jiru kun ulfina dhala namaaf malu isaanitti fakkaata. Harqoota gabrummaa baatan ummata Oromoos baachisanii ittiin dhiibaa akka jiran waan hubatan natti hin fakkaatu. Garaa isaaniif waan quufaniif ummatni Oromoos akkuma isaanii waan quufa qabu seehu.

Gaaffiin Oromoo gaaffii garaa guuttachuu osoo hin ta’in gaaffii mirgaati. Gaaffii bilisummaa fi abbaa biyyuummaati. Gaaffii gurguddaa kana gara gaaffii garaatti gadi deebisanii ilaaluu eega eegalanii fagoodha. Har’as yeroo lolaan warraaqsaa xiillessee qabe kana keessattis abbaa qabsoo of godhanii ummata bal’aa gowwoomsuuf halkanii guyyaa dhama’aa jiran. Gabra bilisa bilisoomsu sadarkaa ta’uu itti danda’anii fi ittiin of dhaadan irra gahuutti hiixataa jira. Ayyaana Oromoon sirna gabroomsaa mootummaa Dargii jalaa bahee sirna gabroomsaa Wayyaanee jala itti gale kabajachuuf gaafa wal gahan Caamsaa 20, 2018 obboo Lammaa Magarsaa obboo Leencoo Lataa fa’a bilisoomsee biyyatti deebisuu afaan guutuun wal tajjii bal’aa irratti yoo haasawu baayyee nama qaanessa. ‘Warri isin caalla nuun jedhan nuun caalamanii harka nutti kennatan,’ jechuun gaaddisa gabrummaa jalaa bahanii gaaddisa gabrummaa jalatti deebi’uu isaanii gammachiisaa ta’uu gammachuun hennaa dubbatu sabni Oromoo maal naan jedha jedhee waan yaadu natti hin fakkaatne.

Manguddoon gaafa duraas karuma irra dhufan sanaan bararanii godaanan malee akka inni jedhe miilaan baqatanii biyyaa hin baane. Yoo itti tole galuu fi dhiisuufis mirga itti qabu. Biyya isaanii waan ta’eef biyya isaaniitti galuuf hayyama isaaniin kan galan yoo ta’e biyyi itti galan tan isaanii miti. Kooluu itti galan waan ta’eef mirga baqattummaa eeganii qubsiisuu qabu. Salphataan of salphisee salphataan salphifamee ummata isaas salphisa jechuun akkana!

Osoo ummatni Oromoo alagaadhaan daangaa mara irratti akka baala mukaatti rasaasaan harcaafamaa jiruu bilisummaan isaan argamsiifne jedhan meerre? Of gowwoomsaa jiran moo ummata gowwoomsuu isaaniiti? Duuchaan dhumuu dhala Oromoottu bilisummaadhaa barcuma lallaa fi oowwaa irra taa’anii xibaaru? Dhumaatii bara Minilik irra caalatti ummata keenya mudachaa jiru osoo argan jaamanii, osoo dhagahan duudanii dhimma aangoo isaanii irratti haarahoomsa kennuuf dargaggoota bakka maraa walitti waamanii magaalaa Adaamaatti marsanii sababaan bira tatta’aniif maaliif?

Mirgi ummata Oromoo hiree dhumaatii kana yoo ta’e bilisummaan baanamu meeti? Bilisummaan eddo ofii irratti dhumuudhaa? Aangawaan ummata isaaf homaa hin qabanne ummata bulcha jedhee akkamitti dubbata? Guyyaa ummatni Oromoo gabrummaa moofaa jalaa bahee gabrummaa haaraya jala seenuu kabajuun mataan isaa hiikkaa qaba. Har’as borus Oromoon jiruun isaa gabrumaa jalaa bahuu akka hin dandeenye mirkaneessudha. Gabra gabrummaa jala jirutti gabri alaa galee harka inni kennatus raajiidha. Dur hin jirree baasa baasa caalu. Dulloota qilee qarree dheedan irraa ummatni Oromoo bu’aan eegu hin jiru. Warra abdii murtee fi abdii hin qabne irraa abdii kajeeluun of gowwoomsuudha.

Matootni maqaa Oromoon barcuma biyyattii irra wal duraan taa’an martuu maqaa malee humnaa fi cimina akka hin qabne guyya guyyaadhaan mul’ataa jiru. Asii fi achi biyya keessaa fi biyyoota ollaa irra naannawanii hidhamtoota gadi dhiisuu fi akkaataa ABO balleessinaa irratti hirriba dhabuun isaanii eenyuuf akka dhaabbatan ibsee jira. ABOn badu malee Oromoon bilisummaa fi walabummaaf qabsaawuu irraa hindhaabbatu jechuudhaan murtii Tigreen harka keette qabatanii hojii irra oolchuuf sansaaranaa jiru.

Biyyoota ollaa ABO irratti gargaarsa gaafachuun Oromoof yaadanii osoo hin taane Oromotti yaadanii akka ta’e lolootni yeroo ammaa ummata Oromoo Walloo irratti Affaariin baname, daangaalee Oromiyaa mara irratti waraana Abdi’illeen baname ragaa qabatamaadha. Ummata Oromoo Oromiyaa irraa balleessuu fi Oromiyaa kaartaa lafa addunyaa irraa haquuf sagantaa dhaabbataa ABUT qabduudha. Sagantaa fi karoora kan baasu ABUT hojitti kan hiiku OPDO akka ta’e dhumaatii ummata keenya irra guyya guyyaan gahu irraa afaan qabachuu isiiti.

Haala kana keessa dhaabbatanii aangawoota dhaabota isin caalla nuun jechaa turan harka kennachiifnee bilisoomsine jechuun isaanii kun qabsoo Oromootti furrii haqachuudha. Bilisummaan biyya keessaan karaa nagayaa dhuftu osoo jiraattee dhaabbilee siyaasaa karaa nagayaan biyya keessatti socho’aa turaniin silaa dhufti ture. Gabroomsaa nama bilisoomsu ammoo seenaa qabsoowwan armaan dura hawaasa addunyaa gara garaan geeggeeffame keessatti ta’ee hin beekkamu. OPDO irraa bilisummaa eeguun ABUT/TPLF irraa bilisummaa kajeeluudha. Waan waliin hin deemnee fi waliif faallaa wal keessa maanxanii haasawuudhaan ummata harka dhaansfachaa ooluun ummata Oromoof furmaata hin ta’u. Waan dubbatan irra waan hojjatanitu murteessaadha! Gaaffiin Oromoo kan deebii argattuun warraaqasa itti jiramu itti fufuudhaan sirna nama nyaataa kana of irraa qaarisuu qofa.

Har’aa fi boru nuuf siqxi jechuun of gowwoomsuun ummata Oromoof gahuu qaba. Mootummaa qawween nama kuffisee  qawween nama irra taa’u qawwee malee dawaan isaa akka hin jirre beekuun barbaachisaadha. Warra arraba damma daamuu dibatanii wal tajjii gara garaa irratti yaa’anii qabsoo finiine kana dhaamsuuf carraaqan cufaa of duraa haxaawuudhaan qabsoo walabummaa fi bilisummaa itti fufuudha. OPDO ABUT arrabsitu dhugaa seehanii of dagachuun isii jalatti mataa qabachuun waraabessa firoomfachuudha. Arraba warraaqsaa dheerasanii lallabuu Lammaa fi Abbiyyii jala baduun hin barbaachisu. Haasofni isaanii doohii sobaa kan dhugaan duubaan hin jirre ta’uun hubatamuu qaba.

Sakaallaa isaan dantaa mataa isaaniif ummata Oromoo irra buusan Qeerroon Bilisummaa Oromoo kutuu qabdi. Dhumuun eega hin oolamne qabsoof hayyama OPDO eeguun wareegama gatii hin qabne kafaluudha. Dhalli Oromoo cufti gocha hammeenyaa jilmaan nurratti raawwatamaa jiramu kana jalaa bahuuf qorsi barbaachisaa fi furaan qabsoo hidhatnoo qofa akka ta’e hubachuun gaariidha. Biyya teenya Oromiyaa osoo lubbuun jirru dhabuu irra dhabamnee dhabuu filachuu qabna. Kanaaf ABO, WBO, QBO/QEERROO BILISUMMAA OROMOO bira dhaabbatnee of ittisuuf haa kaanu! Dirqamni kun alaa fi keessa ammachuu qaba. Keessumaa Oromootni ala irraa qabsoo kana humneessuuf karaa dandeettan maraan tattaafachaa baatan haasawa obboo Lammaan tuffii keessaniif dubbate xiiqeffatanii tokkummaa keessan cimsitanii akka bilisummaan harka keessan irraan argamu hojiidhaan lafa irratti itti agarsiisuu qabdu.

Gabayaa dhaabota siyaasaa banuuf ykn balbal’isuuf hin deemnu jechuun isaa dhaabbilee siyaasaa bifa gara garaan biyyoota alaa fi daangaa irratti qabsoo gochaa turanii fi jiran hundaa tuffiidhaan lafa jala dabrsee jira. Asii achi akka yaada isaatti beekaan qaroon, jagnaa fi hubataan miseensota OPDO garee Lammaa malee hin jiru. Kun dhala Oromoo guutumatti tuffachuu isaati. Ilmaan Oromoo meeqaatam sirna kana jalatti gaafa hojii tikaa dalagaa ture akka fixe waan itti beekkame hin seehu. Innuu nama lubbuu Oromoo miliyoonotaan laakkawamu galaafate waan ta’eef nama gaafatama seeraa jala jirutu abbaa seeraa ta’ee waltajjii irra dhaabbatee mirga ilmaan Oromoo gadi qabuu irratti har’allee murteessa.

Warri murna kanatti amanee hordofuu fi isaan akkas jedhanis dulloota qilee qarree dheedan waan ta’aniif jiruun isaanii hin gallee guyyaa tokkooti. Kanaaf, afanfaajahiinsa ummata keenya irratti isaan uumuuf qeerroo Oromoo qaroo bakka maraa walitti qabanii akkuma ofiif kondomii ta’ani isaanis kondomii taasisuuf itti qara’aa jiran akka isaan hin dogongorsine qajeelchuun barbaachisaadha. Dantaa dhuunfaa guuttachuuf jecha dantaa saba bal’aa irratti murtii du’aa kennuun gaafatama seenaa fi seeraa boruu jalaa akka nama hin baafne garanumaa hubachuun gaariidha. Wareega dhiiraa fi dhalaan dhimma mirga sabichaaf jecha bahe gatii dhoorguun seenaa jiruu fi jreenya ofii balleessuu ta’a.

Fincilli Xumura Gabrummaa itti haa fufu. Dhumanii boohuu irra fixanii boochisuun dhaadatnoo ummata keenyaa ta’uu qaba!

Lammii Qixxeessaa irraa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.