By | May 27, 2018


HARARGEEN OROMIYAAF IJAA, DIINAAF HIJA.
(Dubbisii ‘Share’ godhuun diina mataa shir godhi)

Saphaloo Kadiir irraa, Caamsaa 27, 2018


Yoo hifannoo malee dubbiftee hubattee wal hubachiisuu hin dandeenye quuqamni Oromoof qabdu maali? An kan barreesse hin hifanne, hifadhuus gubaatii gabrummaa caalaa nan hifachiisu. Garuu Afaan muqaax, sammu adoob, af-lakkuu fi qalbi dayyuus karaa biraatti hiikuuf yaalaniis; bala gammad, arraat jijjiirii fi arrab micciir gara hin taanetti hiikkataniis dhugaan jiru garuu kanumaa fi kana qofa. Sammuu deeggarsa siyaasaa irraa bilisa taatee miidhaa Oromootiif laalattuun dubbisi! Siyaasaa kamuu dura Oromootu dhalate, dhaaba siyaasaa kamuu duraas Oromoo fi Oromiyaatu dursee nagayaan jiraachuu qaba. Oromiyaan kutaa qabdu irraa tokko dhabuun Oromiyaa goflolooyte isii taasisa. Oromiyaa goflolooytee fi hofonfolooyte keessa ammoo Oromoon bilisummaan jiraachuu hin danda’u. Kana dhugaa tahuu hubannaan dubbiftee xumurtu malee, qooddee (share) gootu malee atuu bira hin kuttu. Dubbisa gaarii!

Harargeen qabsoo Oromootiif gadaameessaa gootota ija dhamalaa kan onnee habalee oomishuu dha. Diinaaf jilbiiffachuu dhabuu Calanqoo malees jalqaba waraana qindaa’een lolli dhukaasaa qabsiifamee bakki qaanqeen rasaasaa dura irraa aarfamte Harargee Xirroo dha. Hawwisoo Afran Qalloo jaaranii aadaa, seenaa fi aartii Oromoo du’a geese deebisanii jiraachisuu fi daran dagaagsuuf sossoo’a jabaan kan jalqabame asuma Harargee, magaalaa Dirree Dhawaati. Raadiyoo afaan Oromootiin Maqdashoo irraa jalqaba tamsaasuun kan Haylasillaasee naasisan hayyoota Harargee biyya ollaatti baqatan kan akka Ayyuub Abuubakar faa dha. Qabsoo Oromoo duute haareyatti lubbuu itti horanii Oromoo fi Oromiyaa dhabamte deebisuuf kan sochiin jalqabame Harargee keessatti. Qabsoo hidhannoo ammayyaatiif Harargeen burqaa jalqabaati. Mooraan leenjii waraana ammayyaa loltootaa fi ajajoota waraanaa oomishuun qabsoo Oromoo finiinsuun kan jalqabame mooraa waraana Goobelle, gammoojjii Harargee keessatti. Hidhannoon meeshaa lolaa alaa galchuun qabsoo Oromoo keessatti gaheen guddaan akka bahamu kan taasifame Harargee dha. Eega ABO’n chaartara irraa bahe qabsoon hadhooytuun diina waliin hanga maayyii kan godhame Harargee keessatti. kutaa Oromiyaatiif ija lameen tahuu diinni dur irraa beeka. Harargeen bu’ura qunnamtii odeeffannooti. Odeeffannoon kamuu Harargee keessatti lafa hin buutu. Hayyoonni fi qaroowwan sabaa qubee afaan Oromoo haareya kalaquuf kan akka Sheek Bakrii Saphaloo fi qubee laatiin akka afaan Oromootiif tahutti fooyyeessuuf kan akka Sheek Mohammad Rashaad kan arjoomte Harargee dha. Haalli kun marti akka Harargeen gadaa dhufaa dabraa alagaa cubbuutiin dhaanamtu taasise.

Akkaataa kana irra dhaabbadhee yoon laalu, Harargeen akka beeyladaa gogaa beeyladaatiin miidhamaa jirtuu natti fakkaatti. Beeyladaan gogaa isiitiin akkamitti miidhamti jechuun keessan hin oolu. Dubbiin akkana. Qotiyyoo yoo lafaan qotan kan ittiin waanjoo (harqoota) fi nugiya wal qabsiisanii gatetii irratti hidhaniin teepha gogaa beeyladaa irraa baafamee tolfameeni. Kan yoo qotiyyoon sirnaan faaga irratti deemuu didu ittiin haleelan qaccee teepha gogaa beeyladaa irraa tolfameeni. Beeyladaan humna qabduu fi haada algee (qaaccaa) irraa hojjatamu kuttu ykn nyaattu kan ittiin hidhamtu teephuma gogaa beeyladaa irraa tolfameeni. Sangoota yoo qaluuf lafaan dhawan teepha itti miilatti hidhanii kuffisanii qalu. Loon akka hin elmamne fincilu kan ittiin gaadi’amu teepha gogaa irraa tolfameeni. Gaangeen ykn fardi saggaara didees teepha kanaan sakaalamee leenjifama. Alangaan namaan dhaananiis goguma irraa tolfama. Teephni ba’aan fe’anii fi gurboonni harree irratti hidhanii dikeen guuraniis goguma beeyladaa kana irraa kan tolfamuu dha. Kana qofaa miti. Kooraan duugda fardaa irratti hidhanii yaabbatanii fi dibbeen jirmaan cafaqaniis goguma beeyladaa kana irraa kan tolfamtu tahuu isiiti. “Sangaa rabbiin dhahinaan fedhe du’ullee kal’oon dibbee taati!” kan ja’aniifiis kanumaafi.

Akkuma kal’oo beeyladaa irraa baafamteen beeyladoota hidhan, gaadi’an, fe’an, kuffisaniin, sakaalaniin, ba’aaniis irratti fe’anii fi dibbees godhatanii cafaqanii ittiin shubbisan san, lafaa fi Oromoota Harargeetiis diinni bara baraan teepha shiraa tolfatanii oggolchiisanii if jalatti hidhuu fedhan. Lafaa fi qubsumni Harargee kutaa Oromiyaa biraa irra addatti badhaadhina qabattee osoo hin tane, qarooma, dammaqinaa fi diinaaf jilbiifachuu diduu isaanii irraa akka tahe beekkamaa dha. Harargeen balbalaa mijjooytuu daldala kotorobaandii, wiirtuu daldala jimaa, oomishoota kuduraa fi meeshoota adda addaa kan alaa galaniiti. Xoophiyaa fi biyyoota ollaatiif Harargeen jijjiirama bu’ura ammayyaa, uuda gabaa addunyaati. Bitii gurguriin bifa haareyaan kan jalqabame, qaroomni daldala meeshaa walirraa bituu fi walitti gurguruu akkuma baha Afrikkaattuu dura kan eegalame Harargee tahuu qorannoo seenaatu ibsa. Bakkoonni jaarraa kurnoota keessa jalqaba magaalaa tahanii bu’ureeffamuun oomisha adda addaa itti dhiheessanii magaaleeffachaa turan kan magaaloota arraatiif bu’ura. Sirna bitiif gurgurtaa jabanaatiif iddooleen faajjii tahan hedduun kan jalqabaman Harargee keessatti. Fakkeenyaaf, dur osoo Afrikkaa Bahaa kana keessatti iddoolee bitiif gurgurii (magaalaan) hin jirre Harargee keessatti kan bu’ureeffaman kan akka Biyyoo Haarillaa, Biyyoo Awwalee, biyyoo karaabaa, biyyoo adaree, biyyoo jaldeessaa fi kan biros tuquu dandeenya. (Biyyoo jechuun afaan oromootiin magaalaa gabaa jechuu dha)

Diinni kanaaf alangee hamaan Harargee ganamuu cafaqa. Akka isaan hin tasgabbooyne, akka shoorarkaan irraa hin dhaabbanne, akka hirriiba nagayaa rafanii hin bulle godhuuf yaadaniiti. Garuu maaliif yoo janne sababoota armaan olii malees danuu tarreessuu dandeenya. Gaafa Dargii fi Haylasillaasee biyya Soomalee kan olla Xoophiyaa malee mootummaan naannoo Soomaalee kan Xoophiyaa jalatti bulu hin jiru ture. Dhimmoonniin armaan olitti tuttuqe kana mara mootummaan wayyaanee jalqaba irraa waan beekuuf lafa Oromoo tan saboonni xixiqqaan keessatti argaman muree saboota harka kaayee oldhalee shiraa nuuf habaqaale. Sababni kana godheen wiirtuu qabsoo Oromoo fi giddugala daldalaa tan taate Harargee ija dhiheenyaatiin to’achaa daldala isaas finiinsuuf yaadeeti. Arra magaaloota Harargee keessa turan kan akka Harar, Jijjigaa fi Dirree Dhawaa keessatti Oromoon humnaas tahee aangoo murteeffannaa hin qabu. Magaalalee kanneen wayyaaneen akkuma sirnoota dabranii mooraa waraanaa fi maandhee kotorobaandii godhatee itti jiraata. Bara 27’n dabran lolli hamaan gama bahaa aanoota naannoo Soomaaleetiin wal daangeessan kana aanga’oota wayyaaneetiin dhiibamanii milishaa fi poolisii addaa Soomaalee waraana nurratti banaa turan. Kun akka Oromoon gonkuma tasgabbooytee, qalbiin qubattee shiraa fi hanna saamicha diinagdee kana irratti hin barre, akka Oromoon gabrummaa isaanii jibbee akka mootummoota kaleessatti qabsoo hidhannoo irratti hin gaggeessineef gamaaf gamanaa olla irratti bansiisaa as gahe.

Arraas akkuma duritti afaan qofa dhadhaa dibatanii jecha mi’eessuun yeroon umrii dheereeffatan hin jirtu waan taheef, warri OPDO fi MM haareyni OPDO keessaa filamees tarkaanfii hatattamaa fudhachuun dirqama. Warri kaleessa harkaa fi ija wayyaanee tahuuf kalaqame umrii 27 guutuu intalishee tahanii eega jiraatan booda qabsoo qeerroo fi ummanni Oromoo godheen wayta ammaa aangoon xiqqoon akka qoodamtuuf godhamee jira. Tahuus garuu akka guutuu biyyattiitti jijjiiramoonni fooyya’aan xiqqo xiqqo dimimmisaa jiraatullee naannoolee daangaa keessattuu Harargee irratti ammoo daran murruqiin hammaattee jirti. Waraana leenji’een dhumaatiin ummata harka qullaa jiru irratti yoo deemu aanga’oonni OPDO kan shuumaman maaliif hin dhaabsifne? Ummanni osoo daangaa irraa akkuma kaleessaa duguugamaa jiruu, yoo isaan murtii takka fudhachuu hin dandeenye haala kamiin hawaasni aangoo isaanii amana? Afaaniin akka nama waan addaa godhuu danda’uutti dhumaatii kanaan duraa dagadhaa, waan haareya fuula dura hojjannuuf haa qophooynu jedhan. Garuu qaanqee ibiddaa kan amma nurra buutee nu gubaa jirtu, dhumaatii haareya amma bifa addaatiin nurratti gaggeeffamaa jirtu akkamitti obsuun danda’ama? Yoo aangoo waa godhuu qabaatan MM Abiy Ahmad fi PMNO obbo Lammaa Magarsaa guyyoota lamaan kana keessatti tarkaanfii fudhachuu qaban. Kana kan godhaniif dirqamni mootummaa tokkoo nagayaa fi tasgabbii ummataa eeguu waan taheef malee Oromoo tahanii waan filatamaniif miti. Yoo kana hin goone soba afaan isaanii keessaa damma fakkaatee dhangala’u ofirraa dhiisuu qaban. Isaan dhiisu baataniis Oromoon abdii ciccittuu isaan irratti gatuu lakkisee irree takkaan diina daangaa isaa weeraru humnaan ofirraa dhoorkuu qaba. Akka mootummaatti dirmannaan yoo hin jiraanne akka sabaatti waliif dirmanee diina nu gubu firraa ittisuun dirqama lammummaa keenyaati. Dhimmi Liyyuu Poolisii Soomaalee komaandi poostiin haa qoratamu kan ja’amaa jiru ammoo qoosaa fokkotaa dha. Daangaa irratti miti walakkaa Oromiyaatti kan Oromoo fixaa jirukomaandi poostii tahee osoo jiruu, diina keenya hamaa jireenya keenya hin feene diina keenya kan biraatti dhimma walitti bu’iinsaa qulqulleessaa ja’anii erguun,dhumaatiin kun ni xiqqaatee daran murruq godhaa afaan qabachiisaa jechuu taha.

Kanaaf, ani gama kootiin furmaanni hatattamaa fudhatamuu qaba ja’ee yaadu danuu keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.

1ffaa) Muummichi ministeeraa tokko aangoo dhimmoota danuu irratti muree murteessuu, aangoo waraana labsuu fi waraana labsame dhaabsisuus qaba. Kana malees dirqamni mootummaa tokkoo inni jalqabaa nagayaa fi tasgabbii eeguu fi lubbuu lammiilee biyyattii eegsisuu dha. Kanaaf, Dr. Abiy Ahmed hatattamaan ajjeechaa Oromoo irratti raawwatamaa jiru dhaabsisuun, warra hanga arr’aa yakka murruqii ummata Oromoo irratti raawwataa turanii fi jiran qawwee hiikkachiisee seeraaf dhiheeysuu dirqama qabaachuu beekee tarkaanfii hatattamaa fudhachuu qaba.

2ffaa) Osoo lubbuun namaa qawwee waraana leenji’ee hidhateen ajjeefamaa jirtuu dhimma biraa haasa’uun fafaa fi qanyi, sablinaa fi tuffiidha. Guyyoota lamaan dhufan kana keessatti mootummaan tarkaanfii mul’ataa ummata keenya eewaluu fi nageenya waaraa uumuu danda’u hin fudhatu taanaan ykn murtii haqaa fudhachuu dadhabe taanaan ummanni Oromoo tarkaanfii itti aanuuf if qopheessuu qaba. Diina harka micciirree ofirraa dhoorkuu dandeenyuuf hogguu qanyifnee booyun fafa.

3ffaa) Ummanni osuma afaan qawwee diinaa ibidda itti tufuu, osoo xiyyaaraan gubbaa marsanii sodaachisuuf yaalanii waggaa afur wal jala aansee qabsoo gaggeesseen injifannoolee dhuma hin qabne akka gonfate eenyulleen dagachuu hin qabu. Barri aangoo sobaatiin Oromoo gabrummaa jala tursiisan dabree jira. Kanaaf, aanga’oonni amma filamanii arraata akka dammaa kan keessi summii kana Oromotti biifuu lakkisanii, dhugaa Oromoo jallisuu fi Oromoo amansiisuuf yaaluu dhiisanii diina ummata nagayaa fixaa jirutti achi dubbachuu qaban. Jechaan osoon taane gocha qabatamaan mirkaneessuu qaban. Kana tahuu baannaan yeroodhaan angoo kijibaa tana lakkisuun furmaata.

4ffaa) Aanoonni ollaa daangaa jiran marti wal qindeessuun, qawwee fi rasaasaan akkasuma humnaan waliif dirmachuun murruqii diinaa jalaa wal eewaluu qaban. Kana godhuu baannaan diinni akkuma duraanii bakka bakkaan adda addatti isin haleeluu akka itti fufu shakkiin hin jiru. Fakkeenyaaf, guyyoota itti aanan kanatti yoo isin waliif hin dirmanne naannoo daangaa kan akka Baabbilee, Gursum, Fadis fi Harargee lixaatti ammoo Mi’eessoo fi aanoota ollaatti liyyuu poolisiin akka weerara bantu shakkii hin qabaatinaa.

5ffaa) Kittilayyoon alagaa akka waan tokkummaa Oromoo isiin fiddeetti wayta namni dhimma miidhaa fi ajjeechaa Oromoo dubbatu tooftaa yartuu akka waan mirga ofii gaafachuun tokkummaa Oromoo diiguu taheetti xibaartu ilaalcha isii haleelaa gamtaa keenyaan qabsoo finiinsuun dirqama. Ummanni Oromoo qaama tokko irratti osoo if hin daganne irree isaa qofa abdatee qabsoo isaa asiin gahate ammaas of ittisuu fi diina ofirraa ittisuuf gamtaan qabsoo itti fufuutu isa baasa. Irreen gamtaatiin diina isaa ajjeessaa jiru of irraa gombisuuniis tokkummaa isaati.

6ffaa) Oromoon eenyuuf illee sobamuu hin qabu. Warri OPDO fi MM Dr. Abiy Ahmadiis haasawni afaanii fi gochi isaanii wal dhabaa jiraachuu kana hubatee jarri amma aangoo dubbachuu malee aangoo raawwachuu akka hin qabne baree hanga isaan aangoo muranii murteessuu horatanii Oromoon qabsoo isaa itti fufuu qaba. Diinni daangaa Oromoo tokko cabse diina daangaa Oromiyaa hunda abse akka tahetti hubachuun bahaaf dhihaa, kabaaf kibbaa, moggaaf giddugalaa sagaleen qeerroo Oromoo kan akka leencaa dirqama bookkisuu jalqabuu qaba. Oromoon irree isaa qofaan dhiiga isaa baafatee, imimmaan isaa qoorfata malee dirmachuu namaa eeggachuu hin qabu.

7ffaa) Wayyaaneen carraa humna siyaasaa qabsoo Oromootiin eega dhabdee amma immoo humna diinagdee horachuuf wixxifataa jiraachuu hubannee qabee fi qabeenya keenya kan saammachuuf wixxifatan kana agabsuun dirqama taha. Kanaaf, wayta ammaa jeneraaloonni wayyaanee Oromoo ija qabanii saammachuuf lola roga hundaan irratti banaa jiran. Afanfaajjii akkanaatiif osoo hin jilbiiffanne Oromoon keessaafuu Harargeen mudhii hidhatee, hidhii ciniinnatee liyyuu poolisii soomaalee fi wayyaanees firraa haleeluun qabeenya keessan eewalachuun dirqama tahuu hubadhaa.

8ffaa) OPDOn ergama wayyaanee fudhattee ummata Oromoo afaaniin sobaa filannoo itti aanuun gahuu qofaaf malee ummata Oromoof dhimmamtee akka hojjachaa hin jirre qabatama argaa jirru irraa hubachuun salphaa dha. Gaafaan waraanaa eegeen hooysuun if dagachiisuu malee ajjeechaa Oromoo hambisuu eega hin dandeenye maal gatii qaba? Gati qabeessi qabsoo tee qofa tahuu hubadhu yaa Oromoo. Kan ajjeechaa kee mormee furmaata waaraa siif hin finne kamuu wayyaanee wayyaaneen filamte tahuu hubachuun mirgaa fi haqa keetiif osoo hin dadhabne falmadhu.

9ffaa) Osoo lammiin biyya keessaa saniifuu sabni guddinaan hangafaa dhumaa jiruu kanneen dhumaatii akkanaa dheefa bahan biyyoota biraatti hidhaman barbaaduun fakkeessaa malee dhugaa tahuu hin danda’u. Osoo Oromoon dhumaa jiruu Xoophiyummaa faarsuu fi itti geeyraruun Oromoof gatii fi galiis hin qabu. Hoggaa Oromoon qabsoo isaa finiinsu malee Oromoon tole ja’ee cal’ifnaan fafa isa mudattu haaloota yeroo gargaraa arku irraa hubatee, cubbuu fi shira itti shiramaa jiru baree qabsoo isaa waliif tumsuun finiinsuu qofaatu murteessaa dha. Yeroo nuuf kennaan OPDO’n jattu ajjeechaa qofaaf malee eewaluuf akka hin taane Oromoon baree ofuma isaatiif if eewaluu qaba.

10ffaa) Jeneraaloonni wayyaanee fi aanga’oonni Abdi Illee kan Oromoo itti fixaa jiran daldala jimaa fi kotorobaandii daldaluuf akka tahe beekkamaa dha. Gaafa lolli daangaa finiinu Oromoon qalbii garas akka deebisu waan beekaniif wayyaanoonni daldala isaanii finiinsuuf haala mijjaawaa argatan. Kanaaf ummanni Harargee qabeenya keessan keessattuu Oomisha jimaa fi kuduraa gatii ol kaafachuun gurgurachuu ykn ammoo uggura gabaa haala isiniif mijjaa’uun gaggeessuun diinoota yeroo mara isin nyaachuuf ilkee qaratu kana agabsuu akka dandeessan hubadha. Bu’aa fi injifannoo lagannaa gabaa isinuu ni bektan waan taheef caalatti waaniin isinitti himu hin qabu.

11ffaa) Warreen ala jirtaniis tahee kan biyya keessaa haala danda’ee fi isiniif mijjaa’een warren daangaa irratti dhumaa jiruuf rasaasaaf qawwee gumaachaaf. Keessattuu warri diaspooraa diinagdee gumaachuun warren osoo onnee qabanii hanqina rasaasaa fi qawweetiin ganamuu dhumu kana deeggaruun dirqama. Hanga Oromoo fi Oromiyaan diina isii qoqoruu fi dhiiga Oromoo dhangalaasu kana injifattee bilisa taatuu sumuniin kiisha bobaa kaayyatanii fi sabbatatti guduunfatan gatii akka hin qabne hubachuun dirqama. Haala danda’amuun gareeniis tahee dhunfaan maallaqa rasaasaa fi qawwee warren lubbuu isaanii laatanii daangaa Oromiyaaf waardiyaa tahaa jiran kana deeggaruu dha.

Walumaagalatti, harargeen ija Oromiyaati. Yoo ijji jaamtu Oromoon taa’ee eegu kan jaamuu barbaadu qofa akka tahettiin hubadha. Yoon Harargee irraa gad jabeessee dubbadhu jallisii fi fanniis jechoota alagaan nuuf uuman kan akka gandummaa, naannummaa, tokkummaa Oromoo diiguu fi kkf qabattannii akka halaaktan beeka. Garuu namni bakka itti dhalateef hin quuqamne Oromoo fi Oromiyaaf illee akka dantaa hin qabne waan beekuuf afaan keessan qilleensi akka hin seenne akka cufattan hadaraa. Harargeen arraas boruus balbala qaroomaa fi wiirtuu daldalaati. Kanumaaf akka diinni itti baayy’atu hubadhaa. Balbala kana hanga diinni furtuu cabsee seenu teessanii eeguun salphina hamaa akka nu gonfachiisu bara.

“Oromoon irree isaa qofaan daangaa Oromiyaa eeggata!”

Saphaloo Kadiir
Caamsa, 2018

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.