By | June 4, 2019


Oduu Amma Nu gahe! Injifannoo Zoonii Gidduu Galeessaa

Waxabajjii 4, 2019

Gootichi waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugala Oromiyaa Godiina Shagari Lixaa keessa socho’u guyyaa har’aa 04 / 06 / 2019 (June 4, 2019) tarkaanfii laalessaa humna gabroofataa Koloneer Abiyyi Ahimad sakattaaf bobba’e Godiina Shagari Lixaa Aanaa Amboo ganda Waddeessaa bakka Addaa Shammaa jedhamutti ganama barraaqa sa’aa 5:00 amti tarkaanfii fudhateen konkolaata waraana tokko dareessuun, humna lafoo konkolaataa biramates haleelee waraana gabroonfataa 20 ajjeesee 15 madoo taasiseen, marroo lammafaaf bakka sunitti wal guurtee waaree boda sa’aa 2:20 pm ti yoo deebitu, WBO tarkaanfii laleessaa irra deebi’e fudhateen loltuu humna goolesituu gabroomfataa irraa 15 ajjeesee 10 madoo taasisee jira.

Walumaagalatti loltuu 35 ajjeesee 25 ol madeesee injifanoon boonsaa Oromoo gammachiisee, diina naasiise galmeessee jira. Humni gabroomfataa kun yeroo ammaa ibsi kun barreefamaa jiru kanatti reefaa fi madoo isheellen kaafachuu dadhabdee, meeshaa gurguddaa fagootti dhokaasaa jirti.

I U Of! !
AWO-ABO/WBO

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.