By | April 12, 2019


Gootichi Oromoo, Abdullaahii Luungoo, guyyaa har’aa du’aan addunyaa kanarraa boqotanii

Eblaa11/2019

#ODUU #GADDAA!!

Gootota qabsoo bilisummaa Oromoo ganamaa, WBO gameessaa fi saahiba cimaa Gooticha Jaarraa Abbaa Gadaa kan turan abbaan keenya, Abdullaahii Luungoo guyyaa har’aa Ebla 11 2019 du’aan addunyaa kanarraa boqotanii jiru.

Du’aan Boqachuu Goticha keenyaa kanaan gaddi nutti dhagahame cimaadha dha.

Jaallan Qabsoo isaanii fi qabsawoota bilisummaa Oromoof lubbuun isaanii dabarte hunda waliin Abbaa keenya Rabbiin jannataan isaan haa qananiisu jenna…!

Ummata oromoo, Qabsaa’ota oromoo waadaa isaaniii kanaaf qabsoorra jiranii fi maatiiwwan goota keenyaa hundaan Rabbiin isiin haajabeessu jenna..!

Gootni/Qabsaa’aan ni du’a,kaayyoo fi waadaan qabsoo nu waliin jiraata.

Waadaa Jaallan keenya ganamaa nutti kennamtee jirtu galmaan ni geenya!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.