By | December 21, 2017



Baqattoonni hedduun Somaaliyaa fi biyyoota ollaa kan biroo irraa kaampii baqattootaa guddicha Keeniyaa keessatti argamu Dadaab keessa jiraatu. Baqattoonni Oromoo achi jiranis haala keessa jiran BBC’tti himanii jiru.

Waraabbii fi gulaallii viidiyoo: Yaadataa Birhaanuu


Abdii fi rakkina lammiilee Itoophiyaa buufata baqattootaa Dadaab Buufata baqattootaa Dadaab Keeniyaa argamuGoodayyaa suuraaBuufata baqattootaa Dadaab Keeniyaa argamu

(BBC Afaan Oromoo) — Buufanni baqattootaa Dadaab kan Keeniyaatti argamu, addunyaatti baayyinaan baqattoota keessumeessun lammaffaa dha.

Lammiilee Itoophiyaa achitti argaman keessa Idiriis Mohaammad tokkodha. Gara Buufata kanaa erga dhufan waggaa kudhan ta’u isaa kan dubbatan Obbo Idiriis wayita mucaa waggaa 15 ta’an biyyaa bahuun biyya Somaaliyaa galusaanii BBC’tti himaniiru.

”Bara 1975’tti bakka dhaloota kiyyaa Godina Baalee Magaalaa Agaarfaatti loltoonni ija koo duratti abbaa koo rasaasaan ajjeessan.

Anis haatii koos guyyuma sana reeffa abbaa keenyaa dhifnee garuma miilli nu geessetti baqanne. Nama biraa waliiinis Somaaliyaa gallee,” jechuun attamiin akka biyyaa bahan BBC’tti himaniiru.
Obbo Idiriis Ahimad

Goodayyaa suuraaObbo Idiriis Ahimad

Lafa dahoo Dadaab kanatti jiruun hamtuudha. ”Haa ta’u malee haalli qabatamaan biyya keenyaa, keessattuu wanti Oromoorratti raawwatamaa jiru akka deebiinuuf kan nama kakaasu miti. Akka lammiitti halkanii guyyaas isaaniif bo’aa jirras,” jedhaniiru.

Ijoolleen isaanii jahanuu biyyaa ambaatti waan dhalataniif afaan, aadaa fi biyyalleen akka hinbeekne dubbatu.

”Ijoolleen biyya galuu barbaadu. Haalli biyya keessa jiru osoo nu dhorku baatee biyyatti galuu barbaanna.”

Oduun miidiyaaleen waa’ee saamiichaa, ajjeechaa fi barbadiinsa qabeenyaa Oromoo hammaataan dhagahaa jiran biyya galuuf akka isaan hinkakaafnees ni dubbatu. Sodaan isaanii kan qofaa miti, Karoorri cufaatii dahannoo baqattootaa kunis baayyee yaachiseeniira.

”Lafti kun bakka lubbuu keenya baraaruuf itti baqannee tureedha. Yoo ni cufna nuun jedhan ammoo gaddatu nutti dhagahamaa jira malee waan jennu hinqabnu. Nuti nama malli harkaa badeedha.”

Obbo Alamaayoo Wordofaa
Goodayyaa suuraa Obbo Alamaayoo Wordofaa

Obbo Alamaayoo Wordofaas, bara 2006 irraa kaasee buufata kana keessa jiraachaa aka jiran dubbattu.

Baqannaan waggoota 25’f Yaman, Somaalee fi Suudaan keessa jiraachu kan dubbatan Obbo Alamaayyoon, dhiibbaa sababii siyaasaatiin irra gaheen maatiifi biyya jaalatan gatanii jireenya baqannaatiif saaxilamu BBC’tti himaniiru.

Umuriin jaarsummaatiin qofaa isaanii biyyaa ambaa jiraachaa jiran Obbo Alamaayyoon, ijoolleen isaaniillee biyya garaa garaatti faca’anii jiraachuu dubbatu.

”Jireenyi buufatichaa baay’ee cimaadha. Carraan gara biyya biraa deemu mataansaa haala walqixa ta’een nuuf kennamaa hinjiru. Waggoota darban lamaan kana keessa nurraa namni carraa akkasii argate tokkolleen hinjiru.

Lafa boqonnaa argachuuf mataan isaa haala walqixa ta’een ilaalamaa hinjirru. Sirni barnootaa Itoophiyaafi kan biyya biraa adda addaa jedhamuun carraan barnootaallee nuuf hinkennamu,” jedhaniiru.

Kana malees, namoonni baayyeen qormaata dhaabbata ‘UNHCR’ kufan waggoota 10 oliif buufaticha keessatti akka argamaniifi beekumsa waan hinarganneef jecha hanga nyaataa dhabuutti rakkachaa jiraachu dubbataniiru.

”Sodaa nageenyaatiin jiraachaa jirra. Namoonni afurii cubeedhaan dallaadhuma kana keessatti ajjeefaman. Meeshaa qabanii qabeenyaan keenyas yeroo barbaadanitti yoo nu saaman poolisoonni fagoo waan jiraniif kan nuuf qaqqabu hinjiru,” jechuun yaaddo isaanii dubbatu.

Rakkoorratti rakkina kan itti ta’emmoo buufanni Dadaab ni cufama jedhamuun isaa jireenya keenya baayyee dukkaneesseera jedhaniiru.

Kaarloos Tasfaayee
Goodayyaa suuraa Kaarloos Tasfaayee

Namoota dahannoo kan keessa jiratan kan biraa Kaarloos Tasfaayee, bara 1996tti achi dhaqu dubbatu. Yoon dhufu qofaa koo ture amma garuu abbaa ijoollee afurii ta’eera.

Siidaamoo Diillaa jiraachu kan ture Kaarloos sababii siyaasaatiin dhiibbaa isaafi maatii isaarra tureen biyyaa baqachuuf dirqamu dubbatu.

”Wayitan dhufeetti yeroo saamtoonni baay’inaan turan waan ta’eef ani mataan koo yeroo lama saamameera. Amma keessa baradhulleen sababiidhuma nageenyaattii ijoolleen koo mana barnootaa deemu hindanda’an.

Haala kanaan jiraachuun baayyee natti ulfaata. Haata’u malee sababii ijoollee kootiifu gara biyyaatti deebi’uu hindanda’u. carraa bufatichaaa gama ilaaluun, ani waaqa abdadheen jiraadha.”


Carraa Buufata Baqattootaa Dadaab:

Haaala jireenya baqattootaa doowwachuuf buufatichatti kan argaman Mootummoota Gamtoomanitti Komishiinarri olaanaa Dhimma Baqattootaa Flippoo Giraandii akka jedhanitti, dhaabbileen gargaarsa taasisaa turan waan dhaabaniifuu hojii buufatichaaa gaggeessuuf hir’inni bajataa isaan mudachu dubbataniiru.

Komishinarichis rakkina Dadaabitti argamu furuuf komishinichi mootummaa Keeniyaafi Somaaliyaa waliin hojjachaaa jiras jedhaniiru.

”Hanga ammaattis baqqattoonni lammii Somaalee kuma 32 gara Kismaayyuutti deebiifamaniiru. Dhiheenyattis maatiin 20 gara biyyaatti ni deebiifamu,” jedhu Komishinarri Filippi.

Komishinar Filiippi Giraandii
Goodayyaa suuraa Komishinar Filiippi Giraandii

Mootummaan Keeniyaa buufatichi akka itti fufuuf fedhii qabaachu baatulleen amma garuu waliigalteerra geenyee jirra kan jedhan Komishinarichi, rakkina buufatichaa hiikuuf baankii addunyaafi dhaabbilee arjoomtootaa kan biraa gaafataniiru.

”Amman ani obsaan waliin hojjanneetti buufatichi itti fufun isaa hin oolu. Asitti itti fufuun keenyaa gaaffii hinqabaatu,” jechuunis baqattootaa tasgabbeessaniiru.

Baqattoonni buufata Dadaabitti argamanis dhiyeessiin nyaataa dhiyaachaafi jiruun alatti akka dandeettii isaanii cimsataniif leenjiiwwan garaa garaa kennamaaf jira jedhaniiru.

Buufatichatti ijoolleefi dubartoota hedduutu argama. Dubartonni balaa miidhaa saalaatiif saaxilamaniif tajaajilli gorsaa ni kennamaafi.

Buufanni waggoota 26’f baqattootaaf tajaajila kenne Dadaab, lammiilee Itoophiyaafi Somaaliyaa dabalatee namoonni kuma 200 oli keessatti argamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.