By | June 1, 2018


Kononel Mangistuu Amma Kononel Abiyi

Damee Boruutin, Caamsaa 31, 2018

Uummatni Impaayeera Itoophiyaa keessa jiraatu baayyee ayyan dhabeessa tahuu isaa kan agrsiisu bara baraan afuutota kijibaan aangootti rarra’uuf jechaa isaa burjaajjessuu fi ilmaan isaa fixaa jiruun dhiitamuu fi bitamuu isaa ti.  Kononel Mangistuun qabsoo walii gala bartoonni Itoophiyyaa itti badadanii fi dhiiga isaanii itti dhangalaasani tasa dhufee irraa butate akka leencaa garmaamee bookisaa ture. Bartootootuma Mootummaa Haayile Selaasee kufise sana dhaloota tokko (one generation) akka fixe seenaa jalaa dhokachuu hin danda’u.

Kan baayyee gara nama kutuu an waraaqaadha  jedhee dhiiga xaarmusii guutee caccabsaa dhiiga diina koo akkasan dhangalaasa jedhee nama doorsisaa turuu isaa miti.  Tokkummaa biyya Impaayeera Itoophiyaa tiksuuf amma namni tokko hafutti lola jechaa waraana kuma dhiba baayyeen lakkawwamu facaasee finxireeree baqachuu isaa ti. Warri sobduu, afuuftuu fi ashaaloota kana sagaleen ittiin arbasaan waan hin jirreef abaarsi uummataa bakka gahan maratti akka hin isaan biraa hin hafne kadhannaa koo ti.

Bara Haayile Selaasee qootee bulaan abbaa lafaa miidhaan qootee gabaraa ture.  Bara Dargii dhiiga ijoollee isaa gabaruutti yaroo darbuu ijoollee keenya irraa midhaannuma qonnee gabaruu wayyaa jedhee uummatni laalefachaa ture. Bara TPLF lafti keenya, qabeenyi lafa irraa jiru, albudi lafa jala jiru, bishaanii fi boosni Oromiyaa hundi TPLFiin dhuunfatame. Kana irratti uummatni keenya dhiiga ilmaan isaa kumaata hedduun lakkawwaman gibira baasaa jira. Kononel Abiy kun dhaloonni isaa bara abiyootii Kononel Mangistuu sana keessa waan taheef maqaan isaa fi mul’inni mootii tahuu isaa illee achi irraa kan madduu fakkaata. Uummatni Oromoo itti mootummaa yoom iyyuu caalaa jireenya  gidiraa fi gadadoof isa saaxilu itti wal fure.

Waan baayyee nama gaddisuu barri TPLF 27 guutuun Uummatni Oromoof bara gaddaa fi bara booyichaa utuu tahee jiruu ergamtoonni TPLF akka guyyaa injifannootti Uummatni Oromoo akka kabjuuf barbaaduu dha. TPLF illee taatu guyyaa sana kan injifatte hin qabdu.  Waraana facaasee kan biyya dhiisee baqatee Kononel Mangistuu dha. TPLF konkolaataa ooftee masaraa Minilki akka galte uummatni Impaayeera Itoopiyaa gaafi sana jiru hundi raga bahu danda’a. Maqaa injifannaa TPLF iin cubbuun meeqa hojjetamuu jira.

Obbo Lammaan afaan dammaa hojiin ririmmaa, guyyaa injifannoo Kononel Mangistuu wagga 27ffaa irraatti eenyummaa isaa fi maalummaa isaa ifatti  saaxila of baase. Namni baayyeen hojii Obbo Lammaa  arguuf rakkina qaba. Kan dubbatuu fi hojjetuu adda adda waan  taheef. Obbo Lammaan federaalumaan akka nu gargaaru fi nu fayaduu gaaffii hin qabu haa jedhu malee faayyidaa uummatni Oromooirraa  argatu tokko illee hin kaafne. Maqaa federaalan Uummatni Oromoo lafee isaa fi qabeenya lafa isaa irra jiru hundaa dhabaa jira. Har’a utuu Obbo Lammaan afaan guutatee biyya Oromoo miti biyyaa Itoophiyaa iyyuu bushaa jirra utuu jedhuu maqaa federaaliin  hidhaa fi ajjeechaan bakka maratti ilmaan Oromoo irra gahaa jiru kana jedhamee himuun nama rakkisa . Ilmaan Oromoo jumulaan hidhamanii fi ajjeessaman dhiisee ajjeechaa haala suukkaneessaa qabsawwaa Ahmed Jibril fi haadha manaa isaa Ayyaantuu Yayaa Godinaa Qeellami keessatti  ajjeessanii hallaa itti warri taa’ee harka isaaf rukutu amma akka itti boonan gaafachuun fedha. Kan baayyee dhugaan nama boonsu biyyaa abbaa ofii keessatti nagaan bahanii nagaa galuu dha.  Har’a yakkii ilmaan Oromoo irratti bakka kamituu rawwatamu akka ijoollee keenya hundaa irratti rawwatamee goonee  yoo hin fudhanne boru immoo kan ijoollee keenyaa taha. Nama meeqatu oduu suukanneesaa akkasii dhagaa hojii Obboo Lammaa fi Kononel Abiyiin boona?  Namni Oromoo meeqatu Maqalee ykn Gondor dhaqee hojii qabatee ykn hormaata horatee jirata? Qabeenya Oromoon biyyaa Oromoo keessatti sooromee bashabashee kan jiraatuu Habashoota miti? Maaliif dhugaa Uummata Oromoo jalaa dhoksuuf dhama’a? Federaaliziin wal qixxumaa irratti hin hundoofnnee buu’aa tokko illee uummata keenyaaf hin qabu.

Obbo Lammaan ammaam Kononel Mangistuu caalaa lapheen isaa akka yaroo gababaa kanatti dhiita’ee irraa mulata. Kanaafuu dhugaa dubbachuun barbaachisaa tahee itti hin mul’anne.  Manguddoota Oromoo maqaa ODFiin deemtuutt arbsamnuu fi tufatamnuu  warra karaa Moyyaalee bahe bilisa baafnee karaa Boolee biyyatti akka galanii du’an  goonee jira jedhe.  Yoo soban akkasi. Leencoo Lataa waan ilmaan Oromoo akkumaa OPDO ficisiiseef yakkaamaa dha.  Garuu karaa Moyyaalee biyyaa hin baane. Akka diploomaatitti karaa Boolee bahee karaadhuma bahee irra deebi’ee gale.  Obbo Lammaan haasaa  mi’eessuuf jedha malee namni ofii bilisa hin qabne nama biraa bilisa baasuu hin danda’uu . Ergamtoonni TPLF ofii iyyuu kan bilisa hin qabnee fi maqaa bilisummaa jedhu iyyuu kan kaleessa ergifatee naman bilisa baase jedhee dubbachuun ammaam akka qaanii walaalaa jiru agrsiisa. Kunoo aangoon gaafa nama machahan dhugaa nama dagachiisa. Leenco Lataa dhullumaaf yoo tahe malee nama akka Lammaa kana gabaa baasee utuu bakka tokko dhaabbatu nama yaroo shan deebisee isa gurguruu danda’u dha yoo dhugaa isaa baruu barbaadee tahe.

Obbo Lammaan hojii isaa guddaa farfate keessaa ilmaan Oromoo kuma afrtamaa ol hiikuu isaani ti.  Ilmaan Oromoo hunda kana hidhaa , waxalaa, ajjeessaa fi bakka buuteen isaan akka dhabamu kan godhe isaani. Kumaata meeqaan kan lakkawwaman ajjeefamuu fi bakka buuteen isaanii walaalamuu kan itti gaafatamu mootummaa EPRDF isaanii ittiin of faarsan kana. Ammas warra kuumaatamaan mana hidhaa isaanii keessatti dararamaa jiranii fi guyyaaguyyaan hidhamaa fi ajjeessamaa  jiraniif itti gaafatamu mataa isaa Obbo Lammaa fi Kononel Abiyi akka shakkuu hin qabu. Obbo Lammaan afaan isaan biyya Oromoo miti biyya Itoophiyaa iyyuu nutti of harkaa qaba erga jedhe maaliif ajjeechaa ilmaan Oromoo irraa dhaabbuu dadhaban? Akka Obbo Lammaan yaaddu fi jedhutti warri bilisummaa uummata keenyaaf qabsoofnu gowwaa ykn” moonyi “dha. Muxxee fi qarxxee, Obbo Lammaa fi Kononel Abiyi irraa kana hafe Oromoon kumni afurtamnii mana hidhaa keessatti dararamaa turee bahee fi ammas mana hidhaa keessatti kan dararamaa jiranii fi wareegaman  waan gowwaa tahaniif. Uummata ofii biyyaa gurguranii jireenya bashananaa jiraachuun salphaa dha.  Garuu guyyaan hojii ofiin itti gaafatamanis hin dhufiin akka  hin hafne beekuun ni barbaachisa.

Obbo Lammaan qabsoo kana yaroo gabaabduu keessatti Kan asiin gahe isaa fi Kononel Abiyii dha. Warri wagga afurtamaaf qawwee baatnee dagala keessa turre, warri harka diinatti wareegamee fi mana hidhaa keessatti dararamaa ture hunduu ofumaa dhama’an. Bilisummaaf kan barbaachisu nama mataa qabu lama qofa akka taheetti dhiyyeessa. Dhiiga ilmaan Oromoo utuu wal irraa hin citiin dhangala’ee TPLF of irraa darbaa jiru irra fardaan garmaamaa jira. Nelseen Mandeelaa amma umurii Mootummaa TPLF waggaaa 27 mana hidhaa keessa taa’ee Apartheid buqqisuudhaan prezedaantii Afrikaa Kibbaa tahe. Nelseen Mandeelaa jireenyaa fi lubbuu isaa waan uummata isaaf dabarsee kenneef malee gowwaa waan taheef miti ykn manni hidhaa bakka jireenyaa godhatee miti. ANC (Afrika National Congress) gara jaarraa tokkoof mootummaa Apartheid wajjin waldhaansoo godheera. Bilisummaan ayyaan ilaalatoota farada gootni irraa kufee butanii guluftuun hin dhufu. Itti dhiiguu fi dadhabuu barbaada.

Qabsawwaan Oromoo waggaa kudha , kidh shaan duraa isaa turanii jedhii nu gaafta. Silaa kan gaafatamuu qabu isaa. Yaroo Obbo Lammaa fi Kononel Abiyi TPLF wajjin qabeenya Oromoo saamaa fi saamsiisaa, ilmaan Oromoo hidhaa fi hisiisaa, ajjeessaa fi ajjeesiisaa turan akkuma har’aa qabsawaa ture. Ammaa Oromiyaan bilisoomtu borus akkuma har’aa akka qabsoofnu waadaa isaaf gala. Ammoo waan baayyee nama ajjaa’ibu har’a waan inni aangoo qabateef barcuma irra taa’aa jiru sana irraa fudhachuuf waan qabsoofnu fakkeessuu isaa ti. Obbo Lammaa fi Kononel Abiyi namoota maalummaa fi eenyummaa hin qabne (fake) natti tahaa jiru. Akkan godhee eenyummaa isaanii ibsu illee baayyee na rakkisaa jira.

Har’a cancala afaan keenyaa keessa baafannee dubbachuu dandeenyee jira. Dhugaan kan cancala nama afaan kaa’uu basaastota TPLF isaan tahee utuu jiru cancala afaanii baafanne jechuun eenyuun gowwomsuuf? Akka waa’ee uummata isaanii saamaamaa fi ajjeessamaa jiru hin dhubbannee Haayilee Mariyaam Dasaleenyitu cancala afaan isaan naqee? Jijjiramni godhamee jedhamee odeessamuu Haayile Maariyam Dasaaleenyi aangoo gadhiisu isaa qofa. Mee erga cancalli afaanii isa baahee jiraatee waa’ee uummata Oromoo waraanni Agaazii fi Liyuu poolisii Somaleen dhumaa jiruu sagalee tokko dubbatee? bal’aan waan jijjiramni jiru se’ee jijjiramnii amma iyyuu maaliif nu bira hin geenyee jedhee iyyata.  Uummatni waa’ee jijjirama dhaga’e malee akka isaan hojii namotaa qofa wal qaxaamursaa jiran quba hin qabu.

Warri achi taa’ee harka isaa rukkutuu mootummaa isaa kana keessaa dantaa qaba. Nyaatee nagaan buluu barbaada. Waan ummatni keenya barbaadu wal mariihannee waan biyya keenyaa tahu ni goona jechaa bakka deeman maratti Uummatni Oromoo afaan tokkoon komandi postii nu irraa kaasaa, waraana Agaazii nu irraa baasaa, ilmaan Oromoo mana hidhaa keessa jiran gad lakkisaa jedhee gaafachaa jira. Hoogantoonni Uummata Itoophiyaa fi Afrikaa dinqisiifatu kun maaliif gaaffii Uummata Oromoo deebisuun rakkina itti taha? Yoo barbaadnee seeraa fi heera TPLF fudhannee uummata keenyaaf qabsawuu akka qabnu Obbo Lammaan nuuf himee jira. Seerra TPLFiin kan bulu ergamtoota TPLF duwwaa dha.Yoo seera TPLF iin kan bullu tahe waan qabsoofnuuf hin jiru. Biyya alaa taa’aanii qansa’uun hin jiru jedhaa jira. Seera TPLF fudhannee ajjeefamuu ykn mana hidhaa keessatti dararamuun akka qabsoo goonu barbaada. Seenaa TPLF itti sagadaa jiran adda baasanii hin beekan. TPLF biyyaa alatti gormooftee jabaatee bakka har’aa jirtu gahuu ishee waan karaa irraa itti dabalameef quba hin qabu. Waan dubbatu irra dammaa fi dhadhaa waan dibuuf waan jedhu hunduu dhugaa itti fakkaata.

Uuummata Oromoof waan jarri kun lamaan itti jiran waan baayyee isaa yaaddessu tahuu qaba. Dhiiga amma har’aatti takka dhangala’ee hin beekne dhangalaasuu fi Oromiyaa barbadeessuu of booda hin jedhan. Yoo Uummatni Oromoo utuu jarri kun itti hin qancariin qabsoo hadhaa gochaa turree itti muduudhaan ofii irraa hin buqqifne gaabinee bakka fuunuu dhabna. Eenyummaan Oromoo  badii jalaa olshuuf umurii mootummaa isaanii gabaabsuu qabna. Yoo haala kana adda baafnee hubannee yaroon tarkaanffii keessa deebii hin qabne hin fudhannee malee bilisummaa uummata keenyaa gara dabrsuuf humna TPLFiin waan socha’aniif dandeetti gahaa qabu. Qeerroo Bilisummaa Oromoo, WBO fi Uummatni Oromoo ABOn hoogganamnee Fincila Xumura Garbummaa bakkaan gahuuf waan qabnu maraan tokko taanee qabsoo keenya haa finiinsinu.

Gadaan Gadaa Bilisumaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.