By | June 11, 2018


Oduu Tarkaanfii Gooticha WBO

===============================

(SBO/VOL – Waxabajjii 11,2018) Waxabajjii 05, 08 fi 09, 2018 gidduutti WBOn Godina Dhihaa tarkaanfii bakkoota adda addaatti Humna Diinaa irratti fudhateen loltoota 167 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Dhihaa beeksise.

Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti gootichi WBO Godina Dhihaa Waxabajjii 08,2018 halkan keessaa sa’aa 4:30tti qubsuma waraana wayyaanee magaalaa Gimbiitti argamu weeraruudhaan diina irraa 17 ajjeesuun 12 ol ammoo madoo taasisuu ifa godhan.

Gootichi WBO tarkaanfii isaa itti fufuun borumtaa isaa Waxabajjii 09,2018 ganama keessaa waraana wayyaanee konkolaataa waraanaa ORAL lama, Autobusii tokkoo fi konkolaataa xiqqaa 3F jedhamtuun sossohaa turan bakka addaa Waloo Yatii jedhamutti haxiidhaan haleelee miidhaa guddaa akka irraan gahe ifa godhaniiru.

Tarkaanfii haxii kanaanis loltootni wayyaanee ORAL lama irra turan lakkoobsaan 120 ta’an guutuutti barbadaa’uu fi kaanis madeeffamuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti beeksisaniiru.

Waxabajjii 05,2018ttis Gootichi WBO Godina Dhihaa Gaara Abbaa Seenaa bakka addaa Qorkaa jedhamutti waraana Agaazii haleeluudhaan 7 ajjeesee 11 ol ammoo madeessuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaan hubachiisaniiru.
Dhaggeeffattoota/hordoftoota SBO gaaffii fi deebii Jaal Kumsaa Dirribaa waliin goone sagantaa keenya guyyaa Roobii keessatti qabannee kan dhihaatnu ta’uu beeksisna.

2 thoughts on “Oduu Tarkaanfii Gooticha WBO

  1. ABDII BORUU

    maaloo soba kana yoomuuma dhiiftuu isiin oralii kee erga bara meeqaa inuma barbadesituu garuu qabatamaan wantii tokko ilee hiin jiiruu kiijiibuma kiijibduu malee sobdota wayii dhuguma motumaa ethiopiatuu waraanii kuun huundumtuu jalaa dhuumee caliisee ta’aa waan hiin fakkanee hiin oddesiinaa umata kana sobuu hiin dandessanii

    Reply
    1. Dagalee Sabaa

      Obbo Abdii Boruu Oddeessa Wayyaane malee oddeessa qaamni biraa baasu gurri kee fi ijji keess hin argu fakkaata. Yoo shakkii qabaatte nama naannoo sanii qunnamte mirkaneefachuu dirqama keetti. ammoo toftaa joolleen OPDO ooftu kana ofi irraa dhissi. WBO fi ABOn injifannoo galmeessa jiran. jaalate jibite dhimma keenya miti.

      Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.