By | June 8, 2019


Maaltu Deemaa Jiraa?

Via Kumkummee Sirbaa, Waxabajjii 8, 2019

Humnoota siyaasaa biyya tokko keessa jiran, gareelee waliin hiriiranii fi wal afoo dhaabbatan, firaa fi diina qabsoo, waahila yeroo fi tarsiimoo adda baasanii beekuun baayyee barbaachisaa dha. Hirirri humnoota siyaasaa biyya Itophiyaa bara bulchiinsa Wayyaanee TPLF ifaa fi gabaabaa ture. Yeroo sanatti murna ykn hiriira humnoota sadiitu turan. Isaanis: a) Wayyaanee kan sirna bulchiinsa isaa itti fufsiisuu barbaadu, b) Humnoota Itophiyaa ishee durii deebisuu barbaadan fi c) humnoota mirkanaawu mirga hiree murteeffannaa sabootaaf qabsaawan turan. Har’a garuu hirirri kun wal laaqeera.

Har’a Hiriira Humnooti Siyaasaa Kamtu Jira

Bu’ura dubbii hubatamuu qabu, sochii ykn jijjiirama har’a biyyicha keessatti tahaa jiru kan argamsiise qabsoo ummata Oromoo ti. Waggaa sadiif walitti fufee karaa nagaa qabsoo Qeerroo fi Qarreen Oromoo godhaniin sirna bulchiinsa Wayyaanee hundee dhaan raasee buqqise. Warra har’a aangoo irra jiranis kan aangootti fide qabsoo ummata Oromoo ti. Haala har’a deemaa jiru hubachuuf as irraa ka’uu nu feesisa.

Tole Har’a Humnooti Siyaasaa Ykn Sochii Akkamiifaatu Jira?

Idileetti sochiilee jiran garee lamatti cuunfuu dandeenya:
1) garee federeeshanii bal’isuu fi cimsuu, dimokraasii gad dhaabu barbaadu,
2) garee federeeshanii amma saboota irratti hundaa’ee diigee kan ji’ograafii uumuu barbaadu jechuu dandenya. Garee salphaa lamaan kanatti qooduun rakkoo siyaasaa walxaxaa biyyicha keessa jiru, humnoota waldorgomaa fi wal irratti hojjachaa jiran hubachuuf nu hin gargaaru. Kanaaf mee tokko tokkon haalaa fi humnoota jiran haa ilaallu.

  1. Mootummaa Aangoo irra jiru
    Mootummaan aangoo harkaa qabu EPRDF haaromfamee dha. EPRDF kan TPLF olaantummaa irratti hin qabnee dha. Warri kaan mootummaa Oromoo ti jedhu. Kaaniif ammoo EPRDF tooftaan namoota bakka wal jijjirsiisan malee sanuma, kan geeddarame hin jiru jedhu. Mootumman amma aangoo irra jiru sirna Wayyaaneen itti biyya bulchaa turte hedduu geeddareera. Waan godhuun garuu oli fi gad nama ungulaalaa oola. Oromoo walitti qabee waan mirga Oromoo itti haasa’a. Garee warra Habashaa walitti qabee waa’ee Itophiyaa Minilik dubbata. Yakkamtoota bara bulchiinsa Wayyaanee miidhaa gurguddaa hojjatan qabee seeratti dhiheessu dhiisee taa’ee ilaala. Dinagdee biyyichaa waan guddisu isaa hojjatu mul’ata. Ministroota ni muuda, yeroo xiqqoo booda ammoo kaasee kan biraa bakka buusee argina. Dafee tarkaanfii hin fudhatu. Bulchiinsi naannoo tokko tokko akka waan mootummaa mataa isaa labsateetti yoo hojjatu mootummaan Federaalaa cal’isee ilaala. Mootummaan kun garamiitti akka deemaa jiru namni beeku hin jiru. Maal itti aanee godha jedhanii tilmaamuun rakkisaa dha. Waan tokko jala murree kan mootummaa kana hubachiisuu qabnu- aangotti kan dhufe qabsoo ummatni Oromoo godheen. Oromoo irraa fuula gargalchee warra Habashaan gammachiisa yoo jedhe mootummaan kun lubbuu hin dheeratu. Walgowwomsuu hin feesisu. Murni aangoo qabate kun deggertoota isaa guyyaa irraa guyyaatti dhabaa fi kophxaawaa jira. Deemsi kun eessatti dhaabbata?
  2. Tigiraay/ Wayyaanee
    Naannoon Tigiraay dhugumaan mootummaa federaalaa jalatti bulaa jira moo hin jiru gaaffin jedhu dirree keessa jira. Naannoon kun ajaja mootummaa federaalaa ala bahee kan ofiin of bulchu fakkaata. Waan mootummaa federaalaan mormu dubbata, ibsa baasa. Yakkamtoota seeratti dhiheessuu didee haammatee waliin taa’a. Qondaalotni wayyaanee Tigiraayitti walitti qabaman, mootummaa amma aangoo irra jiru dadhabsiisanii aangootti deebi’uuf halkanii fi guyyaa hojjataa jiru. Humna mootummaa federaalaan mormu kamii wajjin wal gargaaranii kuffisuuf hojjachuu irraa hin dhaabbatan. Horii guddaa qabu. Humna waraanaa guddaa leenjifataa jiran. Meeshaa waraanaa heddumminaan bitanii galfataa jiru. Qophiin kun hundi maaliif? Eenyuufi? Eriteriatti araamuuf dura Isaayyas achii ka’u qaba kan jedhuun irratti hojjataa jiru. Mootummaa naannoo Amaaraa wajjin wal dhabbii sadarkaa lolaatti deema jedhamu keessa jiru. Tigiroot mootummaa EPRDF golgaa godhachuun naannoo adda addaa keessa hojjataa fi qabeenya saamaa turan hundi xaxatanii Tigiraayitti galanii jiru. Abjuun isaanii kan mootummaa amma aangoo irra jiru kuffisanii bakka isaanitti deebi’uu dhugoomuu danda’aa laata? Waan mootummaan Wayyaanee ummata irraan gahaa ture har’aa waan daganne fakkaata, namni waa’ee isaa kaasu hin jiru.
  3. Amaaraa fi Mootummaan Naannoo Amaaraa
    Mooraan warra Amaaraa fi mootummaa Naannoon Amaaraa laaqamaa dha. Amaarri reefu akka sabaatti of ijaaree, sabboonummaan itti dhaga’amee akka jabbii golaa baatee burraaqaa jiru. Keessattu warri Sochii Saba Amaaraa (Abin) ofiin jedhan lafa bal’ifachuuf Oromotti duulaa jiru. Kaaba Shawaa, Kamisee fi naannoo sanatti walitti bu’iinsi dhalatee lubbuu nama baayyee galaafate karoora warri Sochii Saba Amaaraa (SSA) godhanii dha. Mootummaan federaalaa sochii isaanii utuu beekuu tarkaafii fudhachuu dhabuun onnee itti horaa jira. BeniShaangul seenanii ajjeechaa jumlaa gaafa raawwatan namni mixii kutate hin turre. Sochiin kun of labse kaartaa inni kaasee facaase baayyee nama ajaa’ibsiisa. Namooti baayyee fokkorsuun isaanii eessa iyyuu hin gahu, hin yaadda’inaa jedhu. Ilaalchi akkasii sirri miti. Waa tuffachuun nama hin baasu. Tigiray wajjin waldura dhaabatanii jiru. Tigirooti Amaarri lola hin danda’u jedhanii tuffatu. Dubbiin wal hudhee jira.Naannoon Amaara jedhamu ammoo sochii hundeen Amaara huqqisu keessa jira. Sochiin Oromoon akka sabaatti godhee mirga isaa falmate hidda horatee naannoo Amaaraa keessatti sochii Saboota Kuush jedhaman maddisisaa jira. Naannoo Amaaraa keessatti har’a sabooti hundeen isaanii Kush tahan Agawu fi Qimaanti gaaffii eenyummaa gaafatanii qabsoo eegalanii jiru. Agawu fi Qimaanti Amaara jedhamuun yoo hafe lakkoobsi Amaaraa ni xiqqaata. Warri SSA kana hubachuu irraa gochaa gara-jabinaa hiriyaa hin qabne Qimaanti fi Agawu irratti fudhataa jira. Namni gad bahee jara kanaaf dubbate hin jiru.
  4. Sochii Leelliftoota Itophiyaa
    Sochiileen kun warra maqaa Itophiyaan of ijaaranii dha. Maqaa adda adda qabu. Dhihoo kana jaarmaya torba kan tahan walitti dabalamuun dhaaba haaraa moggaafatanii jiran. Isaan kun wal ijaaranii filmaataan mootummaa amma aango irra jiru kuffisanii aangoo qabachuuf hojjataa jiru. Warra maqaa Itophiyaan socho’an kana kan tokko taasisu ilaalcha isaan Oromoo fi Oromiyaa, akkasumas Finfinnee irratti qabanii dha. Waan isaan tokko taasisu jibba sabboonummaa Oromoo irratti qaban: kan Oromiyaa fi Qubee ni jibbu, gaaffii mirgaa Oromoon Finfinnee irraa qabu dha. Warri baala-adaraa ofiin jedhan ammoo jibba isaanii dhoksuu dadhabuun waltajjii irratti sodaa tokko malee haasa’aa jiru. Finfinneen kan hundaati malee kan Oromoo miti jedhu. Maqaa Shaggar jedhu iyyuu ni jibbu. Akeeki jara kanaa filmaatan haa ta’u gara biraan aangoo qabatanii Itophiyaa ishee durii sana deebisuu dha. Horii guddaa waan qabaniif meeshaa lolaa bitanii Finfinnee galchaa jiru. Xiyyeeffannoon isaanii Oromoo irratti akka tahe shakkiin hin jiru. Mootummaa aangoo irra jiru dadhabsiisuun akeeka innikkaa isaanii ti.
  5. Oromiyaa fi Oromoo
    Dhimma kana irratti dhihoo kana barruu tokko dhiheessen ture. Oromoon bakka saditti qoodamee jeequmsa keessa jira jedheen ture. Ergasii waanti haaraan dhalate hin jiru. Garuu asitti kan hubatamuu qabu:- Oromiyaan gamni tokko nagaa yeroo qabu, gamni kaan ammoo ibidda keessa jira. Naannoon WBO jira jedhamu ummatni karaa lama miidhamaa jira. Humni bosona jiru mootummaaf hojjata jechuun ummata hiraarsa. Waraanni mootummaa ammoo akkuma bara bulchiinsa TPLF ummata hidhaa fi ajjeesaa jira. RIB gochaa isaan akka ummatni mootummaa jibbu godhaa jira. Gochaan RIB isa bara bulchiinsa Wayyaanee irraa adda kan tahe agarsiisaa hin jira.Sochiin mootummaan Federaalaa godhu, Oromoo daran irraa fageessaa kan jiru natti fakkaata. Hunda caalaa Amaara ykn warra Habashaa gammachiifna jechun waanti dalagamaa jiru Oromoo guddaa shakkisisaa jira. Oromoo walii isaa giddutti haala jiru xinxalee fi gamaggamee kan isa baasu maal akka tahu lafa kaa’ee akka sabaatti itti deemuu qaba. Fedhii dhuunfaa fi dantaa jaarmayaa dursina yoo jedhe kufaatii guddaatti seenuu danda’a.
  6. Sochii Kush
    Sochii haaraan biyyicha keessatti mul’ataa jiru kan sabooti hidda Kush qaban wal barbaaduu jalqabuu ti. Sochin kun bal’ataa fi cimaa yoo deeme aangoon harka Kush galee achitti hafuu danda’a. Wal hubannaan Oromoo, Somaalee, Affar, Sidaamaa, Konsoo, Kambaataa, Hadiyyaa, Agawu, Qimaanti fi …. kkf gidduu jiraannaan warri Habashaa olaantummaa qabachuu hin danda’an. Gaafa kun mirkanaawe bulchiinsi Gaanfa Afrikaa ilmaan Kush harkatti kufa jechuu dha. Kana bira gahuuf hiriira humnotii siyaasaa fi hariiroo isaan gidduu jiru isa har’aa osoo hin taane isa bal’aa borii ilaalanii hojjachuu feesisa.
  7. Sochii Saboota Naanno Kibbaa
    Mallas Zinaawii walitti qabee Saboota Kibba Itophiyaa jedhee kan moggaase ibiddi mata mataan of danda’anii bulchiinsa qabaachuu qabatee belbelaa jira. Sidaamaan akka Naannoo tokkotti beekamuu qabna jedhee ciminaan itti jira. Dhiheenya kana ammoo Wala’ittaan gaaffii fakkaataa kaasee jira. Sabooti Naannoo Kibbaa jedhaman bulchiinsa mataa isaanii qabaachuuf gaaffii dhiheessuu itti fufu. Kan gaaffi kana daangeesu hin jiraatu. Sidaamaan kililii tahee Wala’ittaan waan hin taaneef hin qabu. Wala’ittaan kililii tahe Qucaan, Konsoon, Mazangir …. Kkf waan hin taaneef hin jiru. Sabooti hundi bulchiinsa mataa isaanii haa qabaatan jechuun federaalizim hiikaa dhabsiisa. Mirga saba tokkoo ugguruun hin tahu. Haalli kun eessatti nama geessa jedhanii amma irraa xiinxaluun barbaachisaa dha.

Xumura

Itophiyaa keessa sochii jiran waan tuttuqe natti fakkaata. Haala mootummaan federaalaas keessa jiru hagan hubadhu lafa kaa’eera. Akka Oromoo tokkotti sochii jiran kanaa wajjin hariiroo akkamii qabaachuutu gaaffii Oromoo deebisuuf gargaara? Oromoon haala akkas wal xaxaa tahe keessatti maal yoo godhe gamnoomee diina ofitti osoo hin baayyisinii fi hindammaqsin bakka barbaade gahuu danda’a? Akka Oromoon itti yaadee waliin marihatee waan bu’uraa lafa kaawwatuuf yaada kana dhiheesse.

Horaa Bulaa
Kumkummee Sirbaa

One thought on “Maaltu Deemaa Jiraa? Kush fi Semiti

  1. toletole

    Kush members should strengthen their solidarity ad stand together always to make interests peacefully fulfilled and become safeguard even for the minority like the Habeshas.

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.