By | January 6, 2018
Oduu Gaddaa
Miseensota Gumii Sabaa ABO kan Hooggana Gadaa Dabree keessaa tokkoo fi qabsaawaa gameessa bara dheeraa kan tahe Jaal Qilxuu Aadaa har’a ganama (Amajjii 06, 2018) sa’aa 8:00AM irratti loltoota Mootummaa Wayyaaneetiin mana jireenya isaa kan Oromiyaa, Baalee magaalaa Roobeetti argamu keessaa gadi fuudhamee daandii guddaa Magaalaa Roobee gubbaatti rasaasni hedduun itti roobsamee ajjeefame. Wayyaaneen gama tokkoon hidhamtoota Siyaasaa akka gadi lakkisuu fi Wiirtuu Qorannoo Maa’ikalaawwii akka cufuuf deemu afaaniin dubbachaa gama kaaniin human qabu hundumaatti dhimma bahee fi ergamtoota isaa gargaarsifatee Qabsoo Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf duula cimaa Saba Oromoo irratti, addatti ammoo, Miseensotaa fi Deggertoota ABO irratti geggeessaa akka jiru ajjeechaan kun ragaa guddaa dha. Bal’ina Oduu Gaddaa kana fuul-dura ni ibsina.
Qabsaawaan Ni Kufaa, Qabsoon Itti Fufa !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *