By | December 1, 2019


Nafxanyaa Muuxachuuf Miixatuu fi Toophiyaa Du’uf Wixxiffatuu

Tufaa Bulbulaa, Muddee 1, 2019

Waggaa tokkoo asii kaasee, meediyaalee garaa garaa irraa waan akka ‘haaraatti’ ololamaa jiru keessaa inni tokko, ‘jijjiiramni Toophiyaa keessatti dhalate kan jedhu dha. Gareen tokko ammoo,  qeeqqannoo tokko malee (without any reservation), “ilma (ilmaan) Abbaa Gadaatu, yeroo jalqabaaf, masaraa Minilik seenee Toophiyaa bulchaa jira” jedhee olola summiin laaqame facaasaa jira. Wanni deemaa jiru kun, dhugumatti jijjiirama moo muuxata? Handhuura olola kanaa nama gadfageessee ilaaleef, haalli jiru muuxata malee jijjiirama miti. Warra arraba olola kanaa  ilaalaniif ammoo, akkuma isaanuu jechaa jiran, jijjirrama malee muuxata ta’uu hin danda’u. Wanni beekuu qabnu garuu, amma masaraan nafxanyootaa Burqaa Finfinnee irraa konkolaatee hallayyaa hin buunetti, muuxata malee jijjiiramni uummata  Oromoof gonkumaa dhufuu  hin danda’u.  

Gaaffii?  Maaliif jijjirama ta’uu dhiisee muuxata ta’a? Deebii: Waan tokko yoo bifa, qaama, ykn amala duraan qabu sana dhiisee gara bifa, qaama, ykn amala duraan hin qabnetti geeddaramee argame jijjiirama ta’a. Yoo waan sun  bifa, qaama, yookiin amala duraan qabu sana otoo hin jijjiirratiin of haaromsee (rejuvenate itself ) argame, muuxata malee jijjiirama  ta’uu hin danda’u. Fakkeenya: Bofa. Bofti, innaa dulloomu ni muuxata malee qaamaa fi amala ittiin uumame sana hin  jijjiirratu. Kana jechuun, bofti sun innaa bututu, gogaan isaa fi foon isaa waan walgadhiisaa deemuuf, akka durii sana lafarra shalali’ee deemuu dadhaba. Kanaaf, iddoo tokko ciisee gogaa dulloomaa sana keessaa hulluuqee bahee deemuuf dirqama. Sana booda akka waan killee haaraa keessaa baheetti shalali’ee deemuu eegala. Bofti sun ni muuxate (rejuvenated) jenna malee ni jijjiirame (changed) jechuu hin dandeenyu. Gogaa dulloome sana of irraa baasee gate  malee, summiin  wajjiin uumame sun isuma  wajjiin jira. Nama iddee, dhiiga namaa xuxxuuxee dhuguu irraa of adabee hin taa’u. Simbirroo, lootuu, hantuuta, kkf maraa arraba isaa dheeraa sanaan ofitti butee nyaachuu hin dhiisu.

Nafxanyoonni gaafa dullooman akkuma bofaa muuxatu. Tooftaa haaraa baafachaa summii isaanii haaromsatu. Summii yeroo yerootti haaromsatan kanaan, waan nyaachuun isaan irra jiru hundaa nyaachaa kunoo har’a wagga 150 lakkoofsisaniiru. Haa lakkoofsisan malee ammoo, Toophiyaan Minilik uumeefii du’e sun, akkuma isaa fanxooftee du’uuf aadaa jirti. Yoo ishiin duute nafxanyoonni maal ta’u? Isaanis wajjuma du’u. Tarii, warri dhiyeenya kana, Fitawuraarii Bilxiginnaa fi Dejazmatch  Medemmer jedhamanii MM Toophiyaatiin muudaman, du’a irraa oolchuu danda’u? Haalli amma  deema jiru akkasumatti  itti fufa yoo ta’e, oolchuu hin  danda’an.

Innaat ager Toophiyaan, kan haadha malee abbaa hin beekne, tableeta “jijjiirama” jedhamu waan liqimsuu diddeef, dhukkubni hamaa mar’imaan ishii keessa seenee jira. Dhukkuba  kana irraa, nafxanyoonni Minilikii fi arbanyoonni Haylesillaasee illee otoo deebi’anii dhufani, waan fayyisuu danda’an miti.

Warra Olola Oofaa jiraniif Gaaffii Bu’uuraa (principal questions)

1ffaa. Ilmaan Abbaa Gadaa, warri har’a masaraa Minilik qabatanii jiru jedhaman kun, maqaa Gadaa keessatti dhalatanii guddatan himachuu danda’aniiruu? Kana himachuu hin dandeenye taanaan, Abbaa Gadaa ta’anii muudamuun haa hafuu, kaadhimamuufuu  maqaan isaanii dhayamuu hin qabu.

2ffaa. Gaaffii, ati kan eenyuuti? Jedhu deebisuuf,  hidda dhaloota isaanii, karaa abbaa   (patrilineage) amma akaakayyuu sagaliitti dogoggora tokko malee himataniiruu?  Kana himachuu hin dandeenye tanaan, idoloojii abbaa biyyummaa (patrilineal ideology)  dhiiraa fi dhalaan Oromoo dhugeeffataa guddatan hin qaban  jechaa dha. Kanaafuu, Abba Gadaa ta’uun isaanii haa hafuu, Oromoo ta’uun  isaanii iyyuu gaaffii keessa seenuu qaba.

3ffaa. Laguu biyyaa eeganii guddataniiruu? (honesty to the legitimacy of Oromo taboos) Dhukkuba “haraamuu” jedhu irraa bilisa ta’anii uummata wajjin nagaan jiraachuuf, karaa haadha isaanii (matrilineage), amma akaakayyuu torbaatti gaafatamanii deebii quubsaa kennaniiruu? Kana hin beekan taanan, laguu Oromoon eeggatu irra utaalanii waan darbaniif, waa’ee Gadaa fi seera Gadaa Oromoo  dubbachuuf moraalii tokko illee hin qaban.

  • Abbaan Gadaa Oromoo tokko, duraan dursee dantaa jireenya biyya abbaa isaatiif dabarsee of kenna (he sucrifices for the survival of his fatherland). Bofa wajjiin yaa’ii taa’ee uummata isaa irratti duguuggii sanyii hin adeemsisu.
  • Abbaan Gadaa, diinaaf keettoo ta’ee uummata isaa irratti lola labsee diinaan hin ficcisiisu. Gochi akkasii argaa-dhageettii Oromoo keessatti argamees, dhagayamees hin beeku.

Abbaa Gadaa Ta’uuf Afaan Oromoo Beekuun Gahaa Miti

Afaan Oromoo dubbachuun ilma Abbaa Gadaa nama tasisa yoo ta’e,  olaanaa ajajaa nafxanyootaa kan ture, Axee Minilik iyyuu Oromoo keessatti dhalate. Afaan Oromootiin afaan hiikkate. Kanaaf ragaan barbaada kan jedhu yoo jiraate, Warra Waayyuu (naannoo Ankober jiraatan) bira dhaqee gaafachuu ni danda’a. Haati isaa, maaliif Oromootatti adaraa kennamtee akka isaan biratti deessu godhamteef iccitii mataa isaa danda’e qaba. Axee Minilik diina Abbaa Gadaa ture. Afaan Oromoo beekuun isaa  Abbaa Gadaaf illee ulfina  hin kennisiifne. Warra isa fira godhatan illee, summii laateefii dabaree dabareen of biraa godaansise.

Haylesillaaseenis kan dhalatee guddate biyya Oromoo keessatti. Ilma  ajajaa ol’aanaa nafxanyootaa keessaa tokko kan ta’e, nama Ras Mokonnon jedhamu irraa dhalate. Afaan Oromoo akka gaaritti beeka. Haati manaa isaa, Itege Manan kan jedhamtu ammoo, isa caalaa akka  beektu hayyuun, dhalootaan Abbichuu-Tuulama ta’e tokko, akka gaariitti nu barsiisaa ture. Haa beektu malee ammoo, bakka dhirsi ishii, Haylesillaaseen,  jirutti dubbachuu akka sodaattu hayyuun kun dabalee nuu ibseera. Maaliif abbaa manaa  ishii biratti Afaan Oromoo dubbachuu sodaattiin gaaffii guddaa tokko.

Warri har’a “ilmaan Abbaa Gadaa” jedhaman kun akkuma Minilikii fi Haylesillaasee Afaan Oromoo tolchanii dubbatu. Ammoo akkuma Minilikii fi Haylesillaasee Afaan Oromoo beeku malee, caasaa lammiilee Oromoo fi akkaataa inni itti hojjetu(its social  functions) waan beekan miti. Otoo ni beeku ta’ee, araddaa fi lafee Tufaa Munaa irratti ilmaan nafxanyootaa walitti qabanii, ekeraa Minilikiif dhibaafachaa uummata Oromoon “menga  jedha” jedhanii hin arrabsiisan ture.

Ilmaan nafxanyaa fi Oromoonni burjaajoo eenyummaan dhukkubsachaa (Sickness of identity crisis) jiran tokko tokko ammoo, Oromoota miitoloojii (mythology) fi jinoloogii (genealogy) Oromuummaa isaanii akka gaariitti himatan, eenyummaa isaaniin boonanii of ibsan, “zerenya, gosanya, mangaa, aramaa  kkf” jechaanii jiru. Nama abbaan “hararuu”, haadhati “qalaamaa” taate irraa kan eegamutu kanuma. Namni akkasii, ati kan eenyuuti? Jedhamee innaa gaafatamu, deebii inni kennu, “eessumni  koo sangaa-fardaadha” jedhee deebisa. Dhukkuba gad-aantummaa fi burjaajoo eenyummaatiin rakkachaa waan jiruuf, warra dhukkuba kana irraa bilisa ta’anii jiraatan maraa hin jaalatu, ni balaaleeffata, Toophiyaa faarsaa seenaa sagagummaa ishiitiin akka xaddee fooricaa deema.

Oromoon Hammaataa hin Hammatu

Oromoon dhala naamaaf jaalala malee jibba hin qabu. Kun bu’uura heera Oromoo kan Oromummaan irrati dagaage. Kana jechuun ammoo, Oromoon kashlabbee fi kara-deemtuu arge hunda callisee ofti fudhatee dhungata, hammata,  moggaafata jechuu miti. Eenyuun akka guddifatu fi moggaafatu ni beeka. Yoomii fi akkamitti akka hammatee guddifatu ni beeka. Seerri Gadaa isaas kana akka gaariitti xaliilee galmeessee kaayeefii jira. Halagaan tokko kan eenyummaan isaa hin beekamne, yoo maatii tokkotti dhufee gale, lammii yookiin gosa maatii sanaatti moggaafamuuf ulaagaa inni keessa darbuu qabutu jira. Har’a dhufeef har’uma hin hammatamu; borus hin moggaafamu.

Nafxanyoonni, “Oromoon  nutti hammaate” jechuu irraa kan hafe, seenaa isaanii keessatti, guyyaa tokko illee dogoggoranii, “Oromoon nu hammateera,” jedhanii  hin beekan. Si’a kana garuu “Oromoon hammataadha, obsaadha” kkf hedduminaan masaraa Minilik keessaa afaan ilmaan abbaa gadaa jedhamanii ololamaa jira. Jechi kun, damma fakkaatee haa ololama malee, burqaa fi biqiltuu Oromoo summeessee gogsuuf karoorfatee kan ka’e dha. Qabsoo Qeerroon Oromoo itti wareegamaa finiinsaa jiru cilaattessuuf kan daldalamaa jirudha.

Qaaneffachuu, safeeffachuu dhugeeffachu, nagaan dhala namaa wajjin jiraachuu kan jedhu, sirna nafxanyaan ittiin uumame wajjin hin adeemu. Dimookraasiin Oromoo (Sirna Gadaa) otokraasii Habashaa (sirna nugusaa) wajjin gonkumaa ida’amuu hin danda’u. Akkasumas, qeerroon Ilmaan Abaa Gadaa  Faannoo Ilmaan Abbaa Baandaa wajjin ida’amuu hin danda’u. Abbaan Gadaa Oromoos Siyyume Igziabiher wajjiin galma tokko keessa  taa’ee waliin dalaguu  hin danda’u.

Nafxanyoonni dhugaa akka qoraattiitti sodaatu. Maaliif jennaan, sirni nafxanyaa  dhugaa fi haqa namaa hacuucee, dharaa fi soba irratti waan ijaarameef. Hedduun ilmaan nafxanyootaa, dhukkuba burjaajoo eenyummaan waan rakkachaa jiraniif, innat ager jechuu malee, abbaat ager  jechuun isaaniif laguudha. Warra “biyya abbaa koo” jechaa ittiin boonaa guddatan, gosanya, zerenya, tsinfenya, mangaa  jechaa balaaleffatu. Qamaleetu maqaa akaakayyuu ishii gaafatamnaan akkana jette: Abbaa koo iyyuu hin beekuu, akkamittin akaakayyuu koo sii himuu danda’a? jettee gaaffii dhiyaateef gaaffiidhaan deebifteef. Ilmaan nafxanyootaa keessumaa warri garrison towns  keessatti hanqaaqan, akkuma qamalee abbaa fi akaakayyuu hin beekan. Waan ta’aniifis, sanyii, gosa, lammii keessttii dhalatan himachuu hin danda’an. Kan isaan danda’an, warra himachuu danda’an abaaruu fi arrabsuu duwwaa dha.

Galcha Dubbii

Garaagarummaa nafxanyaa fi bofti qaban, nafxanyaan miilla lamaan olka’ee deema. Bofti garaan lafarraa lowa yookiin foqoqa. Lamaan isaanii iyyuu, garaagarummaa qaamaa malee, garaagarummaa amalaa hin qaban.

Qorichi nafxanyootaa fi bofaa waa lama keessaa tokko filachuu. 1ffaa: laga gamaa-gamatti walirraa fagaatanii  jiraachuu. Yookiin, 2ffaa: “waliin jiraannaan” yoo filannoo isa dhumaa ta’ee argame, ”shimala“ ofii gorrootti irkisanii manaa bahuu dhiisuu. Maaliif jennaan qorichi nafxanyaa fi bofaa shimala duwwaa waan ta’eef. Warri shimala keessan gorrootti irkiftanii galtanis deebisaa qabadha. Nafxanyaan dulloomtee muuxachuuf miixachaa jirti. Toophiyaa qurcooftee ciccitaa jirtu walitti  deebistee suphuf tataafatti. Kana gochuuf ammoo qoricha waan barbachiuf, heddumminaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuuf qophii xummuurteetti.

Impaayera Toophiyaa kan qunamee jiru garuu, du’a seera uumaatiin itti dhufe dha (natural death). Du’a seeraan itti dhufe kana ammoo, eenyu iyyuu irraa ittissee dhoowwuu hin danda’u. Ilmaan Oromoo, warri idoloojii “biyya abbaa koo, araddaa abbaa koo” jechaa guddattan, nafxanyootaa fi warra burjaajoo eenyummaan dhukkubsachaa jiran (ilmaan Hararuu fi Qalaamaa) wajjin dhaabatanii “innaat ager” du’uuf aadaa jirtu du’a  irraa oolchina jechuun gowwummaa  duwwaa otoo hin ta’iin seera uummaa wajjiin wal’aansoo qabuu dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.