By | March 27, 2019


Xiyyeeffannaa-Jaal Marroo 27-03-2019
Listen to “Xiyyeeffannaa-Jaal Marroo 27-03-2019” on Spreaker.
Via Qalbeessaa Dhangala’aa tiin

Gaazixeessaa Dhaabasaa fi Jaal Marroo haasaa waliin taasisan gara barreeffamaatti Qalbeessaa Dhangi’aatiin jijjiiramee jira. Dubbisaa! Haa tibbanaa irraa argattu, maalitti adeemaa akka jirruuf furmaatnillee keessa jira.
“… Wanti Finfinnee, gara eessaa, gara giddu gala jedhamee adeemaa jiru Oromootu of xiqqeesse. Tigiraay keessa har’a yoo ilaalte dhaloonni isaanii Taankii gurguddaa daangaarra kaahee ofirraa deebisaa. Rasaasi itti dhuka’uu mitii namni kaballaanuu hinrukutamu. Amaara keessatti har’aa Qawwee qabatanii hiriira bahanii, Qawwee hiikkadhaa mitii Qawwee maaliif qabattanii hiriira baatani namni jedhuun hinjiru. Oromiyaa keessatti garuu; sabni Oromoo kaleessa Qawwee dhabaafi garbummaa jalatti kufe. Har’allee akkanni Qawwee hinqabanne isanni qabatee jiruyyuu irraa hiikuu irratti xiyyeeffatu…”guutuusaa dubbisaa
======
Gaazixeessaa: hayyee hayyee jaal marroo hedduu fayyaa ta’i mee gidduu kana maal keessa jirtu uummatni hedduu waa’ee keessan kana dhiphachaa jira me haala keessa jiru waraanni keenya hojiinni itti jiru waan jiru mee nuu ibsuu dandeessaa?

Jaal Marroo: hayye fayyaa ta’i jaala kiyyaa egaa yeroo hundumaatti warri keessa jirru wanni keessa jirru qabsoodhaa, qabsoon kuffisuuf kufuu qabdii; egaa wanni keessa jirru gabaabumatti qabsoo kuffisanii kufuutii. Uummatni keenya dhugaadhaa, haala amma keessa jiramuu fi burjaaja’iinsa uumamee jiru kana irrattii kallattii addaa addaan yaaddoo fi gaaffii fii waan hedduu itti bitaacha’ee jiru irrattii gaaffii hedduu kaasaa kanaaf wanni itti jirru qabsoo dhumatti jirra kana akkanatti hubatee warri wal cina jirru maal keessa akka jirru akkasittuu beeknaa . warra bakka addaa addaa taa’ee miidiyaan holola banee jiru kana qofaatu akka uummatni burjaaja’u godhaan ala. Waraanni bilisummaa Oromoo wal’aansootti jirra; Wal’aansoon ammo kufuuf kuffisuu qabdii.egaa haalli qabatamaa amma waraanni bilisummaa Oromoo itti jiruu qabsoo hadhooftuu finiinaa fii kufanii kuffisuutti jirra ammatti kana fakkaata.

Gaaxixeessaa: waraanni bilisummaa Oromoo waraana banemoo waraana itti baname ofirraa deebisuutti jira?

Jaal Marroo: waraanni Bilisummaa Oromoo waraana isa irratti baname, labsii dhukaasa dhaabuu gama lachuu mallatteeffame ykn walii galamee ture cabsuudhaan cabsuu caalaammoo sana jalaan dawoo godhachuun bakka inni qubate qubaatiinsa waraanaatti dhufuunii ka duula guddaa irratti banamee ofirraa ittisuurratti argamaa. Wanni kun ofirraa ittisuu qofaanii ka qoalatamuu hindandeenye ta’uu amanuun waraanni bilisummaa Oromoo nagaa barbaachuuf jecha nagaa buusuuf jecha waan dhukaasa dhaabuu walii galame sana kabajuuf jecha kabajee jiraacha turee hawwaasnis nii beekaa. Humni kun didee gara jireenya waraana bilisummaa Oromoo gaaffii keessa galchuutti sadarkaa gahamuurra waan gaahameefii ofirraa ittisuu qofaan gaahaa waan hintaaneef Waraanni bilisummaa Oromoo lola isatti baname ofirraa ittisaas amma immoo lola barbaadee loluuttis jiraa jechuudha. Kanammoo kan fide ofittummaa fii gamnummaa barabaraan rakkoo uummatta Oromoo Furuu hindandeenyee fi gamnummaa badduu saba keenyaaf hintaane; biyyaaf hintaane, sanatti dhimma bahanii ittiinii ilmaan Oromoo cabsaa dhufan sana taa’anii ilaaluun waan hindandaa’amneef kun ta’ee jechuudha. Kanaaf jalqaba mootummaatu waraana nurratti labse. Dhukaasi dhaabbachuu jedhamu kan miilanaa sun tasumaayyuu dhaabbatee hinbeeku waraana bilisummaa Oromootu dhukaasa ofirraa dhaabee nagaa dhufuu malu kanaaf carraa laanneefii yeroo laanneefii rakkoo kanatti gudunfaa goonee saba keenyallee gidiraa kana keessaa baasna jennee; nutu dhukaasa dhaabe malee mootummaan kun takkaa dhukaasa hindhaabne jechuudha. Lafoota seenuu hindandeenyeefii kanaan dura humnaan waraanni bilisummaa Oromoo irraa kaase maqaa nagaa jedhu sanaan dahatee, maqaa dhukaasa dhaabuu jedhu sanaan dahatee raayyaan ittisa biyyaa ofiin jedhu kunii duula guddaa fi sakatta’iinsa guddaa nurratti bane. Inni kun egaa ofirraa ittisaa turree; carraa akkasumas gara bal’eensa akkasitti itti adeemaa turree kun hundumti iyyuu immoo ta’uu hindandeenye waan ta’eef waraanni bilisummaa Oromoo egaa akkuma kanaan dura beeku afaan jarri beekaniin dubbisuutti jiraa jechuudha.

Gaazixeessaa: akka odeeffannoo qabnutti mootummaan waraana guddaa isinitti bobbaasuutti jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana kana ofirraa deebisuuf hangam humna qaba?

Jaal Marroo: eeyyekaa jaala kiyya yoo ilaaltee mootummaan kunii sadarkaa qilleensarraa lafa irraa kallattii danda’ameenii hundaanii hololaanii waan hedduun waraana bilisummaa Oromootti akka duulaa jiru ifaa. Waraanni bilisummaa Oromoo lakkoofsaan ykn meeshaa qabateen utuu hintaane sammuni kan inni lolaa jiruu; mootummaan kun meeshaa gurguddaa hedduu meeshaa barri uume qabatee socho’uu dandaa’aa meeshaan yoomiyyuu taanaan dhala namaatu hojjetee; nama isa hojjete deebisee lola waan ta’eefii nama isa hojjete injifachuu hindanda’u. waraanni bilisummaa Oromoo hidhannoon isaa kaayyoodhaa, kanamoo kan ittiin galma gahu sammuudhaa. Kanaaf waraanni bilisummaa Oromoo baduus ka dide injifatamuus barbadaa’uus kan hindandeenye hidhannoo sammuuti of harkaa qabaa; kanaanidhaa lolaa jira. Meeshaa hamma kana qabatanii nutti duulamu sammuu dhala namaatu kalaqe. Meeshaa sanatu deebisee sammuu sana loluu jiraa, sun ammoo sammuu sana injifachuu hindanda’u. kanaaf waraanni bilisummaa Oromoo kana ofirraa ittisuu qofa miti of keessaa kaasuuf gahumsa qabaa; gahumsa isaa sanammoo hanga ammaatti duula faraaqaa yeroo irraa yerootti sammuu ilmaan Oromoo naannoo kanaa irratti hojjetamee holola baay’ee hadhooftuu fi badaa ta’e diiginsa ta’e nurratti gaggeeffamee; Oromoo bakka hedduullee amansiisuun daboo kadhatamee nurratti gaggeeffamee kana hundumaa dura dhaabbannee. Dura dhaabbachuu qofaa mitii bakka hedduutti lafuma kanaan dura jirru irratti ofirraa ittisneetu akkaataa kanaan jirraa. Gahumsa isaas dandeettiisaas itti qabna, kanammoo shakkii hinqabnuu ragaan immoo uummata keenya waliin dhaabbannee lolaa jirru. Inni itti aanummoo uummata, waraanni bilisummaa Oromoo akkuma maqaansaa ibsu saba Oromoof ka dhaabbate; bilisummaa, Walabummaa, fi birmadummaa biyya kanaafi ka dhaabbate. Mootummaan kun unuun lolaa yeroo jirutti uummata Oromoo lolaa jira. Mootummaan yoomillee uummata lolee injifate hinjiru. Niituraa, nii bulaa, nii eelaa, baay’ee ajjeefamaa, gidirfamaa, hidhamaa, ari’atamaa, yoo obese itti fufe mootummaaf uummatni xiiqii wal qabee jennaan injifannoon xumura irratti kan uummataati. Kanaafi waraanni bilisummaa Oromoo gahumsa kan itti qabuufii injifachuu ka danda’u. Mootummaan uummata mohee injifate hinjiru. Uummatni Oromoo Galaana guddaa, waraanni bilisummaa Oromoo ammo Qurxummii galaana sana keessa jirudha. Mootummaan kunisii Qurxummii kana qabachuuf jecha kaninni galaana kana summeessaa jiru, galaana kana goksaa jiru. Balaa guddaan kan irra gahaa jiru waraana bilisummaa Oromoo miti ofirraa ittisuu, ofirraa deebisuu nii dandeenya. Sabaa keenyatu wareegama ulfaataa kaffalaa jira. Kana wanni amma Oromiyaa keessatti adeemaa jiru.

Gaazixeessa: keessayyuu tibba darbe meeshaa waraanaa keemikaalaa fayyadamanii miidhaa jiru kan jedhu dhagaa’aa turre. Dhugaadhaa kun?

Jaal Marroo: eeyyee egaa loloota hanga ammaatti adeemsifamaa jiran keessaa wanti akkasii bakka shanitti nurratti dalagameeraa. Naannoo : Ashunfaa, Kobor, Garjeedaa fi akkasumas Muggii irraan waraanni mootummaa waan summii egaa akkaataa isaallee waan beekuun si rakkisuu osoo si bira hingahin Qilleensarratti naannoo sana faaluu fi nama qufaasisu, nama balaqqamsiisu, akkasumas karaa afaanii funyaanii fi gurraa dhiiga nama tufsiisutu nurratti fayyadamee. Uummata irras balaa guddaatu gaheera. Waraana caalaayyuu uummatni waan kana quba qabaa, yoo dhugumanii qaamni walabaa waa’ee meeshaalee akkasii addunyaarrattillee hinfayyadamne nurratti raawwate kana kan qulqulleessu yoo jiraatee baay’ee rakkisaa akka ta’ee; Loontu dhumate, namatu miidhamaa jira. Waan akkasii argaa jirra hanga ammaa bakka shanitti nurratti rawwatani. Yoo qaamni walabaa dhimma kana qulqulleessuu yoo jiraaterraan ka hafe Oromoonisii waraanni bilisummaa Oromoosii fira ginqabuu hirkoo biraa hinqabuu, dirmannaas hinqabuu wanni kunii akkasittiinii dhoksaan nurratti dhimma bahaa akka jiranii qaamni walabaa raga barbaadu yoo jiraate itti himna. Dukkana keessatti dhumaa jira uummatni Oromoo gara lixaa jiru kun.

Gaazixeessaa: mallattoowwan naa kaafteen alatti namoota isaanii booji’aman ykn meeshaa isaanii caccabe lafa bu’erraa wanti argame jiraa?

Jaal Marroo: eeyyee ragaa qabatamaa harkaa qabnaa. Dhuksaa bifa haaraa nutti dhukaafamee. Maallattooleen amma siin jedhee nurraan gahe sanaa; qalaa’aa wanni sun keessaa dhukaafamellee harkaa qabnaa. Inni kunii qaamni walabaa dhimma kana qoratu yoo jiraate ragaa qabatamaa faana kennuufii nii dandeenya.

Gaazixeessaa: hedduu gaarii; gama kaaniin kanaan dura Araara jedhamee waraanni bilisummaa Oromoo keessaa ijoolleen hanga wayii galanii turanii ijoollee galan kanas Xoollayiitti naqanii rakkina irraan gahaa akka jiran wanti nu gahe jiraa. Araara sanaan wal qabsiisee wanti ergasii dubbatame jiraa?

Jaal Marroo: dubbiin durumaa bade; araarichi durumaayyuu araara akka hintaanee himeen jira ani. Maaliifii? Uumamurraa namootni koree araaraa sanaa ta’an rakkoo qabuu isaanirraayyuu rakkoo qabna jedhee dubadheetin ture. Abbootii gadaa Oromoo yogguu jedhamuu sirni gadaa Oromoo seera mataasaa danda’e qabaa. Oromoon gadaa meeqa qabaan beekamtu, gadaan eessa jirtiin beekamtuu. Namootni abbootii gadaa jedhamanii, namootni jaarrolii araaraa jedhaman namootni koree teknikaa jedhamanii Qawweedha hinqabanii akka waraana raayyaa ittisa biyyaa jedhamee nutti bobba’eedha. Meeshaa hidhatanii nu hinlolle malee; hedduu isaanii mootummaa karaa maraan kufe afuura baafachiisuuf warroota dabballummaa mootummaan yeroo garaagraatti shira addaa dalagan faatu keessa jiraa jechuudha. Warra adda bilisummaa Oromoo yeroo dheeraa keessa balleessuuf tarsiimoo yeroo dheeraa qabatee socho’aa turetuu abbootii araaraa ta’e. inni sun jalqabarraa baduushee himeen ture. Garuu; yoo dhugumaan holola addaa addaa Oromoon Oromoo irratti hindhukaasu mootummaan kan Oromoodha nuun jechaa turanii; nutillee Oromoo irratti miti kan dhukaasnuu sirna EPRDF kan TPLF’n kaleessa bu’uureffame isa sanatu jijjiirraa hundee hinarganne. Haaroomsa jedhanii, haaromsi sun haaromsa achumatti namni wal jijjiire malee fimanni hn taanee mootummaa dhuma kaleessa parsantii 100, parsantii 99 injifanne jedhutu nama wal jijjiiree achi taa’ee. Uummatni Oromoos sabootni cunqurfamoon kan hubachuu qaban isa kana. Kanaaf namatu wal jijjiire malee paartileen uummata miidhaa turan isaanuma sana. Nuti nagaa bu’a jennee ‘utuma beekanaii huubaa wajjiin isa sareen jette sana goonee, dagannee; nagaaf waa dagachuunillee numa jira. Yeroo itti fudhannee ilaallee wanni sun akkuma atuu argite akkuman jalqabarraan himellee dhugumaan nagaa fiduuf saba Oromoof rakkoo xumuranii gudunfaa itti gochuuf kan hojjetame utuu hintaanee waraana bilisummaa Oromoo adeemsa keessa tarsiimoon dhabamsiisuu namoota qabatetu caccabinsa waraana diiguufii haala amma Oromoo keessatti kufeef sabaabaa ta’ee jechuudha. Wanni kunii egaa “lama na’n suufan” jette jaartiin Qullubbii hattee jedhan. Egaa lama caalarraa har’allee kuma meeqayyuu suufamuu; ammo kanaan booda araarri kun bifa kanaan ta’uu hindanda’u. odoo kanaan hinta’in durammoo halduree waraannii bilisummaa Oromoo lafa kahatetu ture. Halduree lafa kaahanne cabsan. Ammo wanni adeemamaa ture waraana miseensa miseensa waamanii galchuun, Oromoo bool’a inni keessaa hinbaaneti qotanii galchuuf kan hojjetamaa ture. Qabsoo waggaa dheeraa itti jiramu kana haala salphaan harka kennachiisuu yaaluun hindandaa’amu. Araarris haala kanaan hinadeemsifamu. Kanneen kanaan dura dhoksaan bira dabarre; Namootni sun ammas kan nutti dhufan taanan nama hidhatee nu lolurraan adda hinjirani. Kanaaf waan irra gahamu gaafatama isaa isaantu harkaa qaba waraana bilisummaa Oromoo miti.

Gaazixeessaa:hayye egaa akka amma ilaalamaa jirutti warri Amaaraa kunis ka’anii jiruu, daangaarran. Mootummaanis dhiphina keessa jira kana irratti akka waraana bilisummaa Oromootti yaadni isin qabdan maali?

Jaal Marroo: rakkoon jette kun kan har’a dhalate miti. Rakkoon kunis akkaataa amma adeemamaa jiruu tasumaa furmaata hinargatu. Kuni bu’uura adda bilisummaa Oromoo irraa qabee haala ilaallatee kan ka’uufii ejjannaa hindaddaaqamneeti. Rakkoon amma adeemaa jiruu rakkoo bubbulee kulkule. Furmaatni kan ta’uu dada’uu mirgi hiree murteeffannaa Oromoo, Oromoon Oromoo filateen kan xumura garbummaa gochuun gudunfaa xumura itti godhanii raawwatudha. Waraanni bilisummaa Oromoo isa kana beeka. Wanti yeroo yeroon dhuftu bubuutuunii qabsoo keenya galma gahuu dhorkituu, inni kunii addi bilisummaa Oromoo yeroo dheeraaf dura dhaabbataa turee; ammas yeroo namootni hedduun adeemsa qabsoo bilisummaa daandii dheeraa adeemee dhufe kana iddoo hintaaneen gahanii xumura jalatti daddaaqsisanii; injifannoo bubuutuu kan baay’ee fakkeessiifii miidiyaalee irratti cucululuqee argisiifamaa turetiin waraanni bilisummaa Oromoo gaaf tokkoyyuu dalagaasaa dhiisee daguu sana hindhaqne. Rakkoon ammaa adeemaa jiru kun nuuf haaraa miti. Rakkoon kun hanga Oromiyaan hiree mataashee hinmurteeffannetti boris itti fufa. Wanti Finfinnee, gara eessaa, gara giddu gala jedhamee adeemaa jiru Oromootu of xiqqeesse. Tigiraay keessa har’a yoo ilaalte dhaloonni isaanii Taankii gurguddaa daangaarra kaahee ofirraa deebisaa. Rasaasi itti dhuka’uu mitii namni kaballaanuu hinrukutamu. Amaara keessatti har’aa Qawwee qabatanii hiriira bahanii, Qawwee hiikkadhaa mitii Qawwee maaliif qabattanii hiriira baatani namni jedhuun hinjiru. Oromiyaa keessatti garuu; sabni Oromoo kaleessa Qawwee dhabaafi garbummaa jalatti kufe. Har’allee akkanni Qawwee hinqabanne isanni qabatee jiruyyuu irraa hiikuu irratti xiyyeeffatu. Kun baay’ee qaaniidha, sabni Oromoo baay’ee gaggalagalchee of ilaaluu qaba. Sabni guddaan kunii rakkoo hanganaa keessatti waggaa dhibba meeqa dhoqqee bukeessaa jiraachuun irra hinjiraatu. Qawween garboomne jechaa qawwee nurraa hiikuudhaan garbummaa hamtuu dhaloonni keessaa bahuu hindandeenye walii qotaa jirra. Wal haa qusannu, waraanni bilisummaa Oromoo irree fi gaachana uummata Oromootii. Yoo rakkoon jiraates, yoo bal’oon jiraatees yoo wal qusanne irra wayya. Qawwee ofirraa hiikuun salphinatti nu geessaa. Waraana Bilisummaa Oromoo akka Bulguutti dhiyeessuun jibbiinsa irratti oofuun hinmalle. Oromoon kaleessa Finfinneef boo’a, dheengaddas Finfinneef boo’a. har’allee Finfinneef boo’uutti jira. Daangaan Finfinnee haa sararamtu jechuutti jira. Kana jechuun Finfinnee kan keenya mitii jechuudha. Daangaan maaliif sararama? Finfinneen kan Oromooti. Yoo barbaachisaa ta’e hanga Ambootti guddachuu dandeessi. Hanga Adaamaa, hanga Shaashamanneetti guddachuu dandeessi. Maaltu dhorkata lafa keenyaa. Finfinneen ha sararamtu jechuun, nuti achirraa lafa hinqabnuuinni sun kan namaatii jechuudha. Dhuguma ammo Finfinneenii kan namaati har’a warqiin qabeenyummaan isaa kankoo ta’e mormakeetti hanga jirutti kankoo miti. Akkasi jechuudha.Finfinneef har’as wareegama kaffalaa jirra, beekaa hedduu mana hidhaatti nu duraa guursisaa jira, kana kan fide Injifannoo bubuutuu duukaa fiiguu keenya. Kana hunda kan fide isa amma jette kanaa jechuudha. Ilaalcha maalii qabduu jettee kaate, kana hunda Kan fide gudunfaa yoo itti goone malee xumura hinargatu, injifannoo xiqqootiinii daandii gubbaa dhaabbannee dhiichisuutu kana fide. Finfinnee Qonnaan bulaan nannooshee irra jiru irraa buqqa’uun borillee utuu Oromoon kan Oromoo taateeyyuu irraa buqqaa’uu danda’a! Gaafa buqqa’u garuu; Qonnaa dhiisee gara industiriitti guddisee, Qonnaan bulaa bakka sana jireenyaasaa jijjiirtee abbaa qabeenyaa isa gooteeti. Har’a Finfinneen Qonnaan bulaa Oromoo miliyeena meeqa itti dhangalaastee yoo buqqiftellee, Qonnaan bulaan kun akkaataa itti Qonna gara Industiriitti ce’an hinbeeku. Lafa isaa nii gurguraa maallaqasaa iddoo kaahu hinbeekuu. Lafas dhabee maallaqas dhabee hundeen badaa jira. Kana Oromoon icciita gadi fagoo beekuu dadhabee injifannoo xixiqqoonii dhaadachaa oolu jechuudha. Bor garuu; Finfinnee Kan Oromiyaa yoo taate daangaan sararamu hinjiru. Hanga barbaddee guddaatti, lafti nannooshee nama irraa kaasu sunimmoo, namtichi guyyaatti qotee tokko ykn lama nyaatu industiriidhaan ofis jijjiiree biyyallee guddisee sadarkaa har’a addunyaan jirtuun gaha jechuudha. Kun hundumti Kan dhufu garuu; iyyaan mitii Injifannoo xixiqqoon baraguu mitii rakkoo Oromiyaa keessaa hundeerraa furuun ta’a.
Gaazixeessaa: Mee gara xumuraa irratti waraanni Bilisummaa Oromoo uummata Oromoof Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa maal barbaaddu, maal eegdu dhaamsa gara xumuraa irratti yoo naa kennite jedheeni.

Jaal Marroo: Waraanni Bilisummaa Oromoo egaa, har’a haalli itti hammaattee rakkoon itti dhufte gidiraa meeqas darbee caccabiinsi meeqa diina injifatee fira isaatiinii kan kooti ka jedhuuni shirri guddaan irra xxaxamee waraana deebisee of tiksuu fi waraana injifannoo kanaan dura argamee duubatti deebi’eef deebi’ee qabsoo eegalaa jirudha. Rakkoo guddaatu isarra gahe; ammoo kaayyoof lubbuu kennee bahe hanga lubbuun sun isa harkaa baatutti lubbuun sun lubbuu uumataati isa harka jirti malee, waadaa galee uummataaf kennee. Waraanni kun silaa sogiidda lafaati saba Oromootiif. Sammuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo qarree dardara shamarran, jaarsaaf jaartii walumaa galatti uummatni Oromoo waraana Bilisummaa Oromoo kana; dhaamsi dhaamamuuf hinjiru waliin jirra, wal arguutti jirra wal keessa jirraa. Ka bakka addaa addaatti burjaaja’iinsa keessa seenee jiru yoo ta’e malee, naannoo waraanni Bilisummaa Oromoo keessa socho’uutti uummatni manni irratti gubataa, ajjeefamaa, hidhamaa, hiraarfamaa har’allee waranaa isaa kana ilmaan isaa waan ta’eefii ofitti qabatee lubbuu jiraachisaa waliinii wareegama kaffalaa jira. Nii hadhooftii nii bultii, nii turtii akkuman sila jedhe lolli kuni Lola uummata fii mootummaa garboonfataa gidduutti adeemaa jiruu. Mootummaan uummata lolee injifatee hinjiruu, uummatni lolee nii injifataa. Kanaaf waraanni Bilisummaa Oromoo kaayyoon isaa akkuma kaleessaatii; sabni Oromoo ammoo waraana kana lapheetti qabachuun dirqmasaatii! Kanuman dhaammachuu barbaada.

Gaazixeessaa: heedduu fayyaa ta’i egaa Jaal Marroo yeroo muddaa kanatti yaada nuu laachuukeetiif maqaa dhaggeeffattootaa fii hordoftoota keenyaatiinii.

Jaal Marroo: hayyee Hayyee atis fayyaa ta’i!

Gaaffiif Deebii Gaazixeessaa Dhaabasaa fii Jaal Marroo waliin taasifame, barruu kan jijjiire Qalbeessaa Dhangi’aati!


Sabboontota Oromoo bara ‘BILISOOMNE’ keessa ajjeefaman

Namoota bara kana mootummaa kanan ajjeefaman.

  1. Barataa Dachaasaa Furgaasaa (Muummee Injineriingii) dhalootaan Arsii; Yuunibarsiitii Wallaggaatti kan galaafatame
  2. Bortee Galmaa Carii Gujii Lixaa Bule Horaa
  3. Turaa Lamuu barataa kutaa 11 ffaa Baha Wallagga Kiiramuu
  4. Dabalaa Tasammaa Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo
  5. Kottoolaa Jaldeessaa Boorana Hiddii Lolaa Magaalaa Mi’ootti Misirrummaan gaafa cidhasaa kan ajjeefame
  6. Cuquliisa Guyyoo Misiirrittii gaafa cidhasaa Booranatti wareegamte
  7. Jaldeessaa Waaqoo
  8. Karrayyuu Boruu
  9. Awwal Muddin Jimmaa Limmii Kossaa
  10. Daawwit Arbaa Gujii Lixaa Bule Horaa tti
  11. Nuurasaa Aheemad Lixa Wallaggaa Gimbii
  12. Adam Alii Kaaba Oromiyaa Walloo
  13. Wellisaa Cawwaaqaa Yaaddessaa Shaggar
  14. Wellisaa Daadhii Galaan Shaggar
  15. Baqqalaa Gammadaa Gujii Oddoo Shaakkisoo
  16. Iyyaasuu Qanaatee Obboleessa isaa waliin kan Kora Bittinneessaa tiin ajjeefame; Baha Wallaggaa Eebantuu
  17. Lalisaa Qanaatee Baha Eebantuu
  18. Daagim Mitikkuu Wallagga Bahaa Magaalaa Shaambuutti
  19. Aliikoo Tarfaa Qellem Aanaa Gaawoo Qebbeetti lafa Loon Tiksutti
  20. Geetaachoo (Maraataa) magaalaa Gimbiitti kan ajjeefame
  21. Alamirroo Takkaa Beddelleetti
  22. Biddiiqaa Dastaa Lixa Wallaggaa Najjoo
  23. Yoonaas Raggaasaa manaa gadbaasanii caakkaatti geessuun galaafatan. Lixa Wallaggaa Ayiraa
  24. Mangistuu Olqabaa bakka buna ciratutti galaafatan. Abbaa isaa obbo Margaa rasaasaan harkarra rukutan. Wallaggaa
  25. Dargaggoo Fayyisaa Nigaatuu manuma Abbaa isaatti galaafatanii mana isaaniis ibiddaan barbadeessan. Wallaggaa
  26. Amaanu’el Abdii Naqamtee
  27. Obbo Girmaa Moosisaa Lixa Wallaggaa Boojjii Coqorsaa
  28. Biraanee Maammoo dubartii Ulfa Dambidoolloo keessatti galaafata
  29. Bashiriyaa Siraaj Lixa Wallaggaa Begii
  30. Sanbatoo Ayyaanaa Lixa Wallaggaa Gullisoo
  31. Ahemad Juwar Shanan Dhuggootti
  32. Abduura’uuf Naasir Shanan Dhugootti
  33. Faaxumaa Ahemad Shana Dhuggootti
  34. Kennaa Baacaa Qellem Wallaggaa Gawoo Qebbee
  35. Lammaa Taliilaa Qellem Wallaggaa Daallee Waabaraa
  36. Saamu’eel Taaddaasaa Mandii Mana Sibuu
  37. Gammachuu Guutaa Qellaem Wallaggaa Gaara Kormaa
  38. Ifaa Muluu Qelleem Wallaaggaa Gaara Kormaa
  39. Dukkalee Odaa Gujii Bahaa Sabbaa Boruu
  40. Qoncooraa Hundeessaa Gujii Bahaa Sabbaa Boruu
  41. Konkolaachisaa Qoncooraa Kan maqaa abbaasaa hinargatin Gujii Lixaa
  42. Qamarii Adoolaa Gujii Sabbaa Boruu
  43. Baallii Hundeessaa Gujii Bahaa Sabbaa Boruu
  44. Bariisoo Qaallichaa Gujii Bahaa Sabbaa Boruu
  45. Kallacha Birbirsaa Gujii Bahaa Sabbaa Boruu
  46. Boonsaa Tashooma Kaaba Shaggar Salaalee Warra Jaarsoo
  47. Ahemad Jibriil Hawwaa Galaan
  48. Zaakir Nuraddin barataa kutaa 8 Saanjaan waraananii ajjeesan. Begii
  49. Mohaammad Hiisaa Qellem Wallaggaa Gaawoo Qeebbeetti
  50. Zakkaariyaa Taakkaasaa Fidaa barataa kutaa 12 ffaa Gimiitti
  51. Isaayyaas Yaadasaa Fiixee barataa kutaa 9 Gullisootti
  52. Qaallichaa Jaarsoo Gujii Lixaa Dugda Dawaa
  53. Solomoon Alamaayyoo magaalaa Naqamtee keessatti kan ajjeefame.
  54. Awwal Abbaa Biyyaa Jimmaa Limmuu Kossaatti
  55. Dhukkee Shaggee Maanguddoo ganna 70 Gujii ona Qarcaa
  56. Dargaggoo Dukkallee Holotaa, Gujii Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti waraana EPRDFn ajjeesame
  57. Turee Uddeessaa, Gujii Ona Qarcaa ganda Lamii Hirphaatti rasaasaan mataa keessa dhahamee amma Hospitaala Bulee Horaatti waldhaanamaa jira
  58. Mijuu Birbirsaa, Gujii Ona Qarcaa magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
  59. Abarraa Duuloo, Gujii magaalaa Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
  60. Taarikuu Elemaa, Gujii magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
  61. Milkeessaa Galgaloo, Gujii magaalaa Qarcaa ganda 02tti ajjeesame
  62. Tasfaayee Wubee, konkolaachisaa Ambulaansii magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
  63. Alamuu Waddeessaa, magaala Qarcaa ganda 01tti ajjeesame
  64. Roobalee Gammadee, Gujii ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
  65. Guyyee Boggaalee, magaalaa Garbaa ganda 01tti ajjeesame
  66. Lammii Hoxxeessaa, Gujii ganda Lamii Qarcaatti ajjeesame
  67. Bariisoo Quruuxaa, maanguddoo ganna 80 Gujii ganda Lamii Hirphaa iddoo addaa Kellaa Fayyaa jedhamutti ajjeesaman.
  68. Abdulfattaa Imaa’el Baalee Gindhiir
  69. Obbo Fiqaaduu Tasfaa bonbiin rukkutamee du’e Fiqaduun Abba Ijoollee 4ttii. Qelleem Wallaaggaa
  70. Obbo Gajaraa Ayyaanaa Abbaa ijoolee 7 mucaa isa waliin rukkutanii rasaasaan du’e Qellem Wallaggaa ona Qeebbee gandaa Leeqaa Konbochaa
  71. Obbo Tariikuu Dhaabaa abbaa ijoollee 2 rasaasaan rukkutamee du’e Qellem Wallaggaa ona Qebbee ganda Hooroo Wadoo
  72. Gammachuu Guutaa Qellem Wallaggaa Gidaamii
  73. Kaasaa Mokonnoon haleellaa Boonbii waraana mootummaan Begiitti ta’een
  74. Roozaa Abdullahi Haleellaa Fanjii waraanni Mootummaa Begii Tongootti raawwaateen
  75. Jamaal Agaze Haleellaa Fanjii waraanni Mootummaa Begii Tongootti raawwaateen
  76. Addunyaa Abbayyaa Haleellaa Fanjii waraanni Mootummaa Begii Tongootti raawwaateen
  77. Mallaasee Taakkaallenyi Haleellaa Fanjii waraanni Mootummaa Begii Tongootti raawwaateen
  78. Misee Dhufaa Haleellaa Fanjii waraanni Mootummaa Begii Tongootti raawwaateen
  79. She Abduu Haleellaa Fanjii waraanni Mootummaa Begii Tongootti raawwaateen
  80. Shintiroo Shifarraa Gujii Aanaa Adaa Waayyuu magaalaa Mallayyaatti mootora irraa rukutanii ajjeesan
  81. Baacaa Tamasgeen barataa kutaa 10 ffaa; Lixa Wallaggaa Gullisoo Magaalaa Dillaa Gogolaatti
  82. Badhaasaa Taakkalaa Dabaloo miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa Oromummaa isaaf kan galaafatan
  83. Abdoo Roobaa Gurraachaa(Jaal Falmataa haqaa) Arrooletti
  84. Aluwaa Huseen Kaaba Oromiyaa Walloo
  85. Gammachiis Baddeessaa Shaggar Lixaa Amboo
  86. Obsaa Muktaar Lixa Wallaggaa Qondaala
  87. Toofiq Lixa Wallaggaa Qondaala
  88. Qananii Lixa Wallaggaa Qondaala
  89. Firoomsaa Lixa Wallaggaa Qondaala
  90. Abduljabbaar Turchee Lixa Wallaggaa Qondaala
  91. Ballinaa Mootii Mandii
  92. Saamu’eel Raggaa’aa Mandii
  93. Abduulsamad Abdurraahamaan Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee
  94. Ibsaa Yaadataa WBO Summii Makalaakiyaan dhukaaseen kan ajjeefame.
  95. Abdurramaan Saabit Lixa Wallaggaa Begii
  96. Caalaa Tolasaa Lixa Wallaggaa Begii
  97. Damee Guddataa Qellem Wallaggaa Anfillootti
  98. Kadiir Abraahim summiidhaan Harar keessatti ajjeefame
  99. Bukaarii Bakaroo(Jamaalee) Summiidhaan Harar keessatti ajjeefame
  100. Lataa Waaqgaarii Qellem Wallaggaa
  101. Indaaluu Tarrafaa Qellem Wallaggaa
  102. Aagaa Uddeessa Turee Gujii Aanaa Gooroo Doolaatti waraana mootummaa tiin ajjeefame; Mootorri isaas waraana kanaan gubate
  103. Faqqadaa Qannoo halkan ajjeefamee ganama Asfaaltiirraa kan argamee. Magaalaa Dambidoollootti
  104. Takkaa Gammachuu Buunnee Beddeellee
  105. Barakat Geetaachoo Dambidoolloo
  106. Amaddin Umaree Wallaggaatti
  107. Xahaa Abduuljihaad Jimmaa Aggaaroo
  108. Lammii Alamuu Lixa Shaggar Gindabarat
  109. Roobaa Boorraayyuu Saabee Shawaa Bahaa
  110. Tufaa Roobaa Ittisaa Shawaa Bahaa
  111. Abdoo Gurree Shawaa Bahaa
  112. Hawaas Boorraayyuu Saabee Shawaa Bahaa
  113. Jiloo Nuuree Boorraayyuu Shawaa Bahaa
  114. Arroollee Bulaa Shawaa Bahaa
  115. Jamaal Mahaammad Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo, Daldalaa
  116. Caalii/Boonsaa Ganjoosaa Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo miseensa WBO
  117. Roobsan(Zalaalam) Gannatii Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee miseensa WBO
  118. Tabsiisaa(Firaatol) Dirribaa Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee miseensa WBO
  119. Abdii(Waadaa) Ayyaanaa Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee miseensa WBO
  120. Milkii Tasammaa Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee barataadha.
  121. Moosisaa Tamasgeen Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee barataadha.
  122. Misgaanaa Tamasgeen Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee gargaaraa konkolaachisaa.
  123. Iyyaasuu Gaashuraa Qellem Wallaggaa aanaa Daalle Waabaraa gargaaraa konkolaachisaa
  124. Naasir Kaalidoo Qellem Wallaggaa aanaa Daalle Sadii Qotee bulaa.
  125. Qabbannaa Geetahuun Taaddasaa Qellem Wallaggaa aanaa Sadii Canqaa ganda Dooganoo Buriirii hojiin barataa
  126. Muraad Fiqaaduu Taaddasaa Qellem Wallaggaa aanaa Sadii Canqaa ganda Dooganoo Buriirii hojiin barataa.
  127. Dabalaa Tasammaa Dhaabaa Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Gillee qotee Bulaa dha.
  128. Maammad Hiisaa Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Gaangaa Icoo barataa
  129. Duulaa Taaffasaa Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Kobbachaa barataa
  130. Gamulaa Maammad Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Harroojjii Wadoo daldalaa
  131. Fiqaaduu Taaffasaa aanaa Gaawoo Qeebee ganda Golboo qotee bulaa
  132. Gammachuu Oliiqaa Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo
  133. Isiraa’el Oliiqaa Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo
  134. Mulunaa qannaa Qellem Wallaggaa Gidaamii
  135. Balayii turaa Qellem Wallaggaa Gidaamii
  136. Saamu’eel lammeessaa Qellem Wallaggaa Gidaamii

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.