By | February 10, 2018


Oromoo

Henni Oromoo Booranaa aduu osoo hin taane baatii hordofa

Gurraandhala 10, 2018 (BBC Afaan Oromoo) — Henni (kaalaandaariin) Oromoo Booranaa kan aadaa fi haala jiruuf jireenya uummata Booranaa waliin walitti hidhama cimaa qabu fi sirna gadaatiif illeen utubaa ta’usaa, qorattoonni seenaa ni dubbatu.

Kaalaandarri Oromoo guyyaa fi ji’a lakkaa’uun alatti seenaa uummamaa fi wal duraa duuba uumama waaqaa of keessatti qabata jedhu Obbo Jaatanii Diidaa qorataan seenaafi aadaa Oromoo.

Qorannoo urjiilee of keessaa waan qabuufis qorannoo saayinsii hawaa yookin astironoomii waliin hidhata guddaa qaba jedhu.

Henni Booranaa waa’ee roobaa fi bultii waggaa beekuu waan dandeessisuuf qorataan aadaa Obbo Jaatanii Diidaa “henni Booranaa kaalaandara guyyaa qofa osoo hin taanee diizaayinii uumamaati” jedhu.

Haalli lakkaawwii isaas akka kalaandaroota biroo dhaloota Kiristoos yookin Hijiraa ka’umsa kan godhate osoo hin taanee uumama waaqaa bu’ura godhata.

Waa’ee Henna Booranaa irratti qabxiilee 11:

  • Henni Booranaa ayyaanawwan 27 irratti hundaa’a. Duraa duuba uumama waaqaa keessattis waaqni dursee ayyaanawwan 27 kana uume. Itti aansuunis baatii uume. Yeroo namni dhalatu ayyaana fi baatii itti dhalate ka’umsa godhachuun umriinsaa lakkaa’ama.
  • Dhimmoota henni Booranaa kalaandaroota biroo irraa adda itti ta’e keessaa tokko guyyaan dhimmi tokko itti ta’e yookin uumame waggaa waggaan kan hin jijjiiramne ta’uu isaati.
  • Henni Booranaa ji’oota 12 of keessatti kan qabatu yemmuu ta’u Abraasaa, Amajjii, Guraandhala, Bitooteessa, Caamsaa, Buufaa, Waccabajjii, Oboraa Guddaa, Oboraa Xiqqaa, Birraa, Ciqqaa fi Sadaasa jedhamu.
  • Sababni Booranni sadi yookin torbaan jilatuuf lafti ayyaana fi baatitti aansitee sadaffaa irratti uumamuushee isheetini. Laftis ji’a Abraasaa keessa gaafa ayyaana Areerii uumamte.
  • Ji’i ammajii immoo ho’a aduutiin beekama. Ji’a kana keessa ciminni ho’a aduu baay’ee nama yaaddessa. Boorannis “Amajii aduu yaadi” jedha.
  • Ji’oota henna Booranaa waggaa tokko keessa jiran 12 keessaa ji’ootni afur tokkon tokkonsaanii guyyoota 31 kan qaban yemmuu ta’u ji’ootni saddet immoo tokkon tokkonsaanii guyyoota 30 of keessatti qabatu.
  • Jiini Caamsaa ayyaanawwan lama ayyaana Sorsa fi ayyaana Algaajima jedhaman of keessatti qabata. Sorsi guyyaa fardi itti uumame kan lafti itti sochoote fi waaqni dhakaa lafaratti itti jigsee sochii lafaa itti dhoowwe dha. Humni wanta tokko humna fardaatin yookin ‘horse power” kan jedhamuun kan safaramus socho’uu lafaa fi uumama fardaatin wal qabata.
  • Lafti sababa cubbuu dhala namaatiin ji’a Caamsaa keessa sochoote jedhama. Waaqnis lafa socho’uu erga dhowwee booda lafti waaqaaf abboomamte. Namnis lafaaf abboomamee lafatti irreeffatee lafatti dhibaafate. Yeroo kanas namni ulfaataan yookin kabajamaan qaalluun dhalate. Kun ji’a Buufaa keessatti ta’e.
  • Henna Booranaa keessatti jiini torbaffaan Waccabajjii jedhama. Jiini kun kan namni waaqatti itti dhiyaate dha. Ji’a araaraa jedhamuunis beekkama. Gadamoojjiin kallacha hidhatanii araara galanii waaqa dhiifama gaafatan. Waaqnis waan cufa eebbise. Aadaanis ji’a kanarraa jalqaba jedhama. Guyyaan gumii Gaayyoo seera itti tuman fi kan aadaa itti himanis ji’uma kana keessa.
  • Akka Obbo Jaatanii Diidaa jedhanitti jiini Birraa ji’a waaqni itti dallane dha. Sabanisaas dhalli namaa ji’oota Oboraa Guddaa fi Oboraa Xiqqaa keessatti waaqa mufachiise. Kanaafis wantootni nama miidhan kan akka bofaa, jawwee, qoraattii fi kunneen biro ji’a Birraa keessa uumaman jedhu. Kanaaf waaqa fi nama gidduutti sodaan uummame.
  • “Namni araara hoolaa dide nama araara waaqaa dide” jedhama. Henna Booranaa keessatti jiini 12ffaa fi inni dhumaa Sadaasni ji’a hoolaa fi bunni itti uumamani dha. Jiini kun ji’a waaqni araara namaaf itti dhufe dha. Kana malees ji’a kana keessa waaqni dhibeef qoricha akkasumas seera bulmaataa kennee namarraa fagaate jedhama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.