By | October 29, 2018



Seenaa Goota Oromoo Magarsaa Bari

Qajeelaa Mardaasaa tin

                1942 – 1980

Obbo Magarsaa Bari bara 1942 abbaa isaa obbo Barii Tufaa fi haadha isaa aadde Caaltuu Tufaa (magaan abbaa fi haadhaa moggoo dha ykn wal obbo dahe) irraa Kutaa Arsii koonyaa Cilaaloo ona (aanaa) Leemmuu fi Bilbiloo (Boqqojjii ganda Leemmuu   jadhamutti dhalate.

Maatiin Obbo Magarsaa qonnaan bultoota sirna nafxanyaa duraanii sanaan hacuucamaa fi cunqurfamaa turan yeroo ta’u, bara 1953 lafa qonnaa barbaacha godina Arsii irraa gara godina Baaletti godaananii, konyaa waabee ona (aanaa) Gololchaa, ganda magaalaa Jaarraatti dhihoo, Yaakumaa Dinkitti jedhamu keessa qubatan. Baaletti erga galaniis aan Obbo Magarsaa obbo Barii Tufaa abbootii lafaa naannoo sana turan wajjiinis wal fudhachuu hin dandeenye. Sirna nafxanyaa fi baalabbaataaf hin sarman turan. Haala jireenyaa ykn sirna yeroo sanaa irraa kan ka’e obbo Magarsaa Barii yeroodhaan mana a hin arganne. Dhalatee waggaa 14 booda, bara 1956 keessa, ture mana barnootaa kan jalgabe. Barnoota kutaa 1-4 kan barate, konyaa Gannaalee, aanaa Adaabbaa, magaalaa Adaabbaatti argamu mana barnootaa warra Misiyoonii, Mission Interior School, jedhamu keessatti barate. Obboleessa haadha isaa kan ta’e, eessuma isaa, Obbo Soorili Tufaatu Adaabbaatti ofitti fuudhee mana barnootaan kana galche. Bakki sun ganda warra Obbo Magarsaa irraa yoo xiqqaate adeemsa guy yaa lamaa ti. Hanga bara 1959tti mana barno otaa warra misiyoonii kana ture Obbo Magarsaa Barii barnoota kutaa 4, Adaabbaatti akka xumurateen, mana barnootaa mootummaa Gindhir deemee utaa 5-8 barate, Gindhir magaalaa guddittii konyaa Waabee yeroo taatu magaalaa ganda maatii Obbo Magarsaatti dhihoo dha.

Akka kanaan Obbo Magarsaa Bari i bara 1959-1963 mana barnootaa mootummaa sadarkaa tokkooffaa fi giddu galeessaa Gindhir kan ture yeroo ta’u Obbo Magarsaa eessuma isaa malee faranjooti (warra adiis) Adaabbaa irraa qabanii gargaara turan. Barnootatti qaroo waan ta’eefis barsiisotaa fi namoota biroo is marantee guddaa qaba ture. Bara 1963 qormaata kutaa 8ffaa fudhatee qabxii ol aanaa fiduun Finfinnee mana barnoo-taa sadarkaa 2ffaa Koomersii jedhamu nannoo waltajjii Mee-ksiikootti argamutti ramada- me Bara 1963-1967, mana barnootaa kana keessatti barachaa kan ture yeroo ta’u bara 1967 qormaata kutaa 12ffaa (maatrikii) fudhatee qabxii ol-aanaa fiduudhaan bara itti aanu Yuniversitii Finfinnee yeroos Yuniversitii Hayla Si-llaasee Duraa (H Sillase 1 University seenuu danda’e edhamee waamamaa ture

obbo Magarsaa Bari bara 1968-1971 Yuniversitii Finfinnee ture Faakaaltii Saayinsii Hawaasummaa kee Bulchiinsa nagadaa (business administration jedhamu barachaa ture Akkuma olitti ibsame obbo Magarsaa Barii sammuu cimaa waan qab bara 1971 yeroo Yuniversitii Finfinnee irraa eebbi fame xuqaan guddaan (with great distinction eebbi fame Akka kanaan barattoota yeroo sana xuqaa. maa gabaachuu isaaniin mooticha/nugusicha yeroosii Hay ila Sillaasee harkaa badhaasa fudhatan keessaa obbo Magarsaan tokko ture (suurri isaa armaan gadii, yeroo inni badhaasa mooticha Haayile Sillaasee irraa fudhatu kan agarsiisuu dha.) uuraa kanarratti Obbo Magarsaan harka mirgaa irraan kan mullatuu fi barattoota hiriiraan badhaafamaaa jiran keessaa fiula dura bu uun H/Sillaasee harkaa badhaasa fudhachaa kan jiruu dha. Walumaa gala Obbo Magarsaa Barii bara 1971 Yuniversitii Finfinnee irraa digrii jalgabaa fudhatee achuma Finfinneetti kan argamu waaijira Abbaa taayitaan Humna Ibsaa Itiyoophiyaatti ramadame. Achi irraa gara waaijina ol-aanaa Telekominikeeshina ltiyoophiyaatti jijjiiramee hangan bara 1974tti bakka gaafatamaa irra hoojate Kufaatii mootummaa H/ Sillaasee bara 1974ii booda, jalgaba 1975 irraa hanga walakkeessa 1976tti itti aanaa bulchaa kutaa Baalee ta’ee hojjateera.

Qooda Obbo Magarsaa Barii Qabsoo bilisummaa Oromoo Keessatti Bahe

Walakkeesa bara kudha sagal jaatamootaa wayta obbo Magarsaa Barii mana barmootaa sadarkaa lammaffaa keessa barataa ture keessa qabsoon Oromoo fi sochiin barattoota Oromoo boqonnaa haaraa seenaa ture jechuutu danda’ama

Sochiin Waldaa Maccaa fi Tuula-maa fi fincilli diddaa gabrummaa Kibba Oromiyaa, Baalee (naannoo inni keessatti guddate) keessatti kan finiinaa ture baroota sana keessa ture. Kana malees yeroon sun yeroo barattooti Oromoo sochii barattoota empaayeraattii kan walii galaa keessaatti urjii ta’anii mulachuu jal-qaban ture

Obbo Magarsaa Barii bara 1963 yeroo mana Barumsaa Sadarkaa Lammaaffaa Koomersii Finfinnee seene irraa qabee barattoota Oromoo yeroos Yuuniversitii Finnfinnee keessaa baratan wajjin quunnamtii akka qabu ni himama

Gaaffii yeroo sana barattooti Oromoo fi barattooti ummatoota cunqurfamoo kan biroo kaasaa turan keessaa inni tokko “lafti kan qonnaan bulaa haa ta’u” kan jedhu ture. Obbo Magarsaan ijoollummaa isaa. irraa qabee sirni nafikanyaa ummata Oromoo irratti diriirfamee ture maal akka fakkaatu haala jireenyaa maatii fi nannoo isaa irraa ka’ee bare echee beeka Dhaadannoo ‘lafii kan gonnaan ure. ultootaa haa ta u’ jedhu jalatti bara 1965 hiriira mormii barattoota Yuuniversitii kan qindesse barattoota Finfinnee yeroos Gumii Barat toota Yuuniversitii hoogganaa turan namoota akka obbo Baaroo barattoota akka turanis seenaan galmeesseera Sochiin sadarkaa Yuuniversitii kun gara manneetii barumsaa sadarkaa lammaffaatti baballachuu isaa caalaa obbo Magarsa Barii quunnamtii barattoota Oromoo Yuuniversitii wajin qabuun hirmaannaan isaa guddaa ture. Obbo Magarsaan bara 1967 xuqaa ol-aanaa fidee Yuuniversitii Finfinnee erga seenee booda caalaatti sochii barattootaa fi qabsoo Oromoo irraa goda ol aanaan fudhachuu itti fufe

Bara 1960ta keessa qabsoon Oromoo bifa adda addaan of mul isaa akka ture seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo irraa hubachuutu danda’ama. Haa ta’u malee qabsoon Oromoo yeroo sana sochii ummataa ta’uu irra dabree ture. Dhaabi siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo hogganuu danda’u bifa ammayyaan ijaaramee fi hidhatee hin turre. Kanaaf qabsoo Oromoo biyya keessaa fi alaa, baadiyyaa fi magaalaa keessatti bifa faffaca’aan deemaa ture, waaltessuuf dhaaba bili summaa Oromoo hooggana walii galaa kennu tokko hundees suun barbaachisaa ture. Kanaf haalli qabatamaan yeroos turee fi dammaqiinsi ilmaan Oromoo jechun (objective and subjective conditions) kennatoo turan. Dhaaba bilisummaa akkanaa argamsiisuuf tattaaffii biyya keessatti godhaman keessatti ilmaan Oromoo qooda ol aanaa bahan keessaa tokko Obbo Magarsaa Barii ture. Akka kanaan dhaaba ABO Oromoota bu’uressan keessaan tokko obbo Magarsaa akka ture seenaa ABOtu dubbata. Obbo Magarsaa Barii maadheelee BO keessaan madde warra jalgabaa keessatti argama. Ilmaan Oromoo qaroo gaafa sana cunqursaa ummata Oromoo irra gahaa turee fi gahaa jiru sirriitti hubatanii hubachiisaa turan keessaa nama tokko ture Gaaffiin Oromoo gaaffii kolonii ta’uu Oromoota sirriitti qoratanii dhieessaa turan keessatti argama

Akkuma olitti ibsame obbo Magarsaan ilmaan Cromoo muratoo miidhaa ummata isaanii irra gahu taa’anii ilaluu jibban kan biroo wajjin ta’uun sochii Oromoo waaltessuuf tattafataa ture.

Bara 1971 Yuniversit Finfinnee Iraa eebbifamee hojii mootummaatti haa ramadamu malee irra guddaa qabsoo Oromoo irraa qooda fudhachuu fi dalaga dhaaba qab soo bilisummaa Oromoo hogganu tokko hundeessuu irratti bobba’e Gootichi Oromoo Jeneral Taaddasaa Birruu mootummaa H/Sillaasee fonqolchuu yaalan jedhamee yeroo sana Hararge mana hidhaa Galamasoo ture sochii bilisummaa Oromoo waaltessuu yaada jedhu dhugoomsuuf birkiin (koreen) qinddeessituu tokko maadheelee sabboontota Oromoo yeroo sana lafa jala ijaaramanii turan irraa akka tolfamu dhaamsa dabarse. Akka kanaan ilmaan Oromoo hubatoo, garoo fi muratoo ta’an, dhaaba bilisummaa ijaaruu fi hoogganuu danda’an, Adoolessa 1, 1973 walitti dhufanii Birkii Qindeessituu Waaltaa Central
(Co-ordinitating Body) jedhu uuman.

Dura ta’aan Birkii kanaa Jeneraal Taaddasaa Birruu oggaa ta’u, miseensotni isaa obbo Magarsaa Barii, Obbo Baaroo Tumsaa, fi namoota biroo turan. Akka kanan dhaaba bili summaa hunda hammate tokko dhaabuuf sochiin bal’inaan itti fufe Sochii biyya keessaa fi alaa walitti fiduun barbaachisaa ta’uun waan itti amanameef baruma 1973 kana keessa jilli qabsaawota Oromoo biyya keessaa fi ala turanii walitti dhufuun marii bal’aa adeemsisaa turan.

Kun kanaan utuu jiruu hogganaa Birkii Qindeessituu Waaltaan kan ture Jeneraal Taaddasaa Birruu mana hidhaa Galmsoo bahee baadiyyaa Harargee wayta seenu qabsaa’oti Oromoo biyya alaatti leenjifamanii deebi’an Oromooti akka Hasan Ibraahim (Elemoo Qilxuufaa) akka dhaqqabanii miseensoti Birkii qindessituu Waaltaa hafan Obbo Magarsaa Bariifaa haala aanjessaa turan. Elemoo Qilxuufaa, Jeneraal Taddasaa wajjin wal quunnamsiisuu haa hanqatan malee haalli yeroo sana ture qabsoo hidhannoo eegaluuf kennataa Waan tureef achumaan qabsoo hidhannoo akka jalqaban taasisan. Kun gara dhuma 1973 yeroo ta’u meeshaa waraanaa dhoksaan biyya seen sisanii Elemoo Qilxuufaa dhaqqabsiisuu irrati obbo Magrsaa Barii qooda guddaa qabaachaa akka ture ni himama Gama biraanis Obbo Magarsaan oromoon fincila diddaa gabrummaa Kibba oromiyaa kessaati qooda qabaachaa ture hanga baadiyyaa Baaleetti itti dhaqee qunnamuun dammaqsuu fi ijaaruuf tattaaffii godhaa ture.

Keessaattuu bara 1975 1976 wayta I/ bulchaa kutaa Baalee ture namoota Sochi Kibba Oromiyaa keessaa qooda qabaachaa turanii fi Oromoota Somaaliyaa irraa meeshaa waraanaa hidhatanii maqaa Somaalee Aabboo jedhun Baale konyaalee Waabee, Kurkurru, Saawweena, Dalloo Mannaa fi Raaytuu keessa socho’aa turan dhoksaan itti dhaqee haasofsiisuun sochicha qaama sochii ummaa Oromoo taasisuuf tattaafataa ture. Namoota gaafas maqaa Somaalee Aabboo jedhuun Somaaliyaa irraa hidhatanii Kibba Oromiyaa keessa. socho’aa turan Obbo Magarsaan L/bulchaa kutaa Baalee ta’ee utuu jiruu dhoksaan qunname keessatti namoota akka Siraaj Haaj Isaaq, Maammee Harqaa, Tilmoo Alii fi kan birootu aragama. Namooti obbo Magarsaa waliin bobba aa turan ammoo namoota akka Kabbadaa Tulluu, Hawwal Jiddaa, Ahmed Abdulqaadirfaa oggaa ta an namooti biroos isaan faana turan garsaan wayta bulchaa Baalee ture cunqursaa Obbo ummata Oromoo irra gahaa turee fi irra gahaa jiru barsiisaa.


Seenaa Goota Oromoo Jaal Elemoo Qilxuu

Abbaa Urjii tiin

Qabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa, arra sadarkaa if duuba hin-deebinee fii abdachiisaa geeysee jirti. Dhuma bara 2015 irraa kaasee hamma yoonaatti, lammiin Bahaa-Dhihaa fii Kaabaa-Kibbaan mirga isaanii tiif anaannata bira dabranii xiqqaa fii guddaan dhiiraa fii dhalaan wareegamaa, caphaa, dhiigaa jiran. Wayyaaneen, warra waraana Dargiirraa boojitee fii abbootii garaa kanneen ummata Oromiyaarratti muuddeen irreen aangorra jiraachuuf ijibaanni godhaa jirtu guyyuma-guyyaan bu’ura dhabaa jira.

Qabsoo bilisummaa tan arra xiqqaa fii guddaa lammii Oromiyaa Bahaa-Dhihaa fii Kaabaa-Kibbaan, “bilisummaa ykn du’a!” jachisiisaa, Wayyaanee dhaabaa-dhaabbata waakkachaa jirtu bu’ureesuuratti qabsaawaan qoonni isaa hundaa ol tahe Elemoo Qilxuu ti.

Elemo, arra, gaafa ummanni Hiddii Lolaa keessaa “Burraayyuun teenya”! ja’an, warri Gincii “dhiiga nama keenyaa kan Aaw-Wadaayitti dhangala’e ni baafanna!” ja’an, haala kanaa fiis, xiqqaa guddaan – dhalaa dhiiraan, diina ibidda itti harutti, harka duwwaa deeman, odoo hin taane, gaafa haalli kanaan faallaa, gaafa ummanni Oromoo ifii fii waliis wallaalanii dukkana keessa turan “akki kuni isaaniin hin malle” jachuun, jiruu sadoo tan keeysa ture dhiisee, maatii isaa biyya alagaa keessatti gatee, qaanqee qabsoo hidhannoo bilisummaa qabsiisuuf nama Adanirraa biyya seene.

Maqaan warri Elemoof moggaasan Hassani. Akka aadaa hawaasa Baha Oromiyaatti maqaan buruja ykn haala dhalataa ykn dhalattuu laaluun moggaafama. Maqaan afaan Arabaa kan haala san hordofuun Elemoof moggaafame, hiikkaa sadii qaba. Isaaniis, Bareedaa, Gaarii ykn Tolaa fii, Nama rakkataa ykn dhimma kabajamaa tahe gargaaru kan ja’u. Namni akkuma dhalateen haalli armaa olii irraa calaqqise kuni, Abraahim Umarii fii Aashaa Aammad irraa Baha Oromiyaa, Godinaa Bareentumaa Konyaa Gaara Mul’ataa, Aanaa Qarsaa, Ganda Galaan kan Raaree Bululoo keessatti arkamutti, toora bara 1936 keessa dhalate.

Elemo akka barnoota Amantii Islaamaa kan ganda itti dhalatetti barsiifamu xumureen, dabalataaf odoo daddeemuu, toora bara 1956-aa magaalaa Diree Dhawaa seene. Akka achi dhaqeen, jaalalti magaalaa Dirree Dhawaa qoma seentee, darasummaa mana bahee fiin adda baaftee, if keessatti qubsuma murteeffachiifte. Jireenyaaf, dukkaana nama Haaji Umeerii ja’amu, kan meeshaa adda addaa alarraa fidee jimlaa fii takkeen gurgurutti mindaawe.

Elemo, faxinummaa waa barachuu biratti naamusaa fii amanamummaan yaroo gabaabduu keessatti onnee Haajii seene. Akka magaalaa baree, hawaasaa fii amala biyyaa tiin wal fudhateen, eega hujii isaa raawwate booda, galgala-galgala, uffata adda-addaa, kopheelee fii faaya dubartii, Haajirraa fuudhee dukkaannan irra daddeemee jimlatti gurguruun mataa isaa tiif waa jalaa buufachuu jalqabe. Abbootiin dukkaannanii, kanneen Elemo irra daddeemee meeshaa itti gurguru, akka wal-baraa dhufaniin, akkuma Haajitti, haalaa fii amala isaa jaalatanii, daldala isaanii tiin barbaadutti seenan. Haalli kuni, Elemoof, hammaa fii miyoota gurguru baayyiseef. Heddominni gurguraa bu’aa jalaa arkatu fijaa dukkaana keeysa oolee horu caal’chisaa dhufe. Hoggaa kana, yaroo dukkaana keessa hojjatu xiqqeeysaa tan daldala ifii isaarratti bobbahuu dheereeysaa deeme.

Gama biraa tiin, Elemo, gaafa magaalaa Dirree Dhawaa qubaterraa kaasee, daldala malees, karaa raadiyoo fii gaazeexoota afaan Arabaa tiin haala siyaasaa adunyaa, keessaa huu, kan sossooha bilisummaa kan yaroo sanitti biyyoota Afrikaa fii Laatiin Ameerikaa keessatti gaggeeffamaa jiru, akkaan hordofuu jalqabe. Haalli kuni, yaroo hiriyoota waliin wal-arkuu fii barcaaf taa’u, akka nama qamahutti, muka jimaa if dura qaqqabaa, hunda caalaa waanuma qabsoo bilisummaa qofa haasawuu isa jaalchiise. Hoggaa hiriyoonni oduu dubartoota tiin wal booharsan, haala rifeensaa, tafaa fii guntutaan bareedina dubartii madaalan, Elemo, seenaa Jamiilaa Buuheerd, qabsooytuu biyya Algeeriyaa tan yaroo sanitti oduun isii raadiyoo fii gaazexaalee adunyaa dhunfate odeeysuun, bareedinaa fii dhiira gammachiisuun alattiis, dubartoonni, qabsoo bilisummaa tii fiis qooda guddaa gumaachuu akka dandayan haasawaa ture.

Bayyanoota akkanaa tan qaburraa ka’uun, bara 1962 keessa yaroo kaa’imman Oromoo naannoo Dirree Dhawaatti sossooha aadaa tiin hawaasa dammaysuuf gurmaawuu jalqaban, sossoohinsi afaanii fii aadaa eenyummaa beeysisuu qofatti kan hin dhaabbanne tahuu warra jalqabaan hubatan keeysaa tokko Elemo tahe. Haala kanaa fiis, hoogganota kaa’immanii, keessaa huu Abuubakar Muussaa waliin, qunnamtii addaa horuun hawwisoolee Afran Qalloo diinaggee fii yaadaan tin’isaa ture.

Elemo baadiyyaarraa magaala Dirree Dhawaatti godaanee qabeenyaan if dandayaa dhufullee, amaloota badoo magaalaan guddoon qabduun in hawadamne. Jimaa fii sijaaraan namoota daadda isaa biratti faaya tureeniinillee isa fudhachuu hin dandeenye. Toliinsa haalaa fii amalaa biratti, hojjataa haraaraa fii araadarraa qulqullaawe tahuun, Elemo, hawaasa guddaa bira kutee, Haaji Umeerii malees, naaduraa sooreeyyii magaalaa kanneen meeshaa jimlatti irraa bituu, warra akka Hassan Foorsaa fii Saalim Abuubakar Ba-Mihdaar jala naqe. Hundinuu, daldala isaanii bira taranii, shamarraan isaanii tiin warra kajeelu tahan. Haaluma kanaan, warri Baa-Mahdar, daldala isaanii kan Adan jiruuf isa qaadhimatanii, Dirree Dhawaa irraa akka gamas sossoohu amansiisan. Akkasiin, walakkaa bara 1963, karaa Adan sossoohe.

Akka Adan dhaqee biyya bareeniis, warra achi geeysaniif hojjachaa, akkuma Dirree Dhawaatti, seedata dhunfaa cinatti ooffachuu jalqabuun, daldaloota biyya sanii tii fii kanneen biyyaa dhufanitti miyoota barbaadamoo gurgurutti seene. Haala kanaan, daldalli isaa yaroo gabaabduu keessatti toleefii mindooma namaa jalaa if baase. Akka qabeenyi walitti kuufameefiin, achumaa bitee achitti gurguruu mannaa, Taaywaan, iddoo warri inni irraa bitu meeshaa irraa fidanitti sossoohuu jalqabe. Adanirraa Taaywaanitti bobbahuun, yaroo gabaabduu keessatti, Elemo, sooreeysa beekkamaa, akkuma hiikkaa maqaa isaatti, nama if bira dabree rakkataa gargaaru godhe.

Yaroo Elemo Adan seene, biiyti bulchinsa Ingiliz jala turte. Elemo akka bubbulee biyya bareen, dargaggoota biyyaa kanneen dhaaba maqaa Adda Bilisummaa Ummataa, الجبهة القوميّة ykn National Liberation Front (NLF) ja’amuun gabroomsaa ifirraa kaasuuf qabsaawaa jiraniin wal fudhatee, yaadaa fii diinaggeen gargaarutti seene. Sadaasa 30, bara 1967, gaafa sossohinsi riphee loltummaa dhaaba armaa olii, gabrummaa Ingiliz buqqisee, biyya Bulchiinsa Ummata Yaman Dhidhimaa (People’s Republic of South Yemen) gonfachiise, akkuma warra biraatti, Elemo deeggaraa galmaawaa tahuun isaa ifatti beekkame. Deeggaraa NLF tahuun, Elemo, Falasxiinota bilisummaa biyya isaanii tiif qabsaawan walii niis jaala godhe. Kaayoo qabsoo isaanii galiin gayuuf, walakkaa bara 1964, gaafa dhaaba PLO gurmeeyfatan irraa kaasee, gama waajjira isaanii kan Adaniin, diinaggeen gargaaruun, hariiroo jaallummaa waliin uummate. Isaan malees, Elemo, qabsaawota Adda Bilisummaa Eertiraa (ELF) kanneen yaroo san Adan keeysatti cimoo turan waliiniis qunnamtii walitti dhaabbatte qabaachuun wal’aansoo isaanii hordofaa ture.

Gama biraa tiin, Yaroon Elemo Adan itti dhaqe, yaroo sossoohinsi qabsoo bilisummaa fii yaanni sirna siyaasaa wajji qabeenyaa kan maqaa Soshalizimiin beekkame hawaasa adunyaa itti dhunfatte. Yaroo sanitti, hawaassan adunyaa hedduu keeysatti, qabsaawonni haala armaa olii kanaan gabroomfataa alagaa malees cunqurfamaa fii saaminsa Abbootii Lafaa jalaa bahuuf wal’aansoo cimtuu godhaa turani. Akka yaadaa tiin sirni wajji qabeenyaa faallaa daldalaa fii sooroma dhunfaa ti. Haalli kuni, silaa, nama akka Elemoo kan qabeenyii amma walitti kuufamaafii jiru, kan makiinaan haarayni, reefu baate, mooraa keessa jaajjitu, kan harkisu hin turre. Garuu, Elemo, nama dantaa mataa isaa caalaa kan ummata bal’aaf irra hadooduu fii yaadu waan taheef, sirna kana qaamaa fii qalbiin fudhate. Kaayoo sirna kanaa fiixa baasuu fiis, akka Yaman Dhidhimaa bulchiinsa Ingilizii jalaa walaba taateen, dhaaba NLF jalatti, goblaa Markisizim keessatti galmaawee, kitaabban Shuu’ii dubbisuun dhorame. Seenaaleen qabsaawota akka Chee Guveeraa fii Ho Chi Miin niis sammuu fudhatanii yaroo hunda afanii bu’uu didan.

Elemo qabeenyaan sooromuu fii mootummaa biyyaa waliin hariiroo jaallummaa qabaachuun, ilmaan Oromoo kanneen haala adda-addaa tiin biyyaa bahanii achi seenan akkaan gargaare. Elemo, warra baqa dhufaniif dahoo tahe. Nyaataa fii dhugaatiin gargaaruu bira taree, hamma qubatanitti, mana isaa bira taree, kophatti iddoo galan horii isaa tiin kireeyseef. San malees, warra daldalaaf achi dhufan, kani duubbee isaanii hin-beeyne, miya isaa liqitti kennuuf jalqabe. Haalli isaa kuni, Elemo, rakkoo keessa galche. Walakkaa bara 1968-ii, namicha tokko kan miya irraa fuudhee achumaan biyyatti hafe irraa maallaqa isaa barbaada Finfinnee dhaqe. Namichi, miya liqiin irraa fuudheef horii isaa erguuf mannaa, Elemo hidhaaf qaadhime. Mootummaa Hayle Sillaasee tan warra dura dhaabbatu akka boombiitti ifirraa eegaa jirtutti, “Elemoo warra biyya alaa keessatti mootummaa dura dhaabbatan waliin nama jiru,” badii jattuun akka qabamee hidhamu godhe. Gama biraa tiin, namichi, durumaanuu tahe ja’amee, mootummaa Xoophiyaa irraa nama itti ergame ja’ama.

Dimshaashatti, gaaroominni, Elemo, goda itti hin qophaawin keessa naqe. Namichi bu’aa akka irraa arkatuuf miya liqiin kenneef, “Adan dhufuu ani hin dandayuu, sumaa tu narra wayyaa, ati as koottu. Noolii baaftu horii keetirratti ida’een siif kenna. Achumaanuu biyyaa fii haala daldala Finfinnee tiis laalta,” yaada ja’uun sobee, Shaggar fidee, illima qopheeyseef keessa naqe.

Qaruuteen mootummaa Hayle Sillaasee, Elemoo keeysaa waan beeku baasuuf, akkuma mana hidhaa ol naqataniin, uleen irra gattaa’an. Harkaa fii miila hidhanii, eessaa tu irra laalataan, akka nama uuda bishingaa tumuutti qaama mara cafaqan. Akkasitti, waan dhagayuu fedhan afaanii baasuu dadhabnaan, dumucoo carqii afaanitti takashanii, akka siilchoo waadanitti sibiila furdaa keessa loosaa tuman. Akka foon suguyyaatti, mataa isaa gadi rarraasanii fannisuun, hamma coraan irraa solloqee foon diimaan mul’atutti, faana keessa tuman. Afaan cancalanii tumuu fii akka foon suguyyaatti fannisanii garafuun, wahuu afaanii baasuu dadhabnaan, warri zaalla-gaaffii, “kuni nama humaa takkallee keeysa hin jirre,” murtii jatturra gayan.

Tumiinsarraa kan ka’e, faanti madooytee, Elemo ejjechuu dadhabee, mana fincaanii dhaquuf gargaarsa barbaade. Mana isaa oowwaa fii jiruu isaa mi’ooytuu keessaa, malaan yaamamee kana mudachuun haalaan garaa gube. Horii isaa barbaadaaf, mana hidhaa kan miila isaa tiin dhufee if naqe keeysaa bahuuf, horii biraa dhangalaasutti seene. Mootummaa gunaan aadaa isii taate jalaa maallaqaan if baasuuf, kan arke hundatte harka hiixaachuu jalqabe. Akkasiin maa-na-uumtetti, hidhaa ji’a jahaa booda, walabummaa horii isaa tiin bitatee, mana hidhaa keessaa bahee, Adanitti deebi’e.

Hidhaan mootummaa Habashaa Elemo haalaan jijjiirte. Eega Adanitti deebi’e, sammuun isaa waan dalagaa dhiiftee, gadadoo balleessaa takka malee biyya haadhaa fii abbaa isaa keessatti mudate, halkanii fii guyyaa, yaaduu irraa hara fudhachuu didde. Saba irraa dhalate, kan biyya isaa keessatti mirga tokkollee qabaachaa hinjirreef, humaa godhaa jiraachuu dhaba isaa tiif gaddi weerare. Haalli kuni, isa dhunfatee, fedhii dalagachuu keessatti laamsheesee, karaa fii haala qabsoo bilisummaa ummata Oromoo irraa qooda itti fudhatu qofa akka yaadu goodhe. Yaada isaa kana hujiirra oolchuuf, odoo iyyaafataa fii qorannoo godhuu, Kaa’imman Oromoo kanneen qabsoo bilisummaa jalqabuuf fedhii qaban biyyaa baqatanii Soomaaliyaa keessa jiraachuu dhagaye. Dhageeytii faana-dhawee akka mirkaneeyfateen, qunnamuuf karaa Maqdishoo barare. Achitti, Jaarraa Abbaa Gadaa tii fii sab-boonota biroo kanneen wal’aansoo qabsoo bilisummaatiif qophii tahaniin walitti dhufe.

Elemo, Jaarraa Abbaa Gadaa tii fii sab-boonota biroo kanneen fedhii qabsoo bilisummaa akka isaa qaban arkuun haalaan gammachiise. Nama qabsoo akka isaanii tiif murate, kan mootummaa Adan waliin jaallummaa qabu, kan qabsaawota Falaxiinii fii kanneen biroo waliiniis hariiroo qabuun walitti dhufuun, Jaarraa Abbaa Gadaa faa keessattiis gammachuu daangaa hin qabne uumte. Hawwii qabsoo bilisummaa tan mootummaan Soomaalee keessatti ukkaamsitetti hafuurri deebi’eef. Marii godhaniin, akkaataa yaada isaanii if dura itti tarkaanfachiisanirratti mala tarrifatanii, Elemo hujii adda fudhatan fiixa baasuuf Adanitti deebi’e.

Ji’a sadii booda, haala sab-boononni soomaalee keessaa itti bahanii fii Adanitti leenjii tooftaa lolaa itti baratan qopheeysee, horii nooliif barbaachisu waliin sab-boonotatti deebi’e. Gabaasaa Elemorraa arkamtetti irkachuun, ji’a Abraashaa/Muddee 12, bara 1969, magaalaa Maqdishoo keessatti teeysuma dhooysatti gaggeeysaniin, qabsoo hidhannoo bilisummaa ummata Oromiyaa jalqabuuf murteeyfatan. Ji’uma tana keesa, warra tooftaa lolaa barachuu irratti ramadaman, qaruutee Soomaalee jalaa mimmiliysaa, tokkoo-lamaan, dooniin bahara ceesisanii Adan naqan.

Elemoo fii sab-boononni Soomaalee irraa Adan dhufan, kanneen Yamanii fii biyyoota adda-addaa irraa itti dabalaman waliin, tooftaa lolaa barachuuf, moora leenjii Falasxiinotaa tan Adanitti arkamtu seenan. Jaarraa Abbaa Gadaa, tooftaa lolaa biratti tan riphee loltummaa fii hoogganummaa akka baratuuf gama mooraa leenjii waraanaa tan Falsxiinoonni Suuriyaa keessaa qaban dhaqe. Akka barnoota barbaachisu fixateen, Adooleeysa 23, bara 1970, Adanitti deebi’e. Miyni waraanaa kan arkamee akka naannoo san dhufeen, warra leenjii barnoota lolaa fixatan keessaa qabsaawonni soddomii jaha, karaa Soomaaliyaa tiin Oromiyaa seenanii qabsoo hidhanoo bilisummaa ummata Oromiyaa jalqabuuf, Onkololeessa 17, bara 1970, hoogganummaa Jaarraa Abbaa Gadaa tiin, dooniin, Bahara Diimmaarra, Adanirraa karaa Soomaaliyaa sossoohan.

Qabsaawonni 36-n, seenaa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti Qeeyroo Ganamaatti beekkaman, gaafa biyyatti deebi’uuf murteeffatan, “hujii fii hariiroo biyyoota alaa keessatti jalqabamte isa caalaa kan fiixa baasu hin jiru,” murtii jattuun, Elemo odoo diduu, akka Adanitti hafu godhan. Qabsaawoni qabsoo hidhannoo bilisummaa ummata Oromiyaa jalqabuuf, leenjii lolaa fudhatanii karaa biyyaa sossoohan, Soomaalee keessaan biyyatti hulluuquuf tattaaanni godhan milkooma dhabe.

Bahara Hindii, kan bitaa-mirgaa fii, gadii fii oliin isaa, kan irra daddeebi’u afanfaajjeessu, guyyaa aduu, halkan urjii hordofaa irra deemanii lafa garaa gayuun rakkisa. Haala kanaan, amniti doonii tan kiiloo-meetira dhibba lamaa fii shantamii olii, qabsaawota Qeeyroo Ganamaa, iddoo tilmaammatan irraa maysitee, halkan dukkana, malkaa Bulloo-har ja’amtu, tan Zeeylaa fii Barbaraa jidduu jirtu geeysite. Achitti, ganama, isaanii hirriibaa hin ka’in, waraana Soomaalee tiin marfamanii, eega dhukaasa walitti banan booda, malaan harka isaanii seenanii, mana hidhaa Man-Dheeraa ja’amutti darbaman.

Qabsaawonni Qeeyroo Ganamaa hidhamuun, Itti Gaafatama Dhimma Alaa tan duraan itti kennamterratti, dirqama waliigalaa, qonyee Elemoorratti dabalte. Elemo, ulfina dirqamaa tan haalli mudeen odoo hin baaragin, yaada qabsaawota Qeeyroo Ganamaa bakkaan gayuuf, hifaata malee warraaqutti seene. Dhimma kanaaf, dooginyoota (Bakka bu’oota) waajjiroota mootummoota Arabaa tii fii biyyoota qabsoo bilisummaa gargaaran waliin hariiroo uumuuf Iraaq, Kuweet, Ordon, Libnaan, Suuriyaa fii Misra keessa daddeeme.

Tattaafanni Elemoo, maqaa fii seenaa Oromoo gurra mootummoota hedduu naqe. Haaluma kanaaf, yaada “Laalcha Sadaffaa Adunyaa” ja’u babal’isuuf, walgayii bara 1973, ji’a Eblaa keessa, Koloneel Gadaafiin Liibiyaa keessatti qopheesserratti, akka qabsaawota bilisa baaftuu Oromootti afeerraan godhamteefii, jilaa waliin, Tirippoolii dhaqe. Teeysuma bakka bu’oonni dhaabota qabsoo bilisummaa biyyota Afrikaa, Aasiyaa, Oroppaa fii Ameerikaa Dhidhimaa irratti arkaman tanarratti, Elemoo fii jilli waliin dhaqan, qabsaawota achitti arkaman, seenaa Oromoo tii fii kaayoo qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiin wal-barsiisan.

Elemo, haala armaa olii tiin, Oromoo fii dhibdee isii lammii fii mootummoota biyyoota alaa beeysisaa, karaa kaaniin, karoora Qeeyroo Ganamaa bakkaan gayuurratti qophii barbaachiftu-rratti bobbahe. Haala kanaa fiis, akka karaa ittiin biyya seenamu qoratanii fii caasaa saniif barbaachiftu diriirsaniif, qabsaawota dhimma kanaaf muratan, karaa adda-addaa tiin biyya naqe. Akka qophiin haala kanaaf barbaachiftu xumuramteen, fuula karaa biyyaa deebise. Dhimma kanaaf, Sadaasa 04, bara 1973, sab-boonota leenjii waraanaa fudhatan waliin, mana isaatti teeysuma qopheeyse. Qabsoo hidhannoo bilisummaa ummata Oromiyaa jalqabuurratti marii godhaniin, warra kaayicha hujiirra oolchuu fedhan waliin biyya seenuu murteeyfatan.

Yaroo sanitti, Elemo, qabeenya gayaa malees, haadha warraa, Aammuun Umar, tan bareedina daawwatamee hin quufamneen faayamtee fii ilma isaa kan maqaa Kallachaa, Abdukariim, moggaaseef fii intala isaa Hanaan, tan reefu dhalatte, qabaachuu ture. Horii fii matii biratti, hoogganoota biyya Adan waliin jaallummaa qabuun, biyya san keessatti, jiruu nagayaa, sadoo fii qananiin jiraachuu isaaf salpha ture. Saniin alattiis, achuma jiraatee, maqaa qabsoo Oromoo tiin yaroo-yaroon biyyoota alagaa keessa daddeemuun jiruu isaa itti fufuu ni dandaya ture. Garuu, fedhiin bilisummaa tan onnee keeysaa belbeltu, sadoo fii qananii gatee, maatii isaa Rabbitti dhiisee, qabsoo hidhannoo jalqabuuf, karaa daggala Oromiyaa akka sossoohu goote. Akkasiin, qabsaawota waliin biyya seenuu murteeyfatan waliin, miya waraanaa hamma dooniin deemuun dandeeysu fe’anii, Arfaasa 06, bara 1973, Adanirraa ka’anii, qilleensaa fii dambalii hamilee cabsuu barbaaddu keessa hulluuqanii malkaa Asabitti tarkaanfatan. Achirraa, lafa ummata Affar keessa loohaanii hawaasa isaaniitti fullahan.

Elemo faan, odoo biyya hin seenin duratti, qabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa, jalqabumaan, Oromoota nannoo adda-addaa akka haammattuu fii hooggana isii keessattiis martinuu akka if arkan godhuun barbaachisaa tahuu hubachuun, hoogganummaa isii falmachuurraa if qusatan. Yaada kana bu’ureeffachuun, akka biyya seenaniin, sab-boonota magaalaa Finfinnee keeysa jiran qunnaman. Arfaasaa 27, bara 1973, Finfinnee keeysatti sab-boonotaa garii waliin teeysuma godhaniin, yaada isaanii kana gayaniinii, hamma qabsaawonni naannoo adda-addaarraa keessatti heddommaatanuu isaan Wiirtuu Gola Qindoominaa (Central Coordinting Body) akka tahan murteeysan. Sanumaa waliin, bara lama keeysatti, Dirreen Qabsoo tan jabaatte keessatti, Walgayii Idilee tan hooggana if keeysaa filtu qophooysuurratti waliigalan.

San booda, Eleemoo fii Qabsaawonni, miya waraanaa kan fidatan iddo adda-addaatti dhooyfatanii, haalaa fii naannoo qubsumaa qorachuu irratti bobbahan. Qormaata yaroo xiqqoo boodaan, Gaara Gubbaa Qorichaa hundee godhatanii, Daloo ifii olitti laalaa, gadiin Galamso daawwachaa, Shaggariin, “kiiloo meetira dhibba lama qofa sirraa jirraa, nuu obsi,” ja’chuun, hidhannoo isaanii tan waraanni mootummaa hin qabneen hawaasa keessa daddeemaa dammaqiinsaa fii hamilee ummataa kakaasutti seenan. Gandi keessa bobbahan, kan itti aanuuf haala isaanii odoo hasaasuu, oduun isaanii yaroo takkatti lammii walgeeyse. Dhaadannoon isaanii tan, “ummanni keenya biyya isaanii keessatti, mirga abbaa biyyummaa mulqamanii, gabrummaan jiraachuun raawwachu qaba!” tan jattu, hawaasa Oromoo bira tartee, tan diinee seente. Nafxanyoonni naannoo Gubbaa Qorichaa dhunfatanii ummata keenya-rratti roorrisaa jiran yaroo tana dhagayan gurra isaanii amanuu dadhaban.

Mulaatuu Tamany tuni natti hin taatu je’e. Mulaatuun, nafxanyaa, lafa guddoo mootummaan ummatarraa fuutee badhaafterratti abbaa lafaa tahee, hawaasarratti roorrisaa ture. Lafa fardaan irra gulufee, fudhatee, irratti qanani’aa jiru, irreen tiiyfachuuf hamma funyaanitti hidhatee, bakka deemu mara ash’karoota hidhannoo qabaniin nama dabaalamaa deemu. Ilmi Temeny akkuma afaan isaatti, onnee horee, Caamsaa 01, bara 1974, guyyaa Isniinaa, jalee waliin, midhaan isaa fidachuuf, Har-diimi-tti ganame.

Qabsaawonni hammi tokko isaanii iddoo itti bobbahan irraa gala deeman, harroota gooroo jala dhunfatan halaalaa arkanii, itti achi deeman. Dargaan Mulaatuu kanneen alaa isa eegan, warra hidhannoon itti achi deemaa jiru agarraan, dhukaasa banan. Namicha dura Dimitfoor dhukaase, Qeeyroon Kilaashiin adda keessa dhooynaan, warri hafan harka samitti ol qabanii Mulaatuu dargaa malee hambisan. Qabsaawonni midhaan boolla torba, kan nafxanyichi harroota shantamiin fe’achuuf deemu, geejjibaa waliin manguddoo biyyaa harka kaayanii, Mulaatuu Waaqatti galchan.

Oduun haala Mulaatuu mudatee, Galamso qaxxaamurtee, Finfinnee baatee gurra mootummaa Habashaa seente. Hayle Sillaasee fii dooginyoonni isaa shororkaa biraa keessa jiraatanillee, tana gurraan dhagayuun taan daran yaachisee, hatattamaan humna daddaffii tan Faxnoo Daraashiitti beekamtu naannoo sanitti ergan. Faxnoon, nafxanyoota naannoo sanii waliin tahuun, manneen irra daddeemanii manguddoota, sheekkotii, daldaloota, barattootaa fii kaa’imman Galamsoo fii naannoo sanii kanaa-sanii malee, hidhatti guuran. Dargaggoonni, nafxanyoota akka saree maraattee Oromoota hidhuuf ganda keessa o’orihan jalaa jalaa miliquu dandayan, qabsaawota biratti jalaa baqatan. Guyyaa sanirraa kaasee, irreen qabsaawotaa cimaa dhufte. Ummanni keessa jiran gadaameysaa tahaniifii caasaan isaanii guddachaa, marsaan bal’achaa deemte. Gama kaaniin, wal’aansoon naannoo sanitti finiintee, lolli walitti dhaabbate. Nafxanyoonni baadiyyoota Gubbaa Qorichaa keessa jiran darsa guurratanii magaalatti godaanuu jalqaban. Baadiyyaan nagaya arkatte. Abbootiin biyyaa xixa nafxanyootaa irraa hara baafatan.

Odoo haalli akkanatti deemaa jiru, Waxabajii 28, bara 1974, Dargiin jaaramtee aangoo biyyaa Hayle Sillaaseerraa fudhatte. Akka barcuma tottolfatteen, rakkoolee biyyaa kanneen muddamsiisaa jiran caalaa, kan naannoo Gubbaa Qorichaatti nafxanyoota mudachaa jiruuf durummaa kennitee, miseensoota isii keeysaa, Koloneel Zallaqaa Bayyanaa naannoo sanitti ergite. Zallaqaan, nafxanyoota baaraga duuti Mulaatuu itti fidde keessaa baasuuf, irbuu seeneef. Ummata Galamsoo dirree magaalaa-tti walitti qabate. Loltootaan marsee, walakkaa dhaabbatee, “isin ummanni Galamsoo fii naannoo isii, shiftoota isin keessa daddeeman fiduu ykn dhabamuu keessaa tokko filadhaa,” jachuun doorsise. San booda, murna waraanaa kan Shaalaqaa Kaasaahun Alamaayyoo tiin hoogganamu, Galamsoo fii Gubbaa Qorichaa jidduu, Gooroo Khinteerii ja’amturra qubachiise.

Akeekni guddaan waraana achi qubachiisuu, ummata naannoo sanii anfariirsuun, qabsaawota isaan keessa jiranitti quba laachisiisuu fi. Ummataa fii qabsaawota duuydaa-garaa godhuufi. Jarri galii tana fiixa baasuuf, hidhannoo guutuun hawaasa keessa bobbahanii galuu jalqaban. Yaroo qarmaammee isaanii-rraa bahanii deebi’an mara, ummata zaalla-gaaffiin rakkuu, doorsisuu fii sodaachisuu hujii godhatan. San isaan hanqatee, gaafa kaan nama tokko galaafatan.

Guyyaa Faxnoon lubbuu nama Oromoo galaafatan, qabsaawonni Amaarota baadiyyaa keessa jiranitti dhaqanii hulaa dhadhawanii, qabsoon manaa bahaniif, tan hiyyeessa Amaaraa, kanneen hawaasa Oromoo keessa nagayaan jiraatan miidhuu akka in tahin mirkaneessaniif. Gochi Faxnoo isaanii fii Oromoota jiddutti garaa-garummaa uumuuf waan karoorfame tahuu beeysisuun, dhaamsaa waliin jaratti ergan. Dhaamsa Faxnoofbarreessan irrattiis, akeeka deemaniif ifa baasaniif. Wal’aansoon itti jiran tan gabrummaa Habashaa ifirraa buqqisuu fii, tan abbaa biyyummaa ummata Oromoo mirkaneeysuu tahuu adeessaniif. Sanumarratti dabalanii, ummata nagaayaan jiraatan irratti ajjeechaa hojjatamu akka balaaleeffatan hubachiisan. Akkasumaa waliin, kana booda, yo nama Oromoo tokko ajjeesan, dhiiga gama kaanirraa dhangalauuf warri itti gaafatamu isaan taachaa beeysisan.

Shaalaqaan, yaroo Amaarota qabsaawonni itti erganiin wal-qunnamee, dhaamsa irraa dhagaye, tooftaan isaa jalaa fashaluu hubate. Yo ajjeechaa ummata Oromoo itti fufe, lubbuu Amaarotaa tan galaafatamuuf jiraattuuf itti gaafatamuu isaa arke. Haalli qabsaawotaa kuni hatattaamaan ugguramuu baannan, caalaa hammaachuun isa yaachisee, tarkaanfii isaan dhabamsiisuu tiif waraana isaa qopheessee, Birraa 05, bara 1974, guyyaa Kamisaa, subiin, Gooroo Khinteerii irraa gama raaree Xirrootti sossoose.

Qaruuteen qabsaawotaa sossooha waraana Kaasaahun arkanillee, akkuma aadaa isaaniitti, bobbahanii deebi’anitti waan fudhataniif, hordofuuf itti hin-rakkanne. Kaasaahuniis faana arraantanaa dhooyfachuuf, guyyoota hedduu kan humaa hin balleessin nagayaan, waraana isaa diiramaan bobbaasee deebisaa ture. Arra garuu, midhaan boqqolloo kan hojjaa namaa liqimsuun if dahaa, bakka duri-rra miila dheereeffate.

Waraanni diinaa shokomsaa malee mayra boqqoolloo keessa deemanillee, ilaaloo Qeeyroo jalaa dhokochuu hin-dandeenye. Sayliin Qeeyroo, warri akka hireetti naannoo san turan, akka odeessa arkataniin waraana Faxnoo afaan bahanii, isaanii quba hinqabne dhukaasa bakka takkaa tiin baareeysan. Waraanni diinaa dhokochuuf goda seenan dhaban. Shaalaqaan, zarraafii isaa tiif odoo yaroo hin arkatin, dachii fii samiin itti garagaggalan. Lolli akkaa fii bakka inni hin barbaadinitti itti jalqabamee, xiyyitii fii boombiin karaa hundaan itti xiixan.

Dhukaasni jalqabamnaan, Qeeyroon naannoo jiranirraa karaa sagaleen qawwee itti dhagayamtutti orihan. Waraana diina kan duruu afanfaajjawaa jiru, olii-gadiin, bitaa-mirgaan, itti dhukaasanii lafaan dhawutti seenan. Kaasaahunii fii waraanni isaa, ibidda qaban, ija cufatanii karaa arkan haru malee waan godhan wallaalan. Ummanni naannoo sanii yaroo qawween qabsaawotaa diinaa akka kubbaatti ol kaaftee lafatti gadi deebiftu, halaalaa mil’atanii dinqifachutti seenan.

Lolli ganama jalqabe, dafee raawwachuu dhiisee, lakkumaan, aduu waliin oowwutti seene. Ibiddi gooroo gubbaa itti roobu, baayyina waraana diinaa xiqqeeysaa dhufe. Haalli akka mooraa itti baheef tahuu dhabnaan, ajajaan waraana diinaa, kanneen mooratti hafan dhufanii akka gargaaraniif dirmachuu lallabate. Tanaa-tana jiddu mudaamuddii ol, bakka miilaa fii garaan Elemoo walitti jaajju, xiyyitiin diinaa takka dhuftee seente. Elemo dhawamuu isaa kan hubate yaroo humniti diinaa akkaa-gara dhabdee, dhukaasni gama isaanii tiin itti ol roobu qabbanaawe.

Waraanni mooratti hafan akka iyyannaa dhagayniin, dirmachuuf orihaa dhufanii waaheloota du’aa fii madaawuu irraa hafanitti hafuura lubbuu deebisanii, waliin, qabsaawotatti dhukaasuu jalqaban. Yoona, Elemo, qabsaawonni tokko-tokkoon suuta lola keessaa mimmiliqaa akka lubbuu boruuf baasan ajaje. Haala miliquu isaaniif aanjeeysuuf, ansoolaa deemmatuun irraa fiinxa dhoosee bakka dhiiyni irraa yaa’aa jirutti maree, dhagaa guddaa dahoo godhatee, waraana diinaatti dhukaasa banuuf jilbiiffate. Qabasaawonni haala isaa kana arkan amrii isaa dura dhaabbachuun, biraa deemuu didan. Elemo garuu, isa caalaa kan arraaf lubbuu baafachuu qabu isaan taachaa itti hime. San malees, “manaa kaniin baheef qabsoo bilisummaa ummata kiyyaa fi. Haala kanaan du’uu caalaa wanni na gammachiisaa hin jiru. Qaanqee qabatte tana akka hin dhaamne godhuun dirqama isinirra jiru. Kanaaf, na dhiisaa deemaa. Ani hamma lubbuun na keeysa jirtu diina isinirraa hiin ittisa.” Jechuun bakka riphiserraa diinatti dhukaasuu jalqabe.

Waraanni Kaasaahuun, gama isaanii tiin, iddoo dhukaasni irraa itti as dhawamutti, xiyyitii malees madaafaa haraa, karaa maraan dooyatti ol yaa’an. Elemo bakka jilbiiffaterraa waaraana diinaa kanneen itti ol yaa’an hamma dandayu odoo lafaan dhawuu, sagaleen kilaash isaa callifte. Waraanni diinaa bakka irraa itti dhukaafamaa ture hoggaa gayan, ibiddi itti roobaa ture qaama adda bittinneessee, haabee nama itti dhukaasaa turee dhaban. Yaroo dilli kuni tahu, dachiin Xirroo maaltu na mudate jette. Samiin naannoo sanii waan jalatti deemaa jiru laaluu jibbite duumeeysa hagooggatte. Aduun kana hunda daawwachaa ooltee, Asrii, lubbuu Elemoo Qilxuu, jeeyna qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti gita hin qabne, umrii soddomii saddeetitti fudhattee, Gaara Bubbee tiin gadi qaarte.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.