By | May 1, 2018


Qixxeessaa Lammii | Caamsaa 01, 2018

Ummatni Oromoo harqoota gabrummaa Habsootaa jalatti erga kufee baroota dheeraa laakkawatee jira. Habashootni gabroomfachuu kan danda’an jabinaa fi mootummaa irra caalu qabaatanii osoo hin taane gargaarsa warra Awrooppaa irraa argataniin akka ta’e beekkamaadha. Ummatni Oromoo bara 1870 dura ummata sodaatamaa fi kabajamaa akka ta’e seenaan ragaa baha. Gabroomuun biyyoota Afrikaa gabrummaa ummata Oromoof haala akka aanjesse beekkamaadha. Oromoon kan cabe humna namaan osoo hin taane humna meeshaa waraanaan akka ta’e waan haalamuu miti. Moototni Habashaa Minilik irraa hamma Mallasitti ummata Oromoo kan gabroomsan meeshaa waraanaa fi gantoota sabaan akka ta’e ifaadha.

Gabrummaa ummata Oromoo irratti waarsuuf qoodni gantootni sabaa gumaachan waan tuffatamuu miti. Goobanaa Caacee irraa hamma Dr Abbiy Ahamad har’aatti kan Oromoo mudate salphina akka maleeti. Kan kalee dhiifnee kan kan har’aa fi boruu yoo ilaalle gaaffiin Oromoo gaaffii walabummaa fi bilisummaa qofa akka ta’e osoo beekkamuu sababaan miseensotni dhaaba Mallasiin ijaaraman waan waggoota 27 oliif balleessine irra deebinee akka tolchinuuf waggaa 27 ol dabalata nuuf kennaa jedhanii warwaachuu maaltu gadi fide? Ummata isaanii gowwoomsuudha moo of mataa isaanii gowwoomsuudha?

Akka dhudhuufaa baatettuu akka harree boojitee galtu sibeeke akkuma namittiin dhiirsaan jette jedhamu, miseensotni OPDO kan waggoota 27 keessatti ummata isaaniif faaydaa wayiituu hin buusin asii achi faaydaa ummata isaaniif ni buusu jedhanii yaaduun dogongora guddaadha. Ilma nama ta’u harma irratti, jibicha korma ta’u haada irratti beekan akkuma jedhamu Doktorri keenya akkuma barcuma Minlik irra taa’een Minilikiin faarsuun haasawa isaa eegaluun akka dhala Oromoo lafa irraa fixuu fi ficcisiisuuf harramatee ka’e namatti agarsiisa.

Ummata keenya Abdi illeen qe’ee irraa buqqifame, ilmaan Oromoo sababa siyaasaan hidhamanii fi dhiibbaa isaaniin biyya irraa dirqamanii bahan hundaaf ilaalcha tokkollee osoo hin kenning asii achi biyya keessaa fi biyyoota olla irra garmaamuun sirna bulchiinsa Wayyaaneef daran haala mijjeessuuf akka ta’e gamanumaa mul’atee jira. Duula Oromoo fi Oromiyaa wal hanqisuuf bal’inaan inni itti seene kana hubachuu dhabuudhaan warreen gammadanii harka tumaniif boolla keessaa bahuu hin dandeenyetti darbamuuf akka deeman kan baran hin fakkaatu. Diina alagaa irra diina firaan osoo hin beekkin akka namni hobba’u beekuun barbaachisaadha. Hanga har’aatuu qaamni Tigree ummata keenya irratti goobsee ummata keenya jiruu fi jireenya dhoorge miseensota OPDOti. Osoo isaan ijaa fi gurra isaaniif ta’uu baatanii Tigreen waggaa 27 osoo hin taane guyyaa 27 Oromiyaa keessa turuu hin dandeettu.

ABOn kan dhaloota isii irraa isii beeku sababaan isiin walii galuu dadhabeef maal akka ta’e har’a hojiin mul’ataa jira. Biyya Oromaa irratti abbaa biyyaa ta’uun waggaa kana guutuu qabeenya Oromiyaa muchul gootee saamuun isii ummata Oromoof ifaadha. Ammas kan itti jiramu kanuma. Matootiin OPDO har’allee hin qaanfatanii mirga keessaniif qabsoofna jedhanii dubbatu. Kan dammaqiisa siyaasaa hin qabne dhugaa itti fakkaatee harka waliin tumuu danda’a. Abbaan dhimmichaa ummatni Oromoo garuu asii achi miseensota OPDO amanuu hin qabu. Gaaffiin isaa galma Minilikitt ilma isaa galchuu osoo hin taane, sirna gabroomsaa ummata Oromoo fi biyya Oromiyaa irraa hiddaan buqqaasuudha.

Seeneen abbaa xiqqeeffatiif akka dutti namni hin beekne hin jiru. Ilmaan Mallasiin kunuunfaman irraa walbummaa fi bilisummaa kajeeluun abjuu hiikkaa hin qabne aabjochuudha. Ummatni Oromoo gaafa sirna gabroofataa jalatti kufe irraa kaasee gadadoo malee gaariin isa qunname hin jiru. Gabrummaa qawween mudate qawween malee of irraa kaasuu akka hin dandeenye beekuu qaba. Akka dhalli Oromoo gariin barcuma ykn gaaddisa jalatti jaarsummaan gaaffi Oromoo deebisuu dandeenya jedhanii dhama’an sana ta’uu hin danda’u.

Injifatnoo kan nama dhabsiisu mul’ata jallaa qabatanii ka’uudha. Warri akkasii daaw’attoota qabsooti malee hirmaattota qabsoo ta’uu hin danda’an. Sababa moohinsa sodaataniif qabsoo ulfaattuu moohinsatti nama geessu keessaa qooda fudhachuu hin uggan. Kanaaf warreen karaa nagayaan gaaffii sabichaa akka deebii argatu goona jechuun warri ummata keenya afanfaajjessan gochaa hamaa akkasii irraa of qochuun gaariidha. Seenaa hawaasa idil addunyaa keessatti ummatni walabummaa fi bilisummaa boortaan galafame tolaan deeffatee gonfate kan jiru natti hin fakkaatu.

Bilisummaa fi walabummaaf jecha nama tokkos wareegamuun hin oolamu. Ajjeesaa of irraa ajjeessuun dogongora warri jedhanii ilaalan warra har’alee Wayyaanee jala gugataa jiraniidha. Wayyaaneen ammoo akkuma isiin nama ajjeeftu isii ajjeesuu qofaan gatii argatti. Kanaaf armaa achi afaan qofaan harka duwwaa karaa irratti yaa’anii wacuun waraabessa madaahe ofitti duchiisuu taha. Waan ta’eef gaaffii Oromoo walabummaa fi bilisummaan deebisuuf dhalli Oromoo alaa keessaan, xiqqaa guddaan, dhiiraa dhalaan, beekaa wallaalaan, laafaa jabaan osoo adda hin bahin mirga isaa qawwee qofaan falmataa gonfachuuf fincila xumra gabrumaa addaan hin citne itti fufiinsaan finiisuu qaba.

Dhaabbileen maqaa saba kanaan dhaabbatan cufti daandii tokkicha kana irratti dacha’anii ummata isaaniif qajeelcha barbaachisu kennuun irraa eeggama. Karaa lolaa ykn nagayaa ilaalcha jedhuun qabsoo ummataa wal harkatti qabanii danqanii irra taa’uun itti gaafatama seenaa jalaa akka isaan hin baafne hubachuu qabu. Bu’aa bahii ulfaataa qabsoon hidhatnoo qabdutti bu’uu sodaatanii haasawa dhuma hin qabne qofaan bara laakkawachuun ummata Oromoo irratti gabrummaa waarsuudha.

Hidhaa, dhuma, reebama, salphifama, tuffatamaa fi gadadoo bifa hundaa jalaa ummata Oromoo kan baasu qabsoo hidhatnoo qofa. Kun ta’uu hafnaan gochaaleen armaa olitti tuqaman cufti ummata keenya irraa hin dhaabbatan. Bara baraan dhumuun, ari’amuun, reebamuun, salphifamuun tuffatamuu fi doorsifamuu dacha dachaan itti fufa. Qabsoo OPDO tan hanga barcuma Minilk irra taa’uu qofatti deemtu tana irra abdii kaahachuun qabsoo irraa dhaabbachuun mana gabrumaa of irratti haarahoomsuudha. Dr Abbiyyi Lammaanis sirna bulchiinsa gabroomsaa wayyaaniif wabii akka dhaabbatan wallaaluu hin barbaachisu.

Dhiibbaa qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ABOn darbamanii barcuma Minlik irra quphanuu akka waan qabsoo isaaniin achi dhaqanii tokkotti hennaa of dhaadhessan dhagahamu. Kan itti lubbuu dhabe kan biraa, kan itti bashannanu kan biraa ta’ee mul’achuun akkaan nama gaddisiisa. Kan biraa hafee dhaabni Dr. Mararaa Guddinaa barcuma sana irra osoo taa’ee xiqqoo ni fakkaata. Waan dhugaa hin taane fudhacuun baay’ee nama dhiba. Qajeelchaan QBO ABOn osoo jiruu ilmi guddisa Wayyaanee kiiloo afur seenuun ummata Oromoof waan fayyadu tokkollee hin qabu. Nageenyi waaraan gaanfa Afrikaatti mirkanaawuu kan danda’u gaaffiin Oromoo yoo deebii quubsaa argate qofa. Deebii kana kan ofii deebisuu danda’us abbaa dhimmichaa ummata Oromoo qofa. Deebiin gaaffii Oromoo alagaa irraa eeggamu asii achi dhaabbatuu qaba. Kan humnaan nama kuffise humnaan of irraa kaasuun waajiba. Kanaaf, walii galatti ummatni Oromoo fiigicha gabaabaa kiiloo afur irratti goolabame irratti of dagatee fiigicha qabsoo walabummaa fi bilisummaatti isa geessitu irraa karatti dhaabbachuu hin qabu. Kanaaf, galiin qabsoo bilisummaa Oromoo fugaa Minilik irra taa’uu osoo hin taane bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaati!

ABOn, WBOn, Qeerroon ni moohu!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

Qixxeessaa Lammii irraa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.