By | September 22, 2019


(SQ- fulbaana 21/2019) – Oduu amma nu gaheen Haati intalakee fidiin haati akkamitti hidhamti?

Haati Artist #Seenaa_Solomoon Qeellam Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebee magaalaa Qeebeetti hidhamuu dhageenye.

Sababiin haadhi Seenaa hidhamteef yaada “Seenaan bosona jirti” jedhuun tahuu barameera.

Artist seenaa Solomoon garuu #minisotaa Abbaa warra ishee bira erga jiraachuu eegaltee baatiiwwan 8 lakkoofsifteetti.

Torban dabarsine kanas seenaa Solomoon fiilmii ishee xiiqii jedhu Canada magaalaa Edmontonitti agarsiifachaa jiraachuu ishee illee midiyaaleen Hawaasaa facaasaa tura.

Oduu sobaatin nama hidhuun, dararuun hojii mootummaa abbaa irree waan taheef akka nurraa dhaabbatu.

Sababa tokko malee oromoonni sabboontota tahan dararamaa akka jiran ragaan kana caalu hin jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.