By | October 18, 2019


Oduu Injifannoo Onkoloolessa 18/2019

Via Qabsoon Itii Fufa Oromoo

Guyyaa har’aa waraanni Bilisummaa Oromoo kaambii Waraana Raayyaa ittisaa Godina Wallagga lixaa #Gullisoo Calliyaa Ekkaati argamu irratti Tarkaanfii fudhateen Waraana RIB baayyeen isaanii du’aan adabee jira. Humni dabalataa kallattii hundaan dhuftus Dhiibbaa kamiiyyuu geggeessuu hin dandeenye. Kallattii hundaan WBO’N mataa marsee diina lakkoofsaan baayyee ta’an Tarkaanfii Cimaa Irratti fudhatee jira. Tarkaanfii kanaan naasuu guddaa keessati waan kufaniif koreen Komaand Poostii lixatti argamu Humna dabalataa waraana lakkoofsaan hanga kuma sadii 3000 naannoo gullisoo qubachiisuuf gaaffii dhi’eessaa akka jiru Odeeffannoon nu qaqqabe nii ibsa. Kumni sadii dhuftus kumni sodomni dhuftus WBO’N sodaa isaanii hin qabu. Diina haleeluu ittuma fufa. Uummatni keenya naannoo kana jirtan Yeroo sagalee dhukaasaa dhageessanitti Daandii Irratti akka hin argamneefi Of eeggannoo cimaa akka gootan jenna.
Wbon Falma hadhooftuu geggeessaa jiru kanaan injifannoo boonsaa galmeessuun saba isaa bilisa nii baasa Gumaa Wareegamtootas nii deebisa.
Jabaadhu Wbo wabii sabaa.


Onkoloolessa 17, 2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.