By | January 17, 2018


Qixxeessaa Lammii | Amajjii 16, 2018

Addunyaa tana irratti wanti dhaabbataan hin jiru. Akkuma beekkamu wanti akkuma barri jijjiramu wanti cufti jijjiramu. Mootummaan ummata bulchus akkasuma wal duraa duubaan ykn dhawaataan jijjiiramaa dhufaa, lufa.  Bifa fedheenuu haa ta’uu mootummaan akka mootometti dhaabbatee hafu ykn waaru hin jiru. Addunyaa tana irratti wanti akka dhalatetti hafu ykn waaru yoo jiraate Rabbiin qofa. Amantiilee hawaasota ykn ummattoota addunyaa kana irratti dhalatanii jiraatan gara garaan hordofaman keessattis kan barsiifamu kanuma

Kanaaf, waaraan hin duune, hin dhalle,  hin dhalchinee fi hin jijjiiramne ykn hin dulloomne kan jiru Rabbi tokkicha qofa akka ta’etti dhala namaa maraan amanama. Rabbii guddicha malee Rabbiin gara biraas akka hin jiretti beekkama. Uumo isa callaadha jedhamee abbootii amantaadhaatiin barsiifama. Kuuwwan isa irraa gadi hafan cufti garuu uumamtoota isaan uumaman waan ta’aniif umrii waartummaa inni qabu sana qabaachuu hin danda’an. Mootiin mootii olii kan isa irraa ol ta’e kan biraa tokkolleen hin jiru jechuudha. Ibsa kanaan barreeffama kiyya eegaluu kootiif barmoota amantaa kennuuf deemta akka naan hin jetne abdiin qaba. Dhimmi amantaa abboota manta qaba waan ta’eef waan na hin ilaallatne keessa gadi fageenyaan seenuu hin danda’u. Hamma ofii dhagahee fi hubadhe ibsuu kootiif garuu waan irraa saalfadhu ykn of komadhu, namoota biraatiinis komatamu hin qabu jedhee amana. Gara ijoo barruu kiyyaatti hennaa deebi’u ammoo waa’ee mootummoota abbootii irree ta’an irratti waa jechuu fedheeti.

Mootummootni akka carraa ummattoota gara garaa irratti humna qawween abboota of taasisan hedduun isaanii hamma lubbuun jiran Rabbii olitti of bikku. Isaan malee mootiin biraa akka jiru hin amanan. Gooftota addunyaa of taasisanii jiru. Badiin dalagan isaaniif tolcha gaaritti fudhatama. Qalbii fi sammuu dogongora irraa ittiin of tikkisan hin qaban. Ija bishaanii, surrii furrii fi gurra erbeen qajeelfamu. Sammuu ittiin of madaalan, ija ittiin of argan, gurra ittiin of caqasan yaada ittiin of masakkan tasa hin qaban. Akka beeyladaa fi bineensaa miiraan ajajamu. Warra har’a jiru boru taru akka tahan hin beekan. Maala malee mala hin beekan. Halkanii- guyyaa, barii- dhiha, du’aa-jiruu fi kufaa ka’a addaan hin beekan. Humni, beekkoomsi, gootummaa fi jabinni hundi harka isaaniin ala waan jiru hin seehan.

Wanti godhan ykn raawwatan, dubbatan ykn haasawan cufti isaan biratti sirriidha ykn gaariidha. Wanti quba qabeenya ykn ajaja ykn yaada isaaniitiin ala qaama biraatiin raawwatame marti isaan biratti badii ykn yakka ta’a. Gabroomfattootni qawweedhaan ummata gabroomfatan hundi humnatti amanu. Gabaabatti sammuu hamaa fi gaarii itti addaan baafatan hin qaban. Surrii addunyaa itti dhihoo ittiin argan malee sammuu addunyaa irraa fagoo jirtu ittiin argan hin qaban. Ilaalchaa fi yaadni isaanii buqqee lafee mataa isaanii irra dhiphaadha. Sababaan balleessaa malee tolchaa hin beekin hafaniif irra guddaan sababa kanaaf jechuudha. Kanaaf hamma gaafa badanitti balleessuu malee tolchuu hin beekan. Yaadni ijaaraan, Jijjiiramni gammachiisaan, nageenyi waaraan, mul’atni mishaan isaan irraa abadatamu ykn eeggamu hin jiru.

Jijjirama gosa mara kan fide, fidu, argamsiise, argamsiisu, balleessu, tolchu Rabbiin qofa yoo ta’es, uumamoota isaan uumaman keessaa hammi tokko waa uumuu ykn jijjiiruu ni danda’u. Akkasuma umrii dheeraa hamma tokkoo ni qabaatu. Lafa ykn dachii fi dhala namaa akka fakkeenyaatti  fudhachuun ni danda’ama. Dacheen galma waan hunda baatte akka taate beekkamaadha. Dhalli namaas isii irratti wal horaa, wal hambisaa, wal irraa hafaa,  wal duraa duubaan dhawaataan lafaa irraa godaaana. Dhalli namaa akka wal hora deemuun seenaa wal irraa daddabarfachaa ykn wal irraa dhaalaa deema. Kan dabre seenaa dhiisee dabra. Kan dhufe seenaa isa dabre irraa dhaale barsiisee babal’isa. Kun adeemsa jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti ta’aa dabruudha. Gabroomfattootni qawweedhaan ummata gabroomfatan hedduun garuu taatota kanatti hin amanan. Sirni isaan ummataan bulchan hamma dhumaatti akkasumatti akka itti fufetti waara yaada jedhu qabu. Kanaaf, jijiirama kamuttuu hin amanan.

Akkuma barruu kiyya kana gara jalqabaa irratti akeeke, dhimma amantaa gadi fageenyaan hin beekne keessa gadi seenuu kan hin feeene ta’ullee, dhugaa natti mul’ate ibsuu irraa of duuba hin jedhu. Waan dhagahan,  arganii fi itti amananii fudhatan ykn dhugeeffatan dhugoomsuuf qabsaawuun dirqama dhala namaati. Nama ta’anii namootni namooma namaatti hin amanne hedduun kan ofiifuu lafa tana irratti akka hin waarre beekan, nama akkuma isaaniitti hamma ta’eefuu ta’u qilleensa biyya lafaa tana irra jiraachuu barbaadan ykn hawwan jiraachuu dhoorgan ykn lubbuu balleessan. Balleessanii baduun kaayyoo isaaniiti.Dhalli namaa wal horee, dabra, wal hambisaa tara malee yeroo tokko dhalatee yeroo tokkotti hin badu. Uumamootni cufti dachii dabalatanii jijjiirama hedduu keessa qaxxaamuranii akkuma  as gahan gara fuula duraas jijjiramoota hedduu keessa deemuu malu. Akka dhalatetti wanti hafu hin jiru. Jijjiiramoonni agarsiisan ykn argamsiisan garuu jijjirama oloo fi gadoo keessaa tokko ta’uu mala. Akka marattuu jijjirama irraa bilisa ta’uu hin danda’an jechuudha. Lubbu qabeeyyiin dhala namaa dabalatanii jiraatanii horanii baay’achuu fi suuta suutaan dhumanii dhabamuu ykn haphachuu mudachuu ni malan. Dachiilleen akkasuma harka namaan ykn uumaa uumeen goguu ykn badhaadhuu dandeetti. Jijjiiramni kanuma kana jechuudha.

Lubbu qabeessi erga takka dhalate turii dafii du’a irraa hafuu akkuma hin dandeenye lubbu maleessis akkasuma akka argametti waaruu hin danda’u. Lubbu qabeessii fi lubbu maleessis hamma lafa tana irratti argamanitti jijjiramoota gosa gosaa keessa taruun isaanii waan hin oolamneedha. Akkuma dhalataniin du’uun ykn du’uu dhabuun ykn baduun ykn baduu dhabuun carraa isaanii isaanii taha. Jijjiirama wanti jedhamu gabaabatti caccabuun bullaawuun, bifa, uunkaa, akaakuu, sagalee, haala, amala, sochii, lubbuu dhabuu fi lubbuu horachuu fi wanneen kkf hunda mudachuu dha. Jijjiiramootni kun cufti abbootii irree biratti fudhatama hin qaban. Ummata ibiddaan gubanii qabatanii irratti abbaa ta’an irraa gadi bu’uu hin hayyaman. Mootota waartota ta’utti of beeku. Yoo akkuma Mallas duuti waaqa irraa itti dhufte ykn qawwema ittiin mootoman sanaan eega dhabaman booda of arganii dhugeeffatan ykn beekan malee hamma aangoo irra jiran waartotuma of seehu. Hamma sadarkaa sana irra gahanii of arganitti sodaa, bir’aa fi yaaddoo tokko malee of irratti abdii guutuun jiraatu. Mootummota akkasii keessaa mootummootni Abashaa dabran fakkeenya gaarii ta’uu dandanda’u. Keessumaa inni imperattii yaabbatee irra jiru, ABUT kan addaati.

Waggoota gara *27f *mootii ummattoota impahera tana jala jiran maraa of taasise har’as mootoma isaa irraa gadi bu’uuf fedhii hin qabu. Fincila QBO ykn Qeerroo Bilisummaa Oromoo hudhee isa qabe irraa waan barate hin fakkaatne. Inumaahuu mootoma isaa daran cimsee itti fufuuf halkanii guyyaa dhama’aa jira. Balleessuu malee akka hin balleeffamnetti of amansiisee jira. Akka fedha TPLFitti dacheen isiin irra hin jirre jiraachuu hin qabdu. Isiin baddu ummataa fi dacheen isiin bulchaa turtes isima waliin baduu qaban. Barcuma kana irra turuuf akkuma ganama irraa godhaa turte galgala kanaanis gocha hmaa nagaya balleessuu, biyya diiguu, ummata hiyyoomsuu, fixuu, biyya irraa ari’achuu, dhibuu, hidhuu, hiraarsuu, wal ficcisiisuu fi kkf itti fufaa jirti. Murna xiqqoo dhophoo dhiphiftuu tanaaf riqicha guddaa kan ta’an keessaa OPDOn tokko. Ummata Oromoo waggaa 27 kana keessatti dhumeef adda durummaan kan gaafatamu OPDOdha. Mootummaa Tigree kan gaafa ummatni Oromoo dhume gammachuu baga dhumaniif dibbee gilliiddee ililchitee sirbitu jalatti har’as ummata hayyisuuf yaaluun isii hin dhaabbatne.

Mootummaa abbaa irree kan biyyi misoomuun, ummatni duroomuun, nageenyi bu’uunii fi ummatni Oromoo wal dhagahuun bowwoo daanaa itti tahe jalatti sababaan ummata Oromoo ittisaniif naaf hin galle. Gaaffii kanaaf deebiin maal ta’uu akka qabu dhalli Oromoo kan hin beekne hin jiru. Mootummaa ummata biyyattii guutuuf tuffii qabu jala ceehuun hin malle. Murna qawween ummata bulchutti amane jalatti buluuf cecehuun gowwummaadha. Dawaan isiin qawwee qofa akka ta’e isinuu hin haalle  Qawwee malee aangoo qawween argadhe akka gadi hin dhiifne himattee jirti. Mootummaa qawwee malee wanti aangoo irraa gadi na buusu hin jiru jedhee kakate karaa nagayaa haasawa barcuma laafaa irratti godhamuun aangoo irraa fuunee harka ummataatti deebifna jechuun abajuudha. Yaada kana dhaaboti Oromoo kanneen biyya keessaa fi ala kanaa karaa kana malee Oromoo wayitti baasuun hin danda’amu jedhanii fi dhaabbileen mormitoota mootummaa kanaa ta’an kanneen sabaa fi saboota biyyattii tanaaf ni qabsofna jedhanis hunduu fudhachuu qabu.

Addatti ummatni Oromoo armaa achi mootummaa xiqqoo gadi dhiisan lafa guuttu qaban qabaa hin guutne tana waliin karaa nagayaan haasawee mirga sarbame irraa deeffadha jedhee kajeeluu irraa dhaabbachuu qaba. Mootummaa dhuma Oromoo irraa gammachuu qabdu gadda dhuma isiitti jijjiiruun barbaachisaadha. Mootummaa warraaqsa Qeerroo Bilisummaa Oromootiin akka hamaa rukutamtee kuftee gaggabdee du’aaf dhidhiitattu huccuu itti hafarsuun hafuura keessatti deebisuuf yaalii godhuun OPDO biyyaa fi alaas as irratti xumuramuu qaba.Abbootiin garaa kan akka Siraaji Fageessaa, Abbaa Duulaa Gammadaa, Dr Warqinaa fi fakkaatota akka wayyaanee aanfatanii ummata isaanii irratti labsa lolaa hennaa baasan dhageenya. Ummata dura dhume baga dhume, inni hafes dhumuu qaba murtii jedhu fudhachuu isaanii dirre bahatti agarsiisaa jiru. Hidhaa fi ajjeechaan ummata keenya qofaaf male Tigreef laguu maaltu godhe? Gowwaan hin dhalatin, dhalatulee hin guddatin kan akka miseensota OPDO dha.

Hamma fedhellee turu mootummaan kun ni jiga. Ajaja mootummaa kanaa jalatti yakka hiriyyaa hin qabne namootni ummata fayyaalessa irratti raawwatan har’a ta’uu baatu boru seenaan gaafatamuun isaanii hin oolamu. Yeroo lubbuun jiran badii hojjatan irraa seenawanii hojii gaariin ofii fi ummatas fayyisuun gamnooma.  Jiruun seenaa dhabanii ekeraanis abaaramuun salphina hiriyyaa hin qabne. Kanaaf seenaa Gobanaa Dacee irra deebi’anii horachuuf diina waliin ummata ofii fixuun baay’ee qaanessaadha. Akkuma Lammaa Magarsaa fi Abbiy Ahamadillee ta’u fakkeessuu fi fakkeeffachuun irra wayya. Itophiyummaa malee jiraachuu hin dandeenyu jechuu isaaniittu hir’ina itti uume malee haasofni mi’aawaan ummata keenyatti isaan haasawan silaa baay’ee bareeda ture. Diina xiqqeessuu fi fira baay’ifachuuf tooftaa sanatti gargaaramuuf kan yaalan yoo ta’e garuu isaanis dogongora hamaa keessa jiru. Diinni fira tooftaa isa godhachuuf dhaadhessan innis akkasuma fira tooftaa nama godhachiif akka nama dhaadhessu dagatamuu hin qabu. Barri bara qaroominaati. Qaroomina nama irratti dalagna jedhanii qaroominni nama irratti dalagamuu akka danda’u beekuun barbaachisaadha.

Furmaatni gaariin bara kana nama baasu kaayyoo fi akeeka qaban osoo hin dhokfatin ifaan ifatti walitti himanii waliif beekanii waliin deemuu irra wanti nama baasu hin jiru. Ganama wal sobuun galgala wal nama dhabisiisa. Ganama dhugaa walitti himuun galgala walitti nama firoomsa. Ijoon guddaan dhugaa jirtu hadhooftullee wal amaniisanii wal fudhachiisuu irratti irkatuudha. Adeemsa tooftaa fi tarsimoo jechuudhaan hamma waliin deemuu danda’an waliin deemanii bakka karaan itti addaan nama gorsetti wal irraa maquun gara galgalaa irratti balaa qabaata. Nagayaan waliin deemanii nagayaan gargar bahuu wanti caalu hin jiru. Dinummaa dur seenaan waliif qaban waliif dhiisanii firummaa boruuf wal amananii waliin tarkaanfachuu irratti hojjachuu barbaachisa. Mirgi kiyya kana, kan kee kana jedhanii walitti himuu sodaachuun gara fuula duraaf balaa haqaaranii bira dabruu ta’a. Mootummaa ABUT kana kuffisuuf tumsa ummattoota biyyatti cufa argachuuf bilisoomuu fi walaboomuu Oromoo fi Oromiyaa mirkanaawuun ummattoota hafaniifis bu’uura gaarii ta’uu tolchanii itti himuun amansiisuu irratti duula bal’aa wal irraa hin citne geggeessuu feesisa. TPLF mootummaa waaraa biyyattii tanaa taatee of ramadde jala ceehanii abaqaauluun ykn kunuunsuun sirna gabrummaa boodatti hafaa jaarraa tokkoon dura du’e deebisanii lubbuu itti horanii matatti baachuuf of qopheessuudha. Qawween furmaata qawwee akka ta’e kan hin hubatin hubatee qawwee isaa kaasee Tigrootatti naannessuun furmaata furtuudha. Mootummaa fi mootiin dhaabbataan

Rabbiin malee akka hin jirre haa beeknu.

Qabsoon Dhaabbataan Furmaata Dhaabbataa Maddisiisa!

Qexxeessaa Lammii irraa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.