By | August 17, 2018


Lammaa Magarsaa: ‘Kuni mallattoo nageenyaa miti’


Hagayya 17, 2018 (BBC) — Pirezidantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa gareen maqaa ABO’tin saamicha raawwatu jira jedhan.

Beekkamtii dhaaba Adda Bilisummaa Oromoon alatti gareen hundaa’e badiifi saamicha geessisaa jira.

Kana kan jedhan Pirezidantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaadha.

”Beekkamtii dhaaba kanaan alatti saamicha, rakkoo adda addaa uumuu kan baran rakkoo adda addaa geessisaa akka jiran ilaalaa jirra,” jedhaniiru.

”Kanas hoggansa ABO waliin yeroo mari’anne tokko tokko beekkamtii isaaniin ala yakka akkasiifi badii akka raawwatan isaaniis nu himanii jiru.”

Ibsa har’a waligaltee dhaabicha waliin Asmaraatti raawwate yeroo ibsanitti wanta raawwataa jiru seeratti ni deebisa jedhan.

Obbo Lammaan akka jedhanitti gareen uffata waraanaa uffatee magaalaa keessa ummata walitti qabe barsiisna jedhu mul’ataa jira jechuun dubbataniiru.

”Inumaa maqaa waligaltee kanaatin kan meeshaa bituutu jira.”

”Kuni mallattoo nageenyaa miti. Waligaltee keenya keessa hin jiru, ” kan jedhan Obbo Lammaan seeratti deebisuun dirqama mootummaati jedhaniiru.

Ummannis kana baree deeggarsa nuuf taasisuu qaba jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa fi Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) dhiheenya waligaltee raawwachuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.