By | June 25, 2019


OLF Chairman, Dawud Ibsa’s, Sympathy messages of condolence on the alleged attempt coup in Amhara region and Finfinnee



Lubbuu ilmaan ofii du’arraa baraaruuf jecha biyya ofii gad lakkisanii baqachuun akkuma itti fufetti jira.
=======================

Baha oromiyaa goodinaa harargee bahaa aanaa Baddannoo fi fadis irraa “lubbuu ilmaan keenyaa beelarraa baraara” jechuudhaan haadhooleen oromoo 4 ilmaan dhalan 16 fudhatanii imala dheeraa booda kaleeysa galgala gaafa 21/05/2019 tti biyya ollaa somali land hargesaa seenan.
haadhoolee daa’iman umriin isaan
Waggaa 1-5 hincaallee fudhatiin biyya namaatti ararat fan arguu caalaa wanti nama dhukkubsu hin jiru.

Biyyaa abbaa isaanii irratti, lammii isaanii keeysatti sababa hiyyoomaniif jiraachuu dadhabanii fageenya kiiloomeetroota hedduu qaxxaamuruudhaan hogguu baqatan arguun nama Gaddisiisa.

Ilmaan oromoo sababaa rakkinoota nam toleechee adda addaatiin biyya isaanii gad dhiisanii biyya ollaa Somaliland kanatti baqachaa jiran guyyarraa guyyatti dabalaa jira.
Yeroo biyya ollaa kana gahanittiis gargaarsa tokkollee qaamni godhuuf hin jiru.
Kanaaf qaamni miidhaan sabaa natti dhagahama jedhuufi, ani mootummaa keeysani ofiin jedhuu hundinuu lammii keenya rakkatan akkasii if keeysatti yaadadhaa jennaan.

Oromoon oromoo (Lammiin lammii )osoo qabuu abdii dhabii qa’ee isaa lakkisee biyya alagaatti baqachuun kun hanga yoomiitti itti fufa? Yaa sabaa, yaa Hayyuu, Yaa Mootummaa, yaa sabboontoota sabaa itti wal gaafadhaan ergaa keenya.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.