By | July 29, 2018


KIJIBNI TUULAMU DHUGAA FAKKAATA MALEE DHUGAA TA’UU HIN DANDA’U.

Qixxeessaa Lammii | Adoolessa 29, 2018

Barri bara guddinaa ta’uun addunyaa tana dhiphisee hoxxee takka keessatti deebisuun gaarii ta’us miidhaa herrega hin qabne kan uumellee ni qaba. Odeessa dhugaa fi dharaas sokondii tokko keessatti wal bira gadi dhiisu haala itti danda’amu uumuun isaa addunyaa tan agama irraa qabatanii fi gama gadi dhiisan nama wallaalchisuu irraa nama gahee jira. Irra caalatti kan nama rakkisaa jiru waan dhugaa irra waan sobaa akka hafarfamuuf karaa guddaa saaqee dhugaa awaaluu irratti qooda ol aanaa laachaa jira. Direen sab-himaalee waan gaarii dhiheessuu irra waan hamaa dhiheessuu irratti yeroo isaanii balleessaa jiru. Wal jaalachuu,  eebbisuu, faarsuu fi jajjabeessuu irra wal jibbuu, abaaruu, balaaleffachuu fi wal xiqqeessuu irratti bobba’amuu isaattu mul’ata.

Keessumaa namootni haasawa mi’aawan sab-himaalee irratti yaa’anii hennaa haasawan giddinna yeroon fidde kana akkaataa itti gargaaramuu itti qaban gadi dhiisanii akkaataa faallaatti hennaa itti dhimma bahan argamaa jiru. Afaan Oromoon yaada kana barreessuu irraa ani mataan kiyya eenyu akka ta’e namni na hin hubatne ni jira natti hin fakkaatu. Jiraatu ani Oromoodha. Oromummaa kiyyatu akka afaan kanaan barreessu na taasise. Ijoon barruu kiyyaa ololoota sab-himaalee Oromoo gara garaa irratti ilmaan Oromoon wal irratti adeemsifamu irraa waan taajjabe irratti waan xiinxale ummata kiyyaan gahuu barbaadeeti.

Yeroon keessa jirru yeroo ummata keenya ulfina malu irra keennuu fi irraa buufnu keessa jirra. Gabrmmaa ummata keenya irratti jige dheerina umrii isaa laakkawaa baanee ammallee itti fufnee laakkahuun nurra hin jiraatu. Waan dabre of duuba deebinee yaadachuu fi yaadachiisuu bira dabarree wanti fidnu kan biraa hin jiru. Wanti barbaachisu dhimma fuula dura keenya jiru irratti xiyyeeffachuudha. QBO ABOn waggoota 40 ol godhe har’a gatii dhabee yeroo ittiin qoosamu keessa gallee jirra. Dhalli Oromoo qabsoo kana irratti dhuman martuu galata hin qaban jechuudha. Warri har’a qabsoo haqaa irra jiranillee abbootii badii kan itti gaafatama seeraa fi seenaaf dhihaachuuf jiraatan jechuudha.

Sababa malee waa’ee kana hin tuqne. Xiinxalloota Oromoo kan har’a akka carraa miidiyaa dhuunfaa isaanii irratti yaa’anii qabsaawota dhugaa irratti quba murmirsan hedduu argaa jirra. Qabsoo lubbuu ilmaan Oromoo meeqaa tam nyaattee shunquqxee sadarkaa kana irra geette akkuma waan har’uma dhalattee har’uma kaatee guddattee sadarkaa kana irra geettee sanuu sababa isaaniin lubbuu horattee sadarkaa kana irra geetteetti hennaa miidiyyaalee gara garaa irratti yaa’anii lallaban bakka isaanii bu’ee jala qaanfadha. Isaan sun eenyuun fa’a akka naani hin jetne abdii qaba. Isaaniis of beeku, ummatni isaan beeku waan ta’eef gaaffii kana deebisuuf wanti itti rakkadhu hin jiru jedheen amana.

Waa hunda caalaa kan nama gaddisiisu murni kalee diina dura bu’ee diinaaf ijaa fi gurra akkasuma irree ta’ee qabsoo sabaa kanaa maaxaraa bahe har’a qabsaayaa irraa dhumaa of fakkeessee gadi ba’ee dhaaba haqaa kallacha ummata Oromoo ABO irra deddeebi’ee hennaa hanga ammaa maaliif hin qabsaawin ture jedhee hennaa ajiifatu dhuguma akka irraa hin tolle hin beekanii laata gaaffii jedhu na dura buuse. Bara dhufaa lufaa qabsoo bilchaattee gahuu geette karaa irraa butanii alagaaf badhaasuun waanuma baratame. Kijiba tuulanii dhugaa huura hin qabne fakkeessanii ummata keenya jaanjessuun asii achi hin danda’amu.

Ol dammarii fi gadi dammariin asii achi harkisaanii olii gadiin fiigan ummata Oromoof hoyuu miti. Dhugaan jiru hadhaawus fudhatamuu male. Dhugaa ukkaamsanii dhara dhugaa fakeessaanii bokoksanii ummata keessaan ceehuun of sobuudha malee ummata sobuun hin taatu. Gabrummaa Habasootaa jalatti ummata keenya ittisuuf halkanii guyyaa hirriba dhabuun ilmaan guddisaa Mallas Oromoo xiiqii biraa keessa galchee jira.

Qabsoo inni itti dhume har’a harkaa qolanii Habshaaf dabarsanii kennuuf biyyoota ollaa fi fagoo irra naannawuun yeroof malee waaruu akka hin dandeenye hubachuu malan. Eenyu du’ee eenyu itti kabajama. Oromoon of bilisoomsuu fi biyya isaa walaboomsuuf qabsaawaa ture malee masaraa Minilik dhaaluuf miti. Ilmaan isaa masaraa Minilik galuun Oromoon bilisoomuu, Oromiyaan walaboomuu akka hin ta’In Oromoon hin beekne hin jiru. Sabaan taphachuu dhiisanii ilmaan guddisaa yeroo ammaa muudama humnaa fi jabina hin qabne qabatanii joonjawan yeroodhaan dhara dhiisanii dhugaa filachuun fudhachuu qabu. Nagaya naannoo kanaa fiduun Oromoon bilisoomuu, Oromiyaan walaboomuun wal qabata.

Dhalli Oromoo kana irratti ilaalcha gara garaa hin qabu jedhee amana. Ilaalchi hinaaffaa/waanyoo dabree dabree jirus baduu qaba. Maqaa dhaabaatiin warri gugatanii waan lafa hin jirre saammachuuf waari biyyatti dacha’anillee itti baani isaanii salphatanii ummata isaanii salphina keessatti tursuu yoo ta’e malee bu’aan argatan akka hin jirre gamanumaanuu mul’atee jira. Qabsoo erga dhiisanii jireenya dhuunfaaf biyyoota Faranjiitti dahatanii yoo xiqqaate warra waggaa 10 ol turan. Warra sokondii tokkoofis qabsoo kana irraa adda bahanii hin beekne bosona keessatti dhiisanii harka qullaa biyyatti deebi’uun isaanii matama isaaniituu kan salphisan akka ta’e ifaadha.

Soba tuuluun dhugaa fakkeessuuf gargaara malee dhugaa ta’uu akka hin dandeenye hojii hin barbaachifne kana irratti bobba’an. Miseensota biyyoota alaa irraa maqaa dhaaba Oromootiin biyyatti dacha’an keessaa warri hanga ta’eefuu dirree falmaa turee fi diinatti dhukaasuu baatanilee diinni itti dhukaase namoota 3 qofa. Achi irraa kan hafe gariin isaanii inumaahuu warra ilmaan Oromoo Tigree waliin fixaa fi ficcisiisaa turanii maqaa sanaan sadarkaa muudama Jeneraalummaa Mallasiin badaafamaniidha. Ila dhugaa jechuun akka kanatti lafa kaahuudha. Murni biyyatti gale gosa sadi qaba.

Warra ummata keenya fixaa fi ficcisiisaa ture, warri guyyaa tokkoofis dirree qabsoo keessaa qooda hin qabnee fi haa xiqqaatuu dirree qabsoo keessaa qooda fudhatan kan bara 10n dura qabsoo dadhabatanii biyyoota Faranjiitti kooluu galanii jireenya dhuunfaa isaanii geeggeefataa turanii fi jiraniidha.

Biyya abbaa isaanii Oromiyatti galuu isaanii irraa mormiin hin jiru. Sobaan guutamanii ABO fakkaatanii galuun isaanii ammoo isaanii fi ummata keenyaafis qaanidha. Waan harkaa qaban tokkolee qabaachuu dhabuun isaanii kabajaa ofii dhaban ummata keenyas dhabiisuuf qoodni isaan gumaachaa jiran salphaa miti. Gaaffiin isaanii duramayyuu aangoo matayyaaf akka ta’e dirree bahee mul’achuun gaariidha. Dhaaba haqaa dirree falmaa irraa takko socho’ee hin beeknee fi har’alee diina saba isaan kokkee wal qabee falmaa oowwaa fi finiinaa irra jirutti ergamtoota diinaa moogaa dhaabbatanii quba itti mirmirsuun akka isaan warra dharaa ta’an kan isaan saaxile akka ta’e ifaadha.

Giddinni karaa sabaa himaalee sadarkaa addunyaa irratti mul’ate kun dhugaa ukkaasee dharaaf irree ta’uun isaa baay’ee nama gaddisiisa. Dharti hamma kuftuu humna hin danda’amne qabdi. Ololli har’a bakka maraan dhaaba Oromoo ABO irratti baname waan sokondii tokkoofis isa tursu hin fakkaatu. Dhugaa qabaachuu isaatiif garuu homaa ta’uu hin danda’u. Tuulaan kijibaa dhugaadhaan diigama waan ta’eef hedduu waan nama yaaddeessu hin qabu. Dhala Oromoo ta’ee namni osoo beekuu fi hin beekne olola dhaaba isaa irratti oofuu fi oofsisus boru irraa sheenahuu irra ammuma irraa of qabuu qaba.

Namuu karaa itti fakkaatee ummata isaaf cal’isee qabsaawuu ni danda’a. Hoogganootaa fi miseensota dhaaba ABO irratti dharaan olola oofuu irra rakkina qaamni kun qabu sirreessuuf itti dhihaatanii ykn itti seenanii sirreessuu/qajeelchuu irratti dalaguu bira dabranii ala tabba fagoo irra dhaabbatanii kosii ajooftuun dadarbachuun cubbuudha. Wanti hin tarre/hin dabarre hin jiru. Afaan har’a badan boru tolfachuun ni rakkisa. Dhugaan akka mootu beekuun qaroomina. Beekaa fi wallaalaan Oromoo cufti of diiguu irraa dhaabbatee diina isaa gamtaan diiguu irratti fuulleffachuu qaba. Kabajaa ABOn bosona jiru OPDO fi ummata isaatti qabe kan hin beekne yoo jiraate hammuma jiruu isaatuu beekuuf hin jiraatu.

Warri galee fi galuuf jiraatus gaafa ABO bosona keessaa balleessan badiin keessan umrii sokondii tokkoo irra akka hin caalle dursitanii beekuu qabdu! Dhuugaa lagachuun dhara tuuluu irraa fagaachuun amala dhala Oromoo irraa eeggamu waan ta’eef faayidaa callaqqee yeroof jecha ulfina sabaa fi lammii keessanii dabarsitanii alaaf hin laatina. Kun yaada mataa kiyyaati malee yaada dhaaba kamuutuu miti.

Qixxeessaa Lammii.

One thought on “KIJIBNI TUULAMU DHUGAA FAKKAATA MALEE DHUGAA TA’UU HIN DANDA’U.

  1. ABDII BORUU

    du.du.akkamnagahadha.keyyatota.umatafayyadudanda.an.kanhojirrahinoolin.waggadigdamisadiranjiru.fakkenyaf.keyata.49.38.31..50.hanga.52.tti.hinolle.kunmaalfaata.heduhafe.bodaittidebina.horaabulaa

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.