By | June 8, 2019


ODUU AMMA NU GAHE! Injifannoo WBO – Waxabajjii 8, 2019

#Uffee_Itti_Muddameera
#Baga #Gammaddan #Baga_Gammanne!
Jaal Marroo Seenaa Addaa Hojjateera!
#Oduu_Injifannoo_WBO_Zoonii_Lixaa

Kaleessa irraa Eegalee Lola Wal irraa hin Cinne Waraana Bilisummaa Oromoo WBO fi RIP Raayyaa Ittisa OPDO (Raayyaa ittisa biyyaa) gidduutti Lixa Oromiyaatti gaggeeffamaa Jiruun hanga ammatti Waraanni Sirna Gabroomfataa RIP 86 Daaraa taateetti 100 ol madoo! Ajajaa 100 Shan (5) dabalatee RIP 20 hidhannoo guutuu waliin fayyaa Booji’amteetti!

Meeshaan Baayy’een Harka Waraana bilisummaa Oromoo galeera!

Kaaphiin Command Post Baayy’een Barbadoofteetti!

Magaaloota Lixa Oromiyaa WBO To’achuuf itti marsee jiru keessa muraasa: :- Naqamtee, Dambii Doolloo, Gidamii, Jimmaa Harroo, Qeebee, Qeellem, Giraayi, Qaaqee, Najjoo, Mandii, Laaloo, Beegii, Gullisoo, Assabii, Shambuu, Keessaa Caasaan OPDO diigamee To’annoo Ajajaa WBO Zoonii Lixaa #Jaal_Marroo jala Seenaa jirti!
Zoonii Giddugaleessa Jaal Sanyiin Itti marseera, Finfinnee, Amboo, Gincii, Guddar, Itti marsineera!
Gama keenya irraa hanga ammatti nama 7 qofatu Mada’eera!

Aktivistoonni OPDO fi deeggartoonni OPDO ganaa marraattu!

#Gadaan Ergamtuu TPLF/ABUT OPDO dhumeera! Yeroo muraasa booda Kibba Oromiyaatii Raajii dhageessu!
Kanaaf Qeerroon keenya Ummaatni keenya Bahaa, Lixaa, Kaabaa, Kibban fi Biyya Orma jirtan Waraana keessan WBO Cinaa dhaabbadhaa!

Namni Oromoo taate, Kana Bilisummaa Oromoof Walabummaa Oromiyyatti gammaddu hundi Injifannoo Addaa kana #Share godhuun waliif #dabarsaa!  “Osuma Addisu Arega Kitessa Waajjira keessa ta’ee akka saree dutuu WBOn Yeroo Muraasa Booda 4 kiloo baanan saniis seenuun keenya waan hin Oolle” Jachaa jira ajajaan olaanaan WBO! Barri Bara qabsooti Qabsoon kan Oromiyaati Oromiyaan tan Oromooti!


#ODUU #Tarkaanfii

Waxxabaajjii 8/2019

Gootichi waraana Bilisummaa oromoo Godiina Gujii Lixaa keessa socho’u guyyaa hari’aa 08/06 / 2019 sa’aa 1:15 Pm irratti humna goolesituu gabroomfataa koloneer Abiyyi Ahimad irratti godiina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa ganda hadaala hoggaa bakka quuyyicha jedhamutti farra haxxaan, haxxee isiin hiite farra haxxeen haleellaa irratti fudhateen batalumatti nama 5 ajjeesee hedduu madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Akkasumas guyyuma hari’aa aanaa malkaa soodaa ganda Daayaa daawwaa bakka addaa haroo jedhamutti sa’aatii 3:20 pm ti tarkaanfii haleellaa humna goolesituu gabroomfataa itiyoophiyaa irratti fudhateen konkolaata patrol tokkoo daaraa taasiseen lolituu 15 patrol feete 11 ajjeesee 4 madoo taasisee jiraAbdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn ijjiiwwaan saba oromoo gaafa roorroon oromoorratti ija baaftee, yeroo sanatti ilmaan oromoo baratanii bakka guddaa fi jiruu dansaa jiraatan turan, roorroo ummata isaanii irratti daangaa dabarte cabsuuf, jiruu fandalaltuu oromoof lakkisanii, ABO ijaaranii QBO dhiigaan dhalchanii, tokkummaa oromoo fi QBO urjiiwwan sabaa oromoof dhalatanii oromoof du’an osoo gargar hin bahin tokkummaan hadhaa du’aa dhadhamatan, dhalooti hari’aa dhiigaa fi lafee ABOn dhalatee, dhiigaa fi lafeen darabee dareebeen wareegama wareegaman ijaaraa ti asiin baate, seenaan qayyabataa guddate hiddaa dhiigaa isaatti QBO makamte. WBO fi qeerroon Bilisummaa oromoo dhaloota dhiigaa fi lafee warra garaatiif osoo hin taane sabaatin ijaarame, kayyoo ABO balleessuun dhaloota kan balleessuu dha. Dhalatoota kana balleessuun ammoo hin danda’amu! Hanga gabrummaa hiddaan buqusnutti falmaan itti fufaa! Abbootiin garaa dafaa daandii keessan sirreefadha jenna! WBO fi qeerroon dhaloota ololaa miti, xiyyaaraa, taankii madifiin hin diiginne ta’uu keenya seenaa dhiyoo fdg ragaa dha jenna!


I U Of! !
AWO-ABO / WBO

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.