By | January 7, 2018


Hundee Dagaaginaa Odaa Hullee (HDOH)
Odaa Hullee Development Foundation (OHDF)

Ijaarsa Gadaa Odaa Hullee

Odaan Hullee Odaalee Oromoon jalatti seera tumataa ture keessaa isa tokko. Gadaa bara dheeraaf addaan cite kana qorannaafi qophii hedduun booda haala haaraan iddoo isaatti deebisuuf hojiin hojjatamaa jiru sadarkaa isa dhummaa irratti argamna. Ijaarsi keenya, HDOH, koree addaa kan dhimma kanaaf biyyatti dhaabbate wojjin hariiroo cimaa horachuun qophii sirna kanaa hordofaa jira. Kaka’umsa kanas gammachuun simatee akka woldaa hawaasaa tokkotti waan isa irraa eegamu bahachuu carraaqaa jira.

Seenaa boonsaa ummanni Oromoo qabuufi kan seeneffatamuu qofa utuu hin ta’in sirna jireenya keenyaatti as deebi’ee ijaaramuufi tajaailuu qabu keessaa tokko sirna ittiin bulmaataa keenya durii Gadaadha. Gadaan kan sabni keenya bara kuma jahaa ol ijaaree, tikseefi dagaagsee hawaasa haqa dhala namaa kabaju ta’uun ittiin jiraataa tureedha. Gadaan sirna hunduu dhiibbaafi loogii tokko male dirqama isaa ittiin bahachuun mirga isaa ittiin eegsifatee bilisummaan jalatti bulaa tureedha. Gadaan kan Oromummaa tikseefi gadi dhaabeedha. Gadaan sirna boonsaa kan dhalli Oromoo qobaatti ittiin of kunuunsu qofa utuu hin ta’in kan alaa itti dhufellee alagummaan utuu hin dhiibamin Oromummaa moggaafatee mirga guutuu itti argataa tureedha. Wolumaa galatti gadaan wiirtuu Oromummaafi bilisummaa ilma namaa ture jechuun ni mala.

Kana qofas miti gadaan tokkummaa sabaa dhugoomsuun irreefi gaachana Oromoo ture. Gadaa jalatti hunduu akkuma haqaafi dirqama wol qixxee qabaataa ture biyya isaa irrattis abboominni isaa kan wol hin caalle ture. Aangoonis ta’ee qabeenyaan wol caalanii saba gidduutti gita uumuufi duraa duuba dhaabbachuun iddoo horatee hin beeku. Hunduu biyya isaatii quuqamaa waan ta’eef guyyaa gammachuu qofa utuu hin ta’in guyyaa hamaan uumamellee wojin murteeffatee, wojjin itti bobba’ee daangaa isaa kabachiifata. Hunda caalaa gadaan irree Oromoo cimaadha ture. Kanaaf lafinniifi badiinsi sirna Gadaa diigamuufi kufaatii Oromootiif keeyyata jalaqabaa ture yoo jenne dogoggora miti.

Weeraraafi bittaa alagaa jaarraa tokkoofi wolakkaatiin booda qabssoofi woreegama dachaa hedduun akka hawwiitti arifachuu baatus dhugaan Oromoo ifa galafi mullataa dhufaa jira. Lammiin bara dheeraafi wolirraa fagaateefi fageeffamee ture wolitti deebi’uufi wol hawwachuun akkasumas aadaafi seera isaa awwalaman deebisee ol kaasuufi kunuunsuu jalqabuun isaa bu’aa qabsoo woreegama hadhaahaa keessaa isa guddaafi calanqisaa tokko. Kana keessa akka fakkii guddaatti kan mulatu kabajamuu sirna Gadaati.

Sirna Gadaa Oromoo kanneen dursaan badan keessaa tokko Gadaa Odaa Hulleeti. Gadaan kun kan akaakilee ilamaan Macaa garee worra Sadachaatiin kan ijaarame yoo ta’u innis quxisuu Gadaa Odaa Bisil seena qabeessa kan tumaan Makoo Bilii itti tumameeti. Gadaan Odaa Hullee Oromoota lixa kibbaa Oromiyaa jiraatanu kanneen jalqaba jaarraa kudha saglaffaarraa jalqabee bulchiinsa mootolii shanan gibee (Jimma, Goomma, Geeraa, Limmuufi Guumaa) jalatti bulaa turaniiti. Sirna Gadaa kan dursaan bade yoo ta’u har’a badiinsi isaa jaarraa sadaffaa keessa jira.

“Ijji badus iddoon ijaa hin badu” akkuma jedhamu, sirni gadaa kun hafuun isaa jaarraa lamaa ol ta’uyyuu Odaan Hullee garuu har’as lafuma sana jira. Innis godina Jimmaa aanaa Omoo Naaddaatti argama. Bara sirni Gadaa si’a Odaan Hullee wiirtuu tumaa seeraafi bulchiinsaa turetti Oromoonni Gadaa kana jalatti seera tumataa turan kutaalee bulchiinsaa torbatti qoodamuun seera jaraa kabachiifataafi raawwachiifataa akka turan beektonni ni mirkaneessu. Torban kutaa bulchiisaa kunis Tumaa Amdoo, Odaa Tinjii, Odaa Liiban, Caffee Senqee, Tumaa Gophaa, Tumaa Mayyee fi Odaa Diimaa jechuun beekaman.

Akka hayyootiin seenaa ibsanutti kutaan kun kan qabeenya umamaatiin heddu milkaahe, kan hojiin qonnaafi ogummaan harkaa itti dagaageefi sirni daldalaa sadarkaa guddaa irra itti gahe ta’uun isaa dagaagina gita hawaasaafi kuufama dilbii (development of social classes and accumulation of capital) uumuun sirna haqaafi dimokraasii sana irratti dhiibbaa hamaa akka geessiseefi badiinsaa akka saaxile hubanna. Jijjiiramni sana booda uumame gama diinagdeefi hawaasummaatiin milkii guddaa argamsiisuun isaa dhugaa ta’uyyuu dhiibbaan inni gara adda addaatiin uumes akka jiru ifaadha. Sana faana hacuuccaan gitta bittaa alagaatiin raawwatamaa ture, jijjiiramni amantaa ummatichaafi itti makamni sabaafi sablammoota gara garaa rukunii hundaan dhiibbaa uumuun sabboonummaa hawaasa kanaa irratti qormaata cimaa ta’aa akka dhufe namuu ni hubata.

Har’a galata qabsoo Oromoo Gadaa badde kana deebisanii kaasuuf hawaasni godina Jimmaa lammiiwwan keenya biroo kan dhimma kanaaf quuqama qabanu wojjin ta’uun sirna Gadaa Odaa Hullee deebisanii dhaabuuf sadarkaa dhumaa irratti argamu. Yeroo seenaa keenya keessatti heddu murteessaa ta’e kanatti sirni jaarraa lamaa ol badeefi dagatame kun lafa kanatti gadi bahuun isaa hiikaa heddu qaba. Qaawwa heddu duucha caba heddullee supha. Akka wiirtuu Oromumaa isaatti gurmuu keenya cimsee yaadaafi tarkaanfii keenya wol faana taasisa. Gaaddisni Odaa Hullees kan jalatti tokkummaan keenyaafi sabboonummaan keenya itti cimu akkasumas kan waadaan mirga keenyaaf dhaabbachuu itti haaromu akka ta’u abdii guddaa qabna.

Carraa kanaan ijaarsi keenya gamtaan hawaasaa ‘Hundeen Dagaagina Odaa Hullee’ deebi’ee dhaabbachuu Gadaa Odaa Hulleetiif gamachuun isaa guddaa ta’uu ibsa. Gammaduu qofas utuu hin ta’in waan danda’u hundaan bira dhaabbachuun dirqama kaayyoo gurmuun kun ijaarameef keessa isa hangafa akka ta’e beeksisa. HDOH haala qabatamaa godina Jimmaafi hir’inoota mullatanu kan akka dagaagina Afaaniifi aadaa Oromoo, hubannaa seenaafi mirga dhala namaa akkasumas dhimmoota hawaasummaa gara garaa hubachuun rakkoolee kana hiikkachuu irratti hawaasa keenya bira dhaabbachuufi jecha jiraattota biyya alaatiin ijaarameedha. Ijaaramuun Gadaa Odaa Hullee injifannoo qabsoo Oromoo ta’uu isaa irra deebinee yaadachiisaa lammiin keenya hunduu sochii kana akka gammachuun simatu, qaama ijaarsa Gadaa kana irratti bobba’es akka bira dhaabbatu waamicha keenya dabarsina. Kanneen qophii kanarra jiranus akka abdiin jalqaban milkiinis akka xumuranu hawwii keenya ibsaa nutis cinaa jaraa jiraachuu keenya waadaa keenya haaromsinaf.

Sabboonummaan Oromummaa hadagaagu!

Hundee Dagaaginaa Odaa Hullee/  Odaa Hullee Development Foundation

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.